14/12/2020
Barbadaa’uu Juuntaan booda guutuu Itiyoophiyaatti nageenyi bu’uu Itaamaajoor Shumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa himan.
Itaamaajoor Shumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa Magaalaa Maqaleetti ibsa kennaniiru.
Waggoota sadeen darbaniif of gurmeessaa, guutuu biyyaattitti walitti bu’insa uumaa kan ture juuntaan TPLF erga barbada’ee booda, guutuu biyyaattitti nageenyi bu’uu Itaamaajoor Shumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsa maqaaleetti kennaan irratti himaniiru.
Barbadaa’uu Juuntaan ummanni Itiyophiyaa haara galfateera,guutuun biyyaatti amma nagaadha jedhan.
Waggoota sadeen darbaniif iddoo garagaraatti walitti bu’insa uumaa akka turanis yaadachisaniiru.
Ummanni Tigraayis bilisa baheera,kana booda akkuma Itiyoophiyaanoota biroo misooma bu’uura argachuu qabuufi kan juuntaan barbadaa’ee ture saffisan kan hojjatamu ta’as jedhaniiru.
Juuntaan waggoota sadeen darban mirga heerri mootummaa heyyamuuf fayyadamuun ofiisaa maqaa humna addaan gurmeessaa turuufi yeroo dhiyoottis Finfinnee akka galu ummataaf himuu,biyyoota ollaatifis loltoota kuma 250 gurmeessineerraa,ajaajaa kaabaa barbadeessuun hidhannoo fudhanneerraa, kanaf Mootummaan fedeeraalaa humna hin qabu kana booda Itiyoophiyaan harka keenya jirti jechaa siyaasa keessa keessa hojjataniiru kan jedhan janaraalichi Raayyaan Ittisa Biyyaa yaada of tulummaafi gowwummaa kana barbadeessera jedhan.
Maddi: OBN