Seenaa oromoo

Seenaa oromoo Haqaa baruu

07/03/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Oromiya Gutu, Anbase Dinku

 ✍️( )1)Ati of Daangesitee Teenyaan Eenyutu Daangaa si Ceesisa ?2)Osoo Nama Hin Ta'in, Namaaf Ta'uun Hin Jiru.3)Of Beeku...
01/01/2026

✍️
( )
1)Ati of Daangesitee Teenyaan Eenyutu Daangaa si Ceesisa ?
2)Osoo Nama Hin Ta'in, Namaaf Ta'uun Hin Jiru.
3)Of Beekuuf Murtoo hin Qabdu Taanan; Of Beektees Murtoo hin Murteessitu.
4)Barachuun Beekuu Miti. Beekuun Garuu Barachuudha.
5)Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu. Of Wallaaluun of Awwaaluudha.
6)Qabeenyi Bakka Malee Kufee fi Dagatame Ilma Namaati.
7)Namni Lakkoofsa Guutuuf Dhalate hinJiru. Lakkoofsa Guutuu Ta'ee Dhalata Malee.
8)Addunyaa keessa Jirramoo Addunyaatu nu keessa jira ?
9)Yoo Qophaa'aa Taate Guyyaan Borii Qabeenya ati Qooddachuuf Eeggattuudha.
10)Jaarraan kun Jaarraa Mul'ataan Injifatani Malee;Jaarraa Mufachuun Injifatanii Miti.
11)Addunyaan Sammuu kee fi Jecha Ati Waa'ee Keef Qabdu keessa jirti.
12)Nama Jechuun Bu'aa Yaada Isaati. Namni Waanuma Byaatu Fakkaata.
13)Barrisuu kan Dandeessu; Hanga Barrisuu Dandeessu yoo Amante Qofa…
14)Of hin Shakkin Inni Namni Biraa si Shakku Iyyuu si Ga'aa.
15)Dirree Injifatamtetti Lubbuun Jiraachuu Caalaa; Dirree Injifatte keessatti Duutee Awwaalamuu Wayya.
16)Meeshaa Ammayyaa Caalaa; Sammuu Injifannoo Qabaadhuutii Gara Dirree Seeni.
17)Tulluun Ofiin Beekee si Duraa Kufu hin jiru. Tulluun Ati Dhiibdee si Duraa Kufuu Didus hin jiru.
18)Sammuu Injifannoo Malee Hidhamee jiru Qabaachuun Rakkisaadha.
19)Sammuu Hidhamaan Addunyaa Hiikamaa keessa Jiraachuu irra Qaamaan Hidhamanii Sammuu Hiikamaa Qabaachuu Wayya.
20)Rakkina Kaleessa Sirra Ga'e Har'as Rakkina Jettee Dubbatta Taanaan, Har'a Iyyu Namaatu Siif hin Argine Malee Ati Rakkina Kaleessa Caalu keessa jirta.
21)Of Booda hin Ilaaliin! Borii kee Namni Siif Ilaalu hin Jiru::

Dhukkuba Amala Farra Hawaasummaa - (Antisocial Personality Disorder)***************************************Amalli dhuunf...
25/12/2025

Dhukkuba Amala Farra Hawaasummaa -
(Antisocial Personality Disorder)
***************************************
Amalli dhuunfaa muuxannoo, haala naannoo (iddoo jireenyaa) fi amaloota dhaalaan argamaniin murtaaya. Kanaaf, namoonni amala adda addaa qabaatu. Amaloonni adda adda namni tokko qabu wolitti ida’amuun namummaa (amala dhuunfaa) nama sanii kan ibsan ta’u.
—-

—-
Namonni tokko tokko garu sababoota adda addaatiif (dhaalaa fi jijjiirama haala hojii sammuu irraa) amala hin baratamne, kan adda ta’ee fi hawaasa keessatti akka amala gadheetti Ilaallamu deddeebiin gochuu (qabaachuu) danda’u. Amalli gadheen isaan itti fuufiinsan qabaatan kunis jireenya dhuunfaa, hojii, barnootaa, fi hawaasummaa isaanii kan jeequ ta’a. Amalli dhuunfaa sadarkaa san gahe akka rakkoo fayyaa sammuu cimaa (personality disorders) ilallama.
—-

—-
Rakkoowwan (dhukkuboonni) amala dhuunfaa (personality disorders) akaaku kudhantu jira. Isaan keessaa tokko kan ta’e dhukkuba amala farra hawaasummaa (antisocial personality disorder) asii gadiitti ilaalla.
—-

—-
Namoonni dhukkuba farra hawaasummaa qaban yeroo baay’ee safuu, ittiin bulmaata, fi bartee hawaasaa, akkasumas seera cabsuudhaan yakkamtoota ta’u. Yeroo hedduu, wontoota hookkora kakaasan godhu. Kijibuun, sobuun, dawaalee sammuu namaa hadoochanii fi alkoolii deddeebiin dhuguun isaan irratti muldhata. Itti gaafatamummaa maatii fi hojii isaanii irratti fuulleffatanii milkaayuun itti ulfaata.

