Oromobiblestudy

  • Home
  • Oromobiblestudy

Oromobiblestudy Oromobiblestudy Page Macaafa Qulqulluu irraa barattan, Akkasumas gaaffiiwwan adda addaa macaafa qulq

09/07/2025
Yesuus Waaqa moo nama?Yesuus Waaqa moo nama? Waaqummaa Kiristoos ( The Deity of Christ)Barsiisni sobaa/Herecy Waaqummaa ...
06/07/2025

Yesuus Waaqa moo nama?

Yesuus Waaqa moo nama? Waaqummaa Kiristoos ( The Deity of Christ)
Barsiisni sobaa/Herecy Waaqummaa fi namummaa Yesuus ilaalchisee seenaa Waldaa kiristaanaa bara durii keessatti hedduun ka’anii turan.haa ta’u malee ganiinsa waaqummaa isaa tu caala namummaa isaa caalaa. Waaqummaa fi namummaan Yesuus haala mijaana isaa eeggateen eegamuu akka qabu barreestoonni Kakuu Haaraa baay’een isaanii wabii dha, barsiisa sobaa dhorkuuf.

Wabiilee cimaan GooftaaYesuus Kiristoos Waaqa ta’uu ibsan amaloota Waaqummaa,Maqaa Waaqummaa, hojii waaqummaa, Waaqeffannaa Waaqummaa, akka Waaqatti waan isaaf ta’anii fi walitti dhufeenya isaa wajjiinii akka Waaqaa tti.

A. Amaloota Waaqummaa Isaaf Ta’an a.
Amaloota Addaa
a) Barabaraan jiraachuu (Eternal Being):-ilma ta’uun Yesuus kan barabaraatti sadan tokkummaa Waaqaa keessatti.Yesuus dubbatee ture akka Waaqa abbaa wajjiin turee fi Waaqa irraa gad dhufe. (Yoh.1:1-3; 6:33,41, 50-62, Rome.1;20, Mat.3:11, Ibr.7:1-4).

Yesuus Kiristoos Waaqa akkasumas ilma Waaqayyoo akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti dubbata. Kana qofas osoo hin taane yeroo tookichatti Kiritoos Waaqa fi nama

oromo-bible-study.oromobiblestudy.com
01/07/2025

oromo-bible-study.oromobiblestudy.com

Waa’een hiikkaa macaafa qulqulluu yeroo ka’u, ilaalcha adda addaa namoonni qaban akka jiran beekamaa dha. Tokko tokko:Ma...
28/06/2025

Waa’een hiikkaa macaafa qulqulluu yeroo ka’u, ilaalcha adda addaa namoonni qaban akka jiran beekamaa dha. Tokko tokko:

Macaafa Qulqulluu hiikuun hin barbaachisu; kadhachuudhaan yoon dubbise in ga’a jedhu. Sababni isaas kadhannaadhaan hubannaa gaariin argadha jedhanii waanyaadaniif.

Kaanimmoo kutaa macaafa qulqulluu tokko irra dedeebi’u dubbisuun in ga’a jedhu.

Tokko tokko immoo macaafa qulqullu kan hiikan luboota qofa jedhanii amanu. Waa’ee macaafa qulqulluu maalummaa isaa sirriitti yoo hubanne akkasumas karaa sirrii hin taane hiikuun rakkoo inni fidu yoo ilaaluu dandeenye, Macaafa Qulqulluu hiikuun maalif akka barbaachise beekna.

Macaafni Qulqulluun:

Samii irra kan Gad bu’e osoo hin taane ;

Afaan namootaan

Seenaa namootaa

Aadaa namootaa fi

Yeroo namootaaf kenname kessatti ergaan waaaqayyoo kitaaba (macaafa) ittiin darbe dha.

Macaafa kamiyyuu dura macaafa maxxanfamee fi Afaanoota baay’eens hiikame dha.

Ergaa hin jijjiirame kan qabatedha.

Jalqaba warra barreeffameefis ta’e.

Har’as nu’i warra dubbisuuf.

Barri kan hin jijjiirre dhugaa kan qabate yoo ta’u,Waaqayyo :

Barreeffama namootaan.

Afaan namootaan.

Aadaa, yaada, ilaalcha namootaatti fayyadamuun ergaa isaa kaninni ittiin dabarse Macaafa Qulqulluu dha.

Macaafni Qulqulluun aadaa, nama dhuunfaafi hawaassa jijjiiruu kan danda’u Waaqayyo hafuura isaan akka barreeffamu macaafa taasise dha. Kanaafuu barreeffama gabaabaa kana keessatti waa’ee hiikkaa macaafa Qulqulluu qo’achuun, haalli hiikkaa Macaafa Qulqulluu keenyaa sirrii akka ta’u yaalla.

link asi gaditi argamu xuqun galama'uun baradha.

