Oromo Lion

Oromo Lion Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo Lion, Social Media Agency, Addis Ababa.

31/01/2024

✍️
█▓▒F░O░L░L░O░W▒▓█
┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏
╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮
╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯
┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃
┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃
┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█

31/01/2024

LAAFINNA IIMAANAA
••••••••••••••••••••••

Mallattoolee laafina Iimaanaa mul’isan keessaa muraasni:-

► Haraama dalaguu fi waan dalagan sanitti sheenawuu dhabuu
► Onnee goggoyduu qabaachuu fi qur’aana dubbisuu hifatuu
► Toltuu dalaguu irraa hifatuu, Salaata yeroo isaa dabrsuun salaatuu
► Dalagaawwan Sunnaa ta’an guutumaan guututti dhiisuu
► Waanuma xiqqoof dallanuu, saniifis of cinquu,
► Yeroo aayaalee waa’ee Azaabaa dubbatan dhagahan rifatuu dhabuu.

► Zikrii godhuu fi Rabbi yaadatuu irraanfatuu
► Yeroo wantootni shari’aa faallessan dalagaman dallanuu dhabuu
► Aangoo fi qabeenyaaf qofa bololuu
► Mallaqa qaban qusatuu fi qorqodaa ta’uu, namaaf qooduu jibbuu
► Namoonni kaawwan akka gaarii dalagan ajajuu, kan ufiitii garuu hamtuu keessa cuubamuu
► Kufaatii namaatti gammaduu, milkaa’inaa namaatti hinaafuu
► Wantoota haraama ta’an irraa fagaataa kanneen Jibbamaa ta’an ammoo dalaguu

YAA RABBI
☼ Iimaana keenya guutuu nuuf taasisi

By: Abu Ibtisam

https://t.me/IbsaaDhugaa

31/01/2024

WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaafuu qalbii kankee hammeenya, hinaaffaa, jibbaa, wallaalummaa fi mamii irraa qulqulleessi. Yoo qalbiin tantee wantoota kanniin irraa qulqulloofte, dubbiin arraba kankee irraa bahus bareedaa fi jaalatamaa ta’a.

☼ Namoota ibaadaa fi islaamummaa irratti laafaa ta’an yoo argite, waa’ee isaanii jarjartee hin murteessin. Dubbii fokkotaa fi waan hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin. Maaltu beeka tarii namoonni sunniin karaa qajeelatti deebi’uudhaaf wal’aansotti jiran ta’a. Kanaafuu itti dhihaadhuu isaan gargaari. Garuu Maqaa itti hin baasin

Yeroo ammaa kana maqaa namatti baasuu fi nama arrabsuun akkaan salphaa ta’ee jira. Waa’ee namaa gaarii dubbachuurraa waa’ee nama sanii dharaa fi hammeenya dubbachuun, qilleensa oksijiinii harganuu caala laafaa ta’ee jira. Nama tokko waan hin qabneen hamtuu isaa dubbatuun ammoo dilii guddaadha. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni hedduun Azaaba sababa arrabaatiin akka seenu himanii jiran. Kanaafuu Arraba keenyaa haa hiinu. Waan hin beeknee dubbachuu irra cal’isuu haa filannu.

YAA ALLAAH

► Arraba keenya kheeyrii dubbachiisi
► gaarii dubbachuu nuuf laaffisi
► nama toltuu namaa dubbatu nu taasisi
► Waan hin beekne dubbachuurraa nu fageessi.

© Abu Ibtisam

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Lion posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share