Mallattoowwan dhukkuba amala farra hawaasummaa ijoo ta’an kan deddeebiin mul’atan isan armaan gadii kana:

* Waan hawaasni dogoggora jedhee fudhatu tuffachuu.
* Deddebiin waan soba ta’e dubbachuu.
* Miira namoota birootiif dhimma dhabuu ykn namoota kabajuu dhiisuu.
* Miira olaantummaa qabaachuu ( ani nama addaa fi ol’aanadha jedhanii yaaduu fa’a danda’u)
* Wontoota yakkaa ta’an deddeebiin raawwachuu
* Diinummaa, gara jabeessummaa, jeequmsa uumuu, fi namoota biroo doorsisuu.
* Namoota biroo miidhuun akka yakka hintaane itti dhaga’amuu.
nagaaa ta'aa

11/07/2025


▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➽ Maqaan Arsii jedhu kun hedduu turaadha.qorataan seenaa kan warra arabaa sheikh Isaq Ahmed Alawi jaarraa 12ffaa keeyssa gaafa biyya Afrikaa tana daawwatu
Gosa Arsii jedhamtu naannoo laga ganaalee tanatti argee Akka ture kitaaba isaa gubbatti ibsee jira.( Madda : oromo and the Christian kingdom of Ethiopia).
Gara biraatiin kitaaboota gara garaa gubbatti maqaan gosa Arsii jedhu kun yeroo maqaa 'waraantisha' jedhuun hoggaa waamamu ni mul'ata.jachii waraantisha jedhu kun jacha warraanticha jedhu irraa fudhatame.warraanticha jachuun "the warrior" Jachuudha.maqaan kun maqaa gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu booda maqaa dhufe.

Akkuma beekamu ilmaan bareentoo jaarraa 15ffaa keeyssa iddoo saditii Akka caffee tumatan ni himama.issaaniis:-
1- caffee mormor
2-caffee bareeda kurkurtuu
3- caffee haroo Garjjaati.iddoon kun hundi lafa amma baalee jedhamtu naannoo Dallo tana keeyssa.

Ilmaan bareentoo gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu San Akka Aadaa oromotichatii ilmaan bareentoo keeyssa Angafticha irraa ykn karrayyuu irraa Abbaa bokkuu hoggaa filatan ilma 2ffaa irraa ykn marawa keeyssa Abbaa seeraa , ilma 3ffaa ykn Arsii keeyssa Abbaa waraanaa jachuun filatan.

Kanaaf ture maqaan waraanticha jedhu kan Arsiidhaaf kan moggaaffameef akkuma beekamu gostii Arsii gosa akkaan loltuu Akka turtee beekamaadha.garuu angoon tun bara sadeet sadeetitti wal jijjiran. tanaafi gadaan bareentoo shanan gadaa kan qabuuf. ilmaan bareentoo shananuu gumii shanan gadaa (gadaa cabinet ) keeyssatti hirmaatan.

➨ Oromoon Arsii gosa Oromoo bal‘aa—damee Baarentuu lafa bal‘aa Waabee gamaafi gamana jiraatu, kan sirni ittiin bulmaata Gadaa isaa Odaa Roobaa ta‘eedha .

Ilmaan Arsii laga Waabee gamanaa—sirna bulchiinsa ammaatiin Godina Arsiifi Arsii Dhihaa jala jiran Sikkoo (Sikkisaa) jedhamu. Warri Waabee gamaa immoo kan sirna bulchiinsa ammaatiin Godina Baalee jala jiran Mandoo (Mandooyyuu) jedhamu

