Horn Of Africa

Horn Of Africa Committed for true information

‎  ‎‎Maanguddoon Oromoo kan garee agarsiisa Goobee gidduu seenanii geerasa gootummaa, jaalala biyyaafi Oromummaa ibsuun ...
14/09/2025



‎Maanguddoon Oromoo kan garee agarsiisa Goobee gidduu seenanii geerasa gootummaa, jaalala biyyaafi Oromummaa ibsuun miidiyaa hawaasaa gubbatti uummata hedduu garaa raasan Kaaba Shaggar Salaale Aanaa baadiyyaa keessa kan jiraatan yoo ta'an akka isaan gargaaraman ilmaan Oromoo isaan argan hundi nuuf iyyaafadhaa akkuma jedhan ijoollen teenna maanguddoo kana faana dhahanii magaalaa fidaa jiru.

‎Maanguddoo onneen sibiilaa kan dhaloonni barnoota guddaa irraa argatan kana Oromoon hunduu waan dandeenyuun deeggarsa goonee uuffata isaanii irraa jijjiiruu bira dabarree jiruu isaanii irraa jijjiiruu qabna. Warri miidiyaa immoo maanguddoo kana gara miidiyaatti nuuf dhiheessaa.

‎ ‎‎ ‎‎ Sagantaan jalqabsiisa Tajaajila Lamummaa qindoomina Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Waajjira Aadaafi Tuuriz...
28/08/2025





‎ Sagantaan jalqabsiisa Tajaajila Lamummaa qindoomina Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Waajjira Aadaafi Tuurizimii Magaalaa Shaggar waliin Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti gaggeeffame.

‎Bara kana akka Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Kennaan Tajaajilaa lamummaatiin Kunuunsi Ardaalee jilaa 22 tilmaamaan qarshii miiliyooana 300 ol, Meeshaaleen mana Murtii Aadaa maallaqa miiliyoona 45 oliifi Kitaabota Miliyoona 1fi kuma dhibba lamatti kan tilmaama qarshii miiliyoona 480 hojjatamuuf kan karoorfame ta'uu sagantaa jalqabsiisa kanarratti ifoomeera.

‎Kenni Tajaajilaa duudhaafi Aadaa wal gargaarsaa uummataa Oromoo waan ta'eef hojii yeroo tokko hojjatamee hafu osoo hin taane itti fufiinsaan hojii hojjatamuu qabu ta'uu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Daarektoreetin Daarektara obbo haasawa taasisaniin ibsaniiru.

Magaalaa Yaaballootti murtii mootummaan naannoo Sumaalee Moyyaalee irratti dabarse mormuun hiriirri mormii lafa bahuun s...
27/07/2025

Magaalaa Yaaballootti murtii mootummaan naannoo Sumaalee Moyyaalee irratti dabarse mormuun hiriirri mormii lafa bahuun sagalee isaanii dhageessisaniiru.

Pirezidaantii Oromiyaa duraanii obbo   daangaa Oromiyaa kabachiisuufi Oromoo barnoota, diinagdee, magaalaa akka galu hoj...
26/07/2025

Pirezidaantii Oromiyaa duraanii obbo daangaa Oromiyaa kabachiisuufi Oromoo barnoota, diinagdee, magaalaa akka galu hojii yoomuu seenan hin irraanfanne hojjatan.

Kabajamoo obbo Abbaa Duulaa bara humnaan daangaa Oromiyaa cabsuun Oromiyaa weeraruuf yaalte humna nageenyaa Oromiyaa qindeessuun ofii hidhatee lolee daangaa Oromiyaa kabachiise.

Karoora dhokataa wayyaaneen Finfinnee babal'istee dachee Oromoo saamuu daangaa itti horuuf Finfinneetti marsee Godina Addaa Naannawa Finfinnee akka hundaa'u gochuun Finfinnetti daangaa itti tolche.

Oromoon Finfinneefi magaalota gurguddoo Oromiyaa keessatti mana ijaaratee akka jiraachuu danda'u haala mijeessee lafti itti mana ijaaratan akka kennamuuf gochuun Oromoo magaalatti galchaa ture.

Daangaan Oromiyaa akka hin saamamne bar bulchiinsa wayyaaneetti goota of kennee hojjachaa tureedha.

Dhaloonni baratee Oromoofi Oromiyaa akka ijaaru dhaloota barnootaan qaruuf mana barumsaa bultii addaa ijaarudhaan barattoota bifa addaan qaraa ture.

Hedduu nama gaddisiisa Naannoo  Affaar Aanaa Daalol keessatti balaa ibiddaa mudateen manneen   1 fi 805  ibiddaan barbad...
18/07/2025

Hedduu nama gaddisiisa

Naannoo Affaar Aanaa Daalol keessatti balaa ibiddaa mudateen manneen 1 fi 805 ibiddaan barbadaa’aniiru Balaan kun Ganda Badaa-Admuruug keessatti manneen daldalaa 600, manneen nyaataa 950, fi manneen jireenyaa 255 guutummaatti barbadeesseera.

Rabbiin balaa hamaa akkanaa namarraa haa qabu.

