03/04/2026
Dhiirota keenya warra qottoof barreeffame amma dhumaatti dubbifadhaa😊
1. Gaafa durba tokko jaallattu, naaf gaafadhu jettee nama kan birootti hin himatin! maal ati afaan hin qabduu ofii keetii hin gaafatattuu? janfala wayii🙄
2. Hammam yoo jaallatte iyyuu, Uumphaaa jettee text hin barreessiniif😁 dhungachuu yoo barbaadde deemi dhungadhu malee qubee afaan oromootiin hin taphatin😌
3. Jaalallee keetiif bilbiltee gaafa toorri bilbila ishee qabamaa ta'u, Eenyutti haasa'aa turte jettee hin gaafatin! Akka isheen obboleessa kootu ykn adaadaa kootu naaf bilbile siin jettu hin beektuu ati maaliif gowwaa taata?🤦🏽♂️😁 offaa haadhake
4. Moobaayilii chiikii keetii harkaa fuutee Message (📥 inbox) Seentee hin ilaalin. Amma dhuguma text dhiirri kan biroon barreesseef utuu irraa hin balleessiin sitti laatti jettee yaaddaa? Amma kanas hin raatayin🤔😁
5. Walaloo durii isa bishaan qilxuu jalaa kan dhugu simbira, ergan si jaalladhee hin fedhu kan biraa isa jedhu tokko ammoo hin barreessiniif! barri isaa itti darbeera. walaloo haaraa kan ofii keetii barreessuufii yaali lapheeshee busheessi 😋😂
6. Yoo haasaan sirkaa bade, borin siif bilbila jedhii irratti cufi malee, sirba jaalalaa bantee hin dhaaggeffachiisiin😁naqaa jedhi beqqaa
Isa dhageenye nuuf haa eebisu