fu.ad manu

fu.ad manu Hamma Lubbuun jirtutti Abdii Hin kutiin
በህዎት እስካሌ ድረስ ተስፋ ኣትቁርጥ
Don't give up as long as you live
(1)

  Digital ID   hojiin Kenninsa Waraqaa eenyummeessaa Dijitaalaa ID (Fayda) kennamu ciminaan hojjetama jira.  dijitaalaa ...
14/11/2025

Digital ID
hojiin Kenninsa Waraqaa eenyummeessaa Dijitaalaa ID (Fayda) kennamu ciminaan hojjetama jira.
dijitaalaa ID kennamaa jiru kun online ta'ee waggoottan 8ff tajaajiluu waan danda'uuf namoonni umuriin isaanii waggaa 6 ol ta'ee hunduu hatattamaan fudhachuu barbaachiisaa dha!
hanga ammaatti hin fudhatin jirtan yeroo gabaabaa keesaatti gara dhuftanii akka fudhattan cimsee yaadachiisa!

dargaggoonni aanaa keenyaa carraa kanatti akka fayyadamtan isiniin jenna yeroo ammaa kana teeknooloojiin akka biyyaalessaattis ta'ee akka adduniyaatti babal'achaa waan dhufeef digital ID fayyadamuun dirqamasi murteessaadhas kanaafuu dargaggoonni aanaa keenyaa dhuftanii akka galmooftan isiniin jenna

galmaa'uuf yeroo dhuftan waraqaa eenyummeessaa gandaa qabatanii akka dhuftan isin Hubachiisna.

Teknoloojii fayyadamuuniifi Teeknooloojii faana deemuun abshaalummaadha.💻📱📟🖱️

10/09/2025
10/09/2025
10/09/2025

Qaammee 5 Guyyaa Egeree!
=========

Egereen Biyya Keenyaa Dijitaal Itoophiyaa Dhugoomsuun Mirkanaa’a

Mootummaan dorgommii damee dijitaalaatiin gaggeeffamu mirkaneessuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu taasisuun karoora tarsima’aa qopheessee hojjechaa jira. Karoora tarsima’aa kanaanis imala dijitaal Itoophiyaa ifoomsuun biyyi damichaan sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomaa taatee akka argamtuuf gama biraatiin ammoo tajaajila dijitaalessuun fedhiifi gaaffii uummataa yeroo waliin guddachaa dhufe deebisuuf bu’uurri kaa’amaa jira.

Egereen biyyaas dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuuf bu’uraalee misooma Teeknoloojii diriirsuun dorgommii damee dijjitaalaan taasifamu milkeessuuf hojjetamaa jira.

Imala dijitaal Itoophiyaa eegalameenis sirna daddabarsa maallaqaa dijjitaalessuun tuttuqaa waraqaarraa bilisa taasisuuf hojiin hojjetamaa jiru milkaa’ina argamsiiseera. Sirna bittaafi gurgurtaa dijitaala’aa jiruun yaa’insii maallaqaa sirnichaan hogganamuu eegaleera. Kana malees, dhaloota teeknoloojiitti madaksuufis inisheetiiviin Ethio-Coders akka biyyaatti lammiilee miiliyoona Shan leenjisuuf qabames imala dijitaal Itoophiyaa bu’uuressuuf abdiin irra kaa’amee milka’inas argamsiisaa jira.

Qaammeen gaafa Shaniis guyyaa Egeree keenyaan kan moggaafame yoo ta’u dhimmoota Dijitaal Itoophiyaa Dhugoomsaniif xiyyeeffannoon kennama.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

20/08/2025

Kabajamtoota Maamiltoota Keenyaaf...

Adoolessa 1/2017 hanga Fulbaana 30/2018-tti taarifa elektirikii hojiirra oolu ilaalchisee odeeffannoo guutuu akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra.

Akkuma beekamu sirreeffamni taarifa elektirikii taasifame qaala’iinsa jireenyaa fi gatii bittaa akka hin uumnee akkasumas maamiltoota galii gadi-aanaa ta’an akka hin miinetti kan taasifame yoo ta’u dhiibbaa hirdhisuuf jecha sirreeffamni taarifaa waggaa keessatti kurmaanaan qoqqoodame kan raawwatu ta’uun ni beekama.

