TV MO'AA

TV MO'AA TV.MO’AA JIREENYA MO’IICHAAF
(2)

Mo'aa: Ergaa Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad Hirmaannaa Yaa’ii BRICS 18ffaa  ilaalchisee qoodan...."Yaa’ii BR...
12/09/2026

Mo'aa: Ergaa Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad Hirmaannaa Yaa’ii BRICS 18ffaa ilaalchisee qoodan....

"Yaa’ii BRICS 18ffaa mata duree Ijaarsa Dandeettii, Kalaqa, Tumsa, fi Itti Fufiinsa jedhuun Hinditti Niiw Deeliitti gaggeeffamaa jiru ta’uu keenyatti ni boonna.

Biyyoota miseensa BRICS ta’an keessaa qabeenya, teeknooloojii fi gabaa bal’aa qabna; carraan amma jiru dandeettiiwwan kana walitti makuun gatii guddaa uumuu fi gatii kun bakka qabeenyi jirutti oomishamuu akka danda’u gochuudha.

Ityoophiyaan walta’iinsa kana ijaaruuf misooma albuudaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, fi bu’uura industirii guddachaa jiru irratti ijaaruuf qophiidha.

Akkasumas sirnoota keenya keessatti dandamachuu ijaaruu, sammuu namtolchee fedhii ardii keenyaa akka tajaajilu gochuu, adeemsa liqaa hir’isuu nageenya qabu guddisuu, tarkaanfii haala qilleensaa ce’umsa dinagdee waliin walqabsiisuu qabna"

✔️ Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kan Biroo Argachuuf:
■ Website: https://moaatv.com/
■ Telegram: https://t.me/tvmoaa1
■ YouTube: https://www.youtube.com//videos
■ TikTok: https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en
Subscribe, Like fi Share gochuun nu hordofaa.

Joordaan, Baahireen fi Qaaxaar haleellaa diroonii Sa’ud Arabiyaa irratti raawwatame balaaleffatan.Mo'aa: Fulbaana 12. 20...
12/09/2026

Joordaan, Baahireen fi Qaaxaar haleellaa diroonii Sa’ud Arabiyaa irratti raawwatame balaaleffatan.

Mo'aa: Fulbaana 12. 2026 -Finfinnee

Joordaan, Baahireen fi Qaaxaar haleellaa dirooniin Sa’ud Arabiyaa irratti raawwatame balaaleffatanii jiru.

Sa'ud Arabiyaan haleellaa diroonii daagaa Iraaq keessaa irratti raawwatame hordofee ujummoo ittiin boba'aa dabarsitu murteessaa cufte. Kun ammoo walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessaa keessa jiru babal'achaa deemuu isaa agarsiisa jedhamaa jira.

Haleellaan kun bulchiinsa Sa'ud Arabiyaa gama daangaa Iraaq jirurraan akka raawwatame mirkanaa'eera. Kanaan walqabatees, ajajaan waraanaa itti gaafatamummaarraa ka'ee qorannoon akka irratti jalqabamu Iraaq beeksifteetti.

Ujummoon boba'aan ittiin dabarsitu kiiloomeetira 1,200 dheeratu kun, addunyaarratti jikita boba'aa gabaa addunyaaf dhiyeessuun ishee guddoo kan taate Sa'ud Arabiyaan, erga sababa waraana Iraaniin Ulaan Hormuuz cufatee booda toora gabaaf dhiyeessuuf akka filannootti itti gargaaramtudha.

Maddi:-BBC

✔️ Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kan Biroo Argachuuf:
■ Website: https://moaatv.com/
■ Telegram: https://t.me/tvmoaa1
■ YouTube: https://www.youtube.com//videos
■ TikTok: https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en
Subscribe, Like fi Share gochuun nu hordofaa.

Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'atan.Mo'aa: Fulbaana 12. 2...
12/09/2026

Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'atan.

Mo'aa: Fulbaana 12. 2026 -Finfinnee

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gitasaanii Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin hariiroo biyyoota lameenii akkaataa caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Doktar Abiyyi Ahmad toora miidiyaa hawaasaasaaniin ergaa dabarsaniin tumsa raayyaa guddisuu, ce’umsa teknoloojii, ijaarsa dandeettii, damee albuudaa, akkasumas imala 'COP32' taasifamaa jirurratti Naareendiraa Moodii waliin mari’achuu ibsaniiru.

Itoophiyaafi Hindii hariiroo seenaaqabeessa, walitti hidhamiinsa aadaa waggoota dheeraa qabuufi ummattoota biyyoota lameenii giddu michummaan cimaan jiraachuu eeraniiru.

Bu'uuruma kanaan walitti hidhamiinsa seenaqabeessaafi fedhii gaariirratti hundaa’e, teknololoojii, ogummaafi invastimantiitti guddisuuf yeroon sirriin amma ta'uus ibsaniiru.

✔️ Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kan Biroo Argachuuf:
■ Website: https://moaatv.com/
■ Telegram: https://t.me/tvmoaa1
■ YouTube: https://www.youtube.com//videos
■ TikTok: https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en
Subscribe, Like fi Share gochuun nu hordofaa.

12/09/2026

Utuu akka Yaada Namaatii...!Faar. Badhaasaa Ijjiguu Waliin Yeroo Waaqeffannaa

12/09/2026

Diraamaa Bashannansiisaa Ayyaana Waggaa

MM Dr. Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan waliin mari’atan. Mo'aa: Fulbaana 12. 2026 -Finfinnee Ministirri Muummee FDRI Dok...
12/09/2026

MM Dr. Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan waliin mari’atan.

Mo'aa: Fulbaana 12. 2026 -Finfinnee

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan Maasi’uud Peezeeshiikiyaan waliin mari’achuu beeksisan.

Doktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin , "hammattoo waltajjii maatii BRICS keessatti Pirezidaantii Iraan Maasi’uud Peezeeshiikiyaan waliin mari’aneerra" jechuun ibsan.

‎Mariin isaaniis, haala waqtaawaa ulaa galaana diimaan irra jiruu fi dhimmoota waliigalaa nageenya naannawicharratti akka ta'e eeran.

✔️ Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kan Biroo Argachuuf:
■ Website: https://moaatv.com/
■ Telegram: https://t.me/tvmoaa1
■ YouTube: https://www.youtube.com//videos
■ TikTok: https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en
Subscribe, Like fi Share gochuun nu hordofaa.

11/09/2026

Dhaabbata 'African Holding Groups'

11/09/2026

Milkii Saving and Credit

11/09/2026

Yes Garment

Address

Addis Ababa

Telephone

+251951242424

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when TV MO'AA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to TV MO'AA:

Shortcuts

Share