Jechoota Saayikooloojii fii Oduulee garaa garaa

Jechoota Saayikooloojii fii Oduulee garaa garaa Jechoota jireenya dhala namaaf barbaachisoo ta'aniif, akkasumas kaka'umsa jiruuf jireenya kee keessatti sitti uuma.

Just for critical thinking on the obstacle of life

 'ee_Yeroo➡️ Simbirroon yeroo lubbuun jirtu Goondaa nyaatti. Gaafa simbirroon duutu garuu goondaatu  simbirroo nyaata.➡️...
11/12/2024

'ee_Yeroo

➡️ Simbirroon yeroo lubbuun jirtu Goondaa nyaatti. Gaafa simbirroon duutu garuu goondaatu simbirroo nyaata.

➡️ Yeroo fi haalli ati keessa jirtu kamiyyuu jijjiiramuu danda’a. Ati garuu Jireenya kee keessatti nama kamiyyuu ofii gaditti hin tilmaamin ykn hin miidhin.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

➡️ Har’a humna qabaachuu dandeessa, garuu yeroon si caalaa humna akka qabu yaadadhu.

°°°Jireenya ati jiraattu keessatti namoonni hedduun dhufanii deemuu danda'u, warroonni sirrii ta'an garuu yeroo hunda ni...
05/08/2024

°°°Jireenya ati jiraattu keessatti namoonni hedduun dhufanii deemuu danda'u, warroonni sirrii ta'an garuu yeroo hunda ni hafu.

04/06/2024

Happy follow-versary to my awesome followers. Thanks for all your support! Gaaromsa Gabsii

16/05/2024
KANA BEEKTAA LAATA?■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan b...
23/04/2024

KANA BEEKTAA LAATA?

■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha.

➾ Ati immoo abbaa kaayyooti,
➾ Ati immoo abbaa mul'ataati.
➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree?
🙏

✅ Kaayyoo kee galmaan gahuuf...🚷 Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5n kanaa gadii raawwadhu!👇👇👇👇👇👇👇▶️ Jechoota namaa "...
05/03/2024

✅ Kaayyoo kee galmaan gahuuf...

🚷 Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5n kanaa gadii raawwadhu!👇👇👇👇👇👇👇

▶️ Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i.

▶️ Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun, Fuul-dura kee Abdachuun bira kuti/darbi.

▶️ Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi.

▶️ Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef.

▶️ Taatee argamuu, (Ofitti amantummaan hojjachuu).

 ?
28/02/2024

?

25/02/2024

!



Har'a guyyaa sa'a 12tti waan ta'eef hundumti keessan akka itti buhaartan affeeramtaniittu.

➡️ Today at 12:00

✔️ Chelsea Vs Liverpool

28/11/2023

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Badasa Lachisa, Yone Tafase, Gudeta Dinka, Milkeessaa Oromoo, Rabbii Jiraa

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jechoota Saayikooloojii fii Oduulee garaa garaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jechoota Saayikooloojii fii Oduulee garaa garaa:

Share

Category