Qubee TV

Qubee TV Qubee TV Is An Entertainment, Educational and News Media Established With A Great Vision To Be The Best In Ethiopia And East Africa.

Afaan Oromoo, Amharic, English and also Arabic is in our plan

Arsenaal Giyookeereeshiin mallatteessiseQubee TV ( Adoolessa 26, 2025) Finfinnee!Arsenaal Viiktoor Giyookeereesh Ispoort...
26/07/2025

Arsenaal Giyookeereeshiin mallatteessise

Qubee TV ( Adoolessa 26, 2025) Finfinnee!
Arsenaal Viiktoor Giyookeereesh Ispoortiing Liisboon irraa mallatteessisuu isaa beeksise.

Arsenaal taphataa sarara fuulduraa lammii Siwiidin ganna 27 kanaaf Paawundii miiliyoona 63.5 kaffaluudhaan mallatteessisuu isaati kan himame.

Taphataan kun kilabicha waliin waliigaltee waggaa shanii mallatteessee jira.

Taphataa Biraayitan duraanii kanaaf Uffanni Ispoortii lakkoofsi 14 kennameefii jira.

Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala ho’aan kabajamuun xumurameQubee TV ( Adoolessa 26, 2025) Finfinnee!Ayyaanni ...
26/07/2025

Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala ho’aan kabajamuun xumurame

Qubee TV ( Adoolessa 26, 2025) Finfinnee!
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala ho’aan kabajamuun xumurameera jedhe Koomaandi Poostiin Nageenyaa ayyaanichaa.

Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaafi Walitti qabaan Koomaandi Poostii Nageenyaa ayyaanichaa Gargaaraan Komishinaraa Naasir Mahaammad ayyaanichi milkaa’inaan kabajamee xumuramuu ibsaniiru.

Hojiin qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun hojjetan milkaa’ina ayyaanichaaf shoora olaanaa qabaachuus eeran.

Magaalaa Shaggaritti weerara lafaa ittisuuf tarkaanfiin fudhatameera- Dooktar Tashoomaa Addunyaa‎Qubee TV ( Adoolessa 26...
26/07/2025

Magaalaa Shaggaritti weerara lafaa ittisuuf tarkaanfiin fudhatameera- Dooktar Tashoomaa Addunyaa

‎Qubee TV ( Adoolessa 26, 2025) Finfinnee!
Magaalaa Shaggaritti weerara lafaa qaamolee garaagaraan gaggeeffamaa ture ittisuuf tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatameera jedhan kantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan.

Manni Maree Magaalaa Shaggar gamaaggama raawwii karoora bara 2017 fi marii boqonnaa qophii bara 2018 gaggeessaa jira.

Kantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan waltajjicharratti akka jedhanitti, magaalichatti manneen seeraan ala ijaaraman kuma 59 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Rakkoo manneen jireenyaa furuuf hojjetamaa turuu yaadachiisanii, manneen jireenyaa kumni 4 namootaaf dabarfamee kennamuu eeran.

Gama biraan magaalichatti hojiin misooma kooriidarii kiiloomeetirri 135 hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Bara baajataa 2018’tti sassaabbii galii irratti xiyyeffannoon ni hojjetamaa jedhaniiru.

Oliyyaannaa Qeesis Balaayifaan Dhiyeeffatan irratti Manni Murtii Murtee Kenne‎Qubee TV ( Adoolessa 25, 2025) Finfinnee!D...
25/07/2025

Oliyyaannaa Qeesis Balaayifaan Dhiyeeffatan irratti Manni Murtii Murtee Kenne

‎Qubee TV ( Adoolessa 25, 2025) Finfinnee!
Dhaddachi Mana Murtii Waliigalaa Ijibbaataa tokkoffaan, “himatamtoonni Qeesis Balaay waliin himataman, oliyyannaa ‘malaammaltummaan himatamuu hin qabnu’ jechaan dhiyeeffatanii fi mormii Abbaan kenne irartti murtee kennuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Daarekterri Abbaa Alangaa Ministeera Haqaa waggaa tokko dura, Qeesis Balaay Mokonnon, namoota hojii gara garaa irratti bobba’an kan himata keessatti eeraman, Iyyaasuu Indaalaa, Barakat Mulaatuu, Alamganaa Samu’eel fi Abarraa Margaa, yakka waliin dhahuu itti yaadamee raawwatameen himateeti ture.

Himata yeroo sana irratti dhiyaateenis, ajaja sanada kaffaltii barbaachisu utuu hin dhiyeeffatin, sanada sobaatiin kaffaltii Doolaara Miiliyoona jahaa fi Kuma shantamaa akka raawwatamuuf karaa himatamaa tokkoffaan dhiyeessuu isaaniitiin mana murtii federaalaa lidataa dhaddacha malaammaltummaa sadaffaaf dhiyaatanii turan.

