Bona Ambo

Bona Ambo information

Iraan nama Doonaald Tiraamp ajjeeseef Yuuroo miiliyoona 50 kennuuf ( Caamsaaa 15/2026) FinfinneePaarlaamaan Iraan nama D...
15/05/2026

Iraan nama Doonaald Tiraamp ajjeeseef Yuuroo miiliyoona 50 kennuuf
( Caamsaaa 15/2026) Finfinnee

Paarlaamaan Iraan nama Doonaald Tiraamp ajjeeseef Yuuroo miiliyoona 50 kennuuf
Kan dirqisiisuu labsii haaraa baasuuf akka jirtu miseensi mana maree olaanaa biyyatti Kamisa darbe ibsee jira.

Tarkaanfiin kun dhiiga hoggantootaa fi ajajoota Iraan haleellaa Ameerikaa fi Israa’eel irratti ajjeefaman haaloo ba’uuf akka ta’e himama.

Dura taa’aan koree nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa paarlaamaa kan ta'an Ibraahiim Azizi Miidiyaa mootummaatti akka himanitti, miseensonni Mana Maree Seera tumtootaa ,erga waraanni Sadaasaa jalqabee asitti wixinee seeraa hedduu qopheessanii jiru, isaan keessaa tokko tarkaanfiiwwan haaloo bahuu humnoota waraanaa fi nageenyaa ilaallataa jechuun kan himan.

Akka Aziziin jedhantii pirezidaantiin Ameerikaa, muummichi ministeeraa Israa’eel fi ajajaan dhaabbata 'CENTCOM' irrattis haala wal fakkaatuun xiyyeeffannoo guddaa keessa jiru jedhame jira.

Duulli Badhaasa Idil-addunyaa Yuuroo miiliyoona 50 kun karaa ergaa barreeffamaa mobaayilaatiin dabalatee Iraan keessatti bal'inaan kan beeksifamu yoo ta'u, hanga ammaatti namoonni 290,000 ol mallatteessuun doolaara ameeriikaa miiliyoona 25 walitti qabanii jiru.

Aziiziin itti dabaluudhaan wixineen labsii kun mootummaan Iraan Yuuroo miiliyoona 50 armaan olitti ibsame kana nama Musliimaa ykn nama tarkaanfii kana fudhatu kamiifuu kaffaltiin akka raawatamuuf labsii kun kan dirqisuudhaa jedhame jira.

Yaaddoon nageenyaa Doonaald Tiraamp duula filannoo bara 2024 irratti yaalii ajjeechaa erga godhamee booda sadarkaa sodaachiisaa irra gahee jira.

Ministeerri Haqaa Ameerikaa kanaan dura shira dhoksaa Koreen Warraaqsa Islaamaa Iraan Tiraamp ajjeesuuf xaxaa ture saaxiluu isaa beeksisee ture

Maddi:-Iran International

 ‼️Itiyoophiyaa fi Ertiraan hariiroo obbolummaa waggoota sadeen darbeef addaan citee ture deebisuuf qophiin gahaan godha...
15/05/2026

‼️

Itiyoophiyaa fi Ertiraan hariiroo obbolummaa waggoota sadeen darbeef addaan citee ture deebisuuf qophiin gahaan godhamaa jiraachuu isaa mirkanaa'e jira!

Walitti dhufeenya biyyoota Kamaanii bifa adda ta'een haaromsuf looretii nagaya addunyaa fi MMI kabajamoo Dr Abiy Ahmed Ali gara Ertiraa magaalaa Asmaraatti ni imalu jedhamee eeggama.

Gama biraatin immoo perezidaantiin Ertiraa Isaayas Afwarqii gara magaalaa Finfinneetti akka dhufu odeessi keessa beektota irraa nu dhaqqabe addeesse jira.

Baasii fi wareegama tokkoon alatti shira TPLF fashaleessun gamnummaadha.

Si'a 10 ol toorcherii godhaman!Piroofeesar Maartaa Kumsaa (Kuwee). Haadha manaa obbo Leencoo Lataa.Gaazexeessituu, ogees...
14/05/2026

Si'a 10 ol toorcherii godhaman!

Piroofeesar Maartaa Kumsaa (Kuwee). Haadha manaa obbo Leencoo Lataa.

Gaazexeessituu, ogeessa siyaasaa (politician) fi falmituu mirga namoomaa kan ta’an Piroofeesar Maartaa Kumsaa jedhamu.

Bara 1946 keessa magaalaa Dambi Doollootti dhalatani. Warra Miisiyoonaa irraa kan dhalatan yeroo ta'u, maqaa “Maartaa” jedhu maqaa narsii isaaniin deessiste irraa argatani. Maqaa “Kuwee” jedhu ammoo dubartii seenaa Oromoo keessatti goota taate tokko irraa fudhatani.

Barnoota sadarkaa 2ffaa akka xumuraniin Yunivarsiitii Qadaamaawi Haayilesillaasee Finfinneetti argamu seenani.

Yeroo sanatti fedhiin isaanii Engineering brachuu kan ture yeroo ta'uu, akkuma isaan Yuuniversitii seenaniin mormiin sirna mootummaa Haayilesillaasee Finfinnee keessatti dhowee waan tureef mormii sanatti makamani.

Mootummaan Haayilesillaasee kan kufu yoo ta'e, lafti abbaa lafaatiif ni deebi'a, bittaa warra lixaa jalaa baanee 'socialism' dhaan bulla, akkasumas lafti manneetii amantaatiin qabamee jiru gadidhiifamee abbaa lafaaf deebi'a abdii jedhuun kan qabsaa'an yeroo ta'uu, mootummaan Haayilesillaasee kufee, dargiin dhufus gaaffiinsaanii deebii dhabuu hordofee qabsoosaanii itti fufani.

Yeroo sana ogummaa gaazexeessummaatiin Lutheran World Federation kan Finfinnee keessatti argamu irraa leenji'ani.

Gidduu kanaanis obbo Leencoo Lataa waliin gaa’ela dhaabbatani. Obbo Leencoon yeroo sana chemical engineering eebbifamanii turani.

Bara 1968 keessa mucaa isaanii jalqabaa argatan; Huriyaa jechuunis moggaasani. 'Huriyaa' jechuun afaan Arabiffaan 'Bilisummaa' jechuudha.

