10/09/2025
Wagguma Kana Ammoo Dhiisi
በዚች ዓመት ደግሞ ተዋት ሉቃ 13÷8
‘ኅድጋ እግዚኦ .... ለእመቦ ከመ ትፈሪ ለዓሙ ዘይመጽእ፤ ወእመ አኮሰ ንገዝማ ለእመ ሐዮነ።’ ”
👉Luq 13÷6-9 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; “Namichi tokko muka wayinii kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.
Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka wayinii kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.
Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma kana dhiisi haa turu.
Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’
👉R. Isaa 5÷1-9 Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba. Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe.
Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree
boolla wayinii itti cuunfan illee qote.
Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.
“Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa. Waan ani godheef kana caalaa wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali?
Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti
inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate? Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru
isinitti nan hima; ani dallaa isaa nan diiga; innis ni bada; dallaa isaa dhagaa nan jigsa; innis gad dhidhiitama.
Ani isa nan onsa; mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
Iddoon dhaabaa wayinii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼeel; namoonni Yihuudaa immoo iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha.
Inni murtii qajeelaa barbaade; garuu dhiiga dhangalaafamu arge; qajeelummaa barbaade; garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
Hiikkaa wangeela Luqaas፡-
Bakka seera itti eegan Iyyerusaalefm keessatti Israa'eeloonni jiru qaama barsiisotaarra bulee Amantaa hojii gaarii isaanirraa arguu hawwee isaanirraa hin arganne. Yommuu irraa dhabetti nyaachisaa kakuu duraanii Q/Mikaa'eliidhaan Amaantaa hojii gaarii irraa argadha jedheen osoon dddeebi'uu kunoo waggaa sadii ta'e;
Gooftaa Ergamaa isaa nyaachisaa kakuu duraanii
👉Q/Mikaa'eliin,
👉Q/Gabri'eeliin,
👉Ergamaa eegduu isaan
👉Abbaa Gaabbii isaan
dhaqi isaan balleessi fakkeenya ta'uun isaan kaan ni miisisu; Tajaajilichis yaa Gooftaa maaloo kan waggaa baranaa dhiisi ishii gargaareen hamman hojii gaariif ishii geessisutti...Tarii bara isa dhufutti Amantaa qabatu hojii gaariis ni horatu ta'uudhaabaannaan ishii balleessina jedha.
✝️waggaa sadii:-
👉Bara Qondaaltotaa
👉Bara Moototaa
👉Bara Lubootaati irraa hin arganne
✝️waggaa sadii:-
👉Daa'imummaa
👉Dargaggummaa
👉 Dulluma keessa
✝️Kuti:-
👉Balleessi
👉Maganii adda baasi
✝️Naannoo ishee hamman ittishooggarutti:-
👉Gorseen barsiiseen, hamman Amaanta isaan qabsiisutti hojii gaarii hamman isaan hojjechiisutti.
✝️ Gara fuula duraatti yoo naqatte kan jedhu Tarii bara dhufu kana
👉Amantaa yoo qabatan
👉Hojii gaarii yoo naqatan jechuu isaati.
✝️Faar 102÷24 Yaa Waaqa koo, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;
waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
✝️R. Isaa 39÷8 Bara jireenya koo keessa nagaa fi dhugaan haa jiraatu.
✝️M. Iyyoob 7÷6 Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma.
✝️ M. Iyyoob 9÷25 Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
✝️ M. Iyyoob 17÷1 17 Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera;
awwaallis naa qopheeffameera.
✝️Faar 102÷3 Barri koo akkuma aaraatti dhumeeraatii; lafeewwan koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaniiru.
✝️2Pheex 3÷8 -12 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu;
kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa
✝️Waggaa፡-Wagaa tokko jechuun deemsa ykn turtii lafti aduuttii naanna'uuf fudhattudha.
Kunis Yommuu Lakkaa'amu:-
Aduudhaan guyyaa 365
Biiftuudhaan guyyaa 354
Urjiileedhaan guyyaa 364
✝️Bara Haaraa Kanatti፡-
1.Afuura Haaraa Laphee Haaraa
👉R. Hiz 11÷19-20 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf.
Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
👉R. Hiz 18÷31-32 Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?
Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo
Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
👉R. Hiz 36÷26-28 Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa. Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.
2. Eenyumtiyyuu Kiristoosiin Yoo Ta'e Uumama Haaraadha.
👉2Qor 5÷17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
👉Galaat 6፡15 Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
3. Haaraa Jechuun Isa Duraa Moofesse
👉Efeesoon 4÷22-24 Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa;
Afuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
👉Ibr 8፡13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome baduuf jira.
4. Barri Inni Darbe Ni Gaha
👉1Pheex 4÷3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.
✝️Bo'icha Erm 3÷22 Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii.
5. Baricha Booji'aa
👉Efeesoon 5÷15 -18 Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;
waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha booji'aa. Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.
Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
6. Nama Isa Haaraa Uffadhaa
👉Roomee 13÷11-14 Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii.
Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu.
Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti.
Qooda kanaa Iyyesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa!
Luba Ermias Ayalew