  ለአየር ንብረት ለውጥ ተጋላጭ የሆኑ በድርቅ የሚጠቁ አካባቢዎች ላይ የመጠጥ ውሃ የማዳረስ ስራ ተጠናክሮ እንደሚቀጥል ተገለጸ፡፡ጥልቅ ውሃ ጉድጓድ ቁፋሮ ለማከናወን ከዛኪር ጠቅላላ ኮንስትራ...
14/07/2025



ለአየር ንብረት ለውጥ ተጋላጭ የሆኑ በድርቅ የሚጠቁ አካባቢዎች ላይ የመጠጥ ውሃ የማዳረስ ስራ ተጠናክሮ እንደሚቀጥል ተገለጸ፡፡

ጥልቅ ውሃ ጉድጓድ ቁፋሮ ለማከናወን ከዛኪር ጠቅላላ ኮንስትራክሽን ድርጅት ጋር የውል ስምምነት ተፈራርሟል፡፡

የውሃና ኢነርጂ ሚኒስቴር የመጠጥ ውሃና ሳኒቴሽን ዘርፍ ሚኒስትር ዴኤታ ክቡር አምባሳደር ዶ/ር አስፋው ዲንጋሞ ለአየር ንብረት ለውጥ ተጋላጭ የሆኑ በድርቅ የሚጠቁ አካባቢዎች ላይ የመጠጥ ውሃ የማዳረስ ስራ ተጠናክሮ እንደሚቀጥል ጠቅሰው፤ የጥልቅ ውሃ ጉድጓድ ቁፋሮ ስራው በአጭር ጊዜ በጥራት እንደሚጠናቀቅ ያላቸውን እምነት ተናግረዋል፡፡

ሚኒስቴር መስሪያ ቤቱም አስፈላጊውን ድጋፍና ክትትል እንደሚያድግ ገልጸዋል፡፡

የዛኪር ጠቅላላ ኮንስትራክሽን ድርጅት ዋና ስራ አስኪያጅ አቶ መሃመድ ሀሰን በበኩላቸው ቁፋሮውን በተቀመጠለት የጊዜ ገደብ በማጠናቀቅ ስራውን እንደሚያስረክቡ ተናግረዋል፡፡

ከ144 ሚሊዮን ብር በላይ ወጪ የሚደረግበት የጥልቅ ውሃ ጉድጓድ ቁፋሮ ስራ በአራት ወር ከግማሽ የሚጠናቀቅ ሲሆን፤ በሳልሃድ ወረዳ ሁለት ጥልቅ የውሃ ጉድጓዶች እና በዱሁን ወረዳ ሁለት ጥልቅ የውሃ ጉድጓዶች የሚቆፈሩ ይሆናል፡፡

ፕሮጀክቱ በብሄራዊ የዋን ዋሽ ሮግራም የባለብዙ መንደር ለአየር ንብረት ለውጥ የማይበገር ፕሮጀክት አከል ነው።

የማማከር ስራውን ሚሊኪ ኮንሰልቲንግ እንደሚያከናውን ለማወቅ ተችሏል፡፡

Aadde   hooggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa tahuun erga hojjachuu eegalanii hojii boonsaa aadaa, Seenaa, duudh...
13/07/2025

Aadde hooggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa tahuun erga hojjachuu eegalanii hojii boonsaa aadaa, Seenaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo guddisuu keessatti hooggansa gahumsa, itti gaafatamummaa guddaa qabuun gaggeessaa jiraniin jijjiirama dinqisiisaa fiduu danda'aniidha.

Gama biroon imaamata mootummaan jijjiiramaa diinagdee damee Tuurizimii guddisuuf qabate milkeessuudhaaf Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa keessatti dadammaqiinsa guddaa uumuudhaan hojiin jajjabeessaan misooma Tuurizimii Oromiyaa guddisuu danda'u akka hojjatamu hojii guddaa nama hojjachaa jiraniidha.

Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Sirna Oromoo bakkatti deebisuuf akkuma hojjachaa jiru, Yaa'ii Gadaa Arsii Sikkoofi Mandoo akka milkaa'u hojii boonsaa hojjataniif galata guddaa uummata Arsii irraa qabdu waan ta'eef ulfaadhaa isiniin jenna.

Magaalaa Finfinnee keessatti daandiiwwan halkaniif guyyaa hojjachuun kan miidhagsan hojjattoota Abbaa Taaytaa Daandiwwan...
09/07/2025

Magaalaa Finfinnee keessatti daandiiwwan halkaniif guyyaa hojjachuun kan miidhagsan hojjattoota Abbaa Taaytaa Daandiwwan magaalaa Finfinnee yoo ta'an hojii guddaa aarsaa guddaa kaffaluun milkaa'ina olaanaa argamsiisuu danda'eef kabajamtuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde beekkamtiifi badhaasa kennuun galateeffataniiru.

Iccitii milkaa'ina imala Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee keessaa tokko kantiibaa aadde Adaanech Abeebeefi hooggansi magaalichaa hojjattoota boqonnaa malee jijjiiramaaf hojjatan jajjabeessuufi galateeffachuu yoo ta'u badhaasni guyyaa har'aa kunis qaama imala Badhaadhinaa eegalame cimee akka itti fufuuf daranuu onnachiisuuti.

