Seyifu Teshome gari

Seyifu Teshome gari Yeroo hundumaa gaarii ofiif yaadi, ati ofiikeef gatii guddaadha✊

27/05/2025

'Faarsee bulaa vs goomatee bulaa' waliin jechuun deeggartootni fi mormitootni mootummaa Itoophiyaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti duula seenessa to'achuu gaggeessaa jiru.
siyaasa itoophiyaa baroota darbaan
keessatti miidiyaan hawaasaa gumaacha godheera.
Dhufaatii Ministira Mummee Abiy Ahimad dura qabsoo gaggeeffamaa tureef kallattiin kan kennamu, duulli kan qindaa'uufi mariin kan godhamu dirree miidiyaa hawaasaa gubbaatti ture.
Dirree kanarratti odeeffannoon qoodamu fi seenessi bocamu harki hedduun kan mormitoota mootummaa ta'ee tureera. Mootummaan miidiyaalee idilee irratti ibsa baasuun dantaasaa eegsisuuf carraaquu caala bifa qindaa'een miidiyaa hawaasaarratti hedduu hirmataaa hin turre.
Seenaan kun dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda waggoota muraasa darban keessa jijjiiramaa dhufeera.
Mootummaan Ministira Muummee Abiy dirree miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoowwan qoodamaniif deebii kennuu qofa osoo hin taane ajandaa miidiyaa hawaasaa bocuun dantaa ofii eegsisuuf bifa qindaa'een socho'aa jira.✍️

06/03/2025

Address

Sululta
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seyifu Teshome gari posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share