FGMN:Fugug global media network

FGMN:Fugug global media network Free Fugug Press

14/03/2025

Godina Gujii Lixaatti daawwannaa guyyoota lamaan kana taasisaa turreen Karoorri Caffeen mirkanaa'ee hanga Gandaatti gadi bu'e haala ittiin hojiirra oolaa jiru ilaallee jirra.

Mootummaa cimaa Gandarratti ijaaraa jirru keessatti Manneen Maree Gandaas qooda isaanii gumaachuu akka danda'aniifi qaama jijjiiramichaa ta'uun gahee isaanii akka taphatan taasisuuf daawwannaa gaggeeffamedha.

Ummanni Mootummaa isaa Ganda irratti ijaarratee tajaajila dhiheenyatti argachuuf hojiin hojjechaa jiru fakkeenyummaa kan qabu ta'uu Gandoota bira geenye keessatti ilaallee jirra. Kana malees, humna dabalataa mootummaaf ta'uun hojii hunda keessatti hirmaachuun sochii taasifamaa jiru Aanaaleefi Magaalaa ilaalaman keessatti argineerra.

Jijjiirama Godinicha keessa jiru kana sirnoomsuufi utubuun itti fufsiisuun, nageenya waaraa mirkaneessaa, hojiiwwan misoomaa rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuu irratti xiyyeeffatan qixaan raawwatamanii ummataaf bu'aa akka buusan taasisuun hojii ijoo xiyyeeffannoon hojjetamuu qabudha.

14/03/2025

Yaaliin lammilee Ityoophiyaa hojii barbaachaaf jechaa gara biyya Sa’udi Arabiyaa deemanii rakkina keessa seenan gara biyyatti deebisuu itti fufee, marsaa Afuraffadhaan kan deebifamaa jiran namoonni kuma tokko ta’an balalii marsaa Sadiin Roobii har’aa Bitootessa 12 bara 2025 Fifinnee seenuu isaanii ministeerri dhimma alaa mootumma Ityoophiyaa beeksisee jira.

14/03/2025

Ministeerri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad
Hojiin Misooma Sululaa bara 2017 Godina Harargee bahaa Aanaa Guraawaa Gaara Jabeel irratti hojjatame Daawwataniiru.
(WKGHB, Bitootessa,2/2017)
Ministeerri Muummee Itoophiyaa Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad Hojii Qabeenya Uumamaa Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Misooma Sululaa bara 2017 Godina Harargee bahaa Aanaa Guraawaa Gaara Jabeel irratti hojjatame Hoggantoota Olaanoo Federaalaa, naannoo Oromiyaa waliin Daawwataniiru

Daawwannaa kanarratti Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo, pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hooggantoonni Federaalaa fi naannoo argamanii jiru.

14/03/2025

Obbo Geetachoo Raddaa pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay haala Tigiraay keessatti wal qoodinsa hooggantoota dhaaba ABUT gidduu jiru hordofee uumaamaa jiru irratti Finfinneetti ibsa sabaa himaaleef kennaniin Tigiraay keessatti fonqolcha mootummaatu taasifamaa jira.

14/03/2025

Godina hararrgee bahaa aanaa fadisittii buufata fayyaa N/bobbasaa haala keenna tajaajilaa ummataa maal fakkata waan jedhuu koree bulchaa aanaa fadis kabajamoo obbo abdusabur mahamadiin durfamtuun daawwatame hawaasa tajaajilamaa jiruus dubbisnee jirra mootummaan waan gaarii hojjate tajaajilaa qulqulluu fi saffisaa dhiheenya irratti argachaa jirra jedhan.fkn tajaajila da'umsaas haala gaariin tajaajila kennaa jiraachuus himan.
hojjatoonni buufata fayyaa N/bobbasaa rakkoon amma jiru rakkoo bishaanii furuuf tattaaffii godhamaa jiraannuus rakkoo ibsaa garuu duraan tirika harkaatiin nama yaalaa turre yaroo ammaa soolaara guddaa ibsaa buufata fayyaaf gahu bitannee haala gaariin tajaajila halkaaniif guyyaa keennaa jirra jedhan.

14/03/2025

Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa, godinaa Yakkii, Bakka “Gabaa Kamisaa” Jedhamee waamutti murkti namoota gabaa keessa jiran irratti kufee namoonni toorba du’uu isaanii poolisiin nannichaa beeksisee jira.

09/03/2025

Address

Bile
Aweday

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FGMN:Fugug global media network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category