
12/09/2024
"Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuu dha!"
Dr. Abiyyi Ahimad!
Jijjiirama Diinagdee Maakroo (Gooroo) qeenxeedhaan utuu hin taane guutummaasaa ilaaluu barbaachisaadha. Yaadama Ida’amuu keenyaan misooma biyyaaf maaltu godhamuu akka qabu gadi fageenyaan madaallee keenyeerra. Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha. Adeemsi keenya hiyyeessaaf kan toluufi warra baay’ee hiyyummaaf saaxilaman deeggaruu irratti kan xiyyeeffatudha. Milkaa'inni hojii jijjiiramaa keenyaa hundi tattaaffii gamtaa qaamolee ilaallatu irratti kan hundaa'edha. Kunis homishtummaa, daldala alaafi galii walta'insaan guddisuu jechuudha. Qaamoleen seera raawwachiisan dadaltoota saamtota karaa hin malleen seeraan ala fayyadamuu barbaadanirratti tarkaanfii akka fudhatan ittigaafatamummaan kennameeraafi.
Yaadota asiin olitti tuqaman walgahii har'a ganama qaamolee garaagaraa waliin teenye irratti ibseera. Odeeffannoo bal'aa waltajjiicharratti ka'eef maricha midiyaadhaan hordofuun ni danda’ama.
@topfans