13/09/2025
Irraa Gara Ulaa Galaana Diimaa...🏃♂️➡️🇪🇹
Galaanni Diimaa kan boba’aan addunyaa harki 60 tahu irra deddeebi’u fi kaabaa hanga kibbaatti km 1000 dheerata.
Galaana kanarraa Ertiraan odolawwaan xixiqqoo 300 qabdi. Buufatni doonii Asab meetira 1025 kan diriiru yoo tahu boca ‘U’ qaba, yeroo tokkotti dooniiwwan torba dhaabuu danda’us galaanuma kanarra jira. Buufatichi lafa kuusaa meeshaalee iskuweer kiloomeetira 275,320 kan qabu yoo tahu miya kuma 385 hanga 930 qabachuu danda’a.
Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu qabdi ture. Keessattuu buufanni doonii Asab handaara galaanichatti argamu seenaa Itoophiyaatti hidhatu qaba, akkasuma, daangaa Itoophiyaarraa fagoo miti. Buufanni kun Asmaara caala Finfinneetti akka dhiyaata. Finfinneerraa Km 860, Asmaraarraa ammoo km 1,185 fagaata.
Buufanni doonii Asab meeshaalee garaagaraa fe'uu fi buusuuf Itoophiyaa sirriitti kan tajaajilaa kan ture yoo ta'u, gargaarsa Soviyeet Raashiyaa duriin ijaarame. ALI bara 1998 waraanni Itoophiyaa fi Eertiraatti ka'uun dura hanga bara bara 1995tti meeshaaleen Itoophiyaan gara biyyaatti galchitu % 98 karaa ulaa galaanaa kana seena ture. Bara sana alergiin Itoophiyaa %50 karaa ulaa galaanaa kana biyya alaatti ergama ture.
Dhaabbanni Xaaliyaanii ta'e tokko ALI bara 1869 buufata doonii kana qabate. Itoophiyaan dhimma hariiroo dantaa alaarratti Xaaliyaanii wajjiin otoo wal hin loliin Waraana Adwaa dura Xaaliyaaniin meeshaalee waraanaa karaa buufata doonii Asab galchuun Itoophiyaatti gurguraa turte. Meeshaaleen Itoophiyaan gara alaatti ergitus karaa ulaa galaanaa Asab darbaa ture.
Waraanaa Addunyaa Lammaffaa booda Xaaliyaaniin biyyoota Afrikaa koloneeffatte wayita gadhiiftu, Ingiliziitu buufata doonii kana bulchaa ture. Yaa'ii dureewwan biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanirratti Eertiraan federeeshiiniin Itoophiyaatti akka dabalamtu murtaa'e. Eertiraan of bulchaa turte,