Yeroo kanadha kan Koloneel Mangistuun 'Red Tererrist' (Shororkeessa Diimaa akka jechuuti) labse.

Wayita sana Huuriyaatti aansanii Roobalee da'anii turani. Mucaa 3ffaa ammoo ulfa turani. Gidduu kanaan Obbo Leencoo dhufanii manaa qabanii hidhani. Ji'a 6 keessatti yeroo afur hidhaniiru. Kunis fincila diddaa fi ABO waliin walqabatee ture. Utumasaan mana hidhaa jiraniis mucaasaanii isa 3ffaa godhatani.

Obbo Leencoon mana hidhaa galfamanii eessa akka jiran utuu hin beekamin waggaa tokko guute. Bara 1973 keessa piroofeesar Maartaas qabanii hidhani.

Yeroo sana umuriin isaanii waggaa digdamoota gara jalqabaa yeroo ta'u mana hidhaa sana keessatti yeroo kudhanii ol toorcharii akka godhan dubbatu. Kunis ammoo atis fincila diddaa kana keessatti hirmaatteetta jedhamaniituu dha. Haala kanaan waggoota sagal mana hidhaa keessatti abarsani.

Beela bara 1970 gara dhumaa biyya kana keessa ture ogummaa gaazexeessummaa qabaniin addunyaatti kan beeksisan, manuma hidhaa keessa taa'anii afaan Farnsaayi fi afaan Tigiree barachuu danda'anii turani.

Akkasumas bayooloojii, herrega fi ji’oograafii namoota mana hidhaa keessa turanii fi ijoollota warra mana hidhaa eeganii barsiisaa akka turan dubbataniiru. Namni sammuu cimaa qabu mana hidhaa keessa jira jechuunis dubbatu.

Mana hidhaa keessa osoo jiranii dhaabbileen mirga namoomaa akka Amnesty International dhiibbaa godhaniin yaalaaf gara hospitaalaa akka geeffaman hayyamameef.

Yeroo mana hidhaa keessa jiran ijoollota isaanii waliin wal arguu waan hin dandeenyeef Hospitaalatti carraa kanatti fayyadamuudhaan warra eegdotaaf matta'aa kennanii daqiiqaa 15f ijoollota isaanii waliin walarguu akka dandaa'an dubbataniiru.

Mana hidhaa keessatti dhaabbanni PEN jedhamu poostaa ergeefii ture. Ergaan irratti barreeffame tures: “We know about you. You are not alone.” (Nuti waayeekee beeknaa, ati qofaakee miti) kan jedhu ture. Kunis abdii itti horee akka ture dubbatani.

Barreessaa beekamaan biyya Kaanaadaa Timothy Findley, jedhamu kan isaan “abbaa koo Kaanaadaa” jedhanii waaman, ergaa “Hope against despair” jedhu poostaadhaan yeroo hedduu deddeebi'ee ergaafii ture.

Phaagumee 5/1981mana hidhaatti ijoolleensaanii ilaaluuf waan dhufaniif, rifeensa mataasaanii miicachaa turani. Guyyaansaa sambata guddaa ture. Gidduu kanaan sagalee guddistuudhaan maqaansaanii waamame.

Waamichi kun ajjeechaadhaafis ta'uu mala ta'a; hata'u malee bilisaan mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman itti himame. Gadi ba'anii ijoolleesaanii argatan. Gara manaattis waliin qajeelani. Obbo Leemcoon garuu duukaa hin turre.

Ijoollee isaanii sadeen fudhatanii bara 1983 gara biyya Kaanaadaatti baqatani.

Waggaa tokko erga turaniin booda barnoota isaanii itti fufuun bara 1988 Yunivarsiitii York irraa digirii jalqabaa hojii hawaasummaa (Social Work)dhaan fudhatani.

Waggaadhuma sana keessa Human Rights Watch irraa badhaasa mirga namoomaa argachuu dandaa'aniiru.

Waggaa tokko booda Yunivarsiitii Torontoo irraa maastarsii fudhatani.

Bara 1995 Yunivarsiitii Wilfrid Laurier keessatti barsiistuu ta'anii hojjechaa osoo jiranii doktoreetii isaanii Yunivarsiitii Torontootti xumurani.

Piroofeesar Maartaa Kumsaa (Kuwee) biyya Kaanaadaa keessatti yunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti barsiisaa turaniiru.
Madda: Ancient History of Oromoo

  'Pireezidaantii' Ofiin 'Mootummaa': Tapha Siyaasaa Dabratsiyoon fi Xalayaa Sa'uudii ArabiyaaDhimmi naannoo Tigraay kee...
14/05/2026

'Pireezidaantii' Ofiin 'Mootummaa': Tapha Siyaasaa Dabratsiyoon fi Xalayaa Sa'uudii Arabiyaa

Dhimmi naannoo Tigraay keessatti mul’atu dhimma gargaarsa namoomaa qofa osoo hin taane, lallaba humnaa fi falmii angoo keessoo jabaataa jiru kan saaxiledha. Gareen Dabratsiyoon Gabramikaa’eel (PhD) durfamu, gama tokkoon bulchiinsa naannichaa guutummaatti to'achuu isaa labsuun "Mootummaa Naannoo Tigraay" fi "Pireezidaantii" ofiin jechaa jira; gama biraan immoo, dhimma baqattoota Sa'uudii Arabiyaa keessatti du'aaf saaxilamaniif iyyannoo dippiloomaasii dhiyeessuun fudhatama siyaasaa argachuuf carraaqaa jira.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa beekamtii osoo hin kenniniif, humni kun mana maree duraanii deebisee ijaaruun, xalayaawwan kanaan dura "Bulchiinsa Yeroo" jedhanii barreeffaman gara "Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Tigraay" jedhutti jijjiiree jira. Tarkaanfiin kun fedhii angoo deebisanii mirkaneeffachuu fi xiyyeeffannaa hawaasa idil-addunyaa jalatti "mootummaa dhimma lammiilee isaaf falmu" fakkaatanii mul'achuu gidduu jiru agarsiisa.

