TV MO'AA

TV MO'AA TV.MO’AA JIREENYA MO’IICHAAF
(1)

06/09/2025

Turtii Prezidaantii WKWWMYI Luba /Doktar YoonaasYiggazuu Waliin taasisne guyyaa Ayyaana Bara Haaraa Tv Mo'aan nu Eegaa !

05/09/2025

Yeroon Akka sitti hin darbineef ....! -Luba/Prof Gammachiis Dastaa

Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf Leenjiin kennameLeenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromi...
05/09/2025

Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf Leenjiin kenname

Leenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf kenname kun “Naamusaafi Gahee Paablik Sarvaantiin Badhaadhina Milkeessuu Keessatti Qabu” mata duree jedhu irratti kan kennameedha.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, xumuura leenjii kanaa irratti argamuun hojjettoota gidduutti tokkummaan, miirri tajaajila si’eessuufi kaka’uumsi hojii akka jiraatuuf waloomaan waltumsanii milkaa’ina hojiif aadaan waliin hojjechuu jiru akka dagaaguuf, Bara Haaraa sababeeffachuun hojjettoota 27f deeggarsa meeshaalee nyaataa taasisanii jiru.

Guutuusaaf 👇👇

  Leenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf kenname kun “Naamusaafi Gahee Paablik Sarvaantiin Badhaadhina Milkeessuu Keessatti Qabu” mata duree jedhu irratti kan kennameedha. Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, xumuura leenjii kanaa irratti argamuun hojjet...

Dubartii Ta'uun Nama Cimsa ! - Beeruut Asaffaa- Ogeettii Mo'aa
05/09/2025

Dubartii Ta'uun Nama Cimsa ! - Beeruut Asaffaa- Ogeettii Mo'aa

SAGANTAA KEENYA YEROO HUNDA ARGACHUUF FUULAA FACEBOOK KEYNAA LAYIIK GODHAA. 👇👇👇https://www.facebook.com/MOAATVCHA...

Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad hoggantoota dhaabbilee nageenyaa Itiyoophiyaa waliin marii taasisaniiru.Ministirr...
05/09/2025

Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad hoggantoota dhaabbilee nageenyaa Itiyoophiyaa waliin marii taasisaniiru.

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ergamni ijoo dhaabbilee nageenyaa RDFI guutuu biyyaatti nagaa cimsuudha jedhaniiru.

Ergamni dhaabbilee nageenyaa inni jalqabaa nagaa buusuu akka ta’e, kunis “haala dandeessistuu fi qaama badhaadhina Itiyoophiyaa” ta’uu fi Tattaaffii ummanni taasisaa jiru aadaa fi duudhaalee isaanii kan irraa kan madde ta’uu hubachiisun, “gaheen dhaabbilee nageenyaa bakka bu’aa kan hin qabne” ta’uu Dr. Abiy himaniiru.

Guutuusaaf 👇👇

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ergamni ijoo dhaabbilee nageenyaa RDFI guutuu biyyaatti nagaa cimsuudha jedhaniiru. Kana ilaalchisee mariin qaamolee nageenyaa waliin taasifamaa ture har’a xumuramuusaa ibsaniiru. Ergaan ministirri muummee dabarsan akka armaan gadi...

Waajjiri Investmentii fi Industirii Magaalaa Shaggaris galma akka Magaalaatti qabamee fi  karoora bara 2018 irratti mari...
05/09/2025

Waajjiri Investmentii fi Industirii Magaalaa Shaggaris galma akka Magaalaatti qabamee fi karoora bara 2018 irratti marii taasise

Mo'aa: (Sep 5 . 2025) Finfinnee

Wajjiri Investment fi Industirii Magaalaa Shaggaris galma akka Magaalaatti qabamee fi karoora bara bajatichaa keessatti qabame milkeessuun akka danda'amuuf hojjettootaa Waajiraa fi Dursitoota Garee Investimentii sadarkaa Kutaalee Magaalaa waliin kallattii karoora bara 2018 irratti marii taasiseera.

Marichaan sochii hojii hanga ammaa jiru qorachuun ciminoota galmaa'an itti fufsiisuu, hanqinoota adda bahan jijjiiruun bu'aa caalmaa fiduuf kallattiin kaa'ameera.

Marii kanaanis sadarkaa hundatti akkataa bu'a qabessummaan investment akka mirkanaa'uuf hordoffii fi deeggersa cimaa wal irra hin cinne gaggessuun akka barbaachisu mari'atameer. Xumura irrattis sanadni walii galtee mallatteeffameera.

Maddi:- Komnikeeshinii Magaalaa Shaggar

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/+G-nW09yKGddkOTI0
Youtube; https://www.youtube.com//videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Humna Galaanarraa US, Humna Lafoo US, Humna Qilleensaa fi Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa badhaasa addaa argateet...
04/09/2025

Humna Galaanarraa US, Humna Lafoo US, Humna Qilleensaa fi Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa badhaasa addaa argateetti.

Gootittiin Kun Eenyu? Itti Dhiyaadhaa
👇👇

Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna Galaanarraa US, Humna Lafoo US, Humna Qilleensaa fi Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa badhaasa addaa argateetti. Bara 1950’moota keessa ammoo loltoota Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf UN jalatti gara Kooriyaatti erg...

