Dabbasoo Media Network

Dabbasoo Media Network dmn, sagalee abdii fi milkaa'inaa

25/02/2026
Waa'ee Dr Hayilee Fidaa kana beektuu laata?--------------Dr Hayilee Fidaa Wallagga Bahaa Jimmaa Arjootti Abbaa isaa Obbo...
20/02/2026

Waa'ee Dr Hayilee Fidaa kana beektuu laata?
--------------
Dr Hayilee Fidaa Wallagga Bahaa Jimmaa Arjootti Abbaa isaa Obbo Fidaa Kumaa fi Haadha isaa Aadde Guddinee Gadaa irraa bara 1932 keessa kan dhalate yoo ta'u, barnoota isaa hanga kutaa 5tti achumatti barachuun barnoota kutaa 6-8 ammoo Magaalaa Naqamteetti akka baratetu himama.

Dr Hayileen barattoota yeroo sana akka biyyaatti qabxii guddaa fidanitti makamuun finfinneetti geeffamee barattoota jajjaboo biyyattii kanneen biroo waliin mana barumsaa General Wingeet keessatti kutaa 9-12 akka baratu godhame.

Dr Hayileen sana boodas qabxii ol-aanaa fidee waan kutaa 12ffaa xumureef mootichi “….ati kana caalaa kutaa galtee akka barattu gochuun ofumaa of dhamaasuudha ati gaafuma dhalatte garaa haadha kee keessatti barnoota xumurtee dhufte waan ta’eef dhaqii warra kaan barsiisi….” jedhee gara magaalaa Hararitti erge.

Innis, waggootaaf magaalaa Harar turee dhimma isaa erga xumureen booda gara finfinneetti deebi'uun gosa barnootaa Geology and Physics jedhamuun digirii jalqabaa kan fudhate yoo ta’u, digirii 2ffaa fi 3ffaa ammoo biyya Faransaayitti gosa barnootaa Sociology and Social Anthropology jedhamuun fudhateera.

Dr, Hayilee Fidaa bakka deemu hundatti nama dhimma Siyaasa Oromoo irratti dammaqinaan hirmaatuudha. Namoota qubee afaan Oromoo jalqabaa bocan keessaas isa hangafaati.

Dr Hayileen Kitaaba Afaan Oromoo jalqabaa Hirmaata Dubbii jedhamu barreessuunis nama jalqabaa akka ta'es seenaatu ragaa bahaafi. Akkasumas, Paartii Siyaasaa kufaatii Dargiitiif sababa ta’ee fi kan Oromoonni hedduun keessa turan paartii “MEISON” jedhamu namoota ijaaran keessaa tokko yoo ta'u, sababuma kanaanis bara 1975 keessa isaafi Oromoonni jajjaboon sirna dargiin qabamanii mana hidhaatti darbataman.

Egaa, Dr Hayileen sirna Oromoo ijaaruufi oromoo tokkoomsuu irratti nama qixxee hin qabne ta'uun beekama. Haa ta'u malee sababa sodaatamummaa isaaf bara 1975 erga humna dargiin qabameen booda mana hidhaa keessatti dararaa hedduu arguun bara 1979 keessa humnuma dargiin dhoksaatti akka ajjeefame seenaatu ragaa baha!

dmn; Sagalee Abdii fi Milkaa'inaa!

Cidha Gaarii Dubale
01/02/2026

Cidha Gaarii
Dubale

Office of the Prime Minister-EthiopiaMinistirri Muummee Abiy Ahmad Irreecha Malkaa kan bara 2025 ilaalchisuun uummata bi...
03/10/2025

Office of the Prime Minister-Ethiopia
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Irreecha Malkaa kan bara 2025 ilaalchisuun uummata biyyattiin baga geessan jedhan.
Ergaa kana miidiyaa hawaasummaasaaniirratti Jimaata (Hagayya 3, 2025) kan dabarsan Ministirri Muummee Abiy, ''Sirna galateeffannaa Oromoo'' kan ta'e Irreechi maaliif akka kabajamus ibsaniiru.

''Oromoon sanyiin namaa horee kan baay'atu, kan faca'e ija kan godhatu atoomsaafi gargaarsa humna Waaqaatiin jedhee dhugeeffata.''