➥ Oromoon Arsii Gurmuu Ummataatiini Fi Bal-Dhina Qubsuma L

10/07/2025

!
________________________//____________
Hanqaaquu Risaa (cululleetu) haanqaaquu lukkuu gidduutti makame ture. Lukkuuniis hanqaaquu culullee kana, hanqaaquu ishee waliin hammattee cuucii yaafte. Cuuciin hanqaaquu
culullee keessaa ba'es, akkuma waan Lukkuu tahetti yaadaa guddate.
Cululleen kun erga guddatees akkuma wanuuma lukkuuwwan godhan godhaa ture. Akkuma lukkuu kosii haadhee waan nyaatu barbaaddata. Cululleen kun lukkuu akka taheetti waan yaaduuf, akkuma lukkuu fageenya baay'ee gabaabaa barrisa malee, akka culullee ol-fagaattee barrisee hin beeku.
Cululleen lukkuu waliin guddate kun gaaf
tokko, lukkuuwwan gaafate. "Sinbirroon
miidhagaan akkanatti ol fagaatee barrisu kun maal jedhama?" jedhee lukkuu gaafate. Lukkuun tokkoos "Cululleedha.
Cululleen sinbirroo ajaa'iba dandeettii barrisuu adda tahe qabuudha. Ati garuu lukkuu waan taateef, akka cululleetti barrisuu hin dandeessu" jettee deebisteef. Cululleen yaada lukkuu kanatti waan amaneef, waan biraa hin
yaadne. Cululleen kun mul'ata dhabuu irraan kan ka'e dandeetti uumama isaa dangessee, akkuma lukkuutti jiraatee du'e. Nama hin gaddisisuu? Cululleen kun injifachuuf dhalate.
Garuu injifatamuutti waan of madaqseef, utuu hin injiifatiin du'e. Namootni baay'eenis jireenya kanaan wal fakkaatu jiraatani darbu.
➙Oliivar Wiindaal Hoolmis akkas jedhee ture: "Jireenya keessatti waanti baay'ee nama gaddisiisu, namootni baay'een dandeettii keessa isaanii jiru utuu ifatti hin baasin waliin awwaalamu."
Baay'een keenya mul'ata qabatamaa waan hin qabneef, sadarkaa nuuf malu utuu hin ga'iin hafna. Akka culullee samii irra barrisuu ni barbaadda taanan, cululleerraa muuxannoo qooddadhu. Namoota milkaa'an waliin hariiroo
yoo uumte, atis ni milkoofta. Namoota waan gaarii yaadan waliin yoo hiriyoomte, atis isaan keessa tokko taata. Namoota nama gargaaruu jaallatanitti yoo michoomte atis namoota nama
gargaaran keessa tokko taata. Namoota waan badaa yaadanitti yoo michoomte atis namoota waan badaa

09/07/2025

BEEKUMSA WALIIGALAA
✓ Biyyi yeroo duraaf humna ibsaa bishaan irraa maddisisuu eegalte
# Noorwey
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf dandii babuura eegalte
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf alaaba mataashe maxxansuu eegalte
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf mirga filuu shamaraniif kennite
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Vaati(Value Adeed Tax) eegalte 1954
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Teeknolojii 36ffaa omishtee
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Saatalaayiti nam tollchee gara hawwaatti
furguggiste Raashiyaadha, maqaan Saatalaayiti sanaas
# Sputnik jedhama 1957.
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf warraksa warshaalee dhandhamte
✓ Dubartiin yeroo jalqabaaf Dooktera fayyaa taate Blackwell
jedhamti lammii , bara 1849 Dooktera taate.......
Yoo si barsiise hiriyootakeefis share godhi

05/07/2025

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!
==============================
1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu,boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa sun immoo sis namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3.Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee,Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin.

