05/12/2025
Namni Lammaa, Taayyeefi wahiillan isa gargaaran hunda takka takkaan gane eenyuufuu hin tahu. Biyyaafis Sabaafis impaayerattiifis hin ta'u. Hin taane. Jijjiirama qabsoo qeerrootiin dhufe, Oromoo fakkaatee warra sirnicha keessa taa'ee gara ummataa gore, Lammaafaa harkaa bute. Lammaan faas Abiy amananii aangoo silaa ummanni isarratti eegu malu dabarsee kenne. Osoo Jawar Mohammed faa itti watwaatanii, (boodarra Lammaa amanuudhaan Abiy 'endorse' gochuunifi boodarra hidhamuun akkuma jirutti tahee) Lammaan garuu didee Anaafi Abiyyi du'atu addaan nu baasa jedhee ganamuun dhufte. Taayyeen ammoo bakka sabni paartii walitti makuu jibbee Abiyyifaa harkatti xireeffatee didetti Bilxiginnaa gadi dhaabuu keessatti shoora olaanaa taphateef.
Haa tahu malee, galatni warra aangotti isa baase adamsamuu tahe. Gariin akka Haacaaluu faa ni ajjeefaman. Hoogganoonni ABO fi KFO fi sabboontonni Oromoo kumaatamaan ajjeechaa, hidhaa fi dararaa jumlaaf saaxilaman. Miseensonni Gogeessa Michillee, Gadaa Karrayyuu guutuun haala suukaneessan rashanaman. Yakka sadarkaa ganiinsa biyyaatti laalamuu danda'u Sirna Heera Gadaa Karrayyurratti raawwatame.
Haaluma walfakkaatuun, Lammaa biyyatti galchanii hidhuuf warra Xaaliyaanii gaafatee didame. Isa dhabnaan obboleewwan Lammaa dararaa turan. Taayyeen waa'ee namummaa namichaa gaafa hubatu namichiis hojii beeku hojjete, qabee hidhee maatiisaa ijoollee dabalatee manaa ari'ee darare.
Har'ammoo qawwwe ofummaa kenneef, seeran ala qabatte jedhee waggaa 7 itti murteessise. Ofii ragaa tahee lakkaahamee dhiyaachuu dide murtii waggaa dheeraa kana itti murteessise. Gaafa qawween qabame jedhan Alaabaa qabsoo bilisummaa Oromoo wajjiin agarsiisan.
Itoophiyaan har'aa tun tan durirra Oromoof hamtuudha. Mootii ammaa kunis Afaan keenya haa dubbatu malee warra isa duraarra akka malee hamaa dha.
-_-_-
Ibsa Gemeda