Dooktar Abiy Ahimad sosochii hojii oomisha diroonii ‘AEROABAY’ daawwatanMo'aa: (Sep 4 . 2025) Finfinnee Ministirri Muumm...
04/09/2025

Dooktar Abiy Ahimad sosochii hojii oomisha diroonii ‘AEROABAY’ daawwatan

Mo'aa: (Sep 4 . 2025) Finfinnee

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa sosochii hojii oomisha diroonii ‘AEROABAY’ daawwatanii jru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana akka jedhanitti, utubaawwan biyya tokko dhaaban keessaa jijjiiramni diinagdee tokko ta'uu eeranii, Riifoormii yeroo amma eegalameen daldalli al-ergiis ta’ee kan alaa galu sadarkaa olaanaan guddachaa jiraachuu, magaalonni ammayyaa’aa jiraachuu, piroojektoonnis qulqullinaafi ariitiin hojjetamanii xumuramaa akka jiran ibsuu isaanii FMCtu gabaase.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/+G-nW09yKGddkOTI0
Youtube; https://www.youtube.com//videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Mo'aa: (Sep 4 . 2025) Finfinnee Yaa'iin Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa marsaa 5ffaa gaggeeffameyaa'iin Abbootii Alang...
04/09/2025

Mo'aa: (Sep 4 . 2025) Finfinnee

Yaa'iin Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa marsaa 5ffaa gaggeeffame

yaa'iin Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa marsaa 5ffaa mata duree "Haqaaf haqaan hojjenna" jedhuun Magaalaa Finifinnee galma injifannoo Adwaatti gaggeeffamee jira.

Yaa'ii kanarratti Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo,kaayyoon yaa'iichaa naamusaafi ogummaan abbootii alangaa akka dagaagu gochuun sirna haqaa fooyyeessuuf ta'uu ibsaniiru.

Biirichi seera yakkaafi imaammata sirna haqaa kabachiisuu, mirga namoomaafi bilisummaawwan bu'uraa lammiiwwanii kabajuufi kabachiisuu, dantaa Mootummaafi ummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa si'ataa qulqulluufi dhaqqabamaa ta'een olaantummaa seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ijaarsa sirnaa hundaaf, ijaarsi sirni haqaa murteessaa ta'uu kan ibsan obbo Guyyoo Waariyoon beekumsaafi gahuumsa Abbootii Alangaa guddisuun sirna haqaa qaqqabamaafi qulqulluu ta'e hojiirra akka olu hojjetamaa jiras jedhan.

Yaa'ii kanarratti qorannoon mata duree "Gahee Abbootii Alangaa ijaarsa sirna mootummaa cimaa hundeessuu keessatti qabu" jedhu kan dhiyaate yoo ta'uu, qorannoo dhiyaate irratti hirmaattoota yaa'ichaan mariin gaggeeffameera.

Maddi:- Biiroo Komnikeeshinii Oromiyaa

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/+G-nW09yKGddkOTI0
Youtube; https://www.youtube.com//videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Eebba Barattoota Yuunivarsiitii Kiristaanaa 'Leadstar' kan bara 2025 - Qophii Addaa
04/09/2025

Eebba Barattoota Yuunivarsiitii Kiristaanaa 'Leadstar' kan bara 2025 - Qophii Addaa

SAGANTAA KEENYA YEROO HUNDA ARGACHUUF FUULAA FACEBOOK KEYNAA LAYIIK GODHAA. 👇👇👇https://www.facebook.com/MOAATVCHA...

Godina Harargee Lixaatti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geesisaa jira jedhame .Jiraattonni qeerransa...
03/09/2025

Godina Harargee Lixaatti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geesisaa jira jedhame .

Jiraattonni qeerransa kana duuka bu'anii ajjeesuuf yeroo jedhanitti ammoo namoota torba iraan miidha geessiseera.

Guutuusaaf
👇👇

  Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugootti yeroo dhihoo asitti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geessisuun taatee irra deddeebiin dhagahamaa jiru.   Sambata darbe aanaa kana Magaala Molee jedhamtutti qeerransi halkan mana namaa seenuun re’oota torba erga ajjeeseen booda so...

Bara barnootaa haaraatti jijjiirraan barsiisotaa karaa oonlaayinii ifa taasifama jedhameMo'aa: (Sep 3 . 2025) FinfinneeB...
03/09/2025

Bara barnootaa haaraatti jijjiirraan barsiisotaa karaa oonlaayinii ifa taasifama jedhame

Mo'aa: (Sep 3 . 2025) Finfinnee
Biiroon Barnoota Oromiyaa Iftoomina hojmaata jijjiirraa barsiisotaa waliin jiru mirkaneessuuf, jijjiirraan barsiisotaa karaa oonlaayinii akka ifa taasifamu beeksisee jira.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ; Kanaan dura barsiisonni wayita bakkaa bakkatti jijjiirraa taasisan hojmaatisaa iftoomina hinqabu ture jechuun dubbachuu isaanii Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa gabaasee jira.

Bara barnootaa haaraatti garuu hojmaata jijjiirraa oonlaayinii uumuun sababa ifaa eeruufi bu’aa gamaaggamaa kaa’uun raawwatama jedhanii, Bu’uura siistamichaatiin jijjiirraan wayita taasifamus, hojmaata barsiisonni bilbilasaaniitiin ifatti ilaalan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- Dhaabbata Press Itoophiyaa

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/+G-nW09yKGddkOTI0
Youtube; https://www.youtube.com//videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251951242424

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV MO'AA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to TV MO'AA:

Share

MO’AA TV JIREENYA MO’ICHAAF!

SAGANTAA KEENYA ARGACHUUF #SHARE#LIKE#GOCHUU HIN DAGATINAA!