18/10/2023
Wal hora warra keessanii
teessumni guddoon Shaggari
baabura yaabbadheen dhufa
na eegi yaa shamarmarii (X2)
Maree dhufeetan si ilaala
yaaddonkee natti cimee yaa gurbee
si argee wal fudhanneetoo
Jimma buuna ceenee Gibee
Hawweetuutti aara galfannee
Mattuuttii galla
Damma shoolee bashannanni har'a tolee
affeerraan laaqana ancootee
kaanee haa sochoone
gara Wallaggaa Naqamtee
Wal hora warra keessanii
teessumni guddoon Shaggarii
baabura yaabbadheen dhufa
naan jedhi yaa shamarmarii(X2)
Amboo sirriitti daawwachaa
galgala Finfinnee bulle
barii kaanee adeemneetoo gara Arsii Baalee (X2)
Odaa Madda Walaabuu jala
gaaddisa teenyee
aadaa keenya iyyu baranna seenaa
seenaa manguddoo gaafannee
Damma shoolee bashannanni har'a tolee
borus qophii guddaa qabna
kaanee haa sochoonu
nu eegdi ijoolleen Booranaa
Wal hora warra keessanii
teessumni guddoon Shaggari
baabura yaabbadheen dhufa
na eegi yaa shamarmarii
…..
Haloo Daawwee