Etv Afaan Oromoo

Etv Afaan Oromoo Ethiopian Broadcasting Corporation is a 24 hour working public media.

16/10/2025

Gandoota Moodeelaa

Waancaa Meesii (Messi Cup) ******************************Waancaan Meesii (Messi Cup) dorgommii tapha kubbaa miillaa sada...
16/10/2025

Waancaa Meesii (Messi Cup)

******************************

Waancaan Meesii (Messi Cup) dorgommii tapha kubbaa miillaa sadarkaa idil-addunyaatti dargaggootaaf qophaahe yoo ta'u, kan hundeesse gameessa kubbaa miillaa addunyaa Liyoonel Meesiidha.

Dorgommiin kun yeroo jalqabaaf Muddee dhufu Ameerikaa, Filooriidaatti gaggeeffama.

Dorgommiin taphattoota pirofeeshinaalaa umrii waggaa 16 gadi jiran hirmaachisu kun, Muddee 9-14 kan gaggeeffamu yoo ta'u, gareen saddeet hirmaachuun tapha 18 taphatu.

Kilaboota Ingilaand keessaa Cheelsii fi Maanchister Siitiin dorgommii kanarratti ni hirmaatu.

Kilabni ammaa fi duraa Liyoonel Meesii Intar Miyaamii fi Baarseloonaanis kanneen dorgommii kanarratti hirmaatan keessaati.

Kilaboonni afran hafan River Plate, Intar Miilaan, Newell's Old Boys fi Atileetikoo Maadiriid qaama dorgommii kanaati.

Badhaasa Ballon d'Or yeroo saddeet kan injifate Liyoonel Meesiin, yeroo ammaa kilaba Intar Miyaamiif taphata.

Omisha Qurxumii - Ministeera Qonnaa************************Bara bajataa kana omisha Qurxumii guddisuudhaan wabii nyaataa...
16/10/2025

Omisha Qurxumii - Ministeera Qonnaa
************************

Bara bajataa kana omisha Qurxumii guddisuudhaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

De’eetaan Ministira Qonnaa Fiqruu Raggaasaa (PhD), sagantaa maaddii guutuu cimsuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Haala kanaan horsiisa Qurxummii irratti xiyyeeffachuun haroowwan uumamaa fi nam-tolchee keessatti hojjetamaa akka jiru eeran.

Bara bajataa kana Cuucii Qurxummii miiliyoona 11 raabsuudhaan Qurxummii toonii kuma 320 omishuuf karoorfamuus dubbatan.
Cuucii Qurxummii kana ammoo Haroo Nigaat dabalatee haroowwan uumamaa fi nam-tolchee akkasumas bishaan qehee qonnaan bulaatti kuufamutti baay’inaan galfamaa akka jiru beeksisan.

Madda: TOI

Moorookoon Firaans injifachuun xumuraaf geesse**************************Waancaa Addunyaa umurii 20 gadii Chiiliitti taph...
16/10/2025

Moorookoon Firaans injifachuun xumuraaf geesse
**************************

Waancaa Addunyaa umurii 20 gadii Chiiliitti taphatamaa jiruun, Moorookoon rukuttaa adabbiitiin goolii 5 fi 4n Firaans injifachuudhaan xumura walakkaatiif dabarteetti.

Tapha walakkaa xumuraa kan biraatiin Arjantiinaa Kolombiyaa 1 fi 0n injifachuun xumuraaf darbuu ishee mirkaneeffatteetti.

Waancaan Addunyaa umurii 20 gadii yeroo 24ffaaf taphatamaa jiru, tapha Moorookoo fi Arjantiinaan Dilbata dhufu waancaadhaaf waliin taphataniin xumurama.

16/10/2025

Oduu Afaan Oromoo ... Onkololeessa 06, 2018-6:00

16/10/2025

MOOTUMMAA IDA'AMUU

Ogeessota miidiyaa ciccimoo horachuudhaaf mootummaan xiyyeeffannoon ni hojjeta – Af- Yaa'ii Taaggasaa Caafoo************...
16/10/2025

Ogeessota miidiyaa ciccimoo horachuudhaaf mootummaan xiyyeeffannoon ni hojjeta – Af- Yaa'ii Taaggasaa Caafoo
*****************************

Ogeessota miidiyaa ciccimoo faayidaa biyyaa dursan horachuuf mootummaan xiyyeeffannoodhaan kan hojjetu ta’uu, Af - Yaa'iin Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataa Taaggasaa Caafoo himan.

Giddugalli gahoomsa ogeessota miidiyaa ifatti hojii eegaleera.

