26/07/2024
Guyyaan isaa guyyaa Sanbataati afaan ergifataan 'qedaamees ni jedhama sanbatduraas jedhamee waamama gabaa guddaatu jira magaalaa Nuunnuu Gandoota baadiiyaa danuurraa deemsa miillaan sa'aatii sadii hanga Afuurii deemanii gabaa kana dhaquu nutillee miillaan sa'aatii sadii deemnee dhaqaa turre Aanalee Oollaa kanneen akka Aanaa Gomboo Aanaa Leeqaa Dullachaa irraas dhufanii gabaa kanatti waan barbaadan gurguratanii waan barbaadan bitatanii galu
Maqaan gabaa kanaa dur "gabaan kan dhaabbatu guyyaa roobiidha maqaan gabaa kanaas gabaa Roobii"jedhamee waamama naan jedhan akkoonkoo ammayyuu gabaa Roobii jedhanii waamus gabaa guddaadha yeroo ammaa gara guyyaa sanbaataatti jijjiirameera guyyaa Sanbatduraa kana keessumatti toora sa'aatii 5:00-9:00 lafti ajjetan nama rakkisa miidhaan nyaataa gosa barbaaddee fi beelladoota manaa gosa barbaadde gabaa kanaa ni argatta guyyaa Sanbataa kana baayiinni uummatichaa irraan kan ka'e dhugumaan uummanni kun gabaaf jedhee ya'eeyi nama jechisiisa bakka biraa deemee gabaa akkas guddatu argee hin beeku!
Guyyaa tokko rifeensikoo narratti gurguddateera aniis rifeensa gurguddaa narra ture kana dhaqeen mana Rifeensaa naannoo buufata konkolaataa daandiitti achii ol galgalanii sirressan mana rifeensaa Gammachuu fi Garramuu jedhamu tokkotti 'Normal' isa jedhumu sireeffadheen nama rifeensa sireeffate utuu hin taane sangaa gaafti irraa cabe fakkaadheen ofiimakoo gaadidduukoo ilaale of wallalaan nama na beeku arguu jibbaa gaafan mana Akakayyuukoo gahuu akkoonko sa'a Eelmuu ishoo ilmookoo amma nama fakkaate baga sirreeffate elaa amma dhiiga godhatta naan jedhan!
Rifeensi narraa dhumuu isaa ani nan jibbaa isaanitti ni tola jechuudha!
Waktiin isaa waktii gannaati mana seenee akakayyuukoo Waaqayyoo lubbuu isaanii haa maaru xiqqoo ni dhukkuba mana seenee nagaa isaan gaafadhee jarris nagaa na gaafatanii "naa wayya ilmookoo Waaqayyoof haa galatu" naan jedhaniitu "dhaqii akkookee dubbisika" naan jedhan dhaqii dubbisiin isaanii dhaqii waa nyaadhuudha akkoonkoo sa'a eelmaa kan turan ol galaniiru anis bakka nyaanni itti bilchaatu mana ala waadaa seenee waktiin isaa waktii gannaadha ittoo dinnichaa baay'ee minya'uu fi baaduu akka ajaa'ibatti urgaa'u qocqocaan makanii" mee ishee kana qammasi" naan jedhani naaf laatanii sa'a eelmuutti deebi'ani hamman danda'uu nyaadhee yeroon gadi ba'u eelmanii jabbii jalaa qabaa jiru anis Ameessa(Sa'a dhaltii kan eelmamtu) harkaa fuudhen gara horiitti geessuuf qajeele akkonkoos "ishoo ilmookoo guddadhu rabbi sihaa guddisu" jechaa eebba natti roobsu eegalani waanuman ameessa harkaa fuudhee gara horiitti gessuuf jedhuuf jecha eebba natti roobsu kan nyaatee garaa guuttatee qajeele ana kan na eebbisu isaaniidha ayi jaalala akkoo jedheen gara horiitti geesse!
gabaan ammayyuu ni yaati hunduu akka waan namni dudduubaan qabuuf duuka fiiguu dafdafee miilla kaasuun deema gara mana isaatti galuuf inni kaan waan keessa oole dinqifachaa ho'ifatee walitti odeessaa ya'aa karaarra!
Jaallatamtuu Akkooko Umuurii Harrageessaa fayyaa guutuu waliin naaf jiraadhu ilma intalakee ta'ee jaalalaa akkoo,Oolmaan haadhaa maal akka faakkatuu fi gaaruummaa sirraa baruukoof gammachuun qaba hamtuun sin argiin naaf jiraadhu akkooko🥰