Sagantaa kanarratti aadde Adaanech Abeebee "Hojjechuun Kabaja; Bu'aa Argachuun Badhaasa!" jechuun magaalaa Finfinnee sadarkaa addunyaatti dorgomtuu taasisuuf 24/7 amanamummaa fi ciminaan akka hojjatan dhaamaniiru.

Akkasumas, Qulqullina guddisuun, qisaasama dhabamsiisuudhaan, saffisa dabaluudhaan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf caalaatti hojjechuun barbaachusaa ta'uu ibsaniiru

Arsiin Adoolessa 5fi6 jila guddaa qaba. Seenaa keessatti jilli Arsii keesssatti gaggeeffamu Oromoo maraaf fala akka ta'e...
09/07/2025

Arsiin Adoolessa 5fi6 jila guddaa qaba. Seenaa keessatti jilli Arsii keesssatti gaggeeffamu Oromoo maraaf fala akka ta'e hayyoonni ni himu. Gaafa diinni Oromoo cabsuuf itti duulu Oromoon gola hundaa walitti bahee kan Gadaa isaa haareffate lafa Arsii . Gaafa diinni tokkummaa Oromoo cabsuuf itti duule Oromoon lafa Arsii wal ga'ee waadaa isaa haareffatee muslimaafi kiristaana jennee adda hin baanu jedhee tokkummaa isaa itti haareffate.

Seenaa keessatti jilli Arsiin gaggeessuuf guyyaa qabatee qophiirra jiru cabiinsafi laafina sirna Gadaa Oromoo booda sirna bal'aafi guddaadha jedhamee eeggama jira. Sirni kunis labsiiwwan gurguddoo dabarsa jedhamee eeggamaa jira. Sirni guddaan kun kan Oromoo hundaaf furmaata fidee dhufu, tumaafi lallabni ilmaan Arsee baha Afrikaaf furmaata fidee akka dhufu hayyoonni ibsaa jiru. Jila waan dhiibbaa bara dheeraan dabeefi jallate itti sirreeffatu, dhaamsa dhalootaf taatu itti dabarsu, nagaafi tokkummaa sabaa fi biyyaaf Waan bu'uuraa itti labsatuudha.

Maarree Waaqni guddichi Oromtichaa jila milkii nuuf haa godhu, jila falaafi furmaataa nuuf haa tahu jenna.

  seenaa hojjatteMagaalaa Finfinnee keessatti bara baajataa 2017 qofa Pirojektoonni   15,960 ol ijaaramanii xumuramuun g...
05/07/2025

seenaa hojjatte

Magaalaa Finfinnee keessatti bara baajataa 2017 qofa Pirojektoonni 15,960 ol ijaaramanii xumuramuun guyyaa boruu irraa eegaluun eebbifamuun tajaajila uummataa akka eegalan hooggantuun Biiroo koominikeeshinii Magaalaa Finfinnee aadde Innaat-Alem Mallasaa ibsitee jirti.

Mootummaan badhaadhinaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuufi imala badhaadhinaa gochaan mirkaneessuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjachaa jiru yoo ta'u, bulchiinsi magaalaa Finfinnee karoora imala badhaadhinaa biyya teenyaa qabame milkeessuu adda durummaan dursuun hojii dinqisiisaa qulqullina olaanaadhaan hojjachuu irratti argama. Bu'uuruma kanaan pirojektoota tajaalila uummataa mirkaneessuudhaaf ijaaraman keessaa daandii, bishaan, misooma mana jireenyaa, iddoo hojii, dirree ispoortii dargaggootaa, misoomni iddoo magariisaafi pirojektoonni biroo hawaasaaf faaydaa guddaaql qaban keessatti argamu.

Pirojektoonni kunneen baajata mootummaa birrii biiliyoona 91, hirmaannaa hawaasaan ammoo birrii biiliyoona 4 oliin kan hojjatamaniidha. Kun seenaa addaati.

Gaggeessummaan dubartii qabatamatti bu'aa olaanaa argamsiisuu akka danda'u hooggansa gahumsa olaanaa gootittii aadde Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ irraa barachuun ni dabda'ama.


  Itoophiyaan oomisha gaazaa xumuruun  ji'oota muraasa keessatti boba'aa ykn gaazii gara biyya alaatti akka ergitu gooti...
03/07/2025



Itoophiyaan oomisha gaazaa xumuruun ji'oota muraasa keessatti boba'aa ykn gaazii gara biyya alaatti akka ergitu gootichi Hoogganaan biyyaa hiyyummaa waraanuu irratti bobba'e Kabajamoo MM Dr Abiy Ahmed Ali ibseera.

Gootichi ilmi Abbaa Gadaa hojiin ijaarsa gaazii baasuu naannoo Sumaalee keessatti ture guutumaan guututti xumuramuun ji'oota muraasa booda ni eebbifama.

Uummanni Itoophiyaa baga gammaddan

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Horn Of Africa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share