Hayyuu Seeraa FI Hawaasa

Hayyuu Seeraa FI Hawaasa Gaafii,Qeeqa,Eeruu fi Komiiwwan Heeraa,Seeraa fi Mirga Namoomaa irratti Mari'annee furmaata barbaanna

27/07/2025
Seera yakkaa Kew. 539
24/07/2025

Seera yakkaa Kew. 539

Ciroo fi Galamsotti jaarsolii Manneen Murtii Aadaa fi qooda fudhattoota adda duree gara 128 (dubartoota gara 40 fi dhiir...
24/07/2025

Ciroo fi Galamsotti jaarsolii Manneen Murtii Aadaa fi qooda fudhattoota adda duree gara 128 (dubartoota gara 40 fi dhiira 88) tahaniif, leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsu Yuunivarsiitii Haramaayaatiin kennameera

Magaalaa Maayaatti Jaarsolii Manneen murtii aadaa 120 ol ta’aniif leenjiin bu’a qabeessummaa kenniinsa tajaajila haqaa x...
24/07/2025

Magaalaa Maayaatti Jaarsolii Manneen murtii aadaa 120 ol ta’aniif leenjiin bu’a qabeessummaa kenniinsa tajaajila haqaa xabboo mirkaneessu kennameera.

Leenjii hubannoo seeraa fi ijaarsa dandeettii kan walitti dhufeenya sirnoota kenninsa tajaajila haqa Xabboo fi idilee jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuurratti xiyyeeffatee kenname kanarratti,magaalaa Maayaa kutaalee magaalotaa sadeen irraa gandoota 30 bakka bu'uun jaarsoliin manneen Murtii Aadaa sadarkaa jalqabaa fi Oldabarfataa 33 irraa walitti babahan hirmaataniiru.

Kenninsi tajaajila haqaa kan mana murtii aadaa, qajeeltoowwanii fi adeemsa seeraa idilee waliin akka walsimu gochuuf leenjii yaadame kanarratti-walitti qabdoota Jaarsolii araaraa, barreessitootaa fi haadholii Siinqee manneen Murtii Aadaa aadaa sadarkaa jalqabaa fi Oldabarfataa gara 99 fi qooda fudhattoota ijoo biroo dabalatee walumaagalatti namoota 120 ol hirmaachiseera.

Deeggarsa maallaqaa Gamtaa Awurooppaarraa argateen Kolleejjiin Seeraa Yunivarsitichaa fi Biiroo Itti Aanaa Pireezidaantii dhimmoota Qo'annoo, Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Yuunivarsiitii Haramaayaa jalatti kan argamu Biiroo Qindoomina Beekkumsa Xabboo fi Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa waliin ta'uun , leenjii kana adda durummaan kan qopheesse akka tahe barsiisaan seeraa fi qindeessaa tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa Yuunivarsiitiichaa Obbo Caalaa Yuuyyee himaniiru.
Pireezidaantiin Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Maayaa Kabajamoo Obbo Sintaayyoo Sibhaatuu haasawa baniinsaa taasisan keessatti, jiraattotaaf tajaajila haqaa kennuun falmii mana murtii idileetti dhufuu malu hambisee, ba’aa hojii hir’isuu keessatti gaheen jaarsoliin mana murtii aadaa taphatan ol'aanaa waan taheef maqaa hoggansa manneen murtii magaalichaatiin guddaan isin galateeffadha jedhan.
Itti dabaluunis, manneen murtii aadaa yeroo fi baasii salphaan haqa baasuurratti hojii boonsaa hojjachaa jiraataniis, darbee darbee garuu hanqinoonni qabatamaan adeemsa hojii keessatti mul’atanii fi kan qorannoodhaaniis mirkanaa’an waan jiraniif leenjii kana Yuunivarsiitii Haramaayaa wajjiin qindoomanii qopheessuun barbaachisaa tahee argamuu Obbo sintaayyoon ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Haramaayaa bakka bu’uun, Yuunivarsiitichatti Qindeessituun Waajjira Qindoomina beekkumsa xabboo Aadde Yaasmiin Mohammad haasawa taasisaniin, Jaarsoliin waa’ee aadaa isaanii caalaatti beekanii sirna haqaa xabboo irratti hundaa’uun tajaajila haqaa kennan kamuu sirna haqaa idilee waliin walsimsiisuun haqa dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuuf waan isaan gargaaruuf, leenjiin Jaarsolii mana murtii aadaatiif kenname Kuni haalaan barbaachisaa tahuu himaniiru.
Hirmaattonni dubbisne tokko tokkoos kanaan dura beekkumsa aadaa waan qabaniif qofa sirna kenniinsa tajaajila haqaa Mana Murtii aadaa hoogganaa kan turan ta’uu eeruudhaan, garuu leenjii kanarraa beekumsa haqaa aadaa fi adeemsa kenniinsa tajaajila haqaa idilee irratti hubannoo gahaa argachuu danda’uu isaanii ibsaniiru.

Dhumarrattiis, hirmaattotni kunneen mana Murtii Aadaa irraa dhufanitti yeroo deebi’an, beekumsa leenjii kanarraa argatan kana fayyadamuun sirna haqaa aadaa fi idilee walsimsuun hojiirra oolchanii, tajaajila haqaa aadaa hunda ammansiisuu danda'u gahumsaan kennuudhaaf qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Gabaasaa fi Suuraan kan:- Abaadir Ahmed.

24/07/2025
The assassination was committed against article 40(8) of the Constitution?
24/07/2025

The assassination was committed against article 40(8) of the Constitution?

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kew. 40(8) irratti ajjeechaan Suukanneessaan .....
24/07/2025

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kew. 40(8) irratti ajjeechaan Suukanneessaan .....

12/05/2025

Address

Alemaya

Telephone

+251930550846

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hayyuu Seeraa FI Hawaasa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hayyuu Seeraa FI Hawaasa:

Share