~ Neelsan Maandeellaa~Advice

05/07/2025

Seenaa dhugaati
Kutaa 10ffaa baranaa,nama sadii tanee kireffaannee galaa ,wantii nyaatnuu dhumee guyyaan guyyaa dilbatatti ,galaan keenyaaas harummaa nuf dhufa satii sagalii bodaa. amma refuu mana amantaa galaa ganamaa satii 4 :00 dhaa baayee belofnerraa garuu qixxaan fidanee kan torbee bayee gogogeefi dalachaahe xiqqoon jiraa akka firfirri gonee nyaachuuf walii galee zayitaas hin qabnuu garuu bituuf mallaqaa xiqqoo walitti fidnee hojachuuf gahee hojii waliif ramadnee tokko zayitaa bituu demee tokko shunkurtaa quncisuu egalee animmo birat distii dhiquun egalee hunduu dhufee hojachuuf namni tokko gahadha inni shunkurtii muruu sun hojachuuf egalee akka bichachuu yoo tatuu inni hojachaa jiruu afaan kawatee Ammas afaan kawatee yoo kana gurbaan inni zayitaa bitee fidee aretumma innis tokko irraa fudhee ho jedheen annis itti siqeee yoo kana warranni adunyaa lammaafaa katee inni hojachaa jiruu chilfaan hammaratee inni tokkommo harkaan lamannin hammaretuumma utalee kahee harkisaa fimmi abidaa fakkatee gubbachuu gudinaa garaa cisichaa sirreti ol bahee iyyee rifeensaa matati dibatee umma gubachuun dhisuu didee akkumaa taheetti kan nyaates nyatee kan nyatamees nyatammee tenyee yoo of ilaluuu kan hingubanee abbaa chilfaan qofaa kan nyaates isummaa yoo kana hundii kenyaa teenyee osoon mankaa fudheraa tahee osoon sayinaa fudheraa tahee jenee gabiin dhumnee kan afaanifi arrabaa gubatee arraba ciqlee tokko basee tahaa kan harkaa gubatee qubni mullu afellamee fakkataa .Kun seenaa mana barumsaati waggaa afurif dabarsineedha
Nagaan naf olaa!!!

04/07/2025

Seenaa dhugaadha
Barataa kutaa torbaan turee akka nama kammiyyuu umurii sal lammeessoo kessaan jiraa mucayyoo tokkof sa gahuu nagaan ko jedheen xalayaa barreessee babarechee itti kenuuf jedheen sodadhee torbaan tokkoof harkatii badhee ganamaa Nan dubbisaa galgalaas Nan dubbisaa itti kenuuf sodadhee dhisuuf jaladhee wanummaan godhuun walallee ta'ee yadee busee malii tokko naf dhufeee warri mucaa suqii qabuu akka nama wa bituu suqii dhaquun qaba jedheen yadee ,yadees hin dhisnee galgalaa satii tokko kessaan dhaqee Yoon dhaquu abbatuu achi jiraa dhaqaani debi'uun jirarree biriin jiran jedheen eyyen Nan jedhani naf Kennan jedheen birriko birri tokkon bittadhe xalayaa ko fudhadhee galee,Ammas garaan na didnaan debi'een demee Yoon dhaquu hadhatuu jiraa birrin jiraan jedheen eyyee Nan Jeteee hatii intalaa eshii naf Kenna jedheen fudhee debi'ee amma satii 2:30 ta'erraa halkaan keessaa garaa satii 3:00 Yoon debi'uu uffuuu.... Naan hikadhee mucaayyoon argadhee biriin jiraan jedheen eyyen jetee xalayaa akkamiti ha kenuu Nan sodadhee biriin jiraan jedheen eyyee jetee eshi naf kennin jedheen natii kenitee Nan fudhadhee xalayaa kos osoo itti hin kennin debi'een galee Ammas debi'een qalamma dimman jedheen malaqichaaan mareen itti kenee Yoon itti kenuu abbaan mucaa iyye wameen isheenis aritidhaan sanduqaa mallaqaa kessaa kayyan kessaa kessee garaa Abba dhaqxee abban suqii seenee birri lakawutti gadii tahee osummaaa lakkawuu birrii marammatti bahee malii Kuni jedhee yoo diguu xalayaa jalalaaa san argee dubbisee tumma borsaa godhatee mucaanis hin arginee annis debbii hin arganee dhitichoo tokko malee Kun bararaa 1997 warri na bektaan yonaa ni kofaltuu kessummaa warii dareeko barataan!!!

03/07/2025

Seenaa dhugaattii
Baraa 1991ALI kutaa tokkoo refuu seenaa ABCD...jechaa olee yeroo galuun gahuu geenyee hunduu diriisee ya'ee annis dukkumaa kottee na qabiin jedhee mana barumsaa kessaa yanee inni kan garaa baha ,kan garaa lixaa kan garaa kaabaa fi kibbatti dandisaa egalee annis hiriyoonni kos garaa lixaatti qajeelee demnee lagewwwaan murasaa cenee banee bishaanis daknee kubaas xaphanee garaa mana kenyaatti galee yeroon mana gahuu abban ko dabtarihoo Nan jedhee???badee abbaan Koo dabtaraa essatin gatee jedhee yoo daqiqaa tokkof yadduu bilbilaa mana barumsaati kaka.kaaka kakka... Godhaantuu sammuu kessati na dhufee...essaa jiraa dabtarrii ??? Itti fufaa...

28/06/2025

Address

Debre Zeyit

Telephone

+251920029282

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seenaa oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Seenaa oromoo:

Share

Category