26/07/2026
Aanaa Guumaayitti Gamaggamni Hojii Misoomaa fi Nageenyaa Gaggeeffamaa Jira.
════════════
~~~~ 19/2018.~~
Godina Jimmaa, Aanaa Guumaayitti gamaggamni hojii misoomaa fi nageenyaa gaggeeffamaa jira.
Gamaggamni kun bakka Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Guumaay Kabajamoo Obbo Miftaa Abbaa Duraa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Guumaay Kabajamoo Obbo Naziif Mohammed, akkasumas Koree Qindeessitoota Aanaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Dabalataanis hoggantoonni aanaa, koreewwan qindeessitoota gandootaa, qaamoleen nageenyaa gandootaa fi poolisoonni gamaggama kana irratti hirmaataniiru.
Duubdeebiin hojii misoomaa fi nageenyaa kan dhiyaate Itti Gaafatamaa Paabilisiitii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Guumaay Dargaggoo Saabir Siraajiin yoo ta'uu,duubdeebii irrattis mariin bal'aan fi bu'a qabeessi gaggeeffameera.
Gamaggama kana keessatti hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa hanga yeroo ammaa raawwataman bal'inaan gamaaggamamuun, bu'aan hojii galmaa'e, ciminoonni mul'atan fi hanqinoonni jiran gadi fageenyaan irratti mari'atamaniiru. Kana malees rakkoolee mudatan furuuf kallattiileen hojii ifaa fi bu'a qabeessi kaa'amaniiru.
Dabalataanis hojii qindoominaa cimsuun, kenna tajaajila lammummaa daran cimsuun tajaajila uummataaf kennamu caalaatti fooyyessuun fi nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamni hundi itti gaafatamummaa isaa guutummaatti bahachuu akka qabu hubachiifameera.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Guumaay Kabajamoo Obbo Miftaa Abbaa Duraa haasawaa taasisaniin, "Misoomni fi nageenyi wal irraa adda hin ba'an. Bu'aan hojii keenya hojii qindoominaa, itti gaafatamummaa fi tajaajila uummataaf kenninu irratti hundaa'a. Kanaafuu hanqinoota jiran sirreeffachuun, hojii misoomaa fi nageenyaa caalaatti cimsinee milkaa'ina uummata keenyaa mirkaneessuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba," jechuun dhaamaniiru.
Akkasumas Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Guumaay Kabajamoo Obbo Naziif Mohammed gama isaaniin, "Kallattiileen hojii yeroo itti aanuu kaa'aman hojii irra ooluun bu'aa qabatamaa fiduu qabna. Tokkummaa hoggansaa, hirmaannaa uummataa fi hojii mootummaa qindoominaan raawwachuun nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaadha," jechuun dhaamaniiru.
Dhuma irrattis hanqinoota adda baafaman saffisaan sirreessuuf kallattiin hojii yeroo itti aanuu kaa'amee, murteewwanii fi hojiiwwan kenname mara yeroo fi qulqullinaan hojii irra oolchuun hojii misoomaa fi nageenyaa bu'a qabeessa taasisuuf kallattiin ifaa tae koreewwan Qindeessitoota Aanichaatiin kaa'ameera.
"Misoomni fi nageenyi wal irraa hin citanu; qindoominaan hojjechuun milkaa'ina mootummaa fi uummata keenyaati."