Oromiyaa Daily Post

Oromiyaa Daily Post Odeeffannoo Sirrii fi Woqtawa Ta'e Isiin Biraan Gahuf Carraqna.

ODP page is a Oromiyaa Daily Post producing news, documentary and programs in Afaan Oromoo, Amahari and English language to reach our audiences in all over the world.

📘 Kitaaba “Ida’amuu” (Dr. Abiy Ahmed irraa)“Ida’amuun nama, saba fi biyyaa walitti fiduu dha. Namni walitti hin ida’amne...
01/11/2025

📘 Kitaaba “Ida’amuu” (Dr. Abiy Ahmed irraa)
“Ida’amuun nama, saba fi biyyaa walitti fiduu dha. Namni walitti hin ida’amne diina ofii ta’a.” – Dr. Abiy AhmedKitaabni Ida’amuu jecha salphaa miti; seenaa, yaada fi mul’ata nageenya, tokkummaa fi guddina biyyaa of keessaa qaba.Dhaloonni keenya akka wal dhagahu, walii tumsu fi biyya ijaaruu danda’u kan gorsu kitaaba kana.

🕊️ Ida’amuun nageenya, nageenyi guddina!

📰 Hojiiwwan Ministira Muummee Dooktar   Ahimad (Fulbaanaa–Onkoloolessa 2018)Ministirri Muummee   Dooktar Abiy Ahimad baa...
01/11/2025

📰 Hojiiwwan Ministira Muummee Dooktar Ahimad (Fulbaanaa–Onkoloolessa 2018)

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii Fulbaanaa fi Onkoloolessa keessatti hojiiwwan hedduu raawwatan keessaa:

1️⃣ Bu’uuraalee Misoomaa:

Ijaarsa daandii, buufata humna ibsaa fi bishaan dhugaatii fooyyessuu irratti hojiin bal’aan hojjetame.Projektoonni misooma magaalaa fi baadiyyaa haaraa eegalaman.

2️⃣ Misooma Baadiyyaa:

Qonnaan bultootaaf deeggarsa tekinoolojii, midhaan filatamaa, fi bishaan ooyiruu ittiin waraabbatan kennamuu eegale.

3️⃣ Fooyyeessa Bulchiinsaa:

Tajaajila mootummaa dijitaalaa fi sirna bulchiinsa gaarii cimsuuf labsii fi mariin gaggeeffame.

4️⃣ Dippiloomaasii:

Hiriira biyyoota ollaa fi michuu addunyaa waliin cimsuuf daawwanni fi mariin biyyoota gara garaa waliin taasisame.

---

📰 Guddinni Diinagdee Itoophiyaa fi Hariiroo XaaliyaaniiAmbaasaaddar Itoophiyaa Xaaliyaanii keessa jiruu Dammituu Hambisa...
31/10/2025

📰 Guddinni Diinagdee Itoophiyaa fi Hariiroo Xaaliyaanii

Ambaasaaddar Itoophiyaa Xaaliyaanii keessa jiruu Dammituu Hambisaan akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Xaaliyaanii dameewwan diinagdee, siyaasa fi hawaasummaa keessatti saffisaan guddachaa jira.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Joorjiyaa Meelooniin walitti dhufeenya biyyoota lameenii cimsuuf hojjechaa jiru.Dhaabbileen Xaaliyaanii hedduun invastimantii gara Itiyoophiyaa keessatti, kanneen akka:

Bu’uuraalee misoomaa

Indaastirii fi oomisha konkolaataa

Huccuu, buna, fi oomisha qonnaa irratti
bobba’aa jiru.

Hariiroon kun diinagdee biyyattii jabeessuu fi carraa hojii dargaggootaaf banuuf tajaajila jedhan.