Faransaayi Filisxeemiin Akka Biyyaatti beekkamtii Akka Kennituuf Ibsite Qubee TV ( Adoolessa 25, 2025) Finfinnee!Faransa...
25/07/2025

Faransaayi Filisxeemiin Akka Biyyaatti beekkamtii Akka Kennituuf Ibsite

Qubee TV ( Adoolessa 25, 2025) Finfinnee!
Faransaayi Fulbaana dhufu Filisxeemiin akka biyyaatti beekkamtii akka kennituuf Pirezidantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon ibsanii jiran.

Yoo kana taasifte Faransaayi garee biyyoottan torbaa keessaa ejjennoo kana kan fudhatte biyya jalqabaa taati.

Pirezidaantii Maakroon “Faransaayi baha jiddu galeessatti nageenyi akka bu’uufi darbees haqis akka jiraatuuf Filisxeemiin akka biyyaatti beekkamtii kennuufiif murteesuu” kaleessa kara miidiyaa hawaasaa X (tiwiitarii) barreeffama barreessan irratti ibsan.

Murteen Faransaayi kunis walgahii Jaarmayaa Mootummootaa Niiw Yoorkitti gaggeeffamurratti akka lallabamus ibsan.

‘Filsxeemonni murtee Faransaayi fudha jette kana kan leellisan yoo ta’an, Muummeen Ministiraa Israa’el Beenjamiin Neetaaniyaahuu, garuu, murtee shorokeessitoota badhaasuuf fudhatame jechaan qeeqanii jiran.

Yuunaayid Isteetisillee murtee Faransaayi kana kan marmite yoo tahu, Barreessaan Haajaa Alaa Yuunayitid Isteetis Maarkoo Ruuiyoo “murtee maaltu na dhibee”n darbe jechuun ceepha’anii jiran.

"Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf cimsee hojjeta!" Je...
25/07/2025

"Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf cimsee hojjeta!" Jedhan Obbo Hayiluu Addunyaa

Qubee TV ( Adoolessa 25, 2025) Finfinnee!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf karoora xiiqii qopheessuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa karoora xiiqii bara 2018 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmoota tarsiima’aa ta'an irratti xiyyeeffachuun hojii hojjechaa jiruun diinagdee naannichaa bayyanachiisuu ibsuun, Bara 2018tti Galmoota qonnaa gurguddoo wabii nyaataa mirkaneessuu, al ergee guddisuu, oomisha alaa galu kan biyya keessaa bakka buusuufi carraa hojii bal’inaan uumuu qabaman milkeessuuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamee kan hojjetamu ta’uu Obbo Hayiluun dubbatan.

Qonna Arfaasaa 2017/2018 lafa hektaara Mil 1.7 misoomsuun Callaa kuntaala Mil 41 argachuuf karoorfamuu ibsuun, Qonna Gannaa 2017/2018 lafa hektara Mil 11.8 misoomsuun Callaa kuntaalli Mil 368 kan eegamu ta’uu eeran.

Misooma Qamadii Bonaa bara 2018 lafa Hektaara Mil 4 ol misoomsuun callaa Kuntaalli Mil.163.6 kan eegamu ta’uu himuun, Qonna Naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf Pirojeektii Finnaa hojiirra oolchuun damdamannaa misooma gammoojjii Oromiyaa ijaaraa jiraachuu kan ibsan Obbo Hayiluun, bara bajataa 2018 keessatti Pirojektoota jallisii buleeyyii 237 ijaaramaa jiran keessaa Pirojeektota Finnaa 15 dabalatee pirojektoota 163 xumuruuf karoorfamuu ibsan.

Mootummaan pirojektoota fayyadamummaa uummataa dabaluuf pirpjektoota yeroo qabame keessatti xumursiisuun tajaajilaaf banaa taasisuun aadaa ta’aa dhufaa jiraachuu ibsanii bara kanas Pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu 2,826 ijaaramaa jiran keessaa pirojektoota 2,602 xumuruun ummanni mil.1.6 fayyadamaa taasisuuf kan hojjetamu ta’uu himan.

Magaalota bakka gurgurtaafi oomishaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetama kan jiruu fi bara kana Kilaastarri Industirii Godoo kuma 25 oliifi, Jiddugalli gabaa 2,162 kan ijaaramu ta'uus eeran.

Hojii barbaaddoota mil 2.7 oliif hojii uumuun, liqii Qar. bil.15.9 kennuuf kan karoorfame yoo ta’u, bakka omishaafi gurgurtaa lafa heektara. kuma 98 dhiyeessuu sheedii 6,818 dabarsuu xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjetamu ta’uu kaasan.

