12/09/2025
Jemal Ahmediin
Sep. 12, 2025
Akka lakkoofsa Awroopaatti dhuma bara 1975 gaafa Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Mul'is Gadaa Soomaliyaarraa gara Oromiyaa dhufan mana Ahmed Bunaa qubatan. Yeroo san Ahmed Bunaa barsiisaa ture. Sabboonummaan isaa darani.
Kaayoon Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Mul'is Gadaa gara Finfunnee imalaniif Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faa qunnamuufi. Kaayoo tanaan finfjnnee Seenanii mana Ahmed Bunaa qubtan. Ahmed Bunaa Jaarraa fi Mul'is mana isaa gad-teeysiseeti Leencoo Lataatii fi Baaroo Tumsaa qaamaan itti dhaqee, Jaarraan mana isaa jiraachuu itti hime.
Yeroo san Dargiin Aangoo mootummaa dhunfattee hin turre. Dhaabileen biroo kanneen Itoophiyaa dimokraateysuuf sossoohan hedduudha. Isaan keeysaa muraasni Dhaaba Dr. Haylee Fidaa hundeeyse Mi'esson, Dhaaba Baaroo Tumsaa faan hundeeysan ICHAT / ICAT/ fi kanneen birootiis ni jiran.
Jaarraa Abbaa Gadaa faan yeroo Baaroo Tumsaa faan dhaaba ICAT/ แฅแซแต/ hundeeysanii Itoophiyaa dimokraateysuuf soochiirra jiran tanitti qabsoo hidhannoo gaggeeysinaa ni kaasaa ja'anii itti dhaqan. Ahmed Bunaa Baaroo fi Leencoo Jaarratti yaamuuf bira dhaynaan / dhaqnaan/, Isaan haa nutti dhufanii ja'aniiti Ahmed Bunaa deebisan.
Ahmed Bunaa Jaarraa fi Mul'is fuudheeti Baaroo fi Leencoo faa bira geeyse. Hoggaa Jaarraa Abbaa Gadaa faan bira dhaqan Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faan dhaaba ICAT jedhamu hundeeysaniiti dhiichisaa jiran. Jaarraa Abbaa Gadaa hoggaa dubbii tana arkan liqimfamuufii dideeti yaadaan of-duuba deebi'anii gobeelletti qabsoo eegalan.
Ahmed Bunaa boodarra ofumaafuu qaama qabsoo bilisummaa Oromoo taheeti dhaaba Oromoo wajjiin qabsoo itti fufe. Ahmed Bunaa maqaa qabsootiis itti moggaasaniiti Goota Bobbaas jechuun yaamame.
Leencoo Lataatii fi Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faan eega Dargiin hoggantoota dhaabilee mormitootaa galaafachuu eegallaan bosona gobeelleetti hogganaa ABO Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa qunnamuuf dirqaman. Ahmed Bunaa nama qabsoo bilisummaa oromoo keeysatti qooda guddaa qabu ture.
Gooticha Oromoo Ahmed Bunaa Rabbiin haa araaramuuf. Seenaan isa haa yaadattu.
Jechoota Mangudooti fi Seenaa Oromoo Visit Oromia