Sagalee Tewaahidoo

Sagalee Tewaahidoo Odeeffannoowwan Ortodooksii Tewaahidoon wal qabataniif Like godhaa! Barnoota Amantaa Ortodooksii!

Luba Badhaasaa Tolaa, Hojii Geggeessaa Mana Lubummaa Koyyee Faccee Galaan Guddaa taatanii Muudamuu keessaniif Baga gamma...
07/07/2025

Luba Badhaasaa Tolaa, Hojii Geggeessaa Mana Lubummaa Koyyee Faccee Galaan Guddaa taatanii Muudamuu keessaniif Baga gammaddan! Wal'aansoo ture keessatti gumaachi keessan salphaa akka hin taane nan hubadha! Haala ulfaataa isin keessa turtanis Nan beeka! Hunduu darbee Ifa kana arguu keessaniif guddaa gammadeera! Yeroo tajaajila gaarii isiniif haa ta'u!

Qorumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Oromiyaatti!!!Manni Kiristaanaa Ortodooksii keessumaa naannoo keenyatti Qorumsa gudd...
29/06/2025

Qorumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Oromiyaatti!!!

Manni Kiristaanaa Ortodooksii keessumaa naannoo keenyatti Qorumsa guddaatu ishee eeggata. Qorumsi Kun baay'een isaa kan itti dhufu alarraa osoo hin taane namoota keessoo ishee jiran Fi maaddii isheerraa soorataa turaniin ta'uun baay'ee nama gaddisiisa. Sababoota gurguddoo keessaa isaan Kun muraasa :

1. Baroota darban kana keessaa atakaroon mana Kiristaanaa keessa ture namoota hedduu biraatti mufannaawwan faayidaa, sabummaa Fi afaanii kaasuun isaa beekamaa dha. kanarraa ka'uun Namoonni miira Afuuraa keessaa bahuun miira haaloo, miira dallansuu Fi gartummaa Afuuraa caalaa gartummaa fooniin akka hoofaman ni taasisa.
2. Ergama Taaddisoo Fi amantoota biraa: yeroo manni Kiristaanaa Qorumsa keessa jiraattu diinni seexanno tarsiimoo kiristaanota ittiin gufachiisu diriirfachaa oolee bula. Isaanis Tajaajiltoota fakkeessuun sadarkaa gubbaa haga gadiitti namoota ergama biraa qaban ni bobbaasu. Ergamtoonni kunneen barnoota mana Kiristaanaa hin fakkaanne suuta suuta babal'isu, Icciitti mana Kiristaanaa qeequun kiristaanota keessatti shakkii uumuu Fi kkf raawwatu. Ergama isaanii yeroo xumuran mana kiristaanaa keessaa bahuun akka waan namni beekaan tokko mana kiristaanaa ganetti balballoomsanii haasa'uun miira kiristaanotaa jeequu irratti hojjetu. Ergama kana keessatti barsiisotni gurguddoodha jedhaman illee kan hirmaatan ta'u.
3. Faayidaa Afuuraa caalaa faayidaa fooniin dursuun mana kiristaanaa akka madda galiitti lakkaa'uu. Kanaan walqabsiisee bakka hundatti waldhibdee faayidaa kaasuun namoota walitti buusuu, fii kkf .
4. Amantii kanaaf qomoo tokko kennuu n amantaa saba tokkoo taasisuu, maqaa balleessuu, irratti duuluu Fi hojii jibbisiisuu hojjechuu. Kunis kanumam argaa jirru kana .
Haala kana akka nama dhuunfaattis ta'e mana amantaatti injifannoon keessa darbuuf kadhannaa, tasgabbii Fi geggeessummaa Afuura Qulqulluun socho'uun barbaachisaa ta'a. Kiristaanota Hindi, Gibxi Fi Armaaniyaa irraa barachuun gaarii dha.

29/06/2025

“Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya ta'anii, nuu wajjin itti in fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an.”
— 1Yoh. 2:19

Obboleessi Koo Kun yeroo haga kana Kiristoos waliin jiraachaa turee har'as kiristoosiin gaafachaa jiraa? Maal jechuu isa...
29/06/2025

Obboleessi Koo Kun yeroo haga kana Kiristoos waliin jiraachaa turee har'as kiristoosiin gaafachaa jiraa? Maal jechuu isaati laata?(naaf hin Galle)! Yihudaan Waggaa 3f ji'a 7 Kiristoos waliin jiraatee, isarraa baratee isa baruu hin dandeenye! Nama gaddisiisa! Toomaas yeroo haga sana Abbaa waliin turus, Abbaa nu agarsiisi jedhe. "Yeroo haga kana nawaliin turtee Abbaa na agarsiisi jettaa?
Waa maraafuu Warri gara olii taphachuu qofa jaallattan gadi jedhanii sagalee Waaqayyoo barachuuf yeroo hin qaban. Akka beekaatti hin Barre, akka wallaalaatti hin baranne. Namoota akkasii waliin warri oolus waan isaan fayyadu itti himuu caalaa sobaan Wal tuuluu,..."Hayyuu keenya" waliin jechuu jaallatu. Waaqayyo ija hafuuraa haa banuuf!