Xalayaa Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin mallatteeffamee Ministira Dhimma Alaa Sa’uudi Arabiyaa, Prince Faayisal Biin Faarhaan Al Sa’uudiif ergame irratti dhimmoota ijoo armaan gadiitu dhiyaate:
Baqattoota Tigraay dhibbaan lakkaa’aman kanneen adabbii du’aaf saaxilaman akka araarri godhamuuf gaafatameera.

Namoonni kunneen yakkamtoota osoo hin taane, sababa waraanaa fi beela namtolcheen lubbuu isaanii oolchuuf kan baqatan ta'uun ibsameera.

Dhaabbilee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa waliin ta'uun, baqattoonni kunneen nagaan fi nagaa dhabuu tokko malee gara Tigraayitti akka deebi'an dhiibbaan akka taasifamu gaafatameera.

"Mootummaan Sa’uudii duudhaa haqaa fi araaraa isaa kaasuun balaa namoomaa duubatti hin deebine ittisuuf tarkaanfii ariifataa akka fudhatu amantaa qabna."
— Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eel (Xalayaa irraa kan fudhatame)

Akka gabaasni Gaazexaa Addis Maleda agarsiisutti, xalayaan kun hawaasni addunyaa fi mootummaan Sa’uudii lammiilee saaxilamoo ta’an eeguuf dirqama naamusaa waliinii akka qaban yaadachiisa. Haa ta'u malee, falmiin angoo keessoo naannichaa fi tarkaanfiin dippiloomaasii alaa kun wal-faana deemuun isaa, dhimma namoomaa kana duuba kaayyoon siyaasaa dadammaqsuu jiraachuu isaa ifatti saaxila.

 !Dubbistoonni kitaaba tokko dubbistanii mataa nu ho'isaa jirtan kunniin, kitaabota kana keessaa meeqa dubbistaniittu? M...
13/05/2026

!
Dubbistoonni kitaaba tokko dubbistanii mataa nu ho'isaa jirtan kunniin, kitaabota kana keessaa meeqa dubbistaniittu? Meeqa jaalattan? Kamtu hafe? Kan hafee fi dubbifamuu qaba jettan itti dabalaa!

●A
Aagas: Eebbisaa Tuujjii
Alii Barkii - Esayas Hordofa Mijena
Anaan'yaa - Prof. Asafaa Tafarraa ( Abba Ebba )
Abjuukoo Hin Gurguru - Ebisa Bayissa
Aarsaa - Abiraaham Jaalataa
Abuuruu - Jaatanii Bonayyaa
A'aa - Abdisa Belachew
Anaa Fi Dinsirii - Abdiisaa Balaachoo
Amartii Imaanaa - Hambaasan Guddisaa
Abjuu Edaa - Kabbadaa Alamuu
Abbaa Hin Qabu - Kumaa Duulaa
Abdii - Ifaa Balaay Tamasgeen
Anaafi Isaan Gidduutti= Lammii Tarreessaa
Ate-Loon = Prof Asafaa Tafarraa
Anaa Fi... - Komartiket Yadesa
Alanfannaa Bishaanii - Nimoonaa Injiguu
Amala Namaaf Iccitii Jaalalaa - Qannoo Addisuu
Aadaa Oromoo Wallaggaa= Luba Dafaa Jamoo
Anaa Fi Ameerikaa - Ebisa Bayissa
Ashalamoo - Abdiisaa Turii
Afaan Qawwee Jalatti - Lammi Begna
Ayyaana Korroosoo - Abdiisaa Turii
Atis Ni Moota - Warqinaa Abarraa
Artiifi Aartistii Oromoo- Daadhii Galaan
Awwaala Jiraa - Calqabaa Guddataa
Araada- Aboma Merga
Achi Buutee - Milkeessaa Ahimed
Akkamtaa- Addunyaa Barkeessaa
Ayyaantummaa - Kanenus Kasa Bayisa

●B
Barruu - Amena Teferi
Bishaan Gubate – Mahaammad Siraaj
Beekumtaa Oromoo - Filee Jaalataa (PHD)
Baduukoo Eenyutu Dhokse? - Ashannaafii Bahaaruu
Biiftuu Haqaa - Falmataa Kafanaa
Beekaa - Mushurraa Taganyi
Bilchina Miiraa - Dr. Iyoob Maammoo
Booree Booruu - Beekanii Taakkalaa
Biiftuu Diiramaa - Mangashaa Riqituu
Bilisummaa Oromoo: Jamaal Ahimad
Burreen Bifa Tokkoo Miti - Gaaddisaa Birruutiin
Bu'uuraalee Ogbarruu Oromoo - Fedhasaa Taaddasee
Booree Baroode - Cabsii Taliila Galaan
Biiftuu Barasaa - Shifaa Ibiraahim
Barbaadanii Of Argachuu - Diittaa Huseen Abdurrahiim
Bakka Yaadne - Warquu Guddinaa
Booree - Guddataa Hirphoo
Barnoota Oromiffaa: Seera Qajeelcha Afaanii - Toleeraa Tasammaa Fi Hundasaa Waaqwayyaa
Booree Booranaa - Abarraa Hambisaa
Barbadaa - Lalisaa Abaataa Galaalcha
Bakkalcha Barii - Safa Zeenu

