Bedele woreda Communication

Bedele woreda  Communication Bedele Woreda Communication

  Olka'iinsa Biyyaaf Hojiin Tola Ooltuummaa Gannaa Aanaa Beddelleetti Itti fufeera ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Hagayyaa 8/2018 {...
15/08/2026

Olka'iinsa Biyyaaf

Hojiin Tola Ooltuummaa Gannaa Aanaa Beddelleetti Itti fufeera

~~~~~~~~~~
~~~~~~~~~~
Hagayyaa 8/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddellee Ganda Daabanaa Darruutti Hojii kenniinsa Tajaajilaa Lammummaatiin Gurmuun Dargaggootaf Dubartootan Deeggarsi Harka qalleeyyiif Taasiifame

Aanaa Beddellee Ganda Daabanaa Darruutti Qindoominaa Gurmuu Dargaggoota Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddellee fi Gurmuu Dubartootaa Aanichaan Deeggarsii meeshaaleen garagaraa Harka qalleeyyii gandichaaf Taasiifameera

Gurmuu Dargaggootaf Dubartoota hojii kenniinsa Tajaajilaa lammummaa gannaa kanaan Nuti gahee keenyaa Bahu qabna jechuun Aanaa beddellee ganda daabanaa darruutti Harka qalleeyyii calalamaniif Deeggarsii Meeshaalaa Kanneen Dabtara Daarzaanii 20, uffataa 125, Saamuunaa darzaana 5 fi Kitaaboota gosa garaagaraa 18 Dabarsuun Arjoomaniiru

Harka Qalleeyyiin deeggarsi taasifameefis Qaamoolee yeroo rakkina nu bira dhaabbatan hedduu galateeffannaa jedhaniru

Miidiyaaf Kominikeeshinii Ijaarsa BiyyaafHagayyaa 8/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Waltajjin m...
15/08/2026

Miidiyaaf Kominikeeshinii Ijaarsa Biyyaaf

Hagayyaa 8/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Waltajjin miidiyaaf Kominikeeshinii Qooda fudhattoota walii gaggeefamee

Aanaa Beddelleetti hojiiwwaan misooma muuxannoo gaarii ta'aan adduunyaatti beeksiisuuf Hojiin miidiyaa hawaasaa hawaasa qabnutti fayyadamuun murteessa waan ta'eef Aanaa Beddellee Hoggansii sadarkaan jiru Hubannoo wal fakkaata akka qabatuuf Hojii hubannoo uumuu taasiifama jira

Bulchaan Aanaa Beddellee obbo Olumaa Qana'aa Hojiin uwwisaa miidiyaa hin qabnee ibsaa gaanii keessatti kanaaf Aanichaa keessatti hojjetaman Beeksiisuu keessatti gaheen Midiyaa hawaasa olaanaa kanaaf Hoggansii Keenyaa itti fayyadama isa irratti of eeggannoo barbaachisuu taasiisuun Hoji akka itti beeksiisuu dhaamaniru

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Obbo Wandimmuu Raggaasa Hoggansii jijjirama itti Fayyadama teeknolojii irraatti Hubannoo gaha qabaachuun Adduunyaa dhugaan booda irraatti sirnaan qabsa'uuf Dirqama isa bahachuu qaba Gaheen miidiyaaf kominikeeshinii ijaarsa biyyaatti olaanaa ta'uu hubachuun gaha horachuu murteessadha jechuun Dhiibbaa Gama miidiyaa hawaasan dhufu qolachuun Rogaa gaariin itti fayyadamu qabna jedhaniru

Ooyiruun Qonnaan Bultoota Misooman Miidhaga Hagayyaa 4/2018 {{KAB}} Aanaa Beddellee Ganda Socciitti Ooyiruun Qonnaan bul...
11/08/2026

Ooyiruun Qonnaan Bultoota Misooman Miidhaga

Hagayyaa 4/2018 {{KAB}} Aanaa Beddellee Ganda Socciitti Ooyiruun Qonnaan bultoota misooma jiru Daawwatameera

