FMC Afaan Oromoo

FMC Afaan Oromoo This is the official Fana Broadcasting Corporate (FBC) page - where you can get all the latest news in Afan Oromo.
(690)

You can follow us on: https://t.me/afanoromofana Website: http://www.fanabc.com
Youtube: https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Telegram: https://t.me/fanoromofana
Twitter: https://twitter.com/fanatelevision
e-mail: [email protected]
SMS: 8222, 8111, 8333

Addis Ababa, Ethiopia

Godambaan Saayinsii agarsiistuu guddina teeknooloojii Afrikaati - Obbo  Tamasgeen XurunaaFinfinnee, Adoolessa 21, 2017 (...
28/07/2025

Godambaan Saayinsii agarsiistuu guddina teeknooloojii Afrikaati - Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) - Godambaan Saayinsii Itiyoophiyaa Afrikaan guddina saayinsii fi teeknooloojiin daandii mataa ishee bocuun abdiin kan itti argamaa jiru ta’uu isaaf agarsiistuu tokkoo dha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin akka jedhanitti, Ministira Muummee Itti Aanaa Kuubaa Joorji Luwiis Taapiyaa Foonsekaa waliin godambaa Saayinsii daawwataniiru.

Godambaan Saayinsii Itiyoophiyaa seenessa duubatti hafummaa Afrikaa kan jijjiiru ta’uu ibsanii, godambaan kun Afrikaan sadarkaa guddina teeknooloojii addunyaan irra ga’e daandii mataa isheen bocuun abdii kan itti argame ta’uu isaaf agarsiistuu tokko ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaan Kuubaa Joorji Luwiis godambichi oladeemtoonni Ityoophiyaa abjuu kalaqaa isaanii dhugoomsuudhaaf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Mul’ata Itiyoophiyaan gama saayinsii fi teeknooloojiin irra geessee fi egeree galmaan ga’uuf kaayyeffatte kan calaqqisiisu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa fi Kuubaan dhimmoota damee teeknooloojii fayyadamummaa waliinii guddisan irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigaluu isaaniis hubachiisaniiru

Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti - Pireezidaanti Taayyee Atsqa Sillaa...
28/07/2025

Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti - Pireezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) - Itiyoophiyaan maatii irraa eegaltee wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti jedhan pirezidaantiin FDRl Taayyee Atsqa Sillaaseen.

Sirni ifoomsa gabaasa Wabii Nyaataa fi Nyaata Addunyaa bara 2025 kan yaa’ii Sirna Nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jiru cinatti gaggeeffame irratti kan rgaman Pirezedaanti Taayyee Atsqa Sillaaseen, Addunyaa irratti gatiin nyaataa dabalaa dhufuun furmaata waloo akka barbaadu hubachiisan.

Gatiin nyaataa dabalaa dhufuun keessumaa lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti miidhaa akka qabu hubachiisanii, rakkoo kana hiikuuf biyyoonni tumsaa fi furmaata waloo qabaachuu akka qaban dubbataniiru.

Ityoophiyaan wabii nyaataa ishee mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirtis jedhan.

Sadarka maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti Sagantaan Maaddii Huutuu bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Lammiilee galii gadi aanaa qabaniif wabii nyaataa karaa Sagantaa seeftiineetiin mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru.

Dhiyeessii nyaataa addunyaa irratti nageenya qabu mirkaneessuu fi nagaa cimsuuf biyyoonni tokkummaan dhaabbachuu akka qabanis eeraniiru.

Itti Aantuun Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mohaammad gama isaaniin akka jedhanitti ammoo, gatiin nyaataa dabalaa dhufuun namootni hedduun addunyaarratti nyaata akka hin arganne taasiseera.

Jijjiiramni qilleensaa fi walitti bu’iinsi adda addaa dhiyeessii fi gatii nyaataa addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuus hubachiisaniiru.

Daa'imman hedduun sababa hanqina nyaataatiin barnoota ala ta'uus eeran.

Addunyaa irratti walitti bu’iinsa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu, kanaafis tumsi waloo fi tarkaanfii qabatamaa akka barbaachisu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Hospitaalichi tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisu ni taasifama - Obbo Mahaammad Idriis Finfinnee, Adool...
28/07/2025

Hospitaalichi tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisu ni taasifama - Obbo Mahaammad Idriis

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) - Hospitaalli Addaa Hundagaleessi Yuunivarsiitii Walaayitaa Sooddoo tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisaa ta’e ni kennamaaf jedhan Ministirri Nageenyaa fi Dura taa’aan Boordii Yunivarsiitichaa Mohaammad Idiriis.

Obbo Mahaammad Idriis Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yunivarsiitii Wolaayitaa Sodoo balaa ibiddaatiin miidhame daawwataniiru.

Miidhaa hospitaalicharra gahe kanaan gadda itti dhagahame kan ibsan Ministirri Nageenyaa, hawaasaa fi humnoonni nageenyaa balaa kana to’achuuf carraaqqii guddaa godhaniif galateeffataniiru.

