11/07/2025
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➽ Maqaan Arsii jedhu kun hedduu turaadha.qorataan seenaa kan warra arabaa sheikh Isaq Ahmed Alawi jaarraa 12ffaa keeyssa gaafa biyya Afrikaa tana daawwatu
Gosa Arsii jedhamtu naannoo laga ganaalee tanatti argee Akka ture kitaaba isaa gubbatti ibsee jira.( Madda : oromo and the Christian kingdom of Ethiopia).
Gara biraatiin kitaaboota gara garaa gubbatti maqaan gosa Arsii jedhu kun yeroo maqaa 'waraantisha' jedhuun hoggaa waamamu ni mul'ata.jachii waraantisha jedhu kun jacha warraanticha jedhu irraa fudhatame.warraanticha jachuun "the warrior" Jachuudha.maqaan kun maqaa gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu booda maqaa dhufe.
Akkuma beekamu ilmaan bareentoo jaarraa 15ffaa keeyssa iddoo saditii Akka caffee tumatan ni himama.issaaniis:-
1- caffee mormor
2-caffee bareeda kurkurtuu
3- caffee haroo Garjjaati.iddoon kun hundi lafa amma baalee jedhamtu naannoo Dallo tana keeyssa.
Ilmaan bareentoo gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu San Akka Aadaa oromotichatii ilmaan bareentoo keeyssa Angafticha irraa ykn karrayyuu irraa Abbaa bokkuu hoggaa filatan ilma 2ffaa irraa ykn marawa keeyssa Abbaa seeraa , ilma 3ffaa ykn Arsii keeyssa Abbaa waraanaa jachuun filatan.
Kanaaf ture maqaan waraanticha jedhu kan Arsiidhaaf kan moggaaffameef akkuma beekamu gostii Arsii gosa akkaan loltuu Akka turtee beekamaadha.garuu angoon tun bara sadeet sadeetitti wal jijjiran. tanaafi gadaan bareentoo shanan gadaa kan qabuuf. ilmaan bareentoo shananuu gumii shanan gadaa (gadaa cabinet ) keeyssatti hirmaatan.
➨ Oromoon Arsii gosa Oromoo bal‘aa—damee Baarentuu lafa bal‘aa Waabee gamaafi gamana jiraatu, kan sirni ittiin bulmaata Gadaa isaa Odaa Roobaa ta‘eedha .
Ilmaan Arsii laga Waabee gamanaa—sirna bulchiinsa ammaatiin Godina Arsiifi Arsii Dhihaa jala jiran Sikkoo (Sikkisaa) jedhamu. Warri Waabee gamaa immoo kan sirna bulchiinsa ammaatiin Godina Baalee jala jiran Mandoo (Mandooyyuu) jedhamu
➥ Oromoon Arsii Gurmuu Ummataatiini Fi Bal-Dhina Qubsuma L