29/06/2025
Qorumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Oromiyaatti!!!
Manni Kiristaanaa Ortodooksii keessumaa naannoo keenyatti Qorumsa guddaatu ishee eeggata. Qorumsi Kun baay'een isaa kan itti dhufu alarraa osoo hin taane namoota keessoo ishee jiran Fi maaddii isheerraa soorataa turaniin ta'uun baay'ee nama gaddisiisa. Sababoota gurguddoo keessaa isaan Kun muraasa :
1. Baroota darban kana keessaa atakaroon mana Kiristaanaa keessa ture namoota hedduu biraatti mufannaawwan faayidaa, sabummaa Fi afaanii kaasuun isaa beekamaa dha. kanarraa ka'uun Namoonni miira Afuuraa keessaa bahuun miira haaloo, miira dallansuu Fi gartummaa Afuuraa caalaa gartummaa fooniin akka hoofaman ni taasisa.
2. Ergama Taaddisoo Fi amantoota biraa: yeroo manni Kiristaanaa Qorumsa keessa jiraattu diinni seexanno tarsiimoo kiristaanota ittiin gufachiisu diriirfachaa oolee bula. Isaanis Tajaajiltoota fakkeessuun sadarkaa gubbaa haga gadiitti namoota ergama biraa qaban ni bobbaasu. Ergamtoonni kunneen barnoota mana Kiristaanaa hin fakkaanne suuta suuta babal'isu, Icciitti mana Kiristaanaa qeequun kiristaanota keessatti shakkii uumuu Fi kkf raawwatu. Ergama isaanii yeroo xumuran mana kiristaanaa keessaa bahuun akka waan namni beekaan tokko mana kiristaanaa ganetti balballoomsanii haasa'uun miira kiristaanotaa jeequu irratti hojjetu. Ergama kana keessatti barsiisotni gurguddoodha jedhaman illee kan hirmaatan ta'u.
3. Faayidaa Afuuraa caalaa faayidaa fooniin dursuun mana kiristaanaa akka madda galiitti lakkaa'uu. Kanaan walqabsiisee bakka hundatti waldhibdee faayidaa kaasuun namoota walitti buusuu, fii kkf .
4. Amantii kanaaf qomoo tokko kennuu n amantaa saba tokkoo taasisuu, maqaa balleessuu, irratti duuluu Fi hojii jibbisiisuu hojjechuu. Kunis kanumam argaa jirru kana .
Haala kana akka nama dhuunfaattis ta'e mana amantaatti injifannoon keessa darbuuf kadhannaa, tasgabbii Fi geggeessummaa Afuura Qulqulluun socho'uun barbaachisaa ta'a. Kiristaanota Hindi, Gibxi Fi Armaaniyaa irraa barachuun gaarii dha.