Hospitaalichi waggoota 97 kan lakkoofsise fi namoota hedduu tajaajilaa kan ture ta’uu yaadachiisuun, dafee gara tajaajila guutuutti akka deebi’uuf Mootummaa Naannoo Kibba Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsi barbaachisaa ta’e akka godhamu mirkaneessaniiru.

Maatusaalaa Maatewoostu gabaase.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Daawwannaa fi Turtii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiifi Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jii'oorjiiyaa Meeloo...
28/07/2025

Daawwannaa fi Turtii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiifi Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jii'oorjiiyaa Meelooniin Magaalaa Jimmaatti taasisan Suuraan,

Itiyoophiyaa fi Kuubaan tumsa isanii cimsuuf waliigalanFinfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) - Itiyoophiyaa fi Kuubaan dhi...
28/07/2025

Itiyoophiyaa fi Kuubaan tumsa isanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) - Itiyoophiyaa fi Kuubaan dhimmoota ijoo irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Muummee itti aanaan FDRI Tamasgeen Xurunaa, ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin akka jedhanitti; Yaa’ii Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Lammaffaa cinaatti, Ministira Muummee Itti aanaa Kuubaa Joorji Luwiis Taapiyaa Foonsekaa waliin dhimmoota biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Kuubaan waggoota 50f hariiroo dippilomaasii cimaa akka qaban yaadachiisanii, dhimmoota gama tumsa adda addaatiin guddachuu danda’an irratti marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii eeraniiru.

Dhimmoota ijoo siyaasaa fi diinagdee fayyadamummaa waliinii guddisan irratti tumsa qaban cimsuuf waliigalaniiru.

Ministira Muummee Itti aanaa Kuubaa Joorji Luwiis Taapiyaa Foonsekaa gama isaaniin, hojii misoomaa Itiyoophiyaan hojjettu kan dinqisiifatan yoo ta’u, waggoota darban keessa wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjechaa turte jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Jijjiirama Finfinneetti mul’ateefis dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.


Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Itiyoophiyaan tarsiimoo haaromsa sirna nyaataa waliigalaa eegaltee jirti - Dooktar Abiy AhimadFinfinnee, Adoolessa 21, 2...
28/07/2025

Itiyoophiyaan tarsiimoo haaromsa sirna nyaataa waliigalaa eegaltee jirti - Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) - Yaa’ii jalqabaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii bara Faranjootaa 2021 geggeeffamee asi Itiyoophiyaan tarsiimoo haaromsa Sirna Nyaataa waliigalaa eegalteetti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Tarsiimoon kun qaama Fooyyessa Dinagdee Gooroo, Fooyyessa Dinagdee mandhalee fi fooyyessa daldalaa ta’uu fuula miidiyaa isaaniin ibsaniiru.

Kunis Sirna nyaataa hunda hammate ijaaruuf haaromsa imaammata lafaa, misooma qonnaa fi faayinaansii baadiyyaa si’eessuuf akka gargaaru eeraniiru.

Yoonaatan Biraanuutiin



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Manni Maree Naannoo Somaalee baajata Birrii biiliyoona 65.7 raggaasiseFinfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) - Manni Maree N...
28/07/2025

Manni Maree Naannoo Somaalee baajata Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) - Manni Maree Naannoo Somaalee baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise.

Manni marichaa wixinee baajata naannichaa bara 2018 irratti mari'atee raggaasiseera.

Baajata raggaasifame keessaa birrii biiliyoonni 36.9 waajjiraalee damee naannichaaf, birrii biiliyoonni 27.4 ammoo anaaleef, bulchiinsa magaalotaa fi manneen qopheessqaf ramadameera.

Birriin biiliyoona 1.4 hafe ammoo galmoota misooma itti fufiinsa qabuuf kan oolu ta’uu mootummaan naannichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.

Baajanni kun baajata bara 2017 irraa dhibbeentaa 62n kan caalu dha.

Dhibbeentaan 50 galii naannichatti sassaabamu irraa kan argamu yoo ta’u, dhibbeentaan 50 kan hafe deeggarsa mootummaa federaalaa fi gargaarsa biyya alaa irraa kan argamu ta’uun ibsameera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahimmud Alii Yuusuuf,  Pireezidaantii Somaaliyaa waliin mari’atanFinfinnee, Adoo...
28/07/2025

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahimmud Alii Yuusuuf, Pireezidaantii Somaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahimmud Alii Yuusuuf Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammud waliin mari’atan.

Mahimmud Alii Yuusuuf, Gamtaan Afrikaa Somaaliyaatti hojii nageenya waaressuu deeggaruuf murannoo qabaachuu maricharratti kaasaniiru.

Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammud gama isaaniin simannaa hoo’aa taasiifameef galateeffachuun, deeggarsa gamtichaa biyya isaaniif godhu dinqisiifataniiru.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammud Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuuf Itiyoophiyaa dhufuun isaanii ni yaadatama.

