Maya city

Maya city The Power of the people is Greater than the people in Power. Oromoon ilmaan lama dhale. Araaf Hortee Oromo Hararghe tan Barentumaa irraa dhalate laalaa.

Isaanis:-Borannaa fi
Bareentoo dha.
– Booranni ilmaan 12 dhale.
– Bareentoon ilmaan 5 dhale. Hortee Oromo sadeen Harargee jiraatan tan Bareentoon Akhaakoo tahuuf Enyu Enyu irraa akka dhalatan tokko tokkoon haa laaluu. Bareentuun Ilmaan 5 dhale.
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo dha. Duuba arra bu’urra Oromo Harargee khan tahan Gosa sadeen tana. Ittuu, Qalloo fi Aniya

a dha. Haaluma khanaan Ittuun tan arra Harargee lixa (Carcar) qubattu yoo taatu. Qalloo fi Aniyaan ammoo khan Harargee Bahaa qubatu beekhi. Isaan kheeysa khan baayina qabu Qalloo dha. Gosa afur gurguddaa waan if jalaa qabduuf “Afran Qallo” ja’ame yamama.
…. Horteen Oromo Harargee 3 ilmaan Bareentoo irraa dhalatan. Ilmaan Bareentoo SHANAN keeysaa khan Hortee Oromo Harargee dhalan sadii dha. Isaaniis:-
1- murawwaa
2- Hunbanna
3- Qal’oo
—-
1- Murawwaan ilma 1 dhale
Inniniis:- Ituudha ja'ama
Ittuun tan Lafa amma Harargee lixa yookiin Carcar irraa jiraatu dha. Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee dha. Harargee lixa (Carcar) kan Qubatan Ituu dha. Oromoon Ituu Gosa kudhan qabdi. Isaanis:- Babboo, Baayuu, Adooyo, Algaa, Gadullaa, Gaammoo, waayyuu, wachaalee fi warra Qaallutti. Gaaffa Durii Oromoon Ituu tokko tokkoon isaani “ONA” akka qaban manguddoon Oromo ni dubatu. Fkn
– Tan arra Aanaa bokhee ja’amtu “ona” Gosa Baayyuutti.
– Hardim khaasee Bordadee hamatuun hanga awash “ona”Gosa Arroojiiti.
– Balbaleti kha’ee Galamsoon hanga waacuutti “ona” Gosa Qaalluutti.
– Kharra QurQuraa khasee Badessa hanga Qunniitti “ona” Gosa Baabbottii.
– Tan arra Aanaa (ciro) ja’amtu “ona”Gosa Wacaalleetti.
– Hirnitti “ona” Gosa Algaatti. namooni tokko tokko Bakka Gosa Wacaallee ” ileelee” buusanii Gosa Ituu ja’an garu khuni dogongora.
****
2-Hunbannaan Ilma 1 dhale
Innis:-
Anniyya je'ama
Anniyya 7dhale
1-Malkaa
2-Baabboo
3-Dinbii
4-Baaduu (biduuu)
5-muci
6-Naannaa’a
7-kudheedhee dha.
****
3-Qallo ilmaan 4 dhale.
1-Ala
2-Daga
3-Oborraa
4-Baabbile dha.
– Ala 12 dhale
1-Abbayi
2-Nuunnu
3-kaaku
4-Buubbu
5-Diiramu
6-Abbaadho
7-Goollo
8-Eeri
9-Utayyu
10-Galaan
11-Meettaa
12-Arroojji
– Daga 3 dhale
1-Noolee
2-Jaarsoo
3-Huume
– Oborraan 3 dhale
1-Akkichu
2-bil’I
3-Dooranii
– Baabbile 3 dhale
1-Gantuub
2-Hawiyyaa
3-Hawaasilee
Gosti Afran Qalloo “OBORAA” ( OBORAA awraja dur – jachuun ummatta Barooda fi Qarsa jidduu jiru khan haamatuu dha).
“DAGAAN” ( qarsa kha’ee magaala Harar kharaa gadii fi kharaa olii bahaa xuqutti hanga jarso fi cinaaksan ummatta jiru kan hamatuu dha).
“BABILEE” ( magaala Harar garra Bahaattiin kha’ee hanga jigjigaa ummatta jiru kan hamatuu dha).
“ALLA” ( fadis fi awraja dur Gaara mul’ata akasuma Gamoojii ummata jiru kan hamatuu dha.

02/11/2025

Maya city fans

30/10/2025

29/10/2025

fans Maya city
Magaalaa City

27/10/2025
.
25/10/2025

.

18/10/2025
17/10/2025


Address

Alemaya

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maya city posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share