Etv Afaan Oromoo

Etv Afaan Oromoo Ethiopian Broadcasting Corporation is a 24 hour working public media.

Hulaa Galaanaa - Agarsiisa Dirooniitiin
10/09/2026

Hulaa Galaanaa - Agarsiisa Dirooniitiin

Agarsiisa Diroonii Jala Bultii Bara Haaraatti - Suuraan
10/09/2026

Agarsiisa Diroonii Jala Bultii Bara Haaraatti - Suuraan

10/09/2026

Finfinnee - Agarsiisa Diroonii Jala Bultii Bara Haaraatti

“Barri 2019 imala ifaa marii fi dhiifamaan eegalle caalaatti kan cimsoomnu haa ta’u” – Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaa...
10/09/2026

“Barri 2019 imala ifaa marii fi dhiifamaan eegalle caalaatti kan cimsoomnu haa ta’u” – Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee
****************************************

Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee ergaa Bara Haaraa 2019 ilaalchisuun dabarsaniin, barri haaraan kun imala ifaa marii fi dhiifamaan eegalame caalaatti kan cimsamu akka ta'u hawwaniiru.

Pirezidaantichi ergaa isaaniitiin, "Barri haaraan 2019 Itoophiyaa ol kaate of fuuldura dursuudhaan daandii qajeelaa fi sirrii ta’e irra kan itti imallu, bara nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi milkaa’inaa nuuf haa ta’u" jechuun hawwii isaanii dabarsaniiru.

“Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Richiitiin ni dhukaafama” - Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa**...
10/09/2026

“Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Richiitiin ni dhukaafama” - Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa
*****************************************

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Bara Haaraa sababeeffachuun halkan har'aa Qaammee 5, 2018 halkan waarii sa'aatii 6:00 hanga 6:15tti richiitiin kan dhukaafamu ta'uu beeksiseera.

Boru Fuulbaana 1, 2019 kan kabajamu Ayyaana Bara Haaraa 2019 simachuuf qophii taasifameen, dhukaasni richiitii kun Hoteela Sharaatan Addiis, Hoteela Monaarkii fi bakkeewwan Koka Kolaa Itoophiyaatti daqiiqaa 15f kan raawwatamu ta'uun ibsameera.

Kanas hawaasni odeeffannoo gahaa fi sirrii akka qabaatuuf Qajeelchi Waliigalaa Ol’aanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ergaa dabarsera.

Kiristiyaan Taaddalaa dabalatee hidhamtoonni 600 ol dhiifamaa fi himanni isaanii addaan cituun hiikaman*****************...
10/09/2026

Kiristiyaan Taaddalaa dabalatee hidhamtoonni 600 ol dhiifamaa fi himanni isaanii addaan cituun hiikaman
****************************************

Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa namoonni dhuunfaa sirna heera mootummaa humnaan diiguudhaaf yaalaniiru jechuun hidhamanii turan akka hiikaman mootummaa waliin ji’oota shanan darban tattaaffii taasisaa turuu beeksiseera.

Kanneen murtii mana murtiin hidhamanii turan dhiifamaan, kanneen adeemsa himannaarra turan ammoo himanni isaanii akka addaan citu taasifamee guyyaa har’aa hidhamtoonni 600 ol akka hiikaman taasifamuu, Komishinarri Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Birhaanuu Addeelloo ibsaniiru.

Lakkoofsi kan naannoleen ofisaanii hiikan hin dabalatu kan jedhan Komishinarichi, sirreeffamtoonni seeraa hiikaman naannoo Amaaraa fi Oromiyaarraa sadarkaa Federaalaatti kan hidhaman ta’uu ibsaniiru.

Dhiifamaan hiikuu fi himannaa addaan kutuun dabalatatti, mirgoonni isaanii seeraan addaan citanii turan akka deebi’uuf taasifamuunis ibsameera.

Sirreeffamtoonni seeraa galmee walfakkaatu jalatti argaman gaaffii dhiifamaa dhiheessuu dhiisuu isaaniitiin hidhaarraa hiikamuu dhabuu isaanii Komishiiniin mirga namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.

Muzayyin Maammaatu qindeesse

10/09/2026

BIFA BIYYAA ... Qaammee 5, 2018 1:00 -2:00

10/09/2026

BIFA BIYYAA ... Qaammee 5, 2018 12:00 -1:00

“Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Madfiin Ni Dhukaafama” - Ministeera Ittisaa Biyyaa************************************...
10/09/2026

“Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Madfiin Ni Dhukaafama” - Ministeera Ittisaa Biyyaa
*************************************

Ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun boru Fuulbaana 1, 2019 ganama sa'aatii 12:00tti Madfiin yeroo 21 kan dhukaafamu ta'uun ibsameera.

Ministeera Ittisaa Biyaatti giddugalli hojiiwwan Aartii fi Ispoortii, Madfiin yeroo 21 dhukaafamu kun bara haaraa gammachuu fi abdiidhaan simachuuf qophii simannaa kabaja biyyaaleessaa taasifamuu ta’uu eereera.

Baga Ayyaana Bara Haaraa 2019tiin Nagaan Isin Gahe!

Address

Shegole, Addisu Gebeya
Addis Ababa
1000

Telephone

+251115172539

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Etv Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Etv Afaan Oromoo:

Shortcuts

Share