Sabona Abdissa page

Sabona Abdissa page Shaalloom

18/07/2025

===== YESUUS KIRISTOOS KALEESSAS HAR’AS BARABARAAN ISUMA SANA! ===
📖 IBR 2:1-4 Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa. Dubbiin ergamoota WAAQAYYOTIIN dubbatamee fudhatamaa ta'e, namni isa irra daddarbe yookiis namni isaaf dhaga'uu dide hundinuus adaba isaaf ta'u in argate. Yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee, attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga'an immo dubbii kana nuuf cimsaniiru. Kana irrattls WAAQAYYO ofil isaatii milikkita fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruudhaan, duukaa bu'ee dhugaa ta'uu isaa mul'iseera.
☝️Waaqayyo bara duriitti karaa garaa garaatiin abboota keenyatti dubbachaa tureera.
☝️Karaa raajotaa dubbatee, karaa ergamootaatiin dubbatee, garuu guyyoota gara dhumaa kana jala, karaa ilma isaatiin nutti dubbate.
📖Ibr 1:1-2 Bara duriitti WAAQAYYO si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; WAAQAYYO ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harkaisaatti kennuuf isa dhaabe.

☝️Waaqayyo biyya lafaa fayyisuuf biyya lafaa waan jaallatuuf tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erge. Garuu, biyyi lafaa kun hojinshee, jalinaaf hammeenyaan waan guufteef, isa tuffattte malee isa hin simanne.
☝️Akkuma macaafni, "Kunoo, dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa, isa gati-qabeessas Xiyoon keessa nan kaa'a; inni isatti amanatu immoo hin yeella'u" jedhu, kan isatti amanu hin yeella’u!
📖 2phex 2:6-8 Caaffata qulqullaa'aa keessa, "Kunoo, dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa, isa gati-qabeessas Xiyoon keessa nan kaa'a; inni isatti amanatu immoo hin yeella'u" kan jedhu jira. Isin warra itti amantaniif dhagaan kun gatii guddaa qaba; warra itti hin amanneef garuu, caaffanni qulqullaa'aan akkuma jedhutti,Akkasuma immoo, "Inni dhagaa n

Jecha Pro Mihratuu SHaanqoo keessaa Muraasa:√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√Mul'ata malee Hin mul'at...
29/04/2025

Jecha Pro Mihratuu SHaanqoo keessaa Muraasa:
√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√

Mul'ata malee Hin mul'atan
Mul'ata jechuun imala yaada sammuuti!
➺✔️ of beekuuf murtoo Hin qabdu taanan yoo of beektes murtoo Hin murteessituu
➺✔️Barachuun beeku Hin ibsu beekuun garuu barachuu Ibsa
➺✔️ Qabeenyi akka maleetti kufeef dagatame dhala namati
➺✔️ Namni lakkoofsa guutuuf dhalate Hin jiru lakkoofsaan guutuu ta'ee dhalata malee
Gonkumaa Hin arifatin
Gonkumaa Hin dhiphatin
Gonkumaa Abdii Hin kutin
Gonkumaa waan xiqqoon qabamtee karaatti Hin dhaabbatin
➺✔️ yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenyaa Ati qooddachuuf eeggattudha
➺✔️ jaarraan 21 ffaan jaarraa namoota tattaaffii fi tarkaaffiiti malee jaarraa tuffii miti
➺✔️Addunyaan sammuu keefi jecha Ati waa'ee keef qabduu keessaa jirti
➺✔️ yoo Amantee wanta ta'uu barbaadde ni taata jedhama barrisuu kan dandeessuu yoo hamma barrissuu dandeessuu amantee qofaadha
➺✔️ Of shakkiin inni namni biraan si shakkuu iyyuu si ga'a
➺✔️ carraan amma qabduu kan guddinaati malee kan badiisaa miti
➺✔️ Dirree itti injifatamtee keessaatti lubbuun jiraachaa hafuu kee caalaa dirree itti injifate keessaatti duute awwaalamuu sif wayya
➺✔️ meeshaa ammayya'aa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutti gara dirree seen I
➺✔️ tulluun of beeke si duraa kufuu Hin jiru akkasumas tulluu Ati dhibdee siduraa kufuu didu Hin jiru
➺✔️ Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hikamaa keessaa jiraachuu irraa qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuutu wayya
➺✔️ Rakkinaa kalleessaa sirra ga'ee har'as rakkina jettee dubbatta taanaan har'as namatu sif Hin arginee malee rakkinaa isa kan kaleessaa caalu keessaa jirta
➺✔️ Geggeessummaan Carraadha osoo Hin taanee itti gafaatammummaadha.
Kitaaba Pr Miratuu shanqoo irraa

09/04/2025

ለሰራችው ሴራ አልወድቅም ፣ ለሰራችው ሴራ ፣ ለሰራችው ሴራ ፣ ለሰራችው ሴራ እወድቃለሁ ፣
ባሴርከኝ ሴራ ከመውደቅ እግዚአብሔር ካሴርከኝ ተንኮልና ሴራ አውጥቶኝ ያሴረኝ አንተ በሰራችው ሴራ ትወድቃለህ!
ቀስ ብሎ ማንበብ *xx

08/04/2025

Qubee Maqaan Haadha keetii ittiin jalqabu Barreessii ''sin jaalladha haadha koo'' jedhiin🥰

03/04/2025

Waan 3 ilkaan malee nama nyaata
1. Yaada
2. Jaalala
3..........
Itti guuta

Of Gaggeessuu (Self leadership)▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi...
31/03/2025

Of Gaggeessuu (Self leadership)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha. Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:
1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.
2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.
3. Of sissi'eessuu/ self motivation/
Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.
4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.
5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti kana guddisuuf fayyadan
1. Mul'ataa fi galma ofii haala SMART ta'een kaa'achuu
2. Yeroo keenya urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3. Bilchina miiraa ofii guddisuu
4. Nama har'aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.

Address

Amboo
Ambo

Telephone

+251917331850

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sabona Abdissa page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share