02/06/2025
Worra keenna isin cufa Yooyyifanne. Babaaroo fafayyoot oolee? Maanguddoon jajjabaa? Haawwotiin yaatii?
galchunti isin nageyaa? Tissituun wolfaana galtee? Biyyiti isin quufaa? malii Roobi miilanaa kun bakkuma maraa nu quubseera. Galataasaat!
hayyee akuma isiniin jedhaa turre kaayoon ijoon fuula kanaa tokkummaa Oromoo wolii galaa labsuu. Tan Gujii fi Booranaa ammoo ammoo addatti sagalee oli fuunee lallabuudha.
Lam Duuba oromoo guutuu hiddi dhalootaa tokko. Dhigaa fi fooni. Gujii fi Boorani ammoo sanii olille lafee fi dhuka woliiti. Nuuti dhimma kana sababa male ajandaa tolfannee lafaa hin kaane. Osoo beekanis ta'ee hin beekin ilaalchi gosa tana addan fageessuu, wolta diinomsu kan yeroo kamiituu caalaa diina gosa laman tanaatiin kallattii gara garaatiin yemmuu galgalaa barii hujatu arginee callisuu hin dandeenne.technology'n baraa jara tanaaf carraa baldhaa uumteejirti.
Diini keenna kun tarsiimoon isaa ijoon fira Gujii fakkaatee Boorana irratti duula. Fira booranaa fakkaatee Boorana faarsaa Gujii abaara. Yeroo durii sababa Gosi tun lamaan hagana ilmaan brsiifattee hin jirreef hedduu itti milkaa'aniiru. Gujii fi Boorana woli ijjeesisuu bira dabranii moggaasa ''Nyaapha'' jedhu woliif kennisiisuutti gahanii turan. Gareen sun hadhallee nuun jalaa hin galle. Hinumaayyuu Technology aka crraa gaariitti gargaarmuun haala faallaa aadaa fi safuu Gujii-Booranaatiin gosa guddoo tana arrabsaa, salphisaa oolu. Keessattuu ilmaan didiqqoon lafaa dhuftu hujiin isaanii ''Tiktok, Facebook fi k.k.f irratti hammeenya gosa lamaan tanaa lallabaa oolu. Isaan obbulummaa, Dhiigoma, soddooma, ollumaa, hirbaa dabaree(Buusaa Gonofaa),duula, seenaa gosa tanaa dagataniiru. Isaaniif Gujiin ykn Boorani Nyaaphuma kalee jedhan san. Garuu dhugaan jirtu akksii miti.
Gujiin Booranaβ€.
Boorani Gujiiβ€.
Wolirraa Fuunee woliif Tolaa fi soddaa.
Woliin godaannee wolkeessa qubanna. Eela tokko obaafanna. Woliin duullee woliin adansina. Nuuti woliif akkas!. Boorani Ciqiler Gujiiti. Gosti tun waan maraan woliif irkuu. seenaan gosa lamaan tanaa inni haqaa dabi keessa hin jirre isa kana.
Maarree mucaan Gujii-Booranaa kan baradhe ifiin jettu yeroo diini kalee Gosa tana addan qoodaa ture hadhalle jaarraa 21ffaa gara xumuraatti Diinummaa Gujii Booranaa dhabatee lallabu ati eessa jirta? hujiin keeti maal? Isin eessa jiru? Deebiin ati isaaf qabdu hin jirtu mo? Fuula Media hawaasumaa keessan hedduusaa irratti Summii Diinummaa Gujii fi Booranaa Facaasaa ooltu mo? Maal fakkattu? ifi ilaaltnii beektuu? Obbolummaa gosa tanaa barsiisaa jirtu? worra Gujii fi Boorana addaan qoodee duddaa fi garaa godhuu fedhu yoo isin hin dhaabin eentu dhufee dhabuu jirare???
Hardhaaf tanuma jenna.
BOORANUMMAA FI GUJOOMI SIYAASA BARAATIIN OLI!!