Sirni nyaataa qormaata keessa jiraachuu isaan Wabii Nyaataa mirkaneessuuf yeroo kun yeroo addunyaan tokkummaa dhaabbachuu qabduudha jedhan Pireezidaanti Hasan Sheek Mahammud haasawa yaa’icharratti taasisaniin.

Sirna nyaataa waaraa, dandamataa fi hunda galeessa ijaaruuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

'Sirna nyaataa qormaatilee dandamatu, hammataa fi haqa qabeessa ijaaruuf waadaa galle yeroo itti haaromsinuudha'  Minist...
28/07/2025

'Sirna nyaataa qormaatilee dandamatu, hammataa fi haqa qabeessa ijaaruuf waadaa galle yeroo itti haaromsinuudha' Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ashaaraan magariisaa bishaan lafa keessaa gabbisuun rakkoo bishaan dhugaatiif fala ta'aa jira- Ogeeyyii Finfinnee, Adool...
28/07/2025

Ashaaraan magariisaa bishaan lafa keessaa gabbisuun rakkoo bishaan dhugaatiif fala ta'aa jira- Ogeeyyii

Finfinnee, Adoolessa 21 , 2017 (FMC) – Ashaaraan magariisaa bishaan lafa keessaa gabbisuun rakkoo bishaan dhugaatiif fala ta'aa jira jedhan ogeeyyiin.

Yuunivarsiitii Finfinneetti hayyuun Saayinsii Eegumsa Naannoo Dooktar Tashoomaa Sooromsaa, biqiloonni burqaawwan hedduun akka maddan haala mijeessaa jiru jedhan.

Bosonni Gaarreen Baalee burqaawwan hedduu maddisiisuun lagatti jijjiiramee gammoojjii Naannoo Somaalee fi biyya Somaaliyaaf ta'aa jira jedhan.

Bakka bosonni uumamaa jiru bishaan taliilli ilma namaafi looniif ta'u salphaatti akka argamu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Ogeessi Eegumsa Naannoofi Daarektarri Neechar Itiyoophiyaa Dhaqqaboo Daalee gamasaaniin, mukkeen roobni lafa bu'u suuta akka lafa seenu kan gargaaran ta’uu ibsan.

Mukkeen biyyee gabbataa uumanii bishaan of keessa akka tursiisanif gargaarus jedhan.

Bakkeewwan hanqinni bishaan dhugaatii jirutti hojii ashaaraa magariisaa cimsuun fala ta’uu hayyoonni kunneen hubachiisaniiru.

Getaachoo Mul'ataatu Gabaase.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Itiyoophiyaan yaa’ichaan bu’aa sirna nyaataan galmeessite addunyaaf agarsiifte – Dooktar Girmaa AmanteeFinfinnee, Adoole...
28/07/2025

Itiyoophiyaan yaa’ichaan bu’aa sirna nyaataan galmeessite addunyaaf agarsiifte – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii irratti bu’aa sirna nyaataan galmeessite addunyaaf agarsiifte jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.

Dooktar Girmaan yaa’icha ilaalchisee Barreessituu Itti Aantuu olaantuu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin ibsa kennaniiru.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa fi qooda fudhattoonni yaa’icharratti argamuun sirna nyaataa mirkaneessuuf murannoo qaban mul’isaniiru jedhan Dooktar Girmaan.

Yaa’ichi sirna nyaataa bu’aa qabeessa taasiisuuf sirni faayinaansii akka jiraatu qooda olaanaa qabaachuu eeran.

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun salphaa waan hin taaneef galmicha milkeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban waltajjicharratti ka’uu himan.

Itiyoophiyaan hojmaata ifa ta’e diriirsuun gara hojiitti galuu isheen bu’aan galmeessite dinqisiifannaa argachuu kaasan.

Tattaaffiin sirna Nyaataa mirkaneessuu caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan Dooktar Girmaan.

Itiyoophiyaan yaa’ii jalqabaa gaggeeffamerratti waadaa galte haalli itti hojiirra oolchite kan dinqisiifamu ta’uu Barreessituu Itti Aantuun Olaantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad dubbataniiru.

Kunis mootummaan Itiyoophiyaa sirna nyaataa mirkaneessuuf murannoo qabu kan agarsiisu akka ta’e kaasan.

Haalli qabatamaan yeroo ammaa jiru addunyaa yeroo gabaabaatti beelarraa bilisa gochuuf rakkisaa ta’us saffisni Itiyoophiyaan itti deemte biyyoota addunyaaf fakkeenya gaarii ta’uu eeran.

Biyyoonni hedduun sirna nyaataa isaanii yoo fooyyessan galmi qabame milkaa’uu akka danda’u hubachiisan.

Masaafinti Birilleetu gabaase.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Address

Addis Ababa

Telephone

251-115-51 67 77

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FMC Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FMC Afaan Oromoo:

Share