Irreechi gurguddaan Oromoon waggaa eegee kabaju gosa lamatu jira. Kan Waqtii roobi fuula as deebifatu tulluutti ba'uun Waaqa uumaa rooba kadhatan Irreecha Tulluu jedhama.

Roobni roobee, lolaan lola'ee, kan facaasan misee, dukkanni gannaa ba'uun birraan yoo bari'u kan irreeffatamu ammoo Irreecha Malkaa jedhama. Irreechi Malkaa sirna galateeffannaati.

Ministirri Muummee Abiy ergaa Facebook isaanirratti maxxansan keessatti ''Irreechi yoo gahu Oromoon Waaqa leemmoo garaa taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf 'hoo quba' kan jedhuuf kanaafi,'' jedhan.

Dureen Itoophiyaa kun sirna irreeffannaa, keessattuu kan Irreecha Malkaa, keessatti falaasama uummanni Oromoo ittiin taliigamus eeraniiru.

Akka falaasama Oromduriitti bishaan bakka guddaa akka qabu akkanaan ibsan.

''Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba. Bishaan madda qulqullinaa, bu'uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus 'Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu' jedha.''

Ministirri Muummee Abiy Irreechaa Malkaa kan baranaa waan adda taasisu wayita ibsan eebbifamuu pirojektii humna ibsaa guddicha booda sirna guddaa gaggeeffamu ta'uusaati jedhan.

''‎Irreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa.''

Hidhata Oromoo fi malkaa irraa ka'uun uummanni isaan dursan kun ulaa galaanaa ittiin ba'ee galu akka argatuuf tattaaffiin taasisan fudhama argachaa jiraachuu ergaa Irreechaan walqabsiisanii dabarsan keessatti eeraniiru.

''Oromoo 'Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne' akkuma jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Uulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu'uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra,'' jedhan.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggoota dura biyyattii keessatti sodaa fi rifannaadhaan gaggeeffamaa ture dhiheenya kana jijjirameera.
Inumaa erga Irreechi Malkaa Finfinnee deebi'ee as ayyaanni kun akka biyyaatti bakka guddaa argateera.

Ministirri Muummee Abiy duudhaa jaalalaa fi nagaa kana guddina biyyaaf galtee godhachuun akka irraa fayyadaman ibsaniiru.

‎''Bara 2018 duudhaalee Irreechaa- nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka'iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbeenfatin cichinee akka hojjannu dhaamuun barbaada.''

''‎Irra deebiin Irreechi kan milkii nuuf yaa ta'u! Qarruu Malkaa oofkalaa ! Gadaan Quufaaf Gabbina.‎ Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee ishiitin sodaatamtee, kabajamteefi badhaatee bara baraan haa jiraattu!'' jechuun ergaa isaanii goolaban.

Irreechi Hora Finfinnee Sambata (Onkoloolessa 4, 2025) erga kabajamee booda kan Hora Harsadii ammoo Onkoloolessa 5, 2025 guyyaa Dilbataa Bishooftuutti kabajama.

Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 erga addaan citee booda bara 2019 eegalame. Ergasii waggaa waggaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman Malkaa Finfineetti walga'uun irreeffataa jiru.
Borumtaa isaa ammoo bakka yeroo dheeraaf handhuura irreeffannaa ta'e Hora Harsadiitti irreeffatu.

Misooma Koriidariin miidhagina magaalaa Finfinnee mirkaneessaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa, sagantaa misoomaa kanaan iddoo Hora Finfinneefis xiyyeeffannaa kennuu ibseera.

Suuraan: Ministirri Muummee Amajjii 2020 uummata Booranaa waliin wayita mari'atan ''Badhaadhina'' Boorana irraa fudhanne jedhan

Haasaa bakka qircaa foonii keessaa muraasa😋1. Mataa sangichaa eenyutu bitate?2. Manyee namni barbaadu jiraa?3.Tiruun san...
10/09/2025

Haasaa bakka qircaa foonii keessaa muraasa😋

1. Mataa sangichaa eenyutu bitate?

2. Manyee namni barbaadu jiraa?

3.Tiruun sangichaa akkam fayyaadhaa?

