29/10/2025
🙏🙌
👏Yaa Waaqayyoo eegdee, tiksitee, galgala nuuf bariissistee, guyyaas nagaan nu oolchitee yeroo isa amma irra geenye kanaan kan nu geesse galanni sif haa ta'u.
👏Yaa uumaa keenyaa dhalootaa hanga har'aatti waan gaarii hin hojjenne, hojjennees hin qabnu; yaa uumaa keenyaa hanga yoonatti kan nu jiraachiste, jireenya keenya gara fulduraas situ beeka; yaa uumaa keenyaa mana kee keessa deddeebinees sin galateeffanne; ni baane malee galuun keenya yoom akka ta'e hin beeknu; yaa Waaqayyoo keenyaa ati waan gaarii akka hojjennuf kan nu uumte bakka nuti jirutti ayyaana kee nuuf baay'isi!
👏Yaa uumaa keenyaa barri keenya bara dhumaa ta'ee, abdiin qabnu hunduu yeroo hundaa guyyaa kee eeguu qofadha. Yaa Waaqa keenyaa, ammas ati waan hundumaa ni beekta; siin baqannees miti; siin dhokannees miti; nuti waan gaarii hin qabnu, akkamiin maqaa kee waamannu.
👏Yaa Waaqa! ati qulqulloota keef abdii kan ta'e, eegumsa keen kan isaan tiksite, kan siif dadhabamu tokko iyyuu hin jiru, dhiphuu nu mudate hundaaf ati furmata nuuf ta'i.
👏Yaa uumaa keenyaa, ati nurraa adda hin ba'iin! Abdiin keenya sidha yaa Waaqa! haadha kee dubroo Maariyamiif jedhii, qulqulloota bartoota keef jedhii, wareegamtootaafi ergamoota keef jedhii ati nu dhaga'i! Akka hojii keenyaatti miti akka gaarummaa keetti.
👏Yaa Waaqayyoo! Ati obboloota, obboleettii keenya hunda biyya keessaa fi biyya bakkee gaadadoo fi dhiphina, cunqursaa fi rakkina, yaaddoo garaagaraan rakkatan hundaaf furmaata kan kennu si qofaadha. Yaa Waaqa keenyaa! ati ayyaana kee baay'isiif; ati nageenya kee bakka jiran hundatti kenniif!
👏Yaa uumaa keenyaa bahuuf galuu keenya hundatti rakkina foonii, rakkina lubbuu ati nu baraari! Abdiin keenya dhugaan si qofaadha.
👏Yaa Waaqa keenyaa kanneen dhukkubsatanii ciisan maraaf fayyina kee laadhuuf! Kanneen dararaman hundaa bilisa baasi! Kanneen yaaddoon guutaman hundaaf furmaata ta'i!
👏Yaa Waaqa keenyaa kan nama eegu hin jiru! Eegumsi kee nuuf haa baay'atu! Yaa Waaqayyoo! biyyi lafaa silaas biyya keenya miti; biyya koolu galtummaan irra jiraannudha! Yaa Waaqayyoo, osoo nuti mana keetti deebinee sin galateeffatiin akka banneen nu hin hambisiin!
👏Yaa Waaqa keenyaa! ati ayyaana kee nuuf baay'isi! Jajjabeesummaan kee nurraa adda hin bahiin! Yaa Waaqa! obdii kee hawwine! Yaa Waaqa keenyaa! sirraa addaan baanee fagaanne. Hanga gara keetti deebinutti eegumsa keen akka yeroo hunda si galateeffannu nu taasisi!
👏Yaa Waaqayyo keenyaa! Yaaddoon biyya keessaa fi alaa nurratti walga'e; kan qabne, kan dhiisnu wallaalle; maaloo ati gaarii fi yaraa addaa baastee kan beektu nagaa kee nuf baay'isi! Araara kee nuuf heddummeessi!
👏Yaa Waaqa nutoo biyya lafa irratti badhaadhummaa hin barbaannu, garuu kan itti jiraannu ati nuuf kenni! Osoo fiignuu mootummaa kee bara baraa akka nuti hin dhabne nu tiiksi! Eegumsa kee nuuf heddummeessi! Yaa uumaa keenyaa addunyaa guutuu bitnee mootumaa kee dhabna taanaan maal bu'aan keenya? Umuriin keenya dheerattee dheerattee galma gaarii hin qabnu taanaan maal bu'aan keenya? Yaa uumaa keenyaa harka keenya sitti bal'isna; ati ayyaana kee nuuf baay'isi! Buruquu foonii, dhangala'uu dhiigaa, caba lafee ati nu baraari!
👏Yaa Waaqayyoo! nu nama gatii hin qabne kana, osoo nuti gaarummaa hin qabatiin maqaa kee isaa qulqulluu waamnee akka si kaadhannu kan nuu taasiste, galanni, oqubaan bara baraa siif haa ta'u!
👏Yaa uumaa keenyaa kadhata keenya kan hir'isnee itti nuuf guuttee, kan dogongorre sireessitee, arjummaa keen nu dhaga'uun fedhaa fi eeyyama kee nuf haa ta'u!
👏Nuu kakaastee kan nu jalqabsiiste; jalqabsiistee kan nu xumursiiste galannii fi ulfinni siif haa ta'u! Hanga bara baraatti.
!
🙏Waaqayyo tajaajila keenya haa eebbisu 🙏
Maadda: Fuula 'facebook' Godoliyaas irraa kan fudhatame.✍️