Jaarraa fuula Hubannoo Seeraa

Jaarraa fuula Hubannoo Seeraa Kaayyoon Fuula Peejii kanaa Hubannoo Seeraa bilisaa ykn Free legal advice Ummataaf kennuu fi barsiisuudha. irraa fayyadamaa

💥Mirgaa fi dirqamni miseensota walda hojii gamtaa maali?⚡Mootummaan hoji dhabdoonni bifa adda addaan gurmaa'anii carraa ...
27/05/2026

💥Mirgaa fi dirqamni miseensota walda hojii gamtaa maali?
⚡Mootummaan hoji dhabdoonni bifa adda addaan gurmaa'anii carraa hojii akka uummataniif haala mijjeesuufi bira darbuun baankii waliin walii galtee taasisuun yeroo gababaa keessatti liqii argachuun akka hojitti galan taasisuuf hoojjechaa jiraachuun isaa ni beekkama.
🌚Haa tahuu malee namoonni tokko tokko maallaqa bifa liqaan argatan faaydaa dhuunfaa isaaniif oolfachuuf jecha namoota of jalatti gurmeessuun waldaan erga ijaaramanii liqa ittiin hoojjettan fudhatanii booda Kaayyoo fi akeeka waldayichaa moggatti dhiisuun maallaqicha ofiif yeroo fayadaman ni mullata.
❓Gochi akka kana yo uumame miseensonni waldayichaa kisaaraa dhufu jalaa bahuu ni dandahuu?.. mirgaa fi dirqamni miseensota maalii?
Kan jedhu waliin haa Ilaalluu👇
🙏Arraaf gosoota gurmaa'insa interpirayizootaa keessaa mirgaa fi dirqama walda gamtaa shariikummaa waliin haa Ilaalluu.
⚖️Seera Daldalaa Itoophiyaa Labsii Lakkofsa 1243/2013 Boqonnaa sadi keewwata 190-197 jiran waliin haa Ilaalluu 👇
⚖️Keewwata 190 Mirga Shariikota Waldichaa
Tokkoon tokkoon shariika waldichaa mirgoota armaan gadii qaba:👇
👉1. Walgahii waldichaa irratti hirmaachuu fi sagalee kennuuf;
👉2. Bu’aa waldichaa iraa gahee isaa qooddachuuf;
👉3. Hojimaata waldichaa ilaalchisee gaaffilee dhiyeessuuf, ibsa herregaa fi sanadoota ni ilaaluuf; yaadannoo fudhachuuf;
👉4. Yeroon turtii waldichaa waggaa tokkoo ol yoo ta’e dhuma waggaa waggaatiin gabaasa raawwii hojii akka dhiyaatu gaafachuuf;
👉5. Waldichi yoo diigame qooda qabeenya waldichaa irraa gahee isaa qooddachuufi
👉6. Mirgaa fi faayidaa kanneen biroo dambii hundeeffama waldichaa yookiin miseensummaa waldichaa irraa maddan argachuuf.
⚖️Keewwata 191 Dirqama Shariikota Waldichaa
👉1. Tokkoon tokkoon shariika waldichaa dirqama armaan gaditti tarreeffaman qaba:-
✍️a. Busii waldichaa yeroon kaffaluu;
✍️b. Kaayyoo waldichaa galmaan ga’uuf ciminaafi of eeggannoodhaan hojjechuu;
✍️c. Faayidaa dhuunfaaf yookiin qaama sadaffaaf jecha gochaa faayidaa waldichaa miidhu raawwachuu dhiisuu
✍️d. Idaa waldichaatiif itti gaafatamummaa waliinii fi dhuunfaa ni qabaata;
✍️e. Dirqamoota biroo Dambii Ittiin Bulmaataa fi miseensummaa waldichaa irraa maddan ni raawwata;
👉2. Namoonni waldicharraa maallaqa gaafatan waldichi idaa irra jiru akka kaffalu dursanii akeekkachiisa yoo kennan malee shariikota waldichaa gaafachuu hin danda’an. Haa ta’u malee, shariikonni bu’aan osoo hin jiraatiin gaheewwan akka bu’aatti maallaqa dhaabbaticha irraa kan argatan yoo ta’e, yeroo kamiiyyuu shariikonni maallaqa argatan akka deebisan kallattiin gaafachuu ni danda’u.
⚖️Keewwata 192 Bu’uura Raabsa Bu’aafi Kasaaraa
👉1. Waliigalteen adda ta’e yoo jiraate malee tokkoon tokkoo miseensaa gosaafi gatiin buusii waldichaaf galii godhe maaliyyuu haa ta’u bu’aafi kasaaraa waldichaa irraa qoodama qixa ta’e qaba,
👉2. Waliigalteen taasifame qooddii bu’aa yookiin qooddii kasaaraa qofa kan ilaallatu yoo ta’e, murtiichi bu’aas ta’e kasaaraa irratti raawwatiinsa ni qabaata.
⚖️Keewwata 193 Waa’ee Shariika Haaraa Seensisuu
👉Dambii hundeeffama waldichaa keessatti tumaan adda ta’e yoo jiraate malee shariika haaraa gara waldichaatti seensisuun kan danada’amu shariikonni waldichaa hundinuu yaa itti waliigalan qofa ta’a.
⚖️Keewwata 194 Gahee Waldichaa Miseensa Waldaa Kan Biraatti Dabarsuu
👉Dambii hundeeffama waldichaa keessatti tumaan adda ta’e yoo jiraate malee, shariikni tokko qooda isaa miseensa waldichaa kan birootiif dabarsuu ni danda’a.
⚖️Keewwata 195 Waa’ee Qooda Shariika Waldicha Keessaa Bahee Kaffaluu
👉1. Shariikni tokko gahee isaa miseensa birootiif yookiin qaama sadaffaadhaaf osoo hin dabarsiin waldicha keessaa yoo baheefi waldichi hojii isaa kan itti fufe yoo ta’e bu’uura waliigaltee miseensa waldichaatiin kanfaltiin murtaa’u ni kennamaaf,
👉2. Dhimma kana irratti walii galteen yoo hin jiraanne buusiin waldichatti galii taasifame qabu; idaawwan waldichaa erga kaffalee booda qabeenya hafee yookiin bu’aa kuufame keessaa qooda isaa fi hangi bu’aa hojiiwwan yeroo inni waldicha keessaa bahu adeemsifamaa turan irraa argamu tilmaama keessa galchuun shallagamee maallaqni kan kaffalamu ta’a.
⚖️Keewwata 196 Itti Gaafatamummaa Shariika Waldicha Gadhiise
👉Shariikni waldicha keessaa bahe idaa fi itti gaafatamummaa waldichi osoo inni keessaa hin bahiin dura seeneef itti gaafatamummaa waliinii fi dhuunfaa waldicha waliin ni qabaata. Haa ta’u malee, namoonni maallaqa waldichaa irraa gaafatan yoo hayyaman itti gaafatamummaankun nama bakka isaa bu’eetti darba.
⚖️Keewwata 197 Faayidaafi Mirga Gahee irraa Argamu Qaama Sadaffaatti Dabarsuu
👉1. Shariikni tokko hayyama shariikota biroo osoo hin gaafatiin qaamni sadaffaan qooda inni waldicha keessatti qabu irraa mirgaafi faayidaa argamu akka fayyadamu hayyamuu ni danda’a;
👉2. Waliigaltee qaamni sadaffaan mirgaa fi faayidaa qoodicha irraa argamu akka itti fayyadamu hayyamu waldicha hin dirqisiisu; akkasumas mirga miseensummaas hin goonfachiisu. ❗
Maddi:-Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

