15/11/2024
Walaloosaa👇
Yaa biyya lafaa
Yesuus mi'aa baatee siif dhufnaan
atimmoo hadhooftuun simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Yaa biyya lafaa
Yesuus nagaa baatee siif dhufnaan
atimmoo waraansaan simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti kutuukee.
silaa atuu naaf diinawoo naaf loltaare,
Yesuusiifuu hin tollee naaf toltaaree.
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti kutuukee.
Silaa atuu naaf diinawoo naaf loltaare,
Yesuuskoofuu hin tollee naaf toltaaree
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.
01
Daandii bal'aa kankeerra hin imaluu
Ibiddatti ol galcha balballikee,
Tisiisarraa maalan damma eegaa
Si'ooliin badhaasawoo galgallikee.
Irrikee kuulamaa keessaan summii
Walii hin galu hojii keen an sin morma,
Firummmaa walii hin qabnu hin qabaanus
Amman sirraa sokkutti an siif Orma.
Na miti kan si garboomu
Miidhaginakee darbuufii,
sirraan godaanaa gaaf tokko
Biyya koo dhaqee arguufi.
Na miti kan mookfamu
bareedinakee darbuufii,
sirraan godaana gaaf tokko
Yerusaalemiin arguufi.
Mandara qulqullittii waaqayyo bira
bantii waaqaa keessaa,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
lakki hin dogoggorre karaan amma qaphes
Achitti na geessaa.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Magaalaa kuulamtuu harki gooftaa Ijaaree
Waan maraan qajeeltuu,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Biyyicha Yaadacha Jaaraa jumburiikee
Garaan nan kaajeeltuu.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.