Diinagdee cimaa ijaaruun badhaadhina eegalame dhugoomsuu keessatti babal’inni investimantii shoora olaanaa qabaachuu kan ibsan Obbo Hayiluun, bara kana Pirojektoota Investimentii 10,500 kaappitaala qarshii bil. 200 argamsiisan kan simatan ta'uu himan.

Kanaanis Carraan hojii namoota mil, tokkoof kan uumamu ta’uu dubbatan.

Egeree ijaaruuf misooma barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennamee hojii hojjetamaa jiruun manneen barnoota Bu’uura Boruu 2,853, mana jireenya barsiisotaa 30,444 manneen barnoota Sad.1ffaa 170, manneen barnootaa Sad. 2ffaa 22 humna waloofi baajaata mootummaan kan ijaaramman ta’uu kaasuun, dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyeessuuf baroota darbanitti hojiiwwan eegalaman cimsuun kan hojjetamu ta’uus ibsan.

Bu’uruma kanaan Miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa mil 31.5tti olguddisuuf kan hojjetamu ta'uu himuun, du’aatii haadholeefi daa’immaanii xiqqeessuufi ittisaafi to'annoo dhukkuboota irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Galiin walqabatee idileen qarshii biliyoona 200.9, mana qopheessaan biliyoona 58.1fi galii keessoon biliyoona 28.4 waliigala qarshii biliyoona 283 ol kan walitti qabamu ta`uus eeran.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gola Oromiyaa hunda keessatti nageenya mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta'uu himuun, balballi nagaaf baname kan hin cufamneefi harki nagaaf diriire kan hin dachaane waan ta`eef qaamni nagaan galuu barbaadus akka galuu danda`u yaadachiisan.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuus cimee kan itti fufu ta`uus Obbo Hayiluun himan.
Maddi: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Dhaabbileen oduu fi odeeffannoo idil-addunyaa Israa’el gaazexeessitoonni haala Gaazaa akka gabaasan akka hayyamtu gaafat...
24/07/2025

Dhaabbileen oduu fi odeeffannoo idil-addunyaa Israa’el gaazexeessitoonni haala Gaazaa akka gabaasan akka hayyamtu gaafatani.

‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!
Agence France-Presse, Associated Press, BBC fi Reuters har’a akka jedhanitti Israa’el gaazexeessitoonni haala Gaazaa sodaa tokko malee akka gabaasan hayyamuu qabdi jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa kunneen ibsa waloo kennaniin, gaazexeessitoonni isaanii biyyattii keessa jiran beelaafi rakkoolee biroo mudachaa akka jiru himaniiru.

Dhaabbileen gargaarsaa 100 ol ta’an lammiileen Falasxiin qulqulluu fi ogeeyyiin miidiyaa beelaaf saaxilamuu isaanii irra deddeebi’anii dubbataniiru.

Gaazexeessitoonni Daangaa Malee ( Reporter without Borders)Erga waraanni Gaazaa jalqabee gaazexeessitoonni 200 ajjeefamaniiru jedhu.

Aanaa Adaabbaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 10 darbe‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!Balaa tira...
24/07/2025

Aanaa Adaabbaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 10 darbe

‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!
Balaa tiraafikaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa bakka Gaara Washaa jedhamutti mudateen lubbuun namoota 10 darbe.

Konkolaataan deddeebisaa uummataa "Doolfiinii" jedhamuun waamamu Godina Baalee Magaalaa Diinshoorraa imaltoota fe'ee gara Magaalaa Adaabbaa imalaa ture garagaluun lubbuun namoota 10 darbuu Ittigaafatamaan Nageenya Tiraafikaa Aanichaa Inispeektar Haashim Ilmii Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Sababni balaa kanaas saffisarraan kan ka’e mariin ajajamuu diduun garagaluu ta'uu eeran.

Konkolaatichi namoota 16 fe’ee imalaa turuufi namoota 6 irra miidhaan cimaan gahuu ibsaniiru.

Kiristiyaan Mooskeeraan Arsenaaliif mallatteesseQubee TV ( Adoolessa 23, 2025) Finfinnee!Arseenaal taphataa sarara ittis...
24/07/2025

Kiristiyaan Mooskeeraan Arsenaaliif mallatteesse

Qubee TV ( Adoolessa 23, 2025) Finfinnee!
Arseenaal taphataa sarara ittisaa Ispeen Kiristiyaan Mooskeeraa Vaaleenshiyaarraa mallatteessisuu ifoomse.

Arseenaal taphatichaaf kaffaltii jijjiirraa ka’umsaa Paawundii miiliyoona 13 kaffala.

