18/08/2025
"𝐍𝐞𝐯𝐞𝐫,𝐧𝐞𝐯𝐞𝐫,𝐧𝐞𝐯𝐞𝐫 𝐠𝐢𝐯𝐞 𝐮𝐩"
"𝖳𝖺𝗌𝗎𝗆𝖺𝖺,𝗍𝖺𝗌𝗎𝗆𝖺𝖺, 𝗍𝖺𝗌𝗎𝗆𝖺𝖺 𝗁𝖺𝗋𝗄𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝗄𝖾𝗇𝗇𝗂𝗂𝗇"
𝗪𝗶𝗻𝘀𝘁𝗼𝗻 𝗖𝗵𝘂𝗿𝗰𝗵𝗶𝗹
~
kun fattee kana liqimsee jira qixxee isaa. Fatteenis harka isaatiin morma allaattii kanaa, qabatee jira. Injifannoon kun kan eenyuu akka ta'e murteessuun ulfaatus ani fattee kanaan 'Never give up' jechuuniin barbaada. Jireenyi ilma namaas kanaan wal fakkaatti. Hayyuun addunyaa kanaa guddaa fi beekaan Enistaayin yeroo hiikaa jireenyaa lafa kaa'uu, "Jireenyi akka peedaalii saayikiliiti. Yoo dhaabde ni dhaabbata. Yoo rukuttee niin deema" jedha. Dhugaadha! Jireenyatti harka hin laatiin jireenyi harka sitti haa laattu malee; hayyuun oromoo beekamaan tokko Shaanqoo kitaaba isaa keessatti jecha 'ina (Success) jettu gaafa ibsuu, "Milkaa'inni wantoota soddoma hojjechuu osoo hin taane, wanta tokko karaa soddoma hojjechuudha".....jedha. Jechoonni kunniin baayyee walitti dhiyaachuudhaa baatanis, akkataan isaan ittiin ibsaman baayyee wal fakkaata.
Barreessaan biraa Eebbisaa Baayisaa jedhamu, Kitaaba isaa.... 'Daandii Mo'attootaa'.... Jedhu keessatti akkas jedha, "Afrikaa keessatti ganama yeroo hundaa, qurupheen hirribaa kaati. Leencota keessaa isa hundaa caalaa fiiguu danda'u fiigdee dursuu akka qabdu yaaddi; ta'uu baannaan ni nyaatamti. Afrikaa keessatti leenci yeroo hundaa hirribaa ka'a,kuruphee ishee hundumaa gad fiigdu dursuu qaba, ta'uu baannaan ni beela'a. Leencas ta'i quruphee sun rakkoo hin qabu. Yeroo aduun baatu garuu daraan fiiguu qabda.!"
#𝑹𝑶𝑶𝑱𝑬𝑹 𝑩𝑨𝑵𝑰𝑺𝑻𝑬𝑹
~
Maartiin Luuter Kiing, barruu wayii irraa akkan dubbisetti, "Namni kaayyoo du'uuf tokko hin qabne jiraachuun isaaf hin malu" ....jedha.
! kaayyoo ofiif du'uun jiraachuudha!
Walumaa galattii yoomiyyuu, eessattiyyuu...... Tasumaa harka hin keniin. ! Dubbisuun hanga du'aattidha!
nagaa oolaa!