10/06/2025
Atileet Galatee Burqaa abbaa warraa isheetiin qabeenya qabdu guutuu saamamuu himte.
Atileetiksii keessatti maqaa guddaa kan horattee fi meedaaliyaa hedduu kan badhaafamte atileetiin tun, har’a maatii ishee waliin karaatti bahuuf akka jirtu dubbatte.
Abbaan warraa ishee Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam yeroo ammaa ajjeechaaf akka ishee barbaadu himte Atileet Galateen gaaffii fi deebii Gammadaa Olaanaa waliin gooterratti.
Sababa cubbuu narratti dalagame kanaaf anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Dabni isheerratti dalagame dirree atileetiksiirraallee manatti ishee hambisuu eerte.
Atileetiin colleen kun qabeenya dafqaa fi beekkamtii ofiitiin horatte sababii abbaa manaa ishee kanaa dhabdee harka duwwaatti hafte.
Daa’imummaa isheetti abbaan ishee du’aan irraa kan boqatee fi harka haadha isheetti kan guddatte Atileet Galatee Burqaa, carraaqqii haadha isheetiin milkooftee addunyaatti beekamuu himatti. Haati ishee qaama miidhamtuu ta’uu himti.
Maqaa fi qabeenya hedduus kan horadhe bu’aa bayii obsa fixachiisaa hedduu keessa dabreeti jetti Atileet Galatee Burqaa.
Luka duwwaa shaakaltee jirti. Dhiiga tufaa shaakalaa yeroon turte jira. Shaakalarratti bubbeen yeroo itti na fudhatee mana jalatti na kuffise nan yaadadha jetti.
Badhaasaa fi kennaa dadhabbii fi beekkamtii ofiitiin argatteenis qabeenya hedduu horatte. Manneen 11 magaalota adda addaa keessatti horatte. Konkolaattota shan horatte. Qabeenyawwan kanneen irra caalaa bultii dhaabbachuun dura dhuunfaan akka horattellee dubbatti.
Bu’aa bayii hedduu ceetee fiixee addunyaa maratti kan beekamte Atileet Galatee Burqaa Baatii, har’a garuu jireenya qananii atileetonni akka ishee milkaawan jiraatan dhamdhamaa jirtu. Dafqi ishee dafqa bilaashaa ta’ee lafatti badeera. Saamamtee jirti.
Jireenya ishee kan gaaga’e Obbo Taaddalaa Gabramadihin Gabramaariyaam namni jedhamu, kan gaa’ela waliin ijaarratte, horataalee koo hunda na saame jetti. Namni kun nama taaksiidhaan ishee deddeebisaa ture ta’uu himti. Boodarra horatanii osoo waliin jiraachaa jiranuu namumti kun gaa’ela akka hin barbaanne himachuun qabeenya ishees saamuuf murteeffatee wal hiikkaa mana murtiitti dhiyeeffatee ishee irraa adda bahe.
Manneen isheen horatte 10 irraa fudhate. Kaan yoo dhuunfatu kaan firaa fi aantee isaatti gurgurate. Konkolaattota shan isheen qabdu keessaa afur ni gurgurate. Mana tokkichaa fi konkolaataa tokkicha isheedhaaf hafes irraa hirachuuf mana murtii dhaabee itti murteeffachiise.
Akka ogummaa isheetiin baatee shaakaltee hin hojjetanneef immoo ajjeechaaf ishee doorsise.
“Dhimma kana gadi baatee dubbatta taanaan lubbuu keetin balleessa” jechuun itti dhaadate. Sababa kanaan shaakala ispoortiis ni dhiifte. Qabeenya isheef hafellee gurgurtee kunoo amma karaatti bahuufi akka jirtu boochee himatti.
Atileetiin qaaliin biyyaaf oolmaa hagas gahu oolte Atileet Galatee Burqaa, cubbuu narratti dalagame kanaan anaa fi maatii koo qofa osoo hin taane, biyyatu kasaare jetti. Biyyi dhugaa koo naaf haa laalus jechuun himatti.
Atileet Galatee Burqaa Baatii, Atileetii dhalootaan Oromiyaa, godina Arsii Lixaa, Kofalee yoo taatu, atileetiksii fiigichawwan fageenya giddu-galeessaa fi fageenyawwan dheeraatiin beekamtuu fi badhaasawwan meedaaliyaa hedduu gonfattee dha. Yeroo ammaa sababa nama jireenya ishee bifa kanaan golgoleessee fi doorsisa isaa dirree atileetiksii irraa fagaattee jirti.
Gabaasichi kan Oromia Media Network