Kiristiyaan Mooskeeraan waliigaltee waggaa shaniif Arseenaal isa tursiisu mallatteesse.

Bifuma walfakkaatuun Arseenaal Viiktar Gookareeshiin Ispoortiing Liisban irraa mallatteessisuuf waliigaluun ni yaadatama.

Dhibeewwan waqtii gannaa mudatan ittisuuf qophiin duraa taasifame - BFO  ‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee! Dhib...
24/07/2025

Dhibeewwan waqtii gannaa mudatan ittisuuf qophiin duraa taasifame - BFO

‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!
Dhibeewwan waqtii gannaa sababeeffachuun tasa mudachuu danda’an qolachuuf qophiin taasifame jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Dhibee Garaa Kaasaa, Koreelaa fi maxxantuuwwan adda addaa dabalatee dhibeewwan waqtii gannaa hordofuun mudachuu malan qolachuuf qophii gahaan xumuramuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrekterri Ittisa Dhukkubaa obbo Darajjee Addunyaan himaniiru.

Faalama Bishaanii, lolaa fi hanqina qulqullina nyaataan walqabatee dhibeewwan waqtii gannaa ka’uu danda’an ittisuu fi to’achuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru kaasan.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa, Biiroo Bishaanii, Buusaa Gonofaa, Dhaabbilee Faayinaansii fi Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta’uun hawaasni akka of eeggatu hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu eeran.

Keessattuu wayita dhibeen tasaa mudate saffisaan to’achuuf qophummaan jiraachuu dubbatan obbo Darajjeen.

Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaa fayyadamuun biyyattii keessatt...
24/07/2025

Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaa fayyadamuun biyyattii keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irratti hordoffii cimaan akka taasifamu Poolisiin Federaalaa ibse

‎Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!
Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa garaagaraa fayyadamuun biyyattii keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irratti hordoffii cimaan akka taasifamu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Qondaaltonni olaanoon raayyaa ittisa biyyaa, Poolisii Federaalaa, Ministeera Dhimma Alaa, Eegdota Riippabliikaa, Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya biyyaalessaa akkasumas Poolsii Magaalaa Finfinneerraa walitti dhufan karoora nageenyaafi tasgabbii baatiiwwan sadan dhufaniirratti mari’ataniiru.

Kaayyoon karoorichaas taateewwan gurguddo addunyaa, aardiifi biyyaalessaa baatii Adoolessaa hanga Fulbaana 30 bara 2018tti biyyattiitti adeemsifaman ilaalchisuun akka ta’es ibsameera.

‎Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash G/Mikaa’eel taateewwan gurguddoo kanneen karaa nagaafi milkaa’ina qabuun qopheessuuf keessummaa simachuurraa kaasee bobbii hojii hunda karaa gurmaa’een hoogganuufi qindeessuun akka barbaachisu dubbataniiru.

‌‎Hordoffiifi sakatta’iinsi farreen nageenyaarratti xiyyeeffateefi hawaasa hirmaachise magaalaa Finfinneefi naannawaa ishee, akkasumas keellaa seensaafi bahiinsaa hundarratti akka taasifamus ibsaniiru.

Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaatti fayyadamuun biyyattiitti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irrattis hordoffii cimaan ni taasifama, seerattis akka dhihaatan ni taasifama jedhaniiru.

‎Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash dhaabbileen nageenyaa hundinuu torbee guutuufi sa’aatii 24 qindoominaan hojjechuun, humna namaafi teeknolojii fayyadamuun yakkamtoota gurmaa’an to’achuufi dhaabsisuun akka irraa eegamu hubachiisuusaaniiru.

Odeeffannoon kan PoolisiiFederaalaati

Itiyoo Teeleekoom maamiltootaaf kennaa galateeffannaa gumaacheQubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!Itiyoo Teeleekoom...
24/07/2025

Itiyoo Teeleekoom maamiltootaaf kennaa galateeffannaa gumaache

Qubee TV ( Adoolessa 24, 2025) Finfinnee!
Itiyoo Teeleekoomiin boruu eegalee kennaa galateeffannaa maamiltootaaf gumaache jedhe.

Boruu eegalee guyyoota sadiif kan turu Tajaajila Interneetii GB 1, guyyaan daqiiqaa 5 fi ergaa barreeffama gabaabaa 8 maamiltootaaf kennaan gumaachuu hime.

Akkasumas waamicha idil addunyaa daqiiqaa 10 kennaa galateeffannaa gumaachuu ibse.

Kennaan kun ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 12:00tti tajaajila jedhame.

Dhaabbatichi bara baajataa 2017 keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 62 argachuu hordofee kennaa galataa kana gumaachuu hime.

Address

Addis Abeba

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qubee TV posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qubee TV:

Share

Category