4. Haaduu koo eenyuutu fuudhe?

5. Abbaan tokko garaacha miicaa!

6. Ixaa buusaa!

7. Somba Adurree kootifan fuudhee gala.

Baga Booqaa birraa geessan!

Waa'ee Hidha Guddicha Laga Abbayyaa Kana Beektuu Laata?• Afrikaarraa guddinaan 1ffaa dha.•Anniisaa MW 5,150 ol maddisisa...
09/09/2025

Waa'ee Hidha Guddicha Laga Abbayyaa Kana Beektuu Laata?

• Afrikaarraa guddinaan 1ffaa dha.
•Anniisaa MW 5,150 ol maddisisa.
• Hojii isaa irratti nama 10K oltu hirmaate.
• Dafqa Sabaaf sab-lammiin ijaarame.
• Ijaaramee xumuramuuf waggaa 14 itti fudhate.
•Dhaabbiin isaa meetira 170 dheerata.
•Dalgeen isaa 246KM bal'ata
•Hidhaan duubatti KM 1.8 dheerata.
•Odolawwan 72 uume.( Bakka bashananaa fi oomisha qurxummiifi kan oolu)
•Waggaatti doolara biiliyoona 1 galcha jedhamee eeggama.

Isa taa'ee ilaaluuf daakuun boqqolloo daakuu dimbilaalaati jedhan!dmn, Sagalee Abdii fi Milkaa'inaa!
08/09/2025

Isa taa'ee ilaaluuf daakuun boqqolloo daakuu dimbilaalaati jedhan!

dmn, Sagalee Abdii fi Milkaa'inaa!

Geggeessaa jechuun kan waan ummanni hin argine argee gara sanatti geggeessu jechuudha!dmn, Sagalee Abdii fi Milkaa'inaa!
08/09/2025

Geggeessaa jechuun kan waan ummanni hin argine argee gara sanatti geggeessu jechuudha!
dmn, Sagalee Abdii fi Milkaa'inaa!

18/08/2025

Celebrating my 5th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. 🙏🤗🎉

18/08/2025

Fooyya'iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama

Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota daballii gatii madaalawaa hin taane kaa’aa jiran irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamuuf mootummaan ajajuu Komishiniin Siivil Sarvisii beeksise.

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee daballiin miindaa hojjettoota mootummaa hojiirra akka oolu Komishiniin Siivil Sarviisii fi Ministeerri Maallaqaa beeksisaniiru.

Daballiin miindaa kun ulfaatina jireenyaa hojjettoota mootummaa galii dhaabbataa qabanii salphisuuf kan hojjetame yoo ta’u, daldaltoota sababa malee gatii dabalan irrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu himameera.

Komishinarri Komishinii Siivil Sarviisii Federaalaa Dooktar Mekuriyaa Haayilee TOItti akka himanitti, hawaasni daldalaa harki caalaan imaammataa fi qajeelfama mootummaan baase deeggaraa jira.

Daballii miindaa kanaaf baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biliyoona 60 ol mootummaan kan baasu ta’us, jireenya hojjettoota mootummaa fooyyessuuf dursi kennamuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Fooyya'iinsi miindaa kun hojjettoonni mootummaa hojii isaanii sirnaan raawwachuu fi tajaajila gahaa fi ariifataa kennuudhaan itti gaafatamummaa isaanii dachaan akka ba’an kan dandeessisu ta’uus hubachiisaniiru.

Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalaan mootummaan ciminaan hordofuun tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu qajeelfamni kennamee jiraachuus eeraniiru.

"አስቸኳይ ክፍት የስራ ማስታወቂያቀን 12/12/2017Join for detail, and more vacancy announcements!t.me/Star_jobs
18/08/2025

"አስቸኳይ ክፍት የስራ ማስታወቂያ
ቀን 12/12/2017

Join for detail, and more vacancy announcements!

t.me/Star_jobs

Atileet Galatee Burqaa abbaa warraa isheetiin qabeenya qabdu guutuu saamamuu himte.  Atileetiksii keessatti maqaa guddaa...
10/06/2025

Atileet Galatee Burqaa abbaa warraa isheetiin qabeenya qabdu guutuu saamamuu himte.

Atileetiksii keessatti maqaa guddaa kan horattee fi meedaaliyaa hedduu kan badhaafamte atileetiin tun, har’a maatii ishee waliin karaatti bahuuf akka jirtu dubbatte.