✅ Taarifa mana jireenyaa

Kiiloo waat sa’aatii(KWS)dhaan:-

➡️K.W.S .0 - 50 = Qarshii 0.6764 (+0.0807 )
➡️K.W.S . 51 - 100 = Qarshii 1.6708 (+0.1807)
➡️K.W.S . 101 - 200 =Qarshii 2.9320 (+0.2614)
➡️K.W.S . 201 - 300 = Qarshii 4.2983 (+0.4596)
➡️K.W.S . 301 - 400 = Qarshii 4.4898 (+0.458)
➡️K.W.S . 401 - 500 = Qarshii 4.6169 (+0.4424)
➡️K.W.S . 500 oliif = qarshii 4.6627(+0.4364)

✅ Taarifa daldalaa fi tajaajila waliigalaa=Qarshii 4.5324 (+0.4817)

✅ Taarifa industirii xiqqaa(380v) =Qarshii 2.8224 (+0.2635)

✅ Taarifa industirii giddugaleessaa(15kv) = Qarshii 2.2714 (+0.2208)
👉 Taarifa diimaand chaarjii:-

➡️Indudstirii xiqqaaf=Qarshii 404.4 (+36.88)
➡️Industirii giddu-galeessaaf= Qarshii 297.23 (+27.1)

👉 Kaffaltii tajaajilaa kan mana jireenyaa
Lakkooftuu kaffaltii boodaaf

✅ K.W.S . 0 - 50 = qarshii 11.19 (+0.24)
✅ K.W.S . 50 oliif =qarshii 46.75 (+0.95)

Lakkooftuu kaffaltii duraaf
✅ K.W.S 0 - 50 =Qarshii 4.36 (+0.18)
✅ K.W.S 50 oliif = Qarshii 16.28 (+0.31)

👉 Daldala waliigalaaf

✅ Lakkooftuu kaffaltii boodaaf = Qarshii 59.94 (+1.19)
✅ Lakkooftuu kaffaltii duraaf =Qarshii 20.94(+0.41)
👉 Industirii gadi-aanaa fi ol-aanaaf =Qarshii 59.94 (+1.19) ta’uu isiniif ibsina.

Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii Salphisuuf ejjennoo qaba- Obbo Ahimad Shidee  dhiibbaa...
20/08/2025

Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii Salphisuuf ejjennoo qaba- Obbo Ahimad Shidee

dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii salphisuuf ejjennoo qabachuun hojjechaa jira jedhan Ministitrri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Ministeerri Maallaqaa Tajaajila Mootummaa fi Riifoormii Bulchiinsaa gara hojitti galchuu isaan Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa irraa beekamtiin kennameefira.

Obbo Ahimad Shideen wayita kanatti ,riifoormii mootummaan waggoottan darban gaggeesseen bu’aan qabatamaan argameera jedhan.

keessattuu riifoormiin fooyyeessii diinagdee gooroon taasifamee sharafa alaa guddisuu fi diinagdee daddamaqsuu keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.

Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii salphisuuf murannoon ejjennoo qabatee hojjechaa jiraachuu eeruun, fooyyeessiin Baatii Fulbaanaarraa eegale hojiirra ooluu kunis argasiistuu ta’uu kaasaniiru.

Komishinarri Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee gamasaaniin, dhaabbiilee fi Gurmaa’insa Mootummaa ammayyeessuun humna namaa ogummaa fi namuusaan gahoome horachuun hawaasaaf tajaajila si’aataa fi bu’a qabeessa kennuuf riifoormiin garaagaraa gaggeeffamaa jira jedhan.

Riifoormichi Ministeera maalllaqaa dabalatee dhaabbilee saddeet keessatti hojiirra oolaa turuu yaadachiisaniiru.
Dhaabbilee kanneen keessaa Ministeerri Maallaqaa qophii haal duree xumuruun guutummaan guutuutti hojiirra oolchuu isaaf dinqisifataniiru.