24/05/2026

💥Hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu maali? Sadarkaan barnootaa barbaachisu hoo?

💰Darbee darbee Yeroo namoota Hojjetaa mootummaa hin taaneefi sadarkaa barnootaaniis Ulaagaa hin gunne hoggansa Gandaa godhuun yeroon itti muudan ni mullata.

⚖️Dhimmi Kun bu'uura Qajeelfama Raawwii Fo’annoofi Ramaddii Hooggansa Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa. 24/2016 baheen akkamitti ilaalama?

Waliin haa Ilaalluu 👇
💥Qajeelfama kana Keewwata 5 jalatti Ulaagaalee barbaachisu akkanan ibsa

⚖️5. Qajeeltoo Ramaddiin Hooggansa Gandaa Ittiin Raawwatamu
✍️1. Hooggansaafi ogeessota manneen hojii Aanaalee yookiin Magaalotaa irra jiran ciccimoofi ummataatti dhiyaachuun tajaajila kennuu danda’an akkaataa Qajeelfama kanaatiin Gandoota irratti muuduun ramaddiin kan raawwatamu ta’a.

✍️2. Hooggansi yookiin ogeessi akkaataa Qajeelfama kanaatiin Gandatti ramadamu kamiyyuu hojjettoota mootummaa yookiin hooggansa mootummaa ta’uun sadarkaa Aanaa yookiin Magaalaatti kan tajaajilaa jiran keessaa ta’uu qaba.

👉As irraa wanti hubannu hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu keessa tokko hoojjetaa mootummaa tahuudha.