Aanaa Beddellee madda misooma ta'uu isheef sababni qonnaan bultoonni Aanichaa Teeknooloojii Qonnaatti sirnaa waan fayyadamaniif Akkasumas qonnaan bultoonni Lafa isa daguugee qotuun Misooma midhaaniif Kuduraaf muraas dabaluun oomishuun irra fayyadama jiru Guyyaa harras hoggansi Paartii Badhaadhinaa Aanichaa ganda seccootti daawwaanna ooyiru qonnaan bultoota Daawwataniru

Dargaggoota waliin mari'achuu fi hojjechuun imala badhaadhinaa saffisiisuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti ceesi...
10/08/2026

Dargaggoota waliin mari'achuu fi hojjechuun imala badhaadhinaa saffisiisuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti ceesisuu keessatti shoora olaanaa qaba

Hagayyaa 3/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Mareen Misoomaaf Nageenyaa irratti xiyyeeffatee Dargaggoota waliin Gaggefame
Aanaa Beddelleetti mareen misoomaf nageenyaa irratti Xiyyeeffatee Dargaggoota Dhaabbilee barnoota olaanaa irra boqonnaaf galaniif Eebbifaman waliin gaggefameera.

Itti Gaafatamaan Damee siyaasa paartii badhaadhinaa Aanichaa Obbo Fettenee Tarfaa barreefama mariif ta'uu weeyitaa dhiyeessan Dargaggoonni Guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa qabu Jijjirama akka biyyaatti Argamee kanaaf Dargaggoonni hedduun Aarsaa kaffaluun asiin kan gahaniifi harra immo sirnaa kanaa kununfachuun dhaalootaf dabarsuuf hojjetama jiraachu ibsaniru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Obbo Wandimmu Raggaasa Dargaggoonni injifachuun biyyaaf wabii ta'uun har'as ambaasaaddara nageenyaafi misoomaa ta'uun jijjiiramaa eegalame itti fufsiisuudhaan badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa ba'achaa jiraachuu himuun Dargaggoota waliin mari'achuu fi qindoominaan hojjechuun imala badhaadhinaa saffisiisuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti ceesisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Bulchaan Aanaa Beddellee Obbo Olumaa Qana'aa Gama isaaniin Dargaggoonni keenyaa ogummaa qabdanitti fayyadamuun bu'a biyyaattiin barbaadduu buusuun jijjirama eegalamee itti fufsiisuun Gahe isin irra eegamuudha biyyii Dargaggeessaaf humna nama baratee qabdu Diinaagdee ariifachiisa fiduun Guddina biyyaa saffisuun Jireenyaa laammilee foyyeessiti kanaaf Dargaggoonni Aanaa beddellee gandoolee keessa jirtani keessatti Gama Diinaagdee siyaasaf Hawaasummaan dhiibbaa uumuun Galmi biyyii keenyaa barbaadduu waliin Ha milkeessinu jedhaniru .

Hirmaattonni waltajjii kanaas yaada kennaniin yeroo kamiinuu olitti hojiiwwan misoomaafi nageenyaa sadarkaa biyyaatii hanga Aanaa keenyaatti hojjatamu cinaa dhaabbachuun jijjirama eegalamee itti fufsiifna jedhaniru

Qonnaan Bultoota Gara Investmentitti Ceesiisuun Diinaagdee biyyaa Guddisuudha Hagayyaa 3/2108 {{KAB}} Godina Buunnoo Bed...
10/08/2026

Qonnaan Bultoota Gara Investmentitti Ceesiisuun Diinaagdee biyyaa Guddisuudha

Hagayyaa 3/2108 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti waajjirri Daldala Carraa hojii uumuuf Investment Qonnaan bultoota gara Investment ca'een waliin Maree gaggeessee