“Abdiin jiru baay’ee guddaadha. Waggoota 10 keessatti seenaa Itiyoophiyaa guutummaatti jijjiiruuf hojjechaa jirra.”– Muu...
30/10/2025

“Abdiin jiru baay’ee guddaadha. Waggoota 10 keessatti seenaa Itiyoophiyaa guutummaatti jijjiiruuf hojjechaa jirra.”– Muummichi Ministiraa, Dooktar Abiy Ahimad Ali

Hojii fi kutannoon mootummaa keenya, bara haaraa jijjiiramaa uumeera.Ummanni keenya waliin, hojii, misoomaa fi nagaa bu’uuraa diriirsuuf harka wal qabannee deemaa jirra.

  Ministira Muummee Doktar   Ahmad Daaw'annaa har'a ganama Godina Shawaa Bahaatti taasisneen bu’aa hojii omisha qamadii ...
29/10/2025

Ministira Muummee Doktar Ahmad

Daaw'annaa har'a ganama Godina Shawaa Bahaatti taasisneen bu’aa hojii omisha qamadii gannaan argameefi haala sassaabbiisaa gamaaggamuufi hojii qonna qamadii bonee eegalchiisuurratti kan xiyyeeffate ture.

Naannawuma sanatti hojiilee kilaastaraa muuzii, paappayyaafi qurxummii ilaalleerra. Malli qonnaa aadaa ammallee jiraatus, makaanaayizeeshiniin bal’inaan qotuu dandeessisu guddachaa deemuusaatiin gahumsaafi omishtummaa qonna naannawichaa guddisaa jira.

Duuba deebinee hojmaata ture yoo ilaallu, otoo waggoota hedduu dura akka biyyaatti mala ammayyaa kana fakkaatu otoo jalqabneerra ta'ee omishni qonnaa keenya garaagarummaa guddaa akka qabu hubanna.

Har’ammoo omishtummaa waggaa waggaadhaan dabalu argaa jirra. Guddachuuf deeggarsi alaa kamiyyuu hindhufu. Jijjiirama dhugaa biyya keenyaa hogganu cimina, kalaqaafi tattaaffii mataa keenyaati.

"Eriteraa waliin waraana hin feenu"Ministirri Muummee Dooktar   Ahimad
28/10/2025

"Eriteraa waliin waraana hin feenu"
Ministirri Muummee Dooktar Ahimad

Qaal’iinsi jireenyaa (infileeshiniin) baatii Onkoloolessaatti waliigalaan %11.7 hir’ateera.Qaala’iinsi jireenyaa shaqaxo...
28/10/2025

Qaal’iinsi jireenyaa (infileeshiniin) baatii Onkoloolessaatti waliigalaan %11.7 hir’ateera.Qaala’iinsi jireenyaa shaqaxoota nyaataa %10.2fi kan nyaataan alaa %14.2 hir’ateera.Riifoormi hojjetameen, tarkaanfii hundagaleessa fudhatameen hanga qaala'iinsaa waggoota 20 darbaniuf tureerra kan ammaa kan tasgabbaa’eedha.- Ministira Muummee Doktar Ahmad

Ministirri Muummee   Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataarraa ka’aniif deebi...
28/10/2025

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.Itiyoophiyaan damee Albuudaan bu’aa olaanaa galmeessaa jirti jedhan.

Itiyoophiyaan naannawaa Somaalee bakka warshaan itti jalqabe qofatti kuufama boba’aa Meetirik Kiyuubii tiriiliyoona 21 akka qabdu qorannoon mirkanaa’eera jechuun ibsan.

Warshaan boba’aa boqonnaa 2ffaan baatiwwan 4 itti aanan keessatti xumuruun hojii akka eegaluu ibsan.Piroojektiin boba’aa gaazii calalu boqonnaa 2ffaanis yeroo dhiyootti kan eebbifamu ta’uu eeran.

Warshaalee kanneen hojiitti galchuun gatii boba’aa hir’isuuf mootummaan hojiilee eegale caalmaatti cimsee itti fufa jedhan.