●C
Cuunfaa Dhiigaa - Yayyis birruu
Callisa Burqa - Tasfaayee Gabira'aab
Coqorsa Abdii - Galataa Tsaggaa
Cagaddii - Falmataa taarraqany
Cancala - Birmadummaa Namee
Ciniinsuu - Lammii Girmaa
Cabaa Cabsan - Lalisee Mokonnon
Caba Cabaan Cabe - Galaanaa Faaris Adam
Corcarii - Moonaa fiqaaduu
Cancala Seenaa - Tsahaay Kumsaa
Caba Cabaan Cabee Lafee Ta'e - Qorichoo shufeeraa
Caba - Dr Ayyelee Kabbadaa
●D
Dhaloota Mul'ataa - Kanenus Kasa Bayisa
Dhangaa Dhangala'e - Belina Wakjira
Dorrobaa - Mo'ibon Baqqalaa
Dhikkifannaa - Beekan Gulummaa
Dhaqdhaqii - Gammachiis Abarraa
Dhaamsa Dhaamolee - Nabaanii Shaafii
Du'aa Jiraatu - Waadaa Bultii
Dubbisa Akeeka Ogummaa - Daawwitii Shifarraa
Dimiimmisa Kaleessaa - Abdiisaa Turii
Dirree Waraana Sadaffaa - Moonenus Hundarraa
Dirree Waraana Sammuu - Eebbisaa Baayisaa
Dhaloota Qaalii - Tolesa Bedada Hunde
Dhaaddacha Sobaa = Bilisummaa Shibbiruu
Dhangaa Dhiigaa - Dinqaa Tuujii
Dhaadannoo Moo Yaadannoo?- Diinayaas W Abeebee
Duula Baratanii Barsiisuu Dargaggoota Arsii Fi Seenaa - Abdiisaa Turii
Dhaloota Sodaa Cabse - Kedir Abdulatif
Dhaala - Moti Abelti Tufa
Dhidhiibbaa Caba Dabale - Lalisaa Indiris Adam
Dugda Duuba Waan Badee - Daawwitee Tamasgeen
Dhaamsa Abbaa - Gaaddisaa Birruu
Dhaamsa Dhumaa - Galaanaa Dheeressaa
Danaa........Asafaa Tafarraa
Daandii Ida'amuu - Dr Abiy Ahmed Ali
Dhaloota Ida'amuu - Dr Abiy Ahmed Alii
Dungoo Jireenyaa - Eebbisaa Baayisaa
Daandii Mo'attootaa - Eebbisaa Baayisaa
Dibaa - Yaasoo Kabbabaa Hordofaa
Dirmammuu.........Takilee Qinaaxxii
DHANGAA DHALOOTA QUBEE: Tumsa Haaromsa Seenaa Oromoo - Gazzahaany Lammii
Dhoksaa Jireenyaa.......... Abdi Fite
Dhundhuma Hin Dhumne...Abdiisaa Tibeessoo
Daaniyaa - WADO
Du'a Gurraacha - Yoomiyyuu Mul'ataa
Du'a Dhumaa - Bariinaan Jifaaraa Guutaa
Du'i Du'a Gootaa - Jaaloo Jaarraa
Duumessa Hin Roobin - Taaddanee Hirphaa
Duumessa Galgalaa - Oromiyaa Qaccee
Duub Deebii Seenaa - Gammachuu
Duudhaa - Maammoo Gadaa
Dukkana Barii Jalaa - Fedhasaa Taaddesee
Dhiiga Dhiigaaf Dhiige - Dammaqsaa Firoomsaa
Du'aaf Jireenya Gidduu - Lammii Beenyaa
Dilbii Afoola Oromoo - WATO
Dhangaa - Gabii Bunoo
Dhabsuu Seenaa - Geetaahun Hayiluu
Dorrobaa Maseene - Tigist Warquu
Du'a Dhumaa - Bariinaan Jifaaraa
Dammadaamuu - Hinsene Mekuria
Deemsa Qocaa - Dargaggoota Shan
Dirqama Dhalootaa - Galataa Maammoo
Dheeraa Ruudaa - Boruu M Barraaqaa
Dungoo - Tololaa Faantayee
Dungoo Fayyaa - Abdu Mohammed
Duula Kanniisaa - Boruu M Barraaqaa
Duraa-Duranee- Diinas Dhufeeraa
Dhalee - Dr Ayyelee Kabbadaa
●E
Egeree Oromoo Fi Humna Mo'ichaa - Ofiikoo Nugusee
Eenyu Siin Jedhu? - Injiner Lalisa Benti
Eelaa Imaltuu - Ama Nuu Ta
Eelaa Jireenyaa..........Baqqalaa Lataa
Eela........... Rahiimaa Jawwaar
Ekeraa Haramaayaa - Abraham Tesfaye Gudina
Eelaa Harmee - Oliyaad Cimdii
Ekeraa Dhugaa - Hundaa’ol Mokonnin
Edas Edanas - Prof Asafaa Tafarraa
Ekeraa Dimokiraasii - Dajanee Xaafaa
Ernistoo Cheguveeraa - Mangistuu Warqinaa

●F
Fayyaa sammuu - Gurmuu Ogeessota Fayyaa
Furtuu Gumaa - Tashoomaa Guuttataa
Faana Imaanaa - Walabummaa Dabalee
Firii Wareegamaa - Biqilaa Amanuu
Faana Of Dha'uu - Falmataa Taarraqany
Finfi - Prof Asafaa Tafarraa Fi Hiriyoota
Fedhii Gamtokkee ..... Gaaddisaa Birruu
Furgaasi - Ãangos Saamu'eel
Faaya Fayyaa - Dr Nafyad Getu Dugasa
Faan Dhoofticha Gadoo - Hinseenee Makuraa
Faana Imaanaa....Walabummaa Dabalee
Firii Farraa - Muhaddiin Hasan Godaanaa
Fiigicha Miiltoo Dhabe - Kumee Mootii
Faaya Oromiyaa - Abdiisaa Guyyee
Faana Seerluga Afaan Oromoo - Taye Dendea Aredo