Aanaa Beddellee hojiin Qonnaa bultoota Gara Investment ceesiisuu hojjetama jirun abboota qabeenyaa ciccimoo hotatama jira Bu'uurama kanaan guyyaa harra waltajjiin Mana mare Investment Aanichaa qonnaan bultoota gara Investmentitti ce'aanii waliin gaggefameen akkaata milkaa'inaa hojjichaa irratti hubannoo kennameera

Waltajjichaan Maateriyaalii gabaabaaan Investment irraatti xiyyeeffatee dhiyaachuun Mareeen gabbifameera

Bulchaan Aanaa Beddellee Obbo Olumaa Qana'aa diinagdeen Aanaa tokkko saffisaan guddataa jira kan jedhamu yero qonnaan bultoonni hojii qonnaa irra gara investmentitti ce'uun Galiin isaanii dachaan guddisan ta'uu ibsuun Aanichaatti keessatti sochii qonnaan bultoonni agarsiisaa jiraniin tiraakteeraan qotuun akka danda'eef aadaaa qusannoo isaanii foyyeessuun Sadarkaa magaalaatti gamoo ijaaruu eegaluu ibsuun Abbootii qabeenyaa misoomawaan immo Ijaarsaa biyyaa keessatti Gahe olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniru

Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa carraa hojii uumuuf Investment Aanichaa Obbo Girma Tafarra Gama isaaniin Qonnaan bultoonni Aanichaa pootenshaala Naannoo isaatti argamu fayyadamuun Gara Investment ceesiisuuf hojii ballaan hojjetama jiraachu ibsun kennaan kanaan dura gara Investment ce'an immoo Hubannoo milkaa’an hojichaaf garaagaruu sadarkaa Aanaaf gandooleetti kennama kan jiru fi Hojiin Deeggarsaaf hordoffii Karaa Ogeeyyii waajjirichaa kan taasiifamu ta'uu dubbataniiru.

  Hagayyaa 2/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti mareen KTL gannaa irratti Jaarmiyaalee Dargaggoota...
08/08/2026



Hagayyaa 2/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti mareen KTL gannaa irratti Jaarmiyaalee Dargaggoota hoggansa gandoolee waliin Gaggeefame

Waajjirri Gurmaai'nsa Uumaataa Aanaa Beddellee Gaarmiiyaalee dargaggootaf Hoggnsa Gandoolee walii galma ga’iinsa hojii Kenniinsaa tajaajila Lammummaa irratti maree gaggeessuun kallattii raawwii kaa'uu xumurameera.

Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Gurmaai'nsa Uumaataa Aanichaa Aadde Aberrash Taammiruu Gabaasa hojii Kenniinsaa tajaajilaa lammummaa dhiyeessaniin Aanaa Beddellee keessatti Hojii kenninsa tajaajilaa lammummaa gannaatiin Mana harka qalleeyii daandii qulqulleessuuf Arjoommiin dhigaa gaggeefama jiraachuu ibsuun Dargaggoonni Aanichaa gahe isaanii akka bahatan dhaamaniiru

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Obbo Wandimmuu Raggaasa misooma biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuun karoora hojii KTL aanaa beddellee keessattis Hirmaannaa ho'a taasiisaa jirtan cimsuun harka qalleeyii aanichaa dawoo ta'uu qabna kanaaf gannaa kana barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo irra boqonnaaf galtan akkaa ogummaa keessaniin hojii eebbifama kana hojjechuun misooma biyyaa keessatti gahe keessan bahachu qabdu jedhaniru

Itti gaafatamaan Gurmuu Dargaggoota Godina Buunnoo Beddellee Obbo Gammachuu Adabaa gama isaaniin Dargaggoonni Paartii Badhaadhinaa Misoomaa biyyaa keessatti gahe isaanii bahun beekamuu biyyii tokko Diinaagdee kan cimuu dandeessuu Humna Dargaggoota yo qabattee qofaadha kanaan Gandi jiruu keessatti maatii ofii irra eegallee hojii hawaasa gargaaruu irratti bobba'uun Hojii sammuu keessan boqochiisuu hojjechu qabdu jedhaniru

Dargaggoonni sagantaa kana hirmaatanis Humna qabnuu harka qalleeyii bira dhaabbachuun gahe lammummaa keenyaa ni baanaa jedhaniru.

