Qubee TV

Qubee TV Qubee TV Is An Entertainment, Educational and News Media Established With A Great Vision To Be The Best In Ethiopia And East Africa.

Afaan Oromoo, Amharic, English and also Arabic is in our plan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad namoota 2f  muudama kennan.Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!Minist...
19/09/2025

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad namoota 2f muudama kennan.

Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad (PhD) Fulbaana 9, 2018 irraa eegalee hoggantoota lamaaf muudama kennan.

1ffaa. Iyyoob Takkaaliny (PhD) - Bulchaa Baankii Biyyaalessaa

2ffaa. Aadde Innaataalam Mallas – Sadarkaa Ministiraatiin Hoggantuu Tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa ta’uun muudaman.

Torbeen Tuurizimii Oromiyaa fulbaana 20-22 bara 2018 geggeefama.Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!Komishiniin Tuuri...
19/09/2025

Torbeen Tuurizimii Oromiyaa fulbaana 20-22 bara 2018 geggeefama.

Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!
Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa ibsa har'a hoteela Iskaay laayititti kenneen Torbeen Tuurizimii Oromiyaa fulbaana 20-22 bara 2018 kan geggeefamu ta'uu ibse.

Itti Aanaan komishineraa komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo torbee Tuurizimii Oromiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin sagantaa kana irratti agarsiisni oomishaaleefi tajaajila garaagaraa torbee Tuurizimii kanaan kan beeksifamu ta'uu ibsan.

Obbo Naggaan itti dabaluun torbee Tuurizimii kana irratti biyyoonni Afriikaa hedduun agarsiisa iddoowwaan Tuurizimii biyya isaanii kan dhiyeessan ta'u ibsuun xumurri sagantichaa bareeddu Tuurizimii Oromiyaa dorgomsiisuun kan goolobamu ta'u eeran.

Gama biraan sagantichi sadarkaa addunyaatti qabeenya uumamaa Oromiyaafi Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf keessummoonni goleewwan addunyaa iddoo garaagaraa irraa affeeramuun kan argaman ta'us ibsa.

Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaaritti gaggeeffama- Aadde Caaltuu SaaniiQubee TV (Fulbaana 19, 2025...
19/09/2025

Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaaritti gaggeeffama- Aadde Caaltuu Saanii

Qubee TV (Fulbaana 19, 2025 ), Finfinnee! Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffama jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Fooramichaan magaalonni muuxannoo isaanii kan itti waliif qoodan ta’uu dubbataniiru.

Fooramii Magaalaa Samaraa Loogiyaatti geggeeffamurratti magaaloonni 150 ni hirmaatuun eegama.

Magaalonni fooramicharratti hirmaatan hanga Fulbaana 30, 2018 galmaa’uun xumuruu akka qaban ibsaniiru.

Magaalonni filannoowwan garaagaraan fooramicharratti dammaqinaan akka hirmaatan Aadde Caaltuun waamicha dhiyeessaniiru.

Fooramichi Sadaaasa 6-10 2018tti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu addaan kutuuf yaada dhiyeesse.Qubee TV (Fulbaana...
19/09/2025

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu addaan kutuuf yaada dhiyeesse.

Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!
Komishiniin gamtaa Awurooppaa yaada daldala bilisaa Israa’el waliin qabu addaan kutuufi ministeerota Israa’el lama irrattis qoqqobbii kaa’uuf yaada dhiheesse.

kunis tarkaanfiiwwan hariiroo Israa’eliifi Gamtaa Awurooppaa irratti madaallii guddaa kan bakka bu’u ta'uun ibsame.

Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa voon deer Leyeen Roobii darbe yaada kana Mana Maree Gamtaa Awurooppaatti erga dhiyeessan booda, ''Taateewwan suukaneessaan guyyaa guyyaan Gaazaatti raawwatamaa jiran dhaabbachuu qabu,'' jedhan.

Itti dabaluunis "dhukaasa hatattamaan dhaabuufi gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee Gaazaa dhaqqabuu, booji'amtoota Hamaas kan qabaman hunda haala duree tokko male gadhiifamuu akka qaban dhaaman.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa irratti haleellaa lafoo erga jalqabanii guyyaa tokko booda yoo ta’uufi qorannoon Gamtaan Mootummootaa gaggeesse Israa’el duguuggaa sanyiitiin yakkamaa ta’uu ishee erga mirkaneessee boodadha.
Maddi:AS

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa qopheessuuf gaaffi dhiyeesite.Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!Itoo...
19/09/2025

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa qopheessuuf gaaffi dhiyeesite.