Oduu Ammee!Abboonni Sinoodoosii Oromiyaa Teessuu Pheexiroos hundeessanii Turan keessaa sadii gara tokkummaa mana Lubumma...
23/06/2025

Oduu Ammee!

Abboonni Sinoodoosii Oromiyaa Teessuu Pheexiroos hundeessanii Turan keessaa sadii gara tokkummaa mana Lubummaa Walii gala Itiyoophiyaatti deebi'uu isaanii EOTCn gabaasee jira.

https://youtu.be/VQzy81aMBJk
20/06/2025

https://youtu.be/VQzy81aMBJk

The inventor of this innovation has developed a device to monitor patients remotely, providing a solution for those in places where healthcare professionals ...

Adeemsa qophii Meeroonii Abbootii Ortodoksii Kooptic Masrii biratti!የሜሮን አዘገጃጀት በግብጽ ኦርቶዶክሳውያን አባቶች::
18/06/2025

Adeemsa qophii Meeroonii Abbootii Ortodoksii Kooptic Masrii biratti!

የሜሮን አዘገጃጀት በግብጽ ኦርቶዶክሳውያን አባቶች::

Waa'ee Bataskaanota Baadiyyaa kana beektuu laata? Hawaasni keenya rakkoo hamaa keessa jira!
10/05/2025

Waa'ee Bataskaanota Baadiyyaa kana beektuu laata?
Hawaasni keenya rakkoo hamaa keessa jira!

Bataskaanni baadiyyaa dhiibbaa hagana hin jedhamne keessa jirti. Barnoota dhabuu fi tajaajila Afuuraa dhabuu caalaa rakkoon guddaan maaltu jira?

 !Mormiin hidhamuu Abboota keenyaa jabaatee itti fufeera ! Sirna kabaja Ayyaana Asteriyoo Maariyaam boorii irrattis mann...
29/01/2024

!

Mormiin hidhamuu Abboota keenyaa jabaatee itti fufeera ! Sirna kabaja Ayyaana Asteriyoo Maariyaam boorii irrattis manneen kiristaanaa guutuu Oromiyaatti diddaa ibsachuun cimee itti fufa!

Abbootii keenya Nuuf hiikaa!
29/01/2024

Abbootii keenya Nuuf hiikaa!

Breaking News!Manni Kiristaanaa Ortodooksi Tewahidoo Oromiyaa Teessoo Abune Pheexiroos jalatti bultu guyyàa har'aa ifatt...
23/01/2024

Breaking News!

Manni Kiristaanaa Ortodooksi Tewahidoo Oromiyaa Teessoo Abune Pheexiroos jalatti bultu guyyàa har'aa ifatti hojii eegaluushee labsatte! Kiristaanonni hunduu Teessoo Phaaphaasii kana bira dhaabachuun milkaa'ina tajaajila Amantaa Ortodooksii Afaan Oromoo akka deggeran waamichi taasifameera!

በስመ አብ ወወልድ ወመንፈስ ቅዱስ ፩ዱ አምላክ አመ1ወ4 ለጥር ወበዛቲ ዕለት ተጋብዑ ፫ቱ ጳጳሳት አባ ሳዊሮስ አባ ኤዎስጣቴዎስ ወአባ ዜና ማርቆስ እምብሔረ ኦሮምያ ለሢመተ ፳፭ ኤጲስቆጶሳት

ዘተገብረ ባቲ በ፪ ፻ | ፭ በከመ ዛቲ ዕለት ሢመተ ኤጲስ ቆጶሳት በእንተ ዘሃሎ ሕገ ዘይብል 'ወንኤዝዘክሙ አበው ከመ ይሠየም ኤጲስ ቆጶስ እም፫ቱ ኤጲስ ቆጶሳት''ፍ.ነ ወንኅነኒ ንግበር በዓሎሙ እስመ ፫ቱ ጳጳሳት ዘፈጸሙ በብዙኅ ድካም ወበጻማ በትጋህ ወበጾም በሰኪብ ላዕለ ምድር ወተሰዶ በሙቃሔ ወሕማም በእንተ ሕዝቦሙ ስዱዳን በልሳናት በረከተ ዚአሆሙ ወትረ የሃሉ ምስሌነ ለዓለመ ዓለም አሜን!

ሰላም ለክሙ ፫ቱ ጳጳሳት ዘኮንክሙ ሶቤ
እግዚአብሔር በዕለተ ይቤ
ለ፳፭ ኤጲስ ቆጶሳት ዘተጋባዕክሙ እምሐሩረ አርቄ ወእምቁረ ብዙኅ ምንዳቤ
ጸሎትክሙ ይኩነነ ግልባቤ

Address

Addis Abeba

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Tewaahidoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category