Warshaan oomisha Xaa’oo Daangooteen eegalame xaa’oo kuntaala miiliyoona 30 oomishuu akka danda’u ibsan.Xaa’oon oomishaman akkaataa haala qilleensaa fi biyyoo jiru bu’uura taasiisuun kan oomishaman ta’uu kaasan.

Piroojektoonni naannawaa Oomisha Xaa’oo fi Boba’aatti eegalaman rakkoolee Faayinaansii kan qabneef yeroo jedhaman keessatti kan xumuraman ta’uu mirkaneessan.Oomishaalee Simmintoon tasgabbii mul’ate caalmaatti cimsuuf ni hojjetama jedhan.

Bara kana  galiin mootummaa Birrii tiriiliyoonni 1 ni argama jedhameetu eegama jedhan Ministirri Muummee   Dooktar Abiy ...
28/10/2025

Bara kana galiin mootummaa Birrii tiriiliyoonni 1 ni argama jedhameetu eegama jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Fooyya’iinsa diinagdee gooroo hordofee fooyya’iinsa galii irratti taasifameen galiin mootummaan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaafi deebii gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif kennaniin eeraniiru.

Yeroo jijjiiramaa galiin mootummaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 70 ta’uu yaadachiisanii bara kana galiin Birrii tiriiliyoonni 1 ni eegama jedhan.Daldala al-ergii irrattis riifoormiin taasifame jijjiirama qabatamaa fiduu kaasaniiru.Al-ergiin baatiiwwan arfan darbanitti taasifame kan bara 2016 ol akka ta’es ibsaniiru.

Ministirii Muummee   Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruu gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’ani...
27/10/2025

Ministirii Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruu gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu.

Manni Marichaa guyyaa boruu ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree 6ffaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Ahimad argamanitti ni gaggeessa.

Walga’ichaan haasawaa baniinsaa Pirezidaantiin Taayyee Asqasillaaseen Fulbaana 26, 2018 walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti taasisan hordofee gaaffilee miseensa mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Abiy Ahimad deebiifi ibsa ni kennu.Kana hordofees manni marichaa ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.

Adeemsi walga’ichaas tamsaasa kallattiin kan darbu ta’uu manni marichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.Walga’ii kanarratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Finfinneetti argaman, hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni paartilee dorgomtootaafi keessummoonni biroon ni argamu jedhameera.

Qormaatileen   darban mul'atan nu cimsuun cichoominaan akka bayyanannuu fi bu'aa akka galmeessinu nu taasise jedhan Mini...
25/10/2025

Qormaatileen darban mul'atan nu cimsuun cichoominaan akka bayyanannuu fi bu'aa akka galmeessinu nu taasise jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad raawwii Diinagdee Gooroo guyyoota 100 kurmaana jalqabaa bara 2018 ilaalchisee Ministiroota waliin Hidha Kooyishaatti mari'ataniiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban keessa dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef keessaa tokko Itiyoophiyaa fi qabeenya ishee adda baasuun beekuudha.

Adeemsa kana keessatti qormaatilee fi rakkooleen turan caalmaatti nu cimsuun cichoominaan akka bayyanannuu fi bu'aa galmeessinu nu gargaareera jedhan Dooktar maricharratti.

Itiyoophiyaan badhaadhuun bakka isheef malu akka geessu shakkii hin qabu jedhan.Mul'ata kana milkeessuuf tattaaffii fi dhamaatii lammiilee hundaa kan gaafatu ta'uu eeran. Cimnee yoo hojjenne bu'aa gaarii arguuf yeroo isaa fagoo miti jedhan.

Koreen Hojii Raawwachiiftu   Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegaluu Ministirri Muummee   Dooktar Abiy Ahimad ibsan.Kor...
24/10/2025

Koreen Hojii Raawwachiiftu Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegaluu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Korichi dhimmoota biyyaalessaa dabalatee ajandaalee adda addaarratti mari’achuuf har’a ganama walga’ii isaa eegaluu ibsan Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Address

Finfinne, Oromia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaa Daily Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share