
17/07/2025
Humnoonni Tigraay waraanaaf ofqopheessaa akka jiran dhagahame.
Gabaasni Africa Intelligence har'a baase humnoonni Tigraay hooggansaa fi caasaa yeroo waraanaa gurmeeffachuu agarsiiseeti jira.
Odeeffannoon kanaan dura OMN argate immoo humnoonni Tigraay Komaandpoostii giddugalaa qondaalota siyaasaa fi waraanaa olaanoo 9 ofkeessaa qabu hundeessuu mul'isa.
Komaandpoostii yeroo waraanaa olaantummaan akka hoogganan kan filataman:-
1. Jeneraal Taaddasaa Warradaa
2. Dabratsiyoon Gabramikaa'eel
3. Obbo Amaanu'eel Asaffaa
4. Jeneraal Fissahaa Maanjus
5. Aadde Fatlawarqi Gabra'igzi'aabiheer (Monjooriinoo)
6. Abrihaam Takastaa
7. Jeneraal Migbaay Hayilee
8. Mejer Jeneraal Yohaannis Waldagiyoorgis
9. Jeneraal Hayilasillaasee Girmaay akka ta'an ragaaleen OMN dhaqqaban mul'isaniiti jiru.
Mootummaan Eertiraa kan mootummaa Itoophiyaa waliin waldhabdee keesaa seene humnoota Tigraay waliin hidhata tolfataa akka ture ragaaleen garaagaraa bahaa turan.
Addi Bilisummaa Uummataa Tigraay walgahii waraana waggoota lamaa booddee taa'een dogoggorri bara 2018 uumame jechuun akka gamaggame maddeen himan.
Bara 2018 fincila uummataan aangoo mootummaa federaalaa gadhiisuun nurra hin turre yaadni jedhu walgahicha irratti olaantummaa argatee jedhan.
Akka furmaataatti kan kaayame olaantummaa duraanii deebifachuu, yoo ta'uu baate immoo Tigraay foxxoqsuu kan jedhu akka ta'e ragaalee nu dhaqqaban mul'isaniiti jiru.