11/05/2026
Oromiyaa, bilisummaa, sabboonummaa, injifannoo, qabsoo…
Jechoota olii kana gaafan dhagahuu eegalu fuula isaatu na dura dhufa ture. Sagalee isaatu gurra koo keessaa lallaba. Qubee maqaa LEENCOO LATAA jedhutu sammuu kiyya keessatti haphaayee dubbifama. Inni qabsoo fi siyaasa Oromoos tahee biyyattii kanaa keessatti mul’ataa akka qilxuuti. Osoo maqaa isaa hin dhahin siyaasaa Oromoos tahee Itoophiyaa dubbattee keessaa bahuu hin dandeessu. Inni, gaafa san, tokkicha Oromoo tarree Mallas Zeenaawii fi Isaayyaas Afawarqii taa’ee maqaa ABO fi Oromoo firattis diinattis mul’ise. Kan isa duras, isa boodas dhufan heddu. Inni garuu adda tokko qaba. Adda dubbatanii gurra namaa keessatti hafuu. Inni fakkeenya hogganoota qabsoo Oromoo gameeyyii warra jiraatti jaboo qorameeti.
Isa wanti adda godhu biraas jira. Raagduu siyaasaa ti. Waan har’ayyuu baay’een keenya hubachuuf rakkannu inni waggaa 35 dura arge. Waan ofii dursee arge nutti himuuf ’Yaa biyyaa dhagahaa...’ jedhee waywaachuu jalqabe. Baasa baafte jedhamee lolame. Waan inni jedhe garuu baay’een keenya reef itti dhufaa jirra. Raaga isaa kitaabota sadii fi artikiloota baay’een afaan faranjiin katabee lallabeera. Afaan keenyaanis nuffe osoo hin jenne irra deddeebi’ee karaa miidiyaa gorseera. Sittin hima malee sittin hidhaaree jedhee yoo nutti makmaake amma haqa qaba.
Kaleessa wanti Finfinneetti tahe hawwii koo bara dheeraa ture. Garuu kitaaba seenaa isaa fi akka itti yaaadu dubbatu kana silaa harkuma isaa, quboota isaa seenaa barreessan saniin osoo nuu katabeen hawwa ture. Hundaafuu intalti qaxaleen Zufaan Urgaa jedhamtu hawwii nama hedduu kana waan dhugoomsiteef galatatu malaaf. Kitaabni kun waan hayyicha guddaa kanarraa dhagahuu feenu bal’inaan hammatee jira jedheen abdadha.
An akka namoota biroo carroomaniitti isa qaamaan hin argine. Fagoorraa garuu wal dubbisaa turre. Hunda caalaa kanin itti boonu wixinee kitaaba kiyyaa tokko isa gulaalsifachuu danda’uu kootti. Xumura gulaalliirratti “Jiraadhee ilma Oromoo hojii akkasii uumuu danda'u arguu kootiif akka nama ayyaana-qabeessaa tokkottin of ilaala.” yaada jedhu naa gumaachuu isaa nan yaadadha.
Abbaa Qabsoo keenya J/ Leencoo Lataa baguma jiraattee guyyaa kana agarte. Ammallee umrii dheerinaa fi fayyaa guutuun siif hawwa.