20/07/2025
✍️Rakkoo Furmaata Barbaadu⚠️
🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣
⚠️Godinni Shawaa Lixaa Ollaa Magaalaa Finfinnee ta'uun ishee kan haalamu miti;
Godina Kana keessaa Aanaaleen Akka Gindibarat fi Aanaan Midaa Qanyii isaan tokko, Aanaaleen kunneen Gidduu gala Omishaalee:-kan akka Midhaan Nyaataa, Midhaan dheedhii fi Midhaan dibataaf oolu akkasumas Hayyootaa fi Atileetota lakkoofsaan guddaa Omishtee maqaa biyyaa waamsisuu danda'amee jira.
⚠️Haa ta'u malee Yeroo ammaa kana Aanaaleen kun 2'n Rakkoo bu'uuraalee Misoomaa ulfaataa keessa jira.
Isaanis:-
Rakkoo Daandii
Rakkoo Hospitaala fayyaa gahaa dhabuu
Rakkoo Bishaan dhugaatii fi kanneen nuti hin barreessine gaaffii hawaasaa bara baraan harkifachaa as gahe hedduun jiraatus kunneen isaan ijoodha. Kanaafuu furmaanni ariifataa qaama dhimma ilaallatuun yoo itti kenname fedhii hunda keenyaati.
⚠️Godinicha keessaa Aanalee kunneen maaltu wal fakkeessa akka anaan hin jenneef Rakkoon daandii Aanicha lamaanii akkaan wal fakkaata, dabalataan immoo Aanoleen kun Aanaa Remote irratti arganii fi Daandiin guddaan keessa darbee Aanaa fi Aanaa ykn Godina biraa Wal qunnamsiisu waan hin jirreef sululli uumamaa isaaniillee walitti dhufeenya kan qabudha kanaaf ammas irra deebiin furmaata gaaraa hanga gajjallaatti barbaada.
⚠️Dhimmi kun Mootummaa qofaatti quba Qabnee kan callisnu miti Carraaqqii fi Hirmaannaa hunda keenyaa gaafata.
✍️Piroojektoonni jalqabamanii rakkoo nageenyaatiif bubbulanis Ammatti Nageenyi fooyyaa'ee bakka jirutti hojicha itti fufsiisuun karaa danda'amuun Bulchitoonno Aanichaa fi Jiraattoonnis dhibbaan isinirraa eegama.
Bishoftu Communication
Eli Jiregna
Sheger Times
Kebede Bejiga
Guyo Boru Galagalo
Finfinnee Free Post
Hailu Adugna
High Heels & Cartwheels: Fashion & Lifestyle