22/03/2022
27 Yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, "Karaan koo Waaqayyo duraa in dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaalamne" jettee maaliif dubbatta? Maaliifis komatta?
28 Ati hin beeknee ree? Hin dhageenyeesii ree? Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;
29 inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna;
30 ijoollonni in dadhabu, in mudhukus, dargaggoonnis gufatanii in kufu;
31 warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.
Isaayaas 40 :27