24/08/2026
Obboleessi keenya artiistii hagaftichi ABDII BUUH boqotee gara aakiraa deemuu isaatiin gaddi guddaan natti dhgayamee jira. Artiist Abdii Buuhu artiistota Afran Qalloo hangafoota keessaa tokko ture.Abbaa ogummaa hedduuti. Wallisaadha,walaleessaadha,taphataa meeshaa muuziiqaati. Sagalee addaati qaba. Yedalooleen inni baase hundi baayee babbareedoodha.
Gaafa dargaggummaa hedduu wajjiin hojjanne.
Sirba YAANNI KOO GAMA KEE jedhu walaloo isaa ani Mahammad Qophe barreesse isaatu yedaloo bareedaa san itti baasee wallise.sirba hedduu jaalatamaadha. Artiistoonni baayyeen wallee anaafi inni qopheessine kana jaalatnii wallisaa turan. Akasumas wallee SITTI HIN KIJIBU SOBAAN SI HIN FAARSUU YOO HAALAA BIFAA TAKKA SIN GEEYSUU BOONTUU OROMOO TAKKA SI HIN GEEYSUU jettu ani walaloo barreessee inni yedaloo jaalatamaa itti baasee wallisaa ture dhaloota biratti baayyee jaalatamaadha. sirboota akka shaggooyee amma leelee wayyaay leele naannoo, burtukaana bilchoo yaa kan fannoo jiruu maaf akkana yaaddaa rizqii Rabbiin hiruu,haajaatoo sittiin haajamee jedhuufi sirboota hedduu ani barreessse inni wallisee jira.
Abdii Buuh sirboota Abuubakar Muussaa barreessee fi ofii isaatiif qopheesse jaalatamoo hedduudha wallise.isaan keessaa na laali siin laalaa yaa shankoora aalaa,yaa bareedduu Dirree Dhawaa,Numa deemaa guyyaan numa deemaa, silaa oliin deemaa qayraan dadhabee,jia jaalallaa na keessaan bahee,yaa biyya too, amma niin yaadadhaa gaafaan ani joollee jedhaniifi sirboota baayyee dhalootaaf gumaachee jira. Siroota qabsootiis wallisee jira. Siboota suudaaniifi sumalee wallisee jira. Abdii Buuh qabsaawaadha.ummata keenyaaf quuqama qabuu fi sirboota isaatiin gumaacha
Keneef bara Dargii hidhamee ture, biyyaa baqachuufiis dirqamee ture.
GARUU AKKA HOJII ISAATTI HIN DHAADHEEFFAMNE, BEEKAMTII FI FAYIDAA JIREENYA ISAA JIJJIIRU HIN ARGANNE.Haala kanaan addunyaarraa godaanuun isaa gadda keenya dachaa taasisa.Maatii isaa qubaqaachuufi deeggaruun dirqana keenya fahuu qaba.Haati warraa isaa aaddee qabuulaaniis gaafa joollumaa isii artiistii turte.
Abdii Buuh gara aakiraa deemuus hojii gaarii hin dulloomneefi hin duuneen bara baraan yaadatamaati jiraata.
Rabbii guddaan jannataan haa
qananiisu!!!