⚖️Qajeelfamu kana Keewwata 16 jalatti Ulaagaalee barbaachisu keessa kan biroo sadarkaa barnootaati
👉16. Qophii Barnootaa Hooggansa Gandaa Ta’uuf Barbaachiisu
✍️1. Hooggantoonni sadarkaa Gandaatti ramadaman kamiyyuu sadarkaan barnoota isaanii yoo xiqqaate digiriifi isaa ol ta’uu qaba.
✍️2. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, Bulchiinsa Aanaa yookiin Magaalaa sababoota adda addaatiin qabeenya namaa ulaagaa taa’een argachuun hin danda’amnetti haala qabatamaa Aanichaa yookiin Magaalichaa tilmaama keessa galchuun nama sadarkaa barnootaa dippiloomaafi isaan ol qabu haala addaan hooggansa irratti ramaduun ni danda’ama.

❓Ulaagaa kana malees ulaagaale filannoo hoggansa Gandaa jechun keewwata 14 jalatti tumee kan jiru yo tahu kuniis.

👉14.Ulaagaalee Filannoofi Ramaddii Hooggansa Gandaa
✍️1. Hooggantoonni Gandaa muudamtoota yookiin ogeessota ol’aanoo yookiin ogeesotsa Gandaa ulaagaa guutan keessaa filatamanii muudamuun kan ramadaman ta’a.

✍️2. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Bulchaa, Itti Aanaa Bulchaafi Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaatti Gorsaa Gurmaa’insa Dhimma Ummataa ta’ee filatamu kamiyyuu ulaagaalee Barnootaafi
muuxannoo hojii Qajeelfama kanaan tumame guutuu qaba.

✍️3. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Itti gaafatamaa Waajjiraa ta’ee ramadamu kamiyyuu ulaagalee armaan gadii guutuu qaba:
👉a. Imaammataafi tarsiimoo mootummaatti kan amanu;
👉b. Dandeettii Gaggeessummaafi Gahumsa Ogummaa kan qabu;
👉c. Ogeessota Ol’aanoo Aanaa yookiin Magaalaa keessaa kanneen ulaagaa qophii barnootaafi muuxannoo hojiin guutan;
👉d. Umriin isaanii dargaggeessa yookiin ga’eessa kan ta’ee; fi
👉e. Muuxannoon hojiifi barnoonni isaanii kallattiin damee irratti ramadaman waliin kan walisimu ta’uu qaba.

Qajeelfama kana ala bahuun qaamni namoota hoojjetaa mootummaa hin tahiin warri muudu itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu akka danda'u beeytaanii dogoggoraa uumtan akka sirreesitan jenna.
Hubannoo Seeraa qabdan gabbifachuuf fuula media hawaasaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa hordafaa

Maddi:: Fuula FB Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

Konkolaachisaan Taarifa Murtaa’een Ol Kanfalchiise Seera Kamiin Gaafatama; Namni Boba’aa Seeraan Ala Jaarikaaniin Otuu G...
21/05/2026