Koorsii kun barattoota seera bu’uuraa, kaayyoo fi barbaachisummaa hiika macaafa qulqulluu, kan hermeneutics jedhamuun beekamu wajjin wal barsiisa. Hiikkaan maaliif akka barbaachisaa ta’e, akkamitti Caaffanni Qulqullaa’oon afaanii fi aadaa namaatiin akka barreeffame, akkasumas hiikni haala s...

GooftaaYesuus Wangeela Yohaannis 14:26 irratti akkas jedhee barsiisaa ture, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, i...
24/06/2025

GooftaaYesuus Wangeela Yohaannis 14:26 irratti akkas jedhee barsiisaa ture, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.” As iratti wanti hubannu tokko “inni” bamaqa jedhu dha. Akka gareen amantaa tokko tokko jedhanitti hafuurri qulqulluun eenyummaa mataa isaa kan hin qabne humna ta’e qofa miti, eenyummaa ofii isaa akka qabudha Macaafni Qulqulluun Afaan Ingiliziin barreeffames “he” jechuun kaa’a malee “it” hin jedhu. Bakka kanatti (Yoh 14:26) sadan tokkummaa waaqaas waan nu hubachiisu jira. Waan hufuurri qulqulluun yeroo dhufu raawwatus Yesuus ibseera. Isiniif dubbata,in barsiisa, in yaadachiisa. Akkuma beekamu Macafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraan barreeffame (2 xim. 3:16).Kan hubachuun dundaa’amus hafuurichumaan. Kanaaf hafuurri qulqulluun dhugaa dubbii macaafa Qulqulluu illee in barsiisa jechuudha.

Hafuurri qulqulluun jireenya namootaa illee jijjirun gara Kiristoos fakkessuutti guddisa. Namoota hedduu hojii hamaa hojjechaa turanii booda immoo kiristaanoota immoo ta’an inargina. Nutis jireenya keenya kanaan duraa fi ammaa yoo ilallee garaagarummaa argina. Kan nu jijjiire hafuura qulqulluudha. (2 Qor. 3: 18, Efe 3:20) Keessattuu Macaafa Hojii Ergamootaa yoo sirriitti dubbifne hojii hafuurri qulqulluun jireenya bartoota Yesuusiif kanneen biroo kessatti hojjete sirritti hubanna. Wangeelonni arfan akkuma hojii Yesuus hojjetee fi barsiisa isaa ibsan macaafni hojii ergamootaa kan hafuura qulqulluun xiyyeeffannaan ibsa. Luqaas wangeela barresse keessatti yeroo kudha lama yoo ibsu macaafa hojii ergamootaa keessatti immoo yeroo afurtamii lama ibsa waa’ee hafuura qulqulluu.

Waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa macaafa hojii ergamootaa keessatti yoo hubannu hojii guddaan hojjetame hafuura qulqulluun. Hafuurri qulqulluun nama dhuunfaas tahe waldaa kiristaana akkamitti akka cimsee gargaaraa jiru ammaan kanas hubachuun nama hin dhibu. Akka macaafni qulqulluun barsisutti hafurri qulqulluun warra hin amanne illee akka tuqu dha. (Yoh. 16:8) “Inni yemmuu dhufu waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummna, waa’ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa”. Caafata kanarraa wanti Hubannu hafuurri qulqullunn waa’ee cubbuu biyya lafaa irra jiru agarsiisuun gara Yesuusitti akka dhufan kan godhu ta’uudha. Hafuurri qulqulluun biyya lafaa kana iddoo hundumaatti yeroo tokkoon waan argamuuf eenyullee jalaa dhokachuu hin danda’u (Far139: 7 -10) egaan qabxiiwwan armaan gadiin qo’annoo keenya itti,
A. Akkamiin akka hafuuri qulqulluun eenyummaa mataa isaa akka qabu hubannna
B. Akkamittis hafuuri qulqulluun Waaqa akka ta’e beekna
C. Hafuurri qulqulluun Yesuusii fi Waaqa Abbaa irraa qaamaan addaa ta’uusaa ni hubanna
D. Mallattoolee hafuura qulqulluun ittin mul’ate
E. Hafuura qulqulluu warra hin amaniin biratti
F. Hafuura qulqulluu warra amanan biratti
G. Kaayyoo Waaqayyoo kiristaanota hundaaf qabu
H. Hafuurri qulqulluun akkamiin akka gara kiristoos fakkachuutti amantoota jijjiiru
I. Akka gareetti waan hafuurri qulqulluun amantootaaf godhu
J. Hafuura qulqulluun guutamuu jechuun maal jechuu dha

https://oromo-bible-study.oromobiblestudy.com/courses/barsiisa-afuura-qulqulluu-pneumatology/

Abjuu fi mul'annii Waaqayyo biraati - moo yaada qofa?
21/06/2025

Abjuu fi mul'annii Waaqayyo biraati - moo yaada qofa?

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromobiblestudy posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromobiblestudy:

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share