●G
Galaa Qeerroo - Dargaggota Shan
Gaabbii Injifachuu - Yohaannis Warqinaa
Godaannisa Jilbaa - Gamtaa Zawudee
Gaaddisa Gurraacha - Amaan Guddataa
Guduunfaa Hin Hiikamne - Ayyaantuu Jaallataa Biilaa
Gabrummaa Miila Sadii: Doorii Doddotoo
Gumaafi Sirna Gadaa: Gammachuu Taliilaa
Gatiin Namaa Meeqa? - Ebisa Bayissa
Gadoo Lakkuu - Gaarii Abbaa Booraa
Galaa Sammuu - Galataa Tsaggaa
Gaaffii - Hundumaa A Booji'aa
Galfata - Lalisaa Indiris Adam
Galaa Dhiigaa - Abraham Jaaalataa
Godaannisa.......... Dhaba Wayessa
Gurraacha Abbayaa - Dhaabaa Wayyeessaa
Gabrummaa Birmadummaa Fakkaattu - Mihratuu Shaanqoo
Guuboo Seenaa ......... Beekan Gulummaa
Gaachana Dhommoqe..... Beekan Gulummaa
Gindiillaa - Beekan Gulummaa
Gadaa Biqile - Isiraa'el Tamasgeen
Gundoo Booree - Maaramee Harqaa
Guca Qabsoo Oromoo- Yoomiyyuu Mul'ataa Kitil
Gaadii - Beenyaa Dhaabaa
Gadoo Lakkuu - Gaarii Mangashaa
Gatii Gumaa - Lati Chali Likasa
Gola Icciitii - Gammachuu Irreessoo
Garaacha Garaan Gube - Barnaan Jifaaraa
Galaa Jireenyaa - Hinseenee Makuraa
Gantuu - Dheeressaa Gannatii
Gadaa - Bokkuu Gadaa Dhaabbata Maxxansaa Fi Beekisisaa
Gaggeessummaa A To Z - Dr. Iyyoob Maammoo
Gara Jabeenya Abbootii Irree - Iddoosaa Margaa
Gaadidduu Gaaddisaa - Jabeessaa Galoo
Gammachiisaa - Waldaa Macaafa Qulqulluu Itiyoophiyaa
Galata Waaqayyoo - Dhaabbata Amantii
Gumbii Oduu - Luba Dafaa Jamoo
Gungummii Eelaa - Jenenus Dejene
Gola Icciitii - Gammachuu Irreessoo
Ga'umsa Dhokataa Keessakee Jiru - Eebbisaa Baayisaa
Garagaltoo - Xiiqii Dajanee
Galaa Dooccoo - Dilgaasaa Dirribsaa
Galata Qeerroo- Ahimadsiraaj
Giimii – Beekaan Gulummaa
Goolii Gurraacha - Toleeraa Fayisaa

●H
Hin Dhaqiin - Lammii Sobbooqaa Gurmuu
Harmee Harma Malee- Sisaay Bulbulaa
Hayyuutu Ragaa Bahe- Argannee Katamaa
Hirmii- Cabsii Taliilaa Galaan
Humna Muldhataa - Eebbisaa Baayisaa
Hubannaa - Maammoo Gadaa
Hiree Hiraarfamte - Sooran Nugusaa
Huursaa - Luba Dafaa Jamoo
Horooroo - Bitaacha Dhaabii (Gabree)
Hiree Jal'atte - Tolaa Urgii
Hayyuutu Bahe Ragaa - Argannee Katamaa
Humna Gaarummaa - Hinseenee Makuraa
Haalan Gaggaarii - Muhammad Saahil
Hiika Mo'ataa Guddicha - Guutuu Indaashoo
Hiree Dukkanoofte - Naa’ol Alamuu
Hiree Galgalaa - Hawwii Gonfaa
Huuruu Harree - Qannaa Wayyeessaa
Hawwii. .........Isaayyaas Hordofaa
Halluu Du'aa - Ebisa Bayissa
Handhuura Oromoo - Irranaa Gammachuu
Halluu Yaadaa - Tokkichoo Ifaa
Halkan Hamaa Sana - Warqinaa Shifarraa
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo- Dr.Hayilee Fidaa
Himata Dhidhime - Oliifan Fiqaaduu
Haqa Miliqe - Angaatuu Caalaa
Hiigaa - Nasru Kush
Hanga kee Beeki - Birraa Jemal
Hin gaabbu - Jawar Mohammed
Hangafticha - Sagni Balcha Wogari

●I
Imala - Galataa Salbaanee
Itti Jabaadhu - Shumi Abera Gemechu
Ija Banaa - Iliyaas Abdallaa
Ichima Jaalalaa= Rabbirraa Getaachoo
Irbooricha - Wabii Kabbadaa Barkeessaa
Ilkee Miliqe - Keenboon Abrahaam
Isa-Nahafee - Leencoo Lataa
Ishrak - Temesgen Atnafu
IHIM - Oroliyana Daniel Ihim
Ilaalcha Oromoo - Dirribii Daamusee
Imimmaan Haadhaa.......... Tolera Fikru Gemta
Imaanaa Imaltuu........ Abraahaam Tasfaayee
Iccitii Geggeessummaa - Mihratuu Shaanqoo
Ija Nan Bu'iin - Kanaa'ol Badhaadhaa
Irreecha Harsadii - Caalaa Soorii
Imala Jireenyaa - Gaasharee Abdiisaa
Ilkee Arrabaa - Yeyis Biru Negero
Imaanaa Jireenyaa - Yeroosan Shallamaa
Ijoo - Wandimmuu Mul'ataa
Ilaalcha Dhalootaa - Abdiisaa Ejjetaa
Ida'amuu - Dr Abiy Ahimad
Ijibbaata - Yaasoo Kabbabaa
Innika - Baqqalaa Nadhii Fi Gannatii Gurmeessaa
Ichima - Dhaabaa Wayyeessaa
Ilaalcha - Dr. Iyyoob Maammoo
Itti Fayyadama Yeroo - Dr Iyyoob Maammoo
Imalli Keenya Eessa? - Abdii Abbabaa
Ilillii Ededarraa - Urjii Lammii
Iyyata - Wada Getachew
Ifaajee Cubbuu - Isaa huseen
Irbuu Obboroo - Kumaa Margaa Hundee
Iccitii Gadaa - Mohammed Kadir
Imimmaan Oshiwitzi - Hinseenee Makuriyaa
Imimmaan Haadhaa - Eebbaa Qananii
Imimmaan Mararoo - Tokkummaa Caalaa
Imimmaan Jiituu Yoom Qoora? - Didhaa Tolaa
Ilma Abbaa Fakkaatu - Dajanee Kiisii
Ija Xaraa - Dabalaa Damee
Ifa Ija dhokate - Abdulqaadir Mohaammad

●J
Jireenyaaf du'a Gidduu - Lammii Beenyaa
Jireenya Keetti gammadi- Jemal Sheik Bakrii
Jaalala Summaa'e - Qananii Sobbooqaa
Jechamoota Afaan Oromoo Fi Hiikota Isaanii - Nagaash Hirphaa
Joortuu Jaarraa - Ibsa Eshetu dagaa
Jaarraa Jaaraa - Abdii Qajeelaa
Ji’a Dukkanaa - Daandii Guutamaa
JAARRAA:Seenaa Haaromsa Booranaa - Jaatanii Diidaa
Jabala Jaalalaa............ Wasanee Bashaa
Jinnii Nyaaraa.........Ayyaanaa Mul’ataa
Joora Saafaa Keessaa - Firaa'ol fiqruu
Jaarsummaa Gaabbii - Saamu'eel Gebroomsaa
Jireenya Gamtaa Sabaa - Jaallataa Jaafaroo
Jalqaba Barsiisaa - Oneesimos Nasiib

