28/11/2024
MANAA ISAA TA'UUN BARBAADA
-------------------------------------------------------------------
Guyyaa Tokko Barsiisaatu barattoota isaa waan gara fuladuraatti ta’uu barbaadan isaan gaafata jedhama.
Innis barattoota isaa dabaree dabareedhaan waamee mult’atni gara fuulduraatti isaan qaban maal akka ta’e gaafachuu isaa fufe.
Barattoonnis akkuma dabareen isaan ga’een hunduu wanta ta’uu fedhu ni himata ture: Haaluma kanaan, inni kaan, Doktarii, Kaan Piroofeesarii, Kaanis Xiyyaara balaliisuu akka hawwan ni himatu turan.
Booda irra gurbaan tokko dabareen isa geenyaan, deebii barsiisaan hin eegene deebiseef. Innis akkas jedhe, “ani hawwiin koo daldalaa beekamaa fi badhaadhaa ta’uun fedha” jedhe barsiisaadhaan. Barsiisaanis ajaa’ibsiifachuudhaan maaliif akka daldalaa ta’uu akka inni barbaade isa gaafate. Baratichis maallaqa baay’ee horachuuf akka isa dandeessisuu fi maallaqa horate sanaan immoo yoo barbaade Paaris, Dubaayi, fi k.k.f deemee bashannanuu akka fedhu dubbate.
Xumura irratti kan hafte dabareen intala tokko qaqqabnaan, isheenif booda irratti maal ta’uu akka feetu gaafatamte. Isheenis akkas jechuudhaan deebiste, “Ani Haadha manaa gurbaa kanaa ta’uun fedha” jettee deebisteef.
Mul’atni keessan borii kan namaa irratti ijaaramee jiraa????