Hojjettoota Mootummaa miiliyoona 3.3 ‘f fooyyeessii miindaa gochuuf Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 kan barbaachiisu ta’uu himuun, kunis murannoo Mootummaa ifatti kan mul’isuudha jedhan.

Hojjettoonni mootummaa hojii isaanii kara bu’a qabeessa ta’een raawwachuun guddina biyyaaf gahee isaanii akka bahatan gaafachuu gabaaseera

11/08/2025

Biyyoonni Musliimaa wal-ta'uun karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf qabdu dura akka dhaabataniif Turkiin waamicha dhiyeessite.

Biyyoonni Musliimaa wal-ta'uun karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf qabdu dura akka dhaabataniif Turkiin waamicha dhiyeessite.

Ministiirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fiidaan Sambata, Hagayya 9, biyyoonni Musliimaa wal-ta'uun akkasumas hawaasa idiladdunyaa waliin ta'uun karoora Israa'eel Gaazaa irratti baaste akka mormaniif waamicha gochuusaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

Haakan Fidaa waamicha kana kan taasisan marii Turkiifi Masiriin magaalaa Kaayirootti taasisaniin yoo ta'u, biyyoonni lamaanuu karoora Israa'el Gaazaa dhuunfachuuf baaste mormuun alatti biyyoonni Musliimaa kaanis isaan cinaa hiriirun karoora kana akka morman waamicha taasisan.

Israa'el tarsiimoo lafa babal'ifannaa taasisaa jiraachuu kan ibsite Turkiin karoorri Israa'el baaste Gaazatti hojiirra akka hin oollef hawaasi idiladdunyaa tarkaanfii fudhachuu akka qabus waamicha goote.

Israa'el gamasheen Gaazaa keessatti karoorrishee lafa babal'ifannaaf osoo hin taane, Gaazan deebitee akka yaaddoo nageenyaa itti hin taane gochuuf akka ta'e waakkatti.
Haakaan Fiidan Pirezidaantii Masirii Abdulfattaa Al-Siisii waliin erga mariyatanii booda ministiira dhimma alaa biyyattii Badiir Abdellataay waliin wal-arguun mariyataniiru.
Marii Turkiifi Masiriin gaggeessan kana booda Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Biyyoota Islaamaa (Organisation of Islamic Cooperation) wal-gahii hatattamaaf waamicha gochuu Ministiirri Dhimma Alaa Turkii Haakan Fiidaan ibsuu Rooyitars gabaase.

Haakan dabaluunis, Israa'el Filisxeemota beelessuun lafa isaanirraa erga buqqistee booda guutummaan to'achuu akka tarsiimotti itti fayyadamaa jiraachuu ibsuun biyyonni Israa'el deeggaruu akka hin qabnes dubbatan.
Israa'el garuu Filisxeemota Gaazaa keessa jiran beelessaa akka hin jirree ibsuun rakkoo Filisxeemota Gaazaa keessa jiranii kan hammeesse Hamaas akka ta'e himti.
"Waanti ta'aa jiru uummata Filisxeem qofaaf osoo hin taane, biyyoota ollaa jiraniif waan balaafamaadha," jedhan Ministiirri Dhimma Alaa Masrii Badiir Abdellataay.

Karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf raggaasite ilaalchisee Masriin Turkii waliin ta'uun akka mormitu himan qondaalli olaanan Masrii kun.
Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Biyyoota Islaamaa gamasaan Sambata ibsa baasen karoora Israa'el Gaazaa to'achuun raggaasifte balaaleffateera.

Karoorri Israa'el fudhatama kan hin qabneefi haala jiru kan hammeessu ta'uu kan ibse dhaabbatichi, "faallaa seera idiladdunyaati fi carraa nagaa buusuu kan dukkaneessudha" jedhe.

Israa'elifi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka mallattaa'uuf Masrii, Kaatariifi US ji'oota hedduuf jaarsummaa taa'anis hin milkaa'in akkasumas hawaasa idiladdunyaa waliin ta'uun karoora Israa'eel Gaazaa irratti baaste akka mormaniif waamicha gochuusaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

Haakan Fidaa waamicha kana kan taasisan marii Turkiifi Masiriin magaalaa Kaayirootti taasisaniin yoo ta'u, biyyoonni lamaanuu karoora Israa'el Gaazaa dhuunfachuuf baaste mormuun alatti biyyoonni Musliimaa kaanis isaan cinaa hiriirun karoora kana akka morman waamicha taasisan.

