Damee Hayyuu PB Aanaa Guumaay

Damee Hayyuu PB Aanaa Guumaay Wel-come to My Official Page

Aanaa Gumaayitti Konfiransiin Paartii Kurmaana 2ffaa gaggeeffamee  jiraMuddee 22, 2018 (WPBAG)**********************Godi...
31/12/2025

Aanaa Gumaayitti Konfiransiin Paartii Kurmaana 2ffaa gaggeeffamee jira
Muddee 22, 2018 (WPBAG)
**********************
Godina Jimmaa, Aanaa Gumaayitti Konfiransiin Paartii Kurmaana 2ffaa bakka Koreen Qindeessituu Aanaa, hoggansi Aanaa fi Gamtaan Paartii, manaajimantii sektaraalee gara garaa akkasumas gurmaa’insi gandoolee argamanitti hirmaachuun haala ho’aan ta’een gaggeeffameera.

Saganticha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Gumaay, Kabajamoo Obbo Miftaah Abbaa Duraa, ergaa dabarsaniin qaamota milkaa’ina hojii paartii kurmaana darbe keessatti qooda fudhatan hundaaf galatoomaa jechuun, “baga guyyaa har’aatti nu geessan, baga nagaan dhuftan” jechuudhaan waltajjicha banuu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Gumaay, Kabajamoo Obbo Naziif Mohammed, ergaa isaanii keessatti bara kana hawaasa waliin ta’uun hojii paartii irratti hojiin abdachiisaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii, hanqinoota raawwii kurmaana lammaffaa keessatti mul’atan bu’uura irraa furuun dirqama ta’uu himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Jimmaa Obbo Numeerii Abbaa Tamaamis, barbaachisummaa fi bu’aa konfiransii fi yaa’ii paartii irratti ibsa kennuun, konfiransichi hanqinoota darbe ittiin furuuf carraa gaarii ta’uu akka qabu hawwii isaanii ibsaniiru.

Barreeffamni mariif ta’u kan konfiransichaaf dhiyaate Itti Gaafatamaa Paabilisiitii Aanaa Gumaay, Dargaggoo Saabir Siraajiin qophaa’ee dhiyaachuun maateeriyaalii dhiyaate irratti bal’inaan mari’atamee jira.

Hirmaattonni konfiransichaa yaada kennaniin akka jedhanitti, “Mootummaa Jijjiiramaatiin hojiin waadaa galamee ture akkaataa sagantaa qabameetiin hojjetamaa jira” jechuun ibsaniiru. Akkasumas, “hojii hedduun nuuf hojjetamee fi hojjetamaa jiru; iddoo rakkoon jirutti illee mootummaan deebii nuuf kennuu akka danda’u abdii qabna” jedhaniiru.

🔗 https://www.facebook.com/abbaa.jifaar.39
Hordofaa 🙏







22/12/2025

Cehumsa baadiyyaatiin fayyadamummaa hunda galeessa

Badhaadhinni Paartii nama giddu-galeefateedha. Mul’ataa fi galmoonni isaa hundi qananii ummataa dhuguumsuudha. Sagantaan dinagdee isaa irratti akkuma ibsame Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannoo baadiyyaaf kennuudhaan galii qonnaan bulaa akka guddatu taasisuun hiyyummaa baadiyyaarra jiru hir'isuufi jireenya baadiyyaa mijataa gochuuf akka hojjeta.

Kana dhugoomsuudhaafis tarsiimoo ce'umsa baadiyyaa diriirsuun hojii qabatamaan hojjetamuu eegaleera.Dhimmootni gurguddoon baadiyyaatti akka dhugooman hojjetamaa jiran keessaa bu'uuraalee misoomaa sadarkaa gandaa babal'isuu,Tajaajila hawaasaa qaqqabamaa fi haqa qabeessa gochuu fi baadiyaa wiirtuu diinagdee taasisuu dha. Dhimmootni kunneen jijjiirama jireenyaa uummata baadiyaa kan ta’e, qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaa, galii gad-aanaa irraa gara jireenya of danda’u, akkasumas tajaajila bu’uuraa daangeffamaa irraa gara tajaajila bal’aa fi qulqullina qabuutti ceesisuu danda’u.

Hojiin bakka hawwata tuuristii haarawaa misoomsuu Finfinnee masaraa Araat Kiilootti tokko jedhame eegalame, inisheetiivi...
22/12/2025

Hojiin bakka hawwata tuuristii haarawaa misoomsuu Finfinnee masaraa Araat Kiilootti tokko jedhame eegalame, inisheetiivii "Maaddi Guutuu"fi "Maddi Dhalootaaf" jechamaniin kutaalee biyya keenyaa hundatti bal'atee jira. Hojiin bakka hawwata turistii misoomsuu Finfinnee fakkeenya godhatee magaalota guutuu biyyaa wal gahuun aadaa "waliin nyaachuu" uummata keenyaa yaadama walin misoomsuumsuutiin gara "Maaddiin Biyyaaf"tti akka bal'atu ta'eera.

Sagantaan "maaddiin Biyyaaf" jedhu marsaa duraatiin Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancitti, Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaa Daawuroofi Kontaatti Koyishaa, Naannoo Amaaraa qarqara Hara Xaanaatti Gorgoraa of keessaa qaba. Pirojektonni sagantaa "Maaddin Biyyaaf" jedhamuun qabaman sadan kunniin bakka hawwata tuuristii haaraa lafa bal'aa uffisanii fi filmaata hedduu qabanidha. Riizoortiin Beenunaa Mata Haaraa jiruufi hotelli mooraa masaraa durii Jimmaa kessatti ijaramu fakkeenya birooti.

Kitaaba Mootummaa Ida'amuu.Fuula 272

21/12/2025
21/12/2025
Ida'amuudhaan gara biyya fakkeenyummaatti ni ceena
20/12/2025

Ida'amuudhaan gara biyya fakkeenyummaatti ni ceena

20/12/2025
20/12/2025

Address

Addis Ababa

Telephone

+251942354265

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Damee Hayyuu PB Aanaa Guumaay posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Damee Hayyuu PB Aanaa Guumaay:

Share