26/03/2026
“Dorgommiin Aartii Sarkaasii yeroo jalqabaaf qophaa’ee gaggeeffamaa jiru kun hojii haaromsa aadaafi aartii keessatti tarkaanfii guddaa akkasumas seenaa qabeessa. Kun jalqaba qofa osoo hin taane, kallattii egeree aartii sarkaasiifi guddina aadaa keenyaa akeekuudha.
Aartiin calaqqee eenyummaa saba tokkoo waan ta’eef, kunuunsuun, haaromsuufi dagaagsuun dirqama dhaloota har’aa ti. Dorgommiin kunis aadaa keenya dagaagsuu, duudhaalee keenya olkaasuufi dhalootaaf bifa ammayyaan dabarsuuf shoora olaanaa qaba.
Akkasumas, sagantaan kun dargaggoota keenyaaf carraa dandeettii isaanii itti mul’isan, itti guddatanfi gara sadarkaa olaanaatti itti ce’an uumuun bu’aa guddaa qaba. Aartiin sarkaasii dandeettii, jabinaafi ogummaa walitti makuu waan ta’eef, akka damee aartii tokkootti xiyyeeffannoo addaa argachuun isaa jajjabeessaa dha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii haaromsa aadaafi aartii cimsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Dorgommiin akkanaa babal’achuufi itti fufuu qaba; kanaaf immoo qaamoleen mootummaa, hawaasni fi deeggartoonni hundi gahee isaanii bahuun murteessaa dha.
Walumaagalatti, sagantaan kun aadaa keenya dagaagsuu, tokkummaa keenya cimsuu, biyya keenya gara Olka'iinsaatti ceesisuu, fakkeenyummaa biyyaa agarsiisuuf bu’uura jabaa kaa’a. Kanaaf, hojii kana waliin tumsinee cimsuun dirqama keenya waloo dha.”
Haasawaa guyyaa har'aa Sagantaa saaqinsa sarkasii gaggeeffame irra Kab. Aadde Jemila Sinbiru Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa taasisan keessaa fudhatame.