12/08/2026
Ethiopia 4 ever
Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii mari'atamaa turte eega wal falmiin hirmaattota marii jiddutti kaafamaa turte cimtee itti fufteen booda murtiin laatamtu dheeraffamuu Komishinarri olaanaan Komishinii marii biyyaalessaa Piroofesar Masfiin Ariyaa beeksisee ture.
Kunis eega wal falmiin gurguddoon hirmaattota marii tanaa jidduutti kaafamaa turte ibsi kun kenname yoo tahu, keessummattuu hirmaattota Marii tanaa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa bakka bu'an jiddutti falmiin kaafamte ammatti murtii dabarsuuf Komishinii kana rakkisuun himame.
Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa baati tokkoof turteen dhimma biyyaa murteessaa ja'aaman qabxii 8 qooduun hirmaattonni marii 4000 ol eega irratti mariyatamaa tureen booda dhimma qoodaminsa daangaa fi biyyaarratti hirmaattota marii tanaa jidduutti falmiin kaafame cimee itti fufe.
Dhimmoota gurguddoo Komishiniin kun mariif dhiheessa dhimma jijjirraa heera mootummaa, Alaabaa, Afaan Federaalaa fi caasefamuu bulchiinsa haarawaarratti yoo tahu, addatti dhimmi daangaa biyyooleessaa keessattuu dhimmi Magaalaalee Oromiyaa 2, Dirree Dhawaa fi Finfinnee falmii guddaa kaasuun himame.
Komishiniin kun murtee tana ni dabarsa jedhamee ummata Itoophiyaa maraan hawwiin odoo eegamaa jiruu guyyaa kaleessaa Komishiniin marii biyyaalessaa ibsa hin eegamiin kenne.
Ibsi Komishinii marii biyyaalessaa kunis mariin mariyatamaa turte jalqabbiidha malee xumuraa mitii jechuudhaan, murtiin ammatti dabartu kan hin jirre tahuu komishinarri Komishinii tanaa piroofesar Masfiin Ariyaa beeksise.
Qabxiilee ijoo Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa pirofeesar Masifiin Ariyaa beeksisu tun, adeemsa walga’ii marii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennerratti mariin tun ammatti murtii laachuu akka hin dandeessiisin beeksise.
dhimma marii biyyaalessaa keessaa dhimmi Magaalaa Dirree Dhawaa fi Finfinneerratti murtiin dabruuf ture bakka buutota Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa jidduutti falmii guddoo kan kaase yoo tahu, bakka buutonni naannoo Amaaraa marii tanarratti hirmaatan Magaalaa Finfinnee teessoo Bulchiinsa Amaaraa akka taatu dhiheesssuun dhagayame.
Akkasumaas Naannoo Somaalee bakka bu'anii kanneen hirmaataniis Magaalaan Dirre Dhaawaa teessoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee akka taatu gaafatan.
Garuu Magaalaan lameenuu Magaaluma Oromiyaa hoggaa taatu, bakka buutonni Naannoo Oromiyaa bakka bu'aan yaada hirmaattoota naannoolee lameenii Amaaraa fi Somaalee san mormuun falmiin guddaan akka kaafamuus sababa tahuun ibsame.
Ajandaa Marii Biyyaalessaa keessatti Magaalaa Finfinnee teessoo Federaalaa taatee itti haa fuftu moo Naannoo of dandeesse taatee ha hundooytuu kan jedhu yoo tahu, garuu hirmaattoonni Naannoolee 2'nii kunneen ajandaa kanaan alatti Magaalaa lameen teessoo Bulchiinsa ofii taasisuun falman.
Yaada kanarratti Bakka buutonni Naannoo Oromiyaa ammoo Magaalaa Finfinnee Handhura Oromiyaa waan taateef dhimma falmiif dhihaachuu hin qabne tahuu eega dubbataniin booda, gara bulchinsa Naannoo Oromiyaatti akka deebitu murtiin akka dabru gaafatan.
Marii tanarratti pireezidantiin Yunivarsiitii Finfinnee Dr Samu'eel Kiflee Magaalaan Finfinnee imaanaa wareegama Qeerroo Oromoo waan taateef dhimma mariifuu dhihaachuu hin qabneefi Finfinneen gabaaf dhihaachuu keessaa baatee gara murteessummaa Naannoo Oromiyaatti haa deebituu jechuudhaan dubbateeen bakka buutota Naannoo Amaaraa mufachiisuun himame.
Kana malees bakka buutonni Naannoo Oromiyaa obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Obbo Leencoo Lataa yaaduma Dr Samu'eel Kiflee deeggaruun Finfinnee bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa tahuu dubbachuun isaanii hirmaataa marii tanaa hoogganaa Faannoo Amaaraa harka kennatee gale Kaapteen Masreshaa Saaxxee garmalee mufachuun himame.
Ajandaalee qabxilee Marii Biyyaalessaa dhiyaatan keessaa Dhimmi Magaalaa Dirree Dhawaa fi Finfinnee dhimma murtii dabarsuuf Komishinii marii biyyaalessaa yaachise tahuus hirmaattoonni marii tanaa himaniiti jiru.