Qubee TV (Fulbaana 19, 2025) Finfinnee!
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa bara 2029fi 2031 keessaa tokko Qopheessuuf gaaffi dhiyeesite.

Kanaan walqabatee Qubee TV'n Deetaan Ministera Aadaafi Ispoortii Obbo Makiyuu Muhammad irraa odeeffannoo akka argatetti Itoophiyaan dorgomicha qopheessuuf bara dorgommii 2029fi 2031 keessaa tokko qopheessuuf gaaffi dhiyeessuu nuuf himan.

Kanaan walqabatee Deetaan Ministera Aadaafi Ispoortii Obbo Makiyuu Muhammad, hoggantoonni Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa Atleet Silashii Sihiiniifi kaneen biroo sagantaa muuxannoo waliif qooduu biyyoota fedhii shaampiyoonicha qopheessuu qabaniif qophaa'e irratti hirmaatan.

Hidhi Abbayyaa xumuramee eebbifamuun dhimma hojii dippiloomaasiif hiikaan inni qabu ol’aanaa ta'uu Ministeerri dhimma al...
18/09/2025

Hidhi Abbayyaa xumuramee eebbifamuun dhimma hojii dippiloomaasiif hiikaan inni qabu ol’aanaa ta'uu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Qubee TV(Fulbaana 18, 2025) Finfinnee!
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun dhimma hojii dippiloomaasiif hiikaan inni qabu ol’aanaa ta'uu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Ministeerri Dhimma Alaa dhimma yeroo irratti ibsa Miidiyaaleef kenne.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi wayita eebbifamu dureewwan biyyoota miseensa Kaaribiyaaniifi Gamtaa Afrikaa argamuun, tumsa isaanii kan ifatti mul'isee ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo himan.

Gama birootin Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Finfinneetti taa'ame, akkaataa gaarummaa biyyattii agarsiisuun raawwatamuu Ambaasaaddar Nabiyaat eeran.

Magaalli Finfinnee hirmaattota yaa’ichaa keessummeessuudhaan giddu galeessummaa Tuuriizimii ta'uu ishee mirkaneessiteetti jedhame.

Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni miseensa Kaaribiyaanis yaa’ii milkaa'aa Finfinneetti taa'uun xumuramuu Dubbii himtichi eeran.
Maddi: EBC

Dirgommiin "Miss Irreechaa"  Fulbaana 20 bara 2018 Magaalaa Bishooftuutti  adeemsifamaQubee TV (Fulbaana 18, 2025) Finfi...
18/09/2025

Dirgommiin "Miss Irreechaa" Fulbaana 20 bara 2018 Magaalaa Bishooftuutti adeemsifama

Qubee TV (Fulbaana 18, 2025) Finfinnee!
Dorgommiin bareedduu Irreechaa walta'iinsa Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufi Hoteelaafi Rizoortii Shananiin kan gaggeeffamu ta'uu koreen sagantichaa ibsa kenneen beeksiseera.

Ibsicharratti ittigaafatamuun Waajjira Aadaafi Turiizimii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Aadde Gannat Mokonnin akka jedhanitti; sagantichi Bishooftuutti gaggeeffamuun kabaja ayyaanichaaf siimboo dabalataa ta'a.

Abbaan qabeenya Hoteelaafi Rizoortii Shanan Obbo Boonaa Dabalees Irreecha qabeenya Oromoon qabu isa guddaa ta'uu himanii; Irreechi sadarkaa addunyaatti akka beekamuufi miidhaginnisaas ifee akka mul'atu taasisnee bareedduu Irreechaa sadarkaa Afrikaafi addunyaatti beeksisuu dandeessu uumuuf yaada kana maddisiisnee hojiitti seenneerra jedhan.

Qindeessituun sagantichaa Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa akka jedhanitti; Irreechi faaya, miidhaginaafi bareedina keenya kan ittimul'isnudha.

Ulaagaan dorgommichaa Bareedduu umriinshee waggaa 18-25 gidduu jirtu, waa'ee Irreechaa sirnaan kan beektu, duudhaafi aadaa sabichaa kan beektu ta'uu beeksisaniiru.

