M̉ủr̉ảt̉ảả s̉ảb̉ảả

M̉ủr̉ảt̉ảả s̉ảb̉ảả I am wallo!

Seenaa Gabaabaa Jaal Battee Urgeessaa Bulaa (1978-2024) Jaal Battee Urgeessaa Bulaa godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaa Gan...
11/04/2024

Seenaa Gabaabaa Jaal Battee Urgeessaa Bulaa (1978-2024)

Jaal Battee Urgeessaa Bulaa godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaa Ganda Baqalee Girrissaatti abbaa isaa obboo Urgii(Urgeessaa) Bulaa fi haadha isaa addee Goodannoo Bobbaa irraa bara 1978 ALA dhalate. Jaal Batteen ganduma Baqalee-Girrissaatti sadarkaa 1ffaa bara 1988-1991 kutaa 5-8 magaala Maqii mana barumsa giddu galeessa Maqiiti xumurate. Itti aansee bara 1992-1995tti sadarkaa lammaaffaa kutaa 9-12 mana barumsa Katoolikii Maqii bara 1995-1998 qabxii ol'aanaatin 3.6 fiduun Yuunivaristii Bahaar-Dariitti ogummaa barsisummaatiin leenji’e. Barnoota Bayiloojii bara1999-2005 kaasee kan barate yoo ta'u jaal Batteen erga ogummaa barsisummaattin eebbifame booda mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dobonsokoo Baatuu barsiisumaan ramadamee hojjate. Kelleejjii Araambeetis itti gaafatamummaa fi kollejjii Q/Mariyaam Adaamaa qindeessaa barumsa fagoo ta’uun tajaajile. Itti fufiinsaan kollejjii fayyaa kiyaa Medi Naqamtee itti gaafatamummaan osoo hojjetu fedhii barumsaaf qaburraa kan ka'e ogummaa fayyaatin qoondala fayyaa(Health officer) baratee qabxii ol'aanaatin raawwate. Magaala Naqamteetti ammoo dabalataan Yunivarsitii Wallagaatti digrii jalqabaa economics fi barumsa digirii 2ffaa isaa gosa barumsa agro economics barate.

Jaal Batteen sababa saboonnummaa isaatiif bakka hojjate hundatti dhibbaa isarra gahuuf mataa gadi qabatee jireenya kooti jedhee sodaatu waan hin tureef dhibbaa keessaa fi alaan isarra gahuuf nama harka kennatu hin ture. Nama cimaa dhimma sabaa irratti sodaa tokko hin qabne waan tureef carraa argame hundatti sadarkaa 2ffaa kaasee qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barattoota ijaaraa ture. Yeroo Yunivarsitii B/Daarii tures barattoota Oromoo qindeessuu keessatti gahee ol'aanaa gumaachaa turuu isaa seenaan ni yaadata. Sababii kanaaninis hammeenyaaf saaxilamee hidhaame.
Jaal Batteen bara 2010 gaa'eela kan godhate yoo ta'u abbaa ijjoollee afuriti: dhiira tokko fi dubartoota sadiiti. Qabsoo Oromoo keessatti hirmaannaa oo'aa jaarmiyaa ABO keessatti mandheelee ijaaruu irratti qooda boonsaa gumaachaa ture. Dirqama maadheelee ABO ijaaruu kan eegale Yunivarsitii B/Dariitti yoo ta'u bara 2005tti godina Sh/Bahaatti mandhee ABO qindeessuu keessatti qooda ol 'aanaa bahachaa ture. Jaal Batteen haala sochii qabsoo gara jabina sirna impayara kanaatin hammaachaa deemus qabsoo dhisee hin teenye. Bara 2010tti filannoo biyyooleessaa impayaraa irratti KFO bakka bu'ee aanaa Dugdaattii parlaamaaf dorgomee ture.
Jaal Batteen nama ejjannoo hin raafamne qabu waan ta'eef sochii qeerroo keessattis dura bu'ummaan hiriira qindeessaa ture; gaggeessaa cimaa fakkeenya gaariin hogganu waan tayeef lukkoolee Wayyaane yeroo sanaatin caba lafee cabus is mudatus qorqalbiin isaa hanga guyyaa wareegamutti cabsuun hin danda’amne. Jaal Batteen jaala qaalii lubbuu qaalii isaa gootummaan saba isaatiif dabarsee kenne. Hanga gaafa raasaasni qaamaa fi adda isaa irra bu’etti irbuu saba isaatiif seene hin sharafne; waadaa isaa irra ejjatuu mannaa hadhaa wareegama boonsaa dhandhamuu filate.

Via Abdiisaa tuummee
MAQAAN DHIIRAA BOOLLAA OLI .

https://vm.tiktok.com/ZMM9EcDhL/

11/04/2024
12/11/2023

ℚ𝕒𝕢𝕢𝕒𝕝𝕚𝕨𝕨𝕒𝕟 𝕚𝕝𝕞𝕒𝕒𝕟 𝕠𝕣𝕠𝕞𝕠𝕠 𝕡𝕒𝕘𝕖 𝕜𝕠𝕠 𝕜𝕦𝕟𝕚 𝕙𝕒𝕒𝕣𝕒𝕨𝕒𝕒 𝕗𝕠𝕝𝕝𝕠𝕨 𝕟𝕒𝕒𝕗 𝕘𝕠𝕕𝕙𝕒𝕒!
ℍ𝕠𝕞𝕒𝕒 𝕚𝕤𝕚𝕟 𝕙𝕚𝕟 𝕜𝕒𝕗𝕒𝕝𝕔𝕙𝕚𝕚𝕤𝕦 𝕨𝕒𝕒𝕟 𝕥𝕒'𝕖𝕖𝕗 𝕠𝕣𝕠𝕞𝕠𝕠 𝕞𝕚𝕝𝕝𝕚𝕠𝕟𝕒 𝕞𝕖𝕖𝕢𝕒𝕥𝕦 𝕒𝕤 𝕘𝕦𝕓𝕓𝕒 𝕛𝕚𝕣𝕒 𝕤𝕒𝕟𝕚𝕚𝕗𝕦 𝕟𝕦𝕞𝕒𝕒𝕥𝕦 𝕨𝕤𝕝 𝕘𝕦𝕕𝕕𝕚𝕤𝕒 𝕞𝕒𝕝𝕖𝕖 𝕠𝕣𝕞𝕚 𝕕𝕙𝕦𝕗𝕖𝕖 𝕟𝕦𝕟 𝕘𝕦𝕕𝕕𝕚𝕤𝕦𝕦 𝕞𝕒𝕒𝕝𝕠𝕠 𝕗𝕠𝕝𝕝𝕠𝕨, 𝕤𝕙𝕒𝕣𝕖, 𝕜𝕠𝕡𝕪 𝕝𝕚𝕚𝕟𝕜𝕚 𝕘𝕠𝕕𝕙𝕚!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when M̉ủr̉ảt̉ảả s̉ảb̉ảả posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share