Konkolaachisaan Taarifa Murtaa’een Ol Kanfalchiise Seera Kamiin Gaafatama; Namni Boba’aa Seeraan Ala Jaarikaaniin Otuu Geejjibsiisu/Gurguru Argame Hoo Itti gaafatamummaa Akkamii Qaba?
==============================================================================================
Labsii lkk 813/2015 kwt, 22(12&14), 25(2) fi 43(3); Murtii Dha Ijb MMWF glm Lkk 168067 (Jld 24)fi; Labsii lkk 1363/2017 kwt 25 waliin kan xiinxalame.
================================================================
1. Kaayyoo fi daangaa raawwi labsii lameenii
Labsiin Lkk 813/2015 kaayyoowwan ijoo baheef keessaa hawaasa daldalee bulu hoj-maata haqa dhabeesaa fi farra dorgommii gabayaa bilisaa irraa eeguu fi shamattoota meeshaa fi tajaajilaa odeeffannoo gabayaa fi mi’aa dogongoraa irraa tiksuu, sababa babal’atuu daldalaan walqabatee sochoowwan meeshaalee fi tajaajiloota fayyaa fi nageenya shamattootaa miidhuu danda’an toohachuu fi sirna gabayaa shammaatonni meeshaaalee fi tajaajiloota gatii madalaawaa kanfalaniin walgitu akka argatan dandeessisu diriirsuu akka ta’e seensa labsichaa keessatti fi kwt 3 jalatti ibsamee jira.
Meeshaalee fi tajaajiloota bu’uraa jechuunis meeshaa fi tajaajila fedhii guyyaa guyyaa shammaatotaaf barbaachisaani fi hanqini isaa gabayaa keessatti yoo uumame/mudate gochaa daldala sirrii hintaane ykn haqa dhabeessaaf karaa banu ykn saaxilu akka ta’e labsicha kwt 2(3) jalatti tumamee jira. Akkasumas shammataa jechuun nama uumamaa hojii oomishaaf ykn gurgurtaaf otuu hintaane fedhii dhuunfaa ykn Maatii mana keessaa guutuuf jecha meeshaalee ykn tajaajiloota bitatu akka ta’e labsicha kwt 2(4) jalatti kan tumame yoo ta’us kunis shammatan daldalaa fi namoota qaama seerummaa meeshaa fi tajaajila faayidaa oomishaaf ykn gurgurtaaf gabayaa irraa bitan kan hinilaallanne akka ta’e agarsiisa.
Bu’ura kanaan labsiin Lkk 813/2015 akka waliigalaatti dorgommii daldala haqa qabeessa, naamusaa fi seera gabayaa biilisaan qajeelfamu mirkaneessuu ta’us kallattii fi addatti immoo shamattoota fedhii guyyaa guyyaa mana keessaa ykn jireenya idilee dhuunfaa isaanii ykn maatii isaanii guuttachuuf meeshaalee fi tajaajiloota bu’uraa gabayaa irraa bitatan eeguuf kan kan labsame ta’uun isaa ifaan hubatama .
Akkasumas daangaa raawwii labsichaa ilaalchisee hojii daldalaa fi meeshaalee ykn tajaajiloota daldalaa daangaa biyya Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu kamuu irratti raawwatiinsa kan qabu ta’uu fi garuu hojiilee toohannoo fi tarkaanfilee bulchiinsaa bu’ura Seerota biroon tumaman kan hambisu akka hintaanes labsichi kwt 4 jalatti ibsamee jira.
Gama biraan labsiin boba’aa lkk 1363/2017 immoo boba'aan amala isaatiin qabeenya faayidaa diinagdummaa fi hawaasummaa ol’aanaa qabu waan ta’eef haalli kuusaa, dhiyeessii, raabsaa, eegumsii nageenya, qulqullinaa fi gatii isaanii akkaataa sadarkaa Idil-adunyaa eeggateen fi fayyaa namaa fi beeyladootaa akkasumas nageenya qabeenyaa fi naannoo irratti miidhaa hingeessineen akka gaggeeffamu mirkaneessuu kan kaayyeffate akka ta’e seensa irratti ibsamee jira. Akkasumas fichisiisaa (importer) irraa kaasee hanga fayyadamaa isaa dhumaa bira gahutti bifa teknolojii ammayyaan deeggarameeni fi haala ifa , si’ataa, amansiisaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’een sirna dhiyeessii, raabsaa fi gurgurtaa qinixxaaboo diriirsuun gochaalee seeraan alaa gabayaa keessatti sirna raabsaa fi gurgurtaa boba’aa irratti raawwataman too'achuu haala dandeessisu uumuunis kaayyoo ijoo labsichaatidha.
Kana malees, dhaabbilee fi ogeeyyii hojii daldala boba’aa irratti bobba'an sadarkaa ga’uumsa muxannoon Idil-adunyaa gaafatu irra jiraachuu isaanii mirkaneessuun sirna dhiyeessii, raabsaa fi gurgurtaa boba’aa nageenyummaa isaa eeggatee fi seera qabeessa ta’e lafa qabsiisuunis kaayyoo labsichaa akka ta’e ibsamee jira,
Walumaagalatti kaayyoowwan labsichaa kanneen irraa hubachuun akka danda'amutti hojiin dhiyeessii fi raabsa akkasumas gurgurtaa boba’aa amala isaatiin eegumsaa fi sadarkaa ga'uumsa addaa kan barbaadu waan ta’eef meeshaalee biroo irraa addatti seera addaa ofdanda’een akka too'atamuu fi bulu seera baastuun yaadee labsicha kan baase akka ta’edha.
Daangaa raawwii isaa ilaalchiseeis hojiiwwan boba’aa barbaaduu fi misoomsuu fi akkasumas tajaajila ittisa biyyaa irraan kan hafe labsiin lkk 1363/2017 hojii sirna boba’aa fichisiisuu kaasee , kuusuu fi raabsuu hanga gurgurtaa qinixxaabootti daangaa biyya Itiyoophiyaa keessatti raawwatamuu fi qaamolee hojicha keessatti hirmaatan hunda irratti kan raawwatu akka ta’e kwt 3(1) jalatti ibsamee jira. Kunis dhimmi boba’aa fichisiisuu eegalee hanga gurgurtaa qinixxaaboo fayyadamaa dhumaa bira dhaqqabutti jiru ykn raawwatamuu kamiiyuu Labsii kanaan kan hammatamu akka ta’e kan agarsiisu waan ta’eef Labsiin lkk, 813/2015 dhimma boba’aa ilaallatu irratti raawwatiinsa hinqabu. Kanaaf , gochaaleen boba’aa ilaalchisee konkolaattotaa fi