16/11/2023
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, magaalaa Daaree Salaamiitti gaggeeffamaa jiru “haala gaariin deemaa jiraachuu” maddeen marii kanaitti dhhiyeenyaan hordofaa jiran BBC’tti himaniiru.
Marii torban darberraa kaasee bakka qondaalonni waraanaa olaanoo gama lamaanirraa irratti argamanitti gaggeeffamaa tureera.
Haata’u malee, kaleessarraa kaasee ammoo aanga’oonni mootummaa olaanoo lama marii kanatti makamaniiru akka maddeen BBCf mirkaneessanitti.
Aanga’oonni kunneenis, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasaaddar Reediiwaan Huseen fi Ministira Haqaa Geediyoon Ximootiyoos ta’uun barameera.
Aanga’oonni kunneen marii kanarratti argamuunis marichi “haala gaariin deemaa jiraachuuf” agarsiistuu ta’uu keessa beektonni dubbachaa jiru.
Aanga’oonni kunneen marii nagaa waggaa darbe mootummaan Federaalaafi TPLF Piritooriyaatti gaggeesserratti mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatanii turan.
Marii guyyootaaf gaggeeffamaa tureen booda amma “gara dhimmoota qabatamoo ta’anirratti” dubbachuutti ce’aniiru jechuun barruun Addis Standard maddeen isaarraa argadhe jedhe eeruun gabaaseera.