28/08/2025
''Qabxiin qormaataa seensa Yuunivarsiitii barattoota kutaa 12ffaa qoramanii tibbana ifooma'' Profeesar Birhaanuu Naggaa.
Hagayya 15, 2017
Mariin dhimmoota misooma barnootaarratti xiyyeeffate Magaalaa Hawaasaatti mari'atamaa jira.
Mariicharratti, Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, dhaloota gahumsa, naamusaafi ogummaan badhaadhe horachuuf xiyyeffannaan hojjatamaa jira jedhan.
Rakkolee seektara barnootaa keessatti mul’atan furuuf inisheetiviin ‘barnoota dhalootaaf’ jechuun bocame baasiin seektera barnootaa akka hir’atu, qulqullinni barnootaa akka mirkana’uuf bu'aa buusuu himuun, qabxiin barattoota kutaa 12ffaa qoramaniis tibbana ifooma jedhan.