Qubee TV

Qubee TV Qubee TV Is An Entertainment, Educational and News Media Established With A Great Vision To Be The Best In Ethiopia And East Africa.

Afaan Oromoo, Amharic, English and also Arabic is in our plan

11/09/2026

Yeroo Biiroo Qubee TV irratti Saamichi Raawwatamu.

Hubachiisa
Namoonni Nama Suuraa kana irratti argitan beektan eeruu nuuf akkasumas qaama seeraaf kennaa!!
Ethiopian Federal Police

Bara Haaraa 2019 sababeeffachuun agarsiisa Diiroonii gaggeeffamaa jiru Suuraan
10/09/2026

Bara Haaraa 2019 sababeeffachuun agarsiisa Diiroonii gaggeeffamaa jiru Suuraan

07/09/2026

"Oromoo Miti Naan jedhan" Obbo Juuneydii Saaddoo

07/09/2026

Ibsa Miidiyaa Sirna Geggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinesh Qannoo

Sirni Awwaalchaa Gootittii Artisti Ilfinesh Qannoo boru Ambootti raawwatama.Sirni Awwaalchaa Gootittii, qabsooftuu mirga...
07/09/2026

Sirni Awwaalchaa Gootittii Artisti Ilfinesh Qannoo boru Ambootti raawwatama.

Sirni Awwaalchaa Gootittii, qabsooftuu mirga Namoomaa Artisti Ilfinesh Qannoo dhaamoo ishee bu’uura godhachuun boru Magaalaa Ambootti raawwatama.

‎Sagantaan gaggeessaa Reenfa ishees ‎ boru sa’aatii 11:00 hanga 12:00 Hospitaala Koriyaarraa gara Mana jireenya isheetti gaggeeffamaa.
Sa’aatii ‎12:00 hanga 1:00 mana jireenyaasheerraa gara Isteediyemii Finfinneetti gaggeeffamaa.
Sa’aatii ‎ ‎1:00 hanga 3:00 Istaadiyeemii Finfinneerraa gara magaalaa Ambootti gaggeessaan gootaa akka taasifamuuf koreen sagantichaa ibseera.

Hawaasni Magaalota Oromiyaa Finfinneefi Amboo gidduu jiranis wayita reenfi gootittii isaan biraan darbu bahanii simachuun gaggeessu jedhame.

Artistii Gameettiin Oromoo kun yeroo lubbuun jirtu gaafan addunyaa kanarraa godaanu awwalli koo Amboo naaf haa ta’u jettee akkuma dhaammatteen koreen sirna gaggeessaasheef hundaa’es dhaamooshee kanaan awwalchi ishee Amboo akka ta’u murteesse.

Finfinnee irraa gara Amboo sa'aatii 3 irraa eegalee.Sirni awwaalchaa Artist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti waan gegge...
07/09/2026

Finfinnee irraa gara Amboo sa'aatii 3 irraa eegalee.

Sirni awwaalchaa Artist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti waan geggeeffamuuf geggeessaan magaalaa Finfinnee istaadiyeemii Finfinnee sa'aatii 3'n akka Xumurameen gara Magaalaa Ambootti ni geggeeffama.

Sirni geggeessaa Artist Ilfinash Qannoo akka magaalaa Finfinneetti Dirree Kubbaa Miilaa magaalaa Finfinneetti bor sa'aat...
07/09/2026

Sirni geggeessaa Artist Ilfinash Qannoo akka magaalaa Finfinneetti Dirree Kubbaa Miilaa magaalaa Finfinneetti bor sa'aatii 1 hanga 3ti geggeeffama.

Sirna geggeessaa Artiistii Ilfinash Qannoo ilaalchisee koreen sirnichaa ibsa miidiyaaleef kennaa jira
07/09/2026

Sirna geggeessaa Artiistii Ilfinash Qannoo ilaalchisee koreen sirnichaa ibsa miidiyaaleef kennaa jira

Artiistii qabsooftuufi Gameettiin Ilfinash Qannoon boqotteArtiistii qabsooftuu fi Gameettiin Ilfinash Qannoon dhibee ish...
06/09/2026

Artiistii qabsooftuufi Gameettiin Ilfinash Qannoon boqotte

Artiistii qabsooftuu fi Gameettiin Ilfinash Qannoon dhibee ishee muudateen yaalamaa turuun har’a addunyaa kanarraa du’aan boqotte.

Artiistiinn jaalatamtuun Illfinash Qannoon waggoota hedduudhaaf sirbaafi walaloosheedhaan mirga Oromootiif falmaa turte.

Artiisti Ilfinash dubartoota Oromoo qabsoo uummataa keessatti meeshaa aartiifi sagaleedhaan gahee olaanaa taphatan keessaa adda duree turte.

Mallattoo gootummaafi cimina dubartii Oromoo kan taate, Ilfinash Qannoon Godina Wallaggaa Bahaa naannoo magaalaa Naqamtee bakka Sibuu Guutoo jedhamtu kan dhalatte.

Bara 1969 qabsootti makamtee achumaan hojii aartii akka eegalte.

Waggoota dheeradhaaf biyya Noorway magaalaa Bergen jiraata turte. Yeroo dhihoo as gara Itiyoophiyaatti deebitee dhukkubsattee Hospitaala Kooriyaa keessatti wal'aanamaa turuu ishee ragaaleen ni mul’isu.

Walakkaa jaarraaf aartiin qabsaa’aa kan turte Artist Ilfinash Qannoon boqochuu hordofee, Artistoota, namoonni siyaasaafi miiltoowwan hojiishee gadda isaanii ibsachaa jiru

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qubee TV posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qubee TV:

Shortcuts

Share

Category