Hagayyaa 1/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Gamaaggamni Raawwii hojii misoomaaf Nageenyaa hoggan...
07/08/2026

Hagayyaa 1/2018 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Gamaaggamni Raawwii hojii misoomaaf Nageenyaa hoggansa sadarkaan jiru waliin Gaggeefame

Aanaa Beddelleetti Gamaaggamni Raawwii Hojii misoomaaf nageenyaa hoggansa Aanaaf gandoolee waliin gaggefameera Waltajjii Kana irratti gandoolee Aanichaa irra bulchaa Nageenyaa paartiif Diinagdee akkasumas hoggantoota seekteeraalee Aanichaa hirmaachisuun gaggefameen Gabaasnii Raawwii hojii nageenyaa Aanichaa irratti xiyyeeffatee dhiyaachuun maree gabbifameera

Bulchaan Aanaa Beddellee obbo Olumaa Qana'aa Gandoolee Aanichaa keessatti nageenyaa waaraa fiduuf hoggansiif Hawaasnii qindoominaan hojjechuun murteessadha jechuun misooma ariifachiisii fiduuf Hawaasnii nagaan bahe galuu qaba kanaaf Qonnaan keenyaa hojii missoma isaanii irraatti bobba'uun Karoora qabamee milkeessuu qaba jedhaniru.

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Obbo Wandimmuu Raggaasa gama isaanii jalqabbii Karoora haaraa kana hawaasa dammaqsuun gahe hoggansa Sadarkaan jiruti kanaaf gama nageenyaaf misoomatiin hojii milkaa'ina qabu hojjechuun hawaasa diinaagdeen of cimsee uumuu qabna Hoggansii paartii badhaadhina haala yeroo beekuun hoggannuun murteessadha jedhaniru.

  Waajjira Dhimma Gurmaa'insaa Uummaata Aanaa Beddellee Adoolessa 29/2018 {{KAB}} ​Dargagoota Boqonnaaf Yuunivarsiitii F...
05/08/2026



Waajjira Dhimma Gurmaa'insaa Uummaata Aanaa Beddellee
Adoolessa 29/2018 {{KAB}}

​Dargagoota Boqonnaaf Yuunivarsiitii Fi Koollejjii Adda Addaa irraa Galtan Hundaaf

​Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti yeroon Kun Yeroo Hojiin Kenna Tajaajilaa Lammummaa Sadaarka Biyyaatti Itti Hojjeetamaa jiru tahuun isa beekamaadha. Kanuuma Bu'uura Godhaachuudhaan Dargagbootni Fedhiin Uummata keessan Tola Ooltummaadhaan Harka Qalleeyyii fi Qaama Miidhamtoota Sadarkaa Gandaa Hangaa Aanaatti jiran deeggaru barbaadan fi Hojiiwwaan Sadarkaa Gandaatti Hojii Toola Ooltummaadhaan hojjeetaman kamiyyuu Hojjeechuu fi Deggaru Barbaaddan Hanga Gaafa Guyyaa 01/12/2018 - 10/12/2018tti Sa'aattii Hojii Mootummaatti Kooppii Waraaqa Eenyumeessa keessanii Qabattanii Qaamaan Waajjira keenya Waajjira Dhimma Gurmaa'insa Uummataa Aanaa Beddelleetti akka Galmooftanii Dirqama Lammummaa keessan akka baataan kabajaan isin beeksifna.

​Hub:- Dargagbootni Galmooftanii Nu waliin hojjeettan Waraqaa Beekamtii fi Deeggarsa kan isiniif kenninu ta'u isiin hubachiifna.