●K
Kaasa Areeraa - Kadir
Kulkulfata - Aaron Waggaarii
Kottaa Kolfaa - Eebbisaa Baayisaa
Karraaf Karaa Keenya - Seefuu Amanuu
Kooba Dubbii - Mohaammad Ahimed
Karaa Hundumaa Guddachuu - Dr Iyyoob Maammoo
Kulkula - Qannoo Birhaanuu
Kolfeen Aarsa - Falmataa Taarraqany
Kudhaama - Feenet Girmaa Waaqtolaa
Kooticha Kota’ame.......Beekan Gulummaa
Kuusaa Gadoo.......Gaaddisaa Birruu
Kan koo Anaaf ---- Diinayaas Warquu
Kudhaama Jaalalaa - Abraaham Tasfaayee
Kudhaama Seenaa - Leellisaa Sayid
Kormammuu - Darara Nurgi
Kitaaba Leenjii Konkolaachisummaa - Darajjee Dassaaleny
Kunoo Kun Maali? - Lammii Bayii
Kililicha Samii - Guutuu Indaashoo
Kaayyoo Koo Gatee Hin Galu - Eebbisaa Baayisaa

●L
Lubbuu Du'aa Kaate - Raajan Waggaarii
Loltuu Haqaa - Gemechu Girma
Lammii Lammii Dhabe - Abdi Ayana
Leenca Oromoo (H/Aaddam Saaddoo - Amaan Nashaa Huseen
Liiban Liibiyaa Taate(Yaadannoo Jaallewwanii)- Daadhii Galaan
Loojikii - Dassee Alex
Lookoo Jaalalaa.......Beekan Gulummaa
Lambaa Haguugame - Abdulhaalim Arabuu

●M
Malkaa Tarraamuu - Boruu M burqaa
Miila Bakar waaree... Daraaraa Tasfaa
Murti mana adii- Jemal Ahmede
Mootichaa Fi Gooticha - Abdulhalim Arabuu
Mucucii Dhaabbii Dhabe - Caaltuu Basha'aa Maallima - Beekan Sarbeessaa
Madaala Sammuu - Boonsamoo Mi'eessoo
Maaddii - Eebbisaa Baayisaa
Michuu Tisiisaa - Arsii Gaafa Lolaa
Madaa Madaa Suphe...Gammachiis Alamuu
Miiltoo Jijjiiramaaf - Eebbisaa Baayisaa
Miila Hin Shokoksine - Yaasoo Kabbabaa
Mul'atan Qaba - Baqqalaa Garbaa
Miila Kaayyoo - Leta Kenei Aga
Maal Kolfa Dhaloonni?-- Lataa Qana'ii
Maraannee Ilaalluu Laata? - 'eel Waaqturaa
Madaa Ciqilee - Isra’eel Habtaamuu
Madaa Mogolee - Fiixabaas Habroo
Maaltu Ta'uufi? - Daanyee Asaffaa
Masaanuu - Oliifan Fiqaaduu
Mil'uu Uumaa - Qannoo Biraanuu
Marii Gadaa - Mo'ibul Biluu Qawwee
Mallattoo Malaanmalfame- Fufaa Sh*ttaayee
Maltee Hawwaasa Golgaa Duubaa - Guutuu Indaashoo
Moo'amee hin galu - Diittaa Huseen Abdurrahiim
Maal Ta'inna Laata - Mararaa Tafarii
Mirriga Oromoo Harargee - BATO
Maaddii - Eebbisaa Baayisaa
Madaa hin fayyine - Abdurrahamaan Huseen
Mammaaksa Keenya - Asiraat Damisee
Mammaaksa Oromoo Jiildii 1ffaa - Biiroo Aadaa Fi Beeksisa Oromiyaa
Miiltoo - Eebbisaa Baayisaa
Maal Kolfa Dhaloonni - Lataa Qana'ii
Maraatummaa Aduu Gadii- Gammee Darajjee
Madaa Onnee - Lammii Guchii Hirphoo
Mucucuu - Cabsii Taliilaa Galaan
Mirga Ajjeesuu - Jaankoo (Waaqoo Getaachoo)

●N
Nafa Naafate - Riyaad Raayyaa
Nan gammada - Ximqataa Kumarraa
Numalee(Aangoo Sanyiin Dhaalamte)- Daadhii Galaan
Namooma - Galaanaa Alamuu
Naatoo - Ofii Koo Abbaa Joobir
Nan Ganin Sin Ganuu - Firaa'ol
Numaaniyaa - Fedhasaa Taaddasaa
Namummaa........WBO (Waldaa Barreessitoota Oromoo)
Namooma - Galoo Maaloo Maaloo
Natoo- Addunyaa Barkeessaa
Nufi isaan~ Sheik Amin fi Muaz Nezif

●O
Ogeessicha .......Gammadaa Darajjee Dheeressaa
Of Ilaalee - Oliifan Darajjee
Obbo Joobir - Firaa'ol Fiqruu
Oolmaa - Haacaaluu Dhugaasaa Fi Diinayaas Warquu
Obonboleettii - Dr. Zelealem Aberra Tesfa
Of Keessa Hin Badiin - Kumaa Margaa
Oromummaa Fi Islaamummaa - Ustaaz Gali Ababor

