
14/03/2025
Kabajamtoota hordoftoota keenya torbee 2n dura taatee addaa Mag/Maayaa/Kut/Mg/Awwadaayitti ilmoon re'ee miila 5 qabduu fi bakka udaantuu hin qabne dhalachu ishee isiniif qooduun keenya ni Yaadatama.
Nutiis, Uuma tana hanga dandeenyutti lubbuu baraaruuf jecha tajaajila baqaqsanii yaaluutiin bakka udaantuun tolchineefi turre.
Wanti nama gammachiisu ilmoon tun lubbuun jiraachuu isheeti fi fayyaa guutuu qabaachuu isheeti.
Kanaaf, taateen akkanaa yoo kan isin qunnamu tahe hayyama Rabbii keenyaatin sirraahuu kan dandahu tahu isin beeksiisaa, karaa lakk, bil.0923959352.tin nu qunnamuu dandeessan isiniin jenna.
Dr. Mehadi Jibro Ahmed,