MAYA MEDIA

MAYA MEDIA NEWS MEDIA

    Tajaajilli Lammummaa utubaa misooma walooti Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Awwadaayitti hojii tajaajila lammummaa ga...
01/08/2026



Tajaajilli Lammummaa utubaa misooma walooti

Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Awwadaayitti hojii tajaajila lammummaa gannaa sababeeffachuun sagantaan arjooma dhiigaa fi Dabtara Barataa gaggeeffame.

Itti Gafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhina Magaalaa Maayaa Obbo Mohammad Usmaan Sagantaa Tajaajila Lammummaa kana irratti argamuun haasa taasisaniin Hojiin tajaajila lammummaa Hojii Antummaa fi quuqama qabaachuu gaafatu waan taheef qamooleen hawaasa keenya hundi tumsa taasisuu akka qabaan hubachiisaan.

Itti Gafatamaan Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Awwadaay Obbo Abaadir Abdurhamaan hojiin Tajaajila lamummaa garaa garaa ganna kanaa jalqabe Itti fufiinsaan gaggeeffama jiraachuu ibsaan.

Dhalattoonni Awwadaay kanneen Biyyoota Alaa garaa garaa jiraataan  Meeshaalee Yaala Fayyaa Qarshii Mil.80 oliin Bituun B...
21/07/2026

Dhalattoonni Awwadaay kanneen Biyyoota Alaa garaa garaa jiraataan Meeshaalee Yaala Fayyaa Qarshii Mil.80 oliin Bituun Buufata Fayyaa kutaa Magaalaa Awwadaayif deegarsa taasise.

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Ijoolleen Awwadaay Biyyoota alaa jiraattaan Antummaa fi quuqama lammii teessani qabdaanif deegarsa Meeshaa yaala fayyaa taasiftaniif hedduu galatooma jechuun gara Fulduraas gama Barnootaa fi Fayyaa irratti Cimsani akka hojjataan hubachiisaan.

Itti Gafatamaan Waajjira Eeguumsa Fayyaa Magaalaa Maayaa Obbo Fu'aad Abdalla Meeshaaleen deegarsa Yaala Fayyaa guyyaa arraa Dhaabbata AGN taasise Meshaalee qaali Waggoota baay'eef tajaajilu waan taheef Ogeeyyiin fayyaas kunuunsuu fi of eegannoon itti fayyadamuu akka qabaan hubachiisaan.

Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itoophiyaa mirkaneessuuf taasifnu milkaa'ina guddaadhaan ittifufaa jira- Abiyyi Ahimad (...
06/05/2026

Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itoophiyaa mirkaneessuuf taasifnu milkaa'ina guddaadhaan ittifufaa jira- Abiyyi Ahimad (PhD)

MM Abiyyi Ahimad (PhD) guyyaa har’a godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti argamun sochii qonnaa bonee dawwaataniiru. Wayita daawwii kanaatti erga dabarsaniin tattaaffiin biyyi keenya birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasiftu milkaa'ina guddaadhaan ittifufaa jiraachuu eeran.

Maraatoonii Landaniin Tigist Asaffaa rikoordii addunyaa dubartootaa yoo fooyyessitu, Yoomiif Qajeelchaa ammoo seenaa haa...
27/04/2026

Maraatoonii Landaniin Tigist Asaffaa rikoordii addunyaa dubartootaa yoo fooyyessitu, Yoomiif Qajeelchaa ammoo seenaa haaraa galmeesse

Finfinnee, Eebla 27, 2026: Fiigicha Maaraatoonii Landaan kan Dilbata kaleessaa gaggeeffame irratti, atileetiin Itiyoophiyaa Tigist Asaffaa sa’aatii 2:15:41n xumuruun rikoordii addunyaa dubartootaan (women-only world record) qabxii haaraa galmeessiteetti. Tigist dorgommii cimaa kanaan morkattoota ishee injifachuun shaampiyoonummaa ishee kabachiisteetti.

Tigist, morkattoota ishee kan Keenyaa Heelen Obirii fi Jooyisiliin Japkosgaay dorgommii malaa fi tooftaa irratti hundaa’een duubatti hambifteetti. Kunis seenaa atileetiksii keessatti yeroo jalqabaatiif dubartoonni sadii dorgommii tokko irratti sa’aatii 2:16 gadiin xumuruu danda’aniiru. Tigist rikoordii ishee kanaan duraa irraa sekondii sagal fooyyessuun dandeettii dorgommii maaraatoonii irratti qabdu addeessiteetti.

Gama biraatiin, dorgommii dhiiraa irratti atileetiin Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa seenaa haaraa fi dinqisiisaa galmeesseera. Yomif yeroo jalqabaatiif maaraatoonii fiiguun sa’aatii 1:59:41n lammaffaa ba’uun, seenaa atileetiksii keessatti sa’aatii maaraatoonii isa saffisaa lammaffaa fi nama yeroo jalqabaatiif fiige keessaa isa saffisaa ta’uun galmaa’eera.

Guyyaa kanaan baaxiin sa’aatii lamaa (two-hour barrier) kan cabuu danda’e yoo ta’u, Yoomiifis dandeettii kanaan gootota atileetiksii gurguddoo tarree keessa galeera. Dorgommichi jalqaba irratti saffisa olaanaan kan eegale yoo ta’u, garee duraa keessatti dorgomtoonni ciccimoon akka Yaakoob Kiplimoo, Tamiraat Tolaa, Amoos Kiprutoo fi Dareesaa Galataa argamu turan.

Fiigichi kun fageenya kiiloo meetira 5ffaa irratti sa’aatii 14:14n kan darbe yoo ta’u, kunis sa’aatii lama gadiin xumuruuf saffisa tilmaamamee dha. Akka World Athletics ibsetti, bu’aan dorgommii dhiiraa fi dubartootaa kun fiigicha fageenya dheeraa keessatti bara haaraa kan nagaa’u dha.

23/04/2026
      Ijaarsa Biyyaa Waara'eefi Itoophiyaa Badhaadhina Hunda-galeessa mirkaneeffatte ijaaruuf Paartii Badhaadhinaa filad...
23/04/2026


Ijaarsa Biyyaa Waara'eefi Itoophiyaa Badhaadhina Hunda-galeessa mirkaneeffatte ijaaruuf Paartii Badhaadhinaa filadhaa!

Sagantaan duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Jiraattota Godina Harargee Bahaafi Magaalaa Maayaa hirmaachisuun Magaalaa Maayaarratti geggeeffamaa jiru itti fufee jira.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii yeroo tokkummaan biyyaalessaa laafefi walitti bu'iinsi heddummate dhalatee qormaata keessatti fala waaraa fiduun sodaafi yaaddoo itti fufiinsa biyyaa ture furuun Itoophiyaatti abdii h**e. Guddummaan Itoophiyaa addunyaarratti akka dhagaa'amus taasise. Paartiin Itoophiyaa diigumsa baraare har'ammoo fakkeenya badhaadhinaa akka taanuuf hojjetaa jira.

Badhaadhina Filadhaa!
Badhaadhina filachuun Guddummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf murteessuudha.
Mallattoon keenya Nadoo/Bissii qamadiiti.

Address

Dire Dawa
8331

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when MAYA MEDIA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share