Abbaan warraa ishee Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam yeroo ammaa ajjeechaaf akka ishee barbaadu himte Atileet Galateen gaaffii fi deebii Gammadaa Olaanaa waliin gooterratti.

Sababa cubbuu narratti dalagame kanaaf anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Dabni isheerratti dalagame dirree atileetiksiirraallee manatti ishee hambisuu eerte.

Atileetiin colleen kun qabeenya dafqaa fi beekkamtii ofiitiin horatte sababii abbaa manaa ishee kanaa dhabdee harka duwwaatti hafte.

Daa’imummaa isheetti abbaan ishee du’aan irraa kan boqatee fi harka haadha isheetti kan guddatte Atileet Galatee Burqaa, carraaqqii haadha isheetiin milkooftee addunyaatti beekamuu himatti. Haati ishee qaama miidhamtuu ta’uu himti.

Maqaa fi qabeenya hedduus kan horadhe bu’aa bayii obsa fixachiisaa hedduu keessa dabreeti jetti Atileet Galatee Burqaa.

Luka duwwaa shaakaltee jirti. Dhiiga tufaa shaakalaa yeroon turte jira. Shaakalarratti bubbeen yeroo itti na fudhatee mana jalatti na kuffise nan yaadadha jetti.

Badhaasaa fi kennaa dadhabbii fi beekkamtii ofiitiin argatteenis qabeenya hedduu horatte. Manneen 11 magaalota adda addaa keessatti horatte. Konkolaattota shan horatte. Qabeenyawwan kanneen irra caalaa bultii dhaabbachuun dura dhuunfaan akka horattellee dubbatti.

Bu’aa bayii hedduu ceetee fiixee addunyaa maratti kan beekamte Atileet Galatee Burqaa Baatii, har’a garuu jireenya qananii atileetonni akka ishee milkaawan jiraatan dhamdhamaa jirtu. Dafqi ishee dafqa bilaashaa ta’ee lafatti badeera. Saamamtee jirti.

Jireenya ishee kan gaaga’e Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam namni jedhamu, kan gaa’ela waliin ijaarratte, horataalee koo hunda na saame jetti. Namni kun nama taaksiidhaan ishee deddeebisaa ture ta’uu himti. Boodarra horatanii osoo waliin jiraachaa jiranuu namumti kun gaa’ela akka hin barbaanne himachuun qabeenya ishees saamuuf murteeffatee wal hiikkaa mana murtiitti dhiyeeffatee ishee irraa adda bahe.

Manneen isheen horatte 10 irraa fudhate. Kaan yoo dhuunfatu kaan firaa fi aantee isaatti gurgurate. Konkolaattota shan isheen qabdu keessaa afur ni gurgurate. Mana tokkichaa fi konkolaataa tokkicha isheedhaaf hafes irraa hirachuuf mana murtii dhaabee itti murteeffachiise.

Akka ogummaa isheetiin baatee shaakaltee hin hojjetanneef immoo ajjeechaaf ishee doorsise.

“Dhimma kana gadi baatee dubbatta taanaan lubbuu keetin balleessa” jechuun itti dhaadate. Sababa kanaan shaakala ispoortiis ni dhiifte. Qabeenya isheef hafellee gurgurtee kunoo amma karaatti bahuufi akka jirtu boochee himatti.

Atileetiin qaaliin biyyaaf oolmaa hagas gahu oolte Atileet Galatee Burqaa, cubbuu narratti dalagame kanaan anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Biyyi dhugaa koo naaf haa laalus jechuun himatti.

Atileet Galatee Burqaa Baatii, Atileetii dhalootaan Oromiyaa, godina Arsii Lixaa, Kofalee yoo taatu, atileetiksii fiigichawwan fageenya giddu-galeessaa fi fageenyawwan dheeraatiin beekamtuu fi badhaasawwan meedaaliyaa hedduu gonfattee dha. Yeroo ammaa sababa nama jireenya ishee bifa kanaan golgoleessee fi doorsisa isaa dirree atileetiksii irraa fagaattee jirti.

Gabaasichi kan Oromia Media Network

Address

Bedele-Dega
Bedele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dabbasoo Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share