
21/11/2024
AKKUMA BARAME
WE NEED PROACTIVE MEASURES IN PLACE NOT REACTIVE ONES!!!!
Akkuma yeroo aanolee waggaa muraasa booda Dharraa Salaaleetti siidaa dhaabnee dhaloota dhufuuf seenaa dabarsuutu aadaa keenya. Akka yeroo Amuuruu morma irra kutani jennee torbee lamaan sadan tokko boonyee jiruu keenyatti deebina. Inni tokko kanas fuudhee fedhii siyaasa isaa ittiin guuttachuuf oliif gadi harkisa. Inni tokko PPtu kanaaf nu saaxile isaantu dabarsee nu laate jedhee qabxii nuuf tarreessa. Tokko irraa fuudhee WBOn qabsaa’aan jira jedha mitii dhufee maaf uummatarraa hin ittisu jedhee ibsa abbaa qabxii 12 tarreessuu barbaada.
Oromoo siyaasa bitaaf mirgaan hirame keessatti akkamitti dhufanii nu ajjeesan jedhanii gaafachuun gowwummaa natti fakkaata. Dhimmi kun dhimma PP or WBO miti. Dhimma dhiiga Oromoo qe’ee isaa keessatti ormaan dhangala’aa jiruuti. Aanolee, Amuuruu, Noonnoo, Dharraa … hundumti keenya hamma mana nu seenutti eegaa jirra. Nutis seenaa sukkanneessaa abboota keenyarraa dhageenye fudhannee sirba ittiin sirbaa, siidaa ijaaraa Oromoon bara sana akkas ta’e jennee wacaa oolla. Kitaabolee seenaa biyyattiin qabdu keessattillee seenaan keenya, godaanisni keenya katabamee hin jiru. Cirumaa ragaa nu gaafatu malee. Wantoota amma ta’aa jiran kanas dhaloota itti aanutti siidaa fi seenaa goonee rakkina kana akkuma jirutti dabarsuun daba seenaa kan biraadha.
Garaa garummaa yaadaa fi siyaasaa qabnu caalaa Oromummaa waliin qabna. OROMUMMAAN HAA DURSU. Rakkoo nuti qabnuuf furmaatnis nu bira jira. Osoo warra ormaa keessaa namni tokko Oromiyaa keessatti ajjeefamee biyyi guutummaan gurraacha uffata, Parlama, miidiyaa guutummaan boo’aa oola. Kan keenya yeroo ta’u nutiyyuu quba walitti qabna malee yaada furmaataa kan kennu nama yartuudha. Hundumtuu dhaabni siyaasaa inni deeggaru akkam dinqii akka ta’e dabareen nutti lallabuun alatti furmaata laatu hin qabu. Ormi yeroo seenee nu ajjeesu kan akkasitti nutti salphateef du’a Oromootu baramaa ta’e. Kanas waan haaduu dhaan haala nama sukkanneessuu