●Q
Qajeeltoo Namoomaa - Anwar Ahmed
Qaallicha Gaafadhu - Lalisaa Indiris Adam
Qilillee. ...... Lalikaa Kuush (Burtukaan)
Qaanqattii - Galataa Tamasguu
Qara Eeboo......... Wasanee Bashaa
Qaroo Qeerroo - Gammachiis Burqaa
Qaroo Dhiiga Boosse - Mootii Mootummaa
Qabsoo Uummata Oromoo Eessaa Ka’ee Garamitti - Abbaa Duulaa Gammadaa
Qaanqee Qabsoo Oromoo - Yaassiin Mohammadi Fi Mohammad Ismaa'il
Qawwee Aartii Keessaa - Amaan Nyafaroo
Qimmiiddaa - Ifargan Gudeta Eticha
Qaalii - Obsii Filee Fi Baqqalaa Lataa
Qooqa Miiraa - Raga Isayas
Qooda Seenaa - Miilkoo Dabalee
Qarriiffaa Wal Nyaate - Sooressaa Hundarraa
Qaraa - Wasanee Bashaa
Qoraa Sammuu - Wasanee Bashaa
Qormaata Jaalalaa - Eebbisaa Baay'isaatiin
Qaxxisa Qabsoo - Loltuu Akka Kanniisaa
Qoricha Maraatuu - Magarsaa Qana'aa
Qorsa Sammuu - Wabayyaa Galaan
Qabsoon Oromoo Eessaa Garam - Tulluu Goolee
Qalbii - Mirreessa Amanuu
Qorii Qorsaa - Wasanee Bashaa
Qorlugaa Fi Seerluga Afaan Oromoo - Wasanee Bashaa
Qaroo Qaarite - Fiqaaduu tasammaa
Qoraasuma Qorii - Oromoo Higgii
Qajeelcha Afaan Oromoo - Baqqalaa Mul'ataa
Qubee Afaan Oromoo - Dr. Sabbatoo Bushaa
Qubee Harmee - Nuredin Ibrahim
Qeerransa Kaampaasii- Gurmuun GAHAO
Qara Dhugaa- Baayisaa Bulbulaa
Qonyonyaa Hooqame - Lammeessaa Gachiisaa
Qabrii Soddomaa- Gurraacha Oromoo Afrikaa
Qeerroo Fi finfinnee - Taammiruu Kabbadaa

●R
Rirriittaa - Hawwii Gonfaa
Raajii Baraa -Nimoonaa Kabbadaa
Riqicha - Jaarraa Bultii
Rakkinni Haa Rakkatu - Abdiisaa Ejjetaa
Raammisoo -Abbaa urjii

●S
Sabiyyicha Shonkoora Qexu - Belayneh Aknaw Desta
Sabbata Harmee - Daliil Mahaammad Guddataa
Safuudha - Aga Guda NL
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 Ffaa Getaachoo Hayilee, Tasammaa Ta'aa Fi Kan Biroo
Seenaa Abdiisaa Aagaa - Abrahaam Eebbisaa
Sansakkaa Sakaalame - Abdiisaa Ejjataa
Siyaasa Oromoo - Mohaammad Alii
Sussuka Adoolessaa - Malkaamuu Taarikuu
Seenaa Oromoo - Obbo Darribii Damussee
Safuu Oromoo - Dr. Firaa’ol Taammiruu
Suuraa Abdii.......... Kumsa Burayu
Singiggoo - Abraaham Tasfaayee
Shira - Yaasoo Kabbabaa Hordofaa
Siif Galeeraa? - Mihratuu Shaanqoo
Seexaafi Seenaa......... Tafarii Nugusee
Seexaa Fi Seenaa - Guddataa Magarsaa
Seenaa Qabsoo Oromootaa - Mohaamed
Seenaafi Aadaa Oromoo- Fiixee Birrii
Seenaa Gootota Oromoo Fi Kaan - Shallamaa Kabbee
Siidaa Fi Asoogawwan Biroo - Moti Abelti Tufa
Siidaa Kaadhimamtootaa - Muhaammad Nuuraatiin
Simboo Jireenyaa = Moonaa Fiqaaduu Abarraa
Sookoo Jaalalaa...... Badhaasaa Gabbisaa
Seeramoo Seenaa Sodaannu? - Waadaa Bultii Caalii
Seenaa Qabsoo Oromoo Walloo Fi Oromoota Kaaba Itiyoophiyaa - Amanuu Taakkalaa Fi Feizaah Ahimeed
Siifan - Yaasoo Kabbabaa
Summii Nadhii Nyaate - Hamarsan T Atomsa
Siyaasa Diingdee Itoophiyaa - Addisuu Bullaallaa
Seerluuga Afaan Oromoo - Dr. Abdusamad Mohaammad
Siyaasa Oromoo Tuulamaa - Geetaachoo Hayilee
Seenaa Dhugaaf Barreeffama Loogii - Taabor Waamii
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa - Alamaayyoo Hayilee, Tasammaa Ta'aa Fi...
Seenaa Shanan Gibee - Ustaaz Gali Ababor
Siyaasa Oromoo - Mohaammad Alii
Seenaa Abiishee Garbaa - Ginbaar Nagaraa Kumsaa
Seenaa Gootota Shanan Gibee - Nabaanii Shaafii Said
Seenicha Sukkanneessaa Barri Dhokse - Walde Yohaannis Warqinaa Fi Gammachuu Malkaa
Sabboonummaa - Shallamaa Kabbee
Sirna Gadaa Oromoo Arsii (Sikkoo Mandoo) - Seeyfuu Kadir
Seenaa Maarti Luuter Kiingi Xiqqicha - Baqqalaa Garbaa
Seera Afaan Oromoo - Dr. Xilaahuun Gamtaa
Saaqaa-Seer-Luuga Afaan Oromoo - Wasanee Baashaa
Sunsumaaf Geerarsa Oromoo -Xajjituu Taganee
Seenaa Qabsoo Oromootaa.... Mohammed Sayid
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa - Getaachoo Hayilee
Siimagan - Hinseenee Makuraa
Seenaa Oneesimos Nasiib - Luba Tasgaraa Hirphoo
Sossobbii - Siinan Huseen
Seenaa Rirmi Hin Nyaatu - Daani'eel Hambisaa
Shif - Argaa...... Amaanu'el Oljirraa Duuloo
Semmoo - Addunyaa Barkeessaa
Sanyii- Addunyaa Barkeessaa
Sookkee - Abaaboo M. Tottoobaa
Seenaa bunaa fi Siyaas Dinagdee Shanan Gibee - Salim Amin
Seenaa Ethiopia fi mootummoota Ethiopia~ Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል
Seenaa sheikh bakrii Saphaloo- Aneso Mohammed
Seenaa Muftii Gommaa - Tofik Temam
Sooressa jaarraa abbaa gadaa - Jamaal Ahmed
Sirna: Taliila Bulbula Tulluu
Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa fi Qabsoo
Safuu Kiyyeeffame -Muhaddiin Hasan Godaanaa
Shakkinee Gaafanne - Mohaammed Girboo
Siidaa Imimmaanii - Ibsaa Ahimadsiraaj
Suphee Suphaa Bade - Akmel Abduu
Si Argeen - Abdi Getachew
Situ Jaare - Shamil N Mohammed
Seenaa Oromoo Fi Farda - Gammachuu Maaramee
Siiqqee Fi Siillee - Gamtaa Zawudee
Sansakkaa Nama Kaayyoo - Eebbaa Qananii
Seenaa Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga Jaarraa 16ffaa - ATO
Sirna Gadaa Oromoo Tuulamaa - ATO
Seenaa Qabsoo Uummata Oromoo Baalee Fi Ollaa Isaa - Huseen Indheessaa
Seenaa Hundeeffama Oromoo - Prof Tasammaa Taa'aa
Sindararuu - Abdii Alkaadir Sayid
Sammuu - Milkumaa Destaa
Sorsa - Dilgaasaa Dirribsaa
Siifileen - Boonaa Abarraa