Giddugalli kun hanqinoota ogeessota miidiyaa irratti mul’atan furuu, faayidaa biyyaalessaa akka dursan gochuu, walooma biyyaa fi sab-daneessummaa irratti xiyyeeffachuu akkasumas miidiyaaleen biyyattii hojii hojjetaniin dhiibbaa gaarii uumuuf ogeessota dandeessisan horachuuf kan hojjetu ta'a jedhameera.
Obbo Taaggasaa Caafoo akka dubbatanitti, ogeessota miidiyaa faayidaa Itoophiyaa eegsisuu fi biyyaaf dhaabbatan qabaachuuf giddugalli kun gaheen isaa ol’aanaa ta'a.

Mootummaannis giddugalichi hojii isaa itti gaafatamummaan akka bahatu deeggarsa barbaachisu kan godhu ta'uu himan.

Sirna jalqabbii kana irratti hoggantootni ol’aanaa mootummaa fi leenjitoonni marsaa jalqabaa argamaniiru.

Ol'aanaa Yaaddessaatu gabaase

Hojmaneewwan keenya salphisuu kan danda'an, badhaadhina mirkaneessuu kan dandeessisan, karaa adda addaa itti fayyadamuu ...
16/10/2025

Hojmaneewwan keenya salphisuu kan danda'an, badhaadhina mirkaneessuu kan dandeessisan, karaa adda addaa itti fayyadamuu kan dandeenyu qabeenyota kuufamoo hedduu kan qabnu ta'uu ija keenya banannee ilaaluu qabna.

(Kitaaba Mootummaa Ida'muu Fuula 54)

Waancaa Addunyaatiif biyya kamitu darbe?***************************Waancaa Addunyaa 2026tiif hanga ammaatti biyyoonni 25...
16/10/2025

Waancaa Addunyaatiif biyya kamitu darbe?
***************************

Waancaa Addunyaa 2026tiif hanga ammaatti biyyoonni 25 darbuu isaanii mirkaneeffataniiru.

Haata'u malee ammallee biyyoonni 20 darbuu isaanii mirkaneeffachuu qabu.

Biyyoonni qopheessan: Kanaadaa, Meksiikoo, Ameerikaa

Biyyoonni hanga ammaa darbuu mirkaneeffatan:

Afrikaa keessaa: Aljeeriyaa, Keep Veerdee, Ijipt, Gaanaa, Kootdivoor, Morookoo, Senegaal, Afrikaa Kibbaa, Tuuniiziyaa.

Eeshiyaa keessaa: Awustiraaliyaa, Iraan, Jappaan, Jordaan, Qaataar, Sa'udii Arabiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Uzbeekistaan.

Ramaddii Waancaa Addunyaa 2026 kanaan, ardiin Awustiraaliyaa biyyoota Eeshiyaa keessatti ramadamteetti.

Awurooppaa keessaa: Ingilaand

Oshiiniyaa keessaa: Niiwuziilaand

Ameerikaa Kibbaa keessaa: Arjentiinaa, Biraazil, Kolombiyaa, Ikkuwaadoor, Paraaguwaay, Uraaguwaay.

Biyyoota hanga ammaa darbuu isaanii mirkaneeffatan keessaa sadii seenaa isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif Waancaa Addunyaatiif kan darbanidha.
Isaanis Keep Veerdee, Joordaan fi Uzbeekistaani.

Biyyoonni Suriineem fi Kuriyaakaawoo akkuma kana Waancaa Addunyaatiif yeroo jalqabaaf darbuudhaan seenaa hojjechuu abdacha ajiru.

Odeeffannoon kan BBCti

Baankii Daldalaa Itoophiyaatti Sharafa Maallaqa Alaa Onkololeessa 06, 2018
16/10/2025

Baankii Daldalaa Itoophiyaatti Sharafa Maallaqa Alaa Onkololeessa 06, 2018

Itoophiyaan Sagantaan Ashaaraa Magariisaa  damee itti fayyadamaa fi kunuunsa Bosonaa filatamaa itti fufiinsa qabu jedhuu...
15/10/2025

Itoophiyaan Sagantaan Ashaaraa Magariisaa damee itti fayyadamaa fi kunuunsa Bosonaa filatamaa itti fufiinsa qabu jedhuun Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa (FAO) irraa beekkamtii argateera.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa waliin mari'atan****Ministirri Maallaqaa...
15/10/2025

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa waliin mari'atan
****

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee Walgahii Waggaa Baankii Addunyaa fi Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa irratti hirmaachuun cinaatti, pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa waliin Waashingitanitti mari’ataniiru.

Marii kana irratti Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shidee dabalatee Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Iyyoob Takkaaliny (PhD), Gorsaa ol'aanaan Dinagdee Gooroo Ministira Muummee fi miseensonni jila ol'aanoo Itoophiyaa biroo argamaniiru.

Address

Shegole, Addisu Gebeya
Addis Ababa
1000

Telephone

+251115172539

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Etv Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Etv Afaan Oromoo:

Share