Galmeen har'a Fulbaana 8 bara 2018rraa eegalee kan adeemsifamu ta'uus himaniiru.

Iddoon galmee Bishooftuu, Hoteelaafi Rizoortii Shananitti yoo ta'u; bareedduun dorgommicha injifatte qarshii kuma 500, lammaffaan qarshii kuma 300fi sadaffaan qarshii 150,000 badhaafamuu jedhaniiru.

Saganticharratti Bareedduun Addunyaa yeroo ammaa Miss Hasseet Darajjee haasaa taasisteen sagantaan kun dubartootaaf carraa addaa kan uumu ta'uu ibsiteetti.

Irreechi bara 2018 Fulbaana 24 Hora Finfinneefi Fulbaana 25 Hora Arsadeetti kan irreeffatamu ta'uu Gumii Abbootii Gadaa ...
18/09/2025

Irreechi bara 2018 Fulbaana 24 Hora Finfinneefi Fulbaana 25 Hora Arsadeetti kan irreeffatamu ta'uu Gumii Abbootii Gadaa ibsan

Qubee TV (Fulbaana 18, 2025), Finfinnee!
Irreechi bara 2018 Fulbaana 24 Hora Finfinneefi Fulbaana akka irreeffatamu Gumiin Abbootii Gadaa ibsaniiru.

Gumiin Abbootii Gadaa ibsa miidiyaaleef kennaniin Irreechi bara kanaa Fulbaanaa 24fi 25 Hora Finfinneefi Hora Arsadiitti karaa aadaafi duudhaasaa ganamaa eegeen kan kabajamu ta'uu ibsaniiru.

Dabalataanis hanga Onkololeessa 30 bara 2018'tti Godinaalee Oromiyaafi naannolee ollaatti kan kabajamu ta'uu Gumiin Abbootii Gadaa ibsaniiru.

Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu eegala ‎Qubee TV(Fulbaana 18, 2025) Finfinnee!‎...
18/09/2025

Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu eegala

Qubee TV(Fulbaana 18, 2025) Finfinnee!
‎Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu akka eegalamu Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw ibsan.

‎Obbo Masfin pirojektiin Meeggaa kun indastirii aviyeeshinii Itoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru.

‎Ijaarsi pirojektichaa Tajaajila Geejjiba Xiyyaaraa Afrikaa irratti Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gumaacha taasisaa jiru daran akka guddisu himanii jiru.

‎Ijaarsa eegaluufis haal-dureewwan akka kontiraaktaroota filachuu, jiraachuu dubbataniiru.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad, Pirojektoota Meeggaa Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti eegaltu keessaa tokko ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu akka ta'e, Qaammee 4 Bara 2017 eebba Hidha Haaromsaa irratti beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Irreecha Bara 2018 mata duree Irrrecha "Bayyanachuu Biyyaatiif" jedhuun Kabajuuf hal-dureen qophii geggeeffamaa jiraachu...
18/09/2025

Irreecha Bara 2018 mata duree Irrrecha "Bayyanachuu Biyyaatiif" jedhuun Kabajuuf hal-dureen qophii geggeeffamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa beeksise

Qubee TV(Fulbaana 18, 2025) Finfinnee!
Waltajjiin marii ayyaana irreechaa bara kanaa ilaalchise Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi maanguddoota biyyaa hirmaachisuun magaalaa Bishooftuutti geggeeffamaa jira.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Jaamiilaa Sinbiruu,
ayyanni irreechaa dinagdee biyyaa keessatti gahee guddaa kan ba'atee fi qaroomina Oromoo addunyaatti kan mul'isedha jedhan.

Irreechaa bara kanaa adda kan godhu akka biyyatti injifannoo gurguddoon akka Hidha Haaromsaa wayita itti galmaa'ee fi gama haaromsa Aadaatiin hojiin guddaa wayita hojjatametti ta'uu ibsan .

Ayyaana Irreechaa bara kanaa kan durii caalaa karaa Aadaa, Duudhaafi Tokkummaan isaa eegameen kabajamuu akka qabus adde jamiilaan dhaamaniiru.

Waltajjicha irratti Waraqaan qorannoo kabaja Ayyana irreechaa 2018 ilaalchishee dhihaachuun irratti mari'atamaa jira.

17/09/2025

Eebba Kitaaba 'Mootummaa Ida'amuu' Irratti ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qubee TV posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qubee TV:

Share

Category