Araarsaa Biqilee Aagaa

Araarsaa Biqilee Aagaa Waaqeffannaan sirna! Tokko dura ,argaatu jira!
(1)

"Bishaan mataa gahe miila hin hanqatu"...‎Dhaloota keenya ilmaan Booranaaf bareentuu halagaan ilaalcha dabaa fi ammeenya...
30/12/2025

"Bishaan mataa gahe miila hin hanqatu"...

‎Dhaloota keenya ilmaan Booranaaf bareentuu halagaan ilaalcha dabaa fi ammeenya dhokataa kan halagaa malee firri hin beeknen masakame dhaloota gidduutti tolchuun akka dhalootumman keenya adda cituuf halkanii fi guyyaa nurratti dalagamaa ture. Daba kanaan Oromoon aaduu takkan korma qalatee qorii takkarraa nyaachuu lagatee ,soddooma walii lagatee hanga Oromummaa walii waakkachuurra ga'eera.Haa ta'u malee ''iji baddus bakki ijaa hin badu' akkuma jedhamu, Har'a guyyaan waan hunda bira nu dabarsee, dhaloonni dammaqee diinummaa kalee san cabsuun miira dhalootummaa fi gochaa kalee rawwatametti gaabbun dhibdeen kun akka falamu taasiseera. Galanni maanguddoota keenyaa fi Galma Warra Abbaa Oromootif haa ta'u,ilmaan aaduu takkan korma qalatanii waliin nyaachun, walirraa fuudhanii walitti heerumsiisun fi walumaagalatti fayyaaf nageenyi kaleessa Oromoo gidduu ture sun bu'uurarraa akka deebi'uuf fayyinni Oromoo gosa Jiillee fi warra Arsii gidduutti taasifamee jira. Dhaloonni fi maanguddoonni keenya dubbii tana hawaasa kana gidduudhaa fixuuf aarsaa garaagaraa kaffalaa turtan galatoomaa! Oromoo lubbuun jiruufis kan lubbuun hin jirree birattis kuni gammachuudha!

Galata Ayyaantummaa warra Abbaa Oromoo milkoofne!Yaa'ii walgeettii sabaa guyyaa kabajamaa kana baga qabaanne!
22/11/2025

Galata Ayyaantummaa warra Abbaa Oromoo milkoofne!
Yaa'ii walgeettii sabaa guyyaa kabajamaa kana baga qabaanne!

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 21ffaa isaa Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Finfinnee fi Naannawa Finfinnee, Konyaa Buraayyuu, Galma Amantii Waaqeffannaa Malkaa Gafarsaatti Sadaasa 13, Bara 2018 A.L.I. gaggeeffate.

Yaa’ichi koreelee sadarkaa gara garaatti muudamaaf dhiyaatan mirkaneessee jira.

Gabaasa guutuu link 👇 seenudhaan ni argattu.

https://waqefana.com/dhaabbanni-hordoftoota-amantii-waaqeffannaa-yaaii-waliigalaa-idilee-21ffaa-geggeeffate

28/10/2025

Gadaan gadaa ofta'uu walta'uuti!
Baga milkoofne!

Register - Waqefana Religion Followers Organization

02/10/2025
GALMA LEEMMAN!
17/08/2025

GALMA LEEMMAN!

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee, Konyaa Qarsaatti kan argamu Galmi Amantii Waaqeffannaa Leemman ijaarsa xumuruun tajaajila Amantii Waaqeffannaa kennuu jalqabe.

Address

Ambo

Telephone

+251932083971

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Araarsaa Biqilee Aagaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share