  Adooleessa 28/2018 {{KAB}}  Aanaa Beddellee Ganda yaaballattii Mareen misooma fi Nageenyaa hawaasaa ballaa waliin gagg...
04/08/2026



Adooleessa 28/2018 {{KAB}} Aanaa Beddellee Ganda yaaballattii Mareen misooma fi Nageenyaa hawaasaa ballaa waliin gaggefameera

Aanaa Beddelleetti Jijjirma roga hunda argama jiru keessatti gaheen Gandoolee Aanichaa olaanaadha akkumaa yaadatamuu Qoranoo hojii paartiif mootummaa bara 2018 sadarkaa oromiyaatti Gaggeefamee Gandi Yaaballaa gandoolee Godina Buunnoo Beddellee keessa raawwii olaanaa galmeessisuun badhaasa Pireezedashaalii fudhachuun ni yaadatama.

bu'uurama kanaan guyyaa harra injifannoo argamee kununfachaa hanqinaa turan haala kamiin maqsuun akka danda'amuu irratti koree hojii Raawwachistuu Aanaa waliin Hawaasni gandichaa maree gaggeessera .Haalumaa kanaan hawaasni gandichaa yaadaaf gaafii dheebuu bu'uuraalee misooma qaban kaasuun hoggansa sadarkaan jirun deebiin itti kennameera

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Ganda yaaballaa obbo Taasiisaa Dingataa Keessummoota baga nagaan dhufan jechuun Gandi Yaaballaa madda misoomaaf Nageenyaa ta'uun akka itti fuftuuf gahee hawaasa olaanaa ta'uu ibsuun Injifannoo dachaa gonfachuun immoo qindoomina keenya cimsuun kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Bulchaan Aanaa Beddellee obbo Olumaa Qana'aa Hawaasnii ganda yaaballaa hawaasa misoomaaf nageenyaa jaallatuudha Bara 2018 keessa gandoolee maqaa gaarii Aanichaa keenyaaf argamsiisaan keessa gandi yaaballaa isa angafa jechuun Gandichaa moodeelaa taasiisuun Hawaasaf hoggansa gandichaa waliin hojjechuun mareen kun murteessadha jedhaniru. Kana malees Gandi Yabbalaa yeroo ammaa gandi investeroonni gurguddoon misoomsuuf fedhii agarsiisaa jiran waan ta'eef hawaasni gandichaa fuula gaariin simachuun roga hunda irra fayyadamu qabas jedhaniru

Gandi yaaballaa Hojii maata paartii badhaadhinaa hundeerraa hubachuun Hawaasnii akka irra fayyadamuuf Gandoolee hojjecha jiran keessa tokko kan jedhan Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Beddellee Obbo Wandimmuu Raggaasa gandi yaaballaa maddaa misoomaf nageenyaa akka ta'uuf immo gahen maanguddoota gandicha olaadhan jechuun kaayyoon paartii badhaadhinaa hawaasa qaroomeef badhaadhina maatii qabatama agarsiisee horachudha kanaaf Hawaasnii ganda yaaballaa hoggansa sadarkaan jiru waliin hariiroo cimaa uumuu Injifannoo roga hunda galmeesisuun ni danda’ama jedhaniru.

Haaluma kanaa Xumura Waltajjichaa irratti Qaamoolee milkaa'ina hojii bara 2018 keessaatti roga hundaan gahee bahataniif waraqaa ragaa kennuun goolabameera

Itoophiyaan Milkoofteetti, Riikardii Haaraa Galmeessiteetti! Aduu Tokkoon Biqiltuu Miiliyoona 805.3 Dhaabuun Milkoofteet...
03/08/2026

Itoophiyaan Milkoofteetti, Riikardii Haaraa Galmeessiteetti!

Aduu Tokkoon Biqiltuu Miiliyoona 805.3 Dhaabuun Milkoofteetti!

Address

Bedele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bedele woreda Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bedele woreda Communication:

Shortcuts

Share