●T
TH MTP THEORY - Eebbisaa Baayisaa
Tokkummaa - Dr. Taakkalaa Oljiraa
Tsigeeradaa - Isaayyaas Hordofaa

●U
Utubaa Dachee - Iyyaasuu Tarrafaa Fayyisaa
Ulfan Qaba - Abdiisaa Guuttataa
Uummataa -Tamasgeen Gammadaa
Utubaa Hin Utubamne - Mooneet Badhaasaa
Uummataaf Dimookiraasii- Dastaa Dinqaa
Ujummoo Diriirsuumoo Baaldii Baachuu - Fedhasaa Taaddasee
Ulfa Ulfaate - Yeroosaan Haadha Xiiqii
Ulfa Jilbaa - Guutaa Bahaaruu Yaadatee

●W
Waa'ee Keenya - Gazzee Tolasaa
Wulwullee - Ahimad Zinaab Abbaa Garoo
Wal Maleen Qofaadha - Ibsaa Lammii Galataa
Waa Waatu Dhibe - Ayyaantuu Gabbisaa
Waadaa - Dastaa Dassaaleny
Waaree Waarii - Gaaddisaa Shifarraa
Waatu Waatu Jira - Ayyaantuu Gabbisaa
Weedduu Seenaa - Ximqataa Kumarraa
Wadaroo Miixuu = Dagaagaa Zarihuun
Waldhaansoo - Lachiisaa Miidhaksaa ( Elema B Gudata )
Waldhaansoo Gotoota Fi Warraaqa
Waa Dinqii - Alamayyoo Qubee
Weedduu Jaalalaa - Asteer Gannoo Salbaan
Waadaa Gadameessaa - Caalaa Warquu Fi Akliluu Ayyalaa
Waliif Moo Walirratti - Fufaa Sh*ttaayee
Weerara Sirna Siyaasaafi Balaa Qaroomina Oromoo Irra Gahe: Doorii Doddotoo

●X
Xiyya.... Dachaa Ga'eeraa
Xurree milkaa'inaa- Koorsaa Guddataa
Xalayaa Jaalalaa....... Wasanee Bashaa
Xiyya Xiyyoon Cabe - Magartuu Yaaddessaa
Xurree Xureeffame - Humnasaa Aabbee
Xiifoo - Dhugabaas Badiruu
Xurree Qaroominaa - Galataa Tsaggaa

●Y
Yoomi Laata?.... Isaayyaas Hordofaa
Yoomilan - Amaanu'eel Balaay
Yeroon Siif Haa Dhiistu - Isaayyaas Hordofaa
Yaadanii....... Bantii Oliiqaa
Yaadii Duroomi - Tamasgeen Axinaafuu
Yaboo Yeellofte - Gosaa Turaa
Yaada Guddaa - Shumi Abera Gemechu
Yaadannoo Guyyuu Haannaa - Tamsageen Axnaafuu
Yoo Nagaroon Jiraate - Afrikaa Kabbadaa Galataa
Yeroos Ka’i - Gaarii Abbaa Booraa
●የ
የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ = Dr Nagaasoo Gidaadaa

●A (English)
A Shot Guide To The Oromoo Language = Qajeelaa Mardaasaa
..

Waggaa 2 dura Kitaabota kana barreessee Maxxansinaan Kanenus Kaasaa Tartiiba Qubeetiin qindeesse. Anis Kitaabota Haaraa waggaa 2 as barreeffaman keessaa hangan argee fi yaadadhe itti dabale. Isinis Kan hafee fi yaadattan itti dabalamuu qaba jettan, Maqaa Barreessaa waliin Comment jala kaa'aa! Yeroo biraatti walitti qabeen maxxansa!

Dogoggora na oolchaa!

Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Qarshii Miiliyoonaa 50 Kilaba Nageellee Arsiif Deeggarsa taasise .Pirezedaantiin Mootumm...
11/05/2026

Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Qarshii Miiliyoonaa 50 Kilaba Nageellee Arsiif Deeggarsa taasise .

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kilaba kubbaa miilaa Nageellee Arsiif qarshii miiliyoona 50 deeggarsa taasisan

Kilabiin Magaalaa Nageellee Arsii bara kana yeroo jalqabaaf gara piriimer Liigii Itiyoophiyaatti olguddachuun maqaa Godinichaa fi Naannoo keenyaa beeksisuun dorgomaa cimaa piriimer Liigii Itiyoophiyaa ta'uun yeroo amma sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kilabichi caalmaatti dorgomaa ta'ee piriimer Liigii biyyattii keessatti moo'ataa akka ta'uuf kilabicha hamileessuuf kan oolu qarshii miiliyoona 50 deeggarsa taasisanii jiru.

Taphattootni kilabichaas taphoota hafan xiyyeeffannoon taphachuun piriimer Liigii Itiyoophiyaa injifachuuf kutannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

Address

Ambo
Ambo
AMBOTIMES

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bona Ambo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category