Israa'el tarsiimoo lafa babal'ifannaa taasisaa jiraachuu kan ibsite Turkiin karoorri Israa'el baaste Gaazatti hojiirra akka hin oollef hawaasi idiladdunyaa tarkaanfii fudhachuu akka qabus waamicha goote.

Israa'el gamasheen Gaazaa keessatti karoorrishee lafa babal'ifannaaf osoo hin taane, Gaazan deebitee akka yaaddoo nageenyaa itti hin taane gochuuf akka ta'e waakkatti.
Haakaan Fiidan Pirezidaantii Masirii Abdulfattaa Al-Siisii waliin erga mariyatanii booda ministiira dhimma alaa biyyattii Badiir Abdellataay waliin wal-arguun mariyataniiru.

Marii Turkiifi Masiriin gaggeessan kana booda Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Biyyoota Islaamaa (Organisation of Islamic Cooperation) wal-gahii hatattamaaf waamicha gochuu Ministiirri Dhimma Alaa Turkii Haakan Fiidaan ibsuu Rooyitars gabaase.

Haakan dabaluunis, Israa'el Filisxeemota beelessuun lafa isaanirraa erga buqqistee booda guutummaan to'achuu akka tarsiimotti itti fayyadamaa jiraachuu ibsuun biyyonni Israa'el deeggaruu akka hin qabnes dubbatan.

Israa'el garuu Filisxeemota Gaazaa keessa jiran beelessaa akka hin jirree ibsuun rakkoo Filisxeemota Gaazaa keessa jiranii kan hammeesse Hamaas akka ta'e himti.

"Waanti ta'aa jiru uummata Filisxeem qofaaf osoo hin taane, biyyoota ollaa jiraniif waan balaafamaadha," jedhan Ministiirri Dhimma Alaa Masrii Badiir Abdellataay.

Karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf raggaasite ilaalchisee Masriin Turkii waliin ta'uun akka mormitu himan qondaalli olaanan Masrii kun.
Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Biyyoota Islaamaa gamasaan Sambata ibsa baasen karoora Israa'el Gaazaa to'achuun raggaasifte balaaleffateera.
Karoorri Israa'el fudhatama kan hin qabneefi haala jiru kan hammeessu ta'uu kan ibse dhaabbatichi, "faallaa seera idiladdunyaati fi carraa nagaa buusuu kan dukkaneessudha" jedhe.

Israa'elifi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka mallattaa'uuf Masrii, Kaatariifi US ji'oota hedduuf jaarsummaa taa'anis hin milkaa'in

Paaspoortiin dijitaalawaa Tajaajilli Immigireeshinii fi Lanmmummaa Itiyoophiyaa dhiyeenya kana ifoomse qabiyyeewwan of k...
10/08/2025

Paaspoortiin dijitaalawaa Tajaajilli Immigireeshinii fi Lanmmummaa Itiyoophiyaa dhiyeenya kana ifoomse qabiyyeewwan of keessaa qabuun beekmtii idil addunyaaf filatameera.Paaspoortiin kun icciitiiwwanii fi amaloota nageenyaa cimaa qabachuun, tekinooloojii fooyya’aa fayyadamuu fi odeeffannoowwan murteessoo ta’an eenyummaa tajaajilamaa sirriitti adda baasan ofkeessattii qabchuun filatamuu danda’eera jedhame.Paaspoortiin dijiitaalaa Itiyoophiyaa badhaasaaf kan filatame dhaabbata badhaasa wixinee fi kalaqaa kennun beekamu “Red Dot Brands and Communication” jedhamuun beekamuun ta’ium beekameera.Dabalataanis iddoowwan seenaa, aadaa fi uumammaa mallattoo Itiyoophiyaa ta’an of keessatti qabachuun isaa kan isa filachiise ta’uu Tajaajilichi himeera.

Address

Bedele
Bedele
1519

Telephone

+251937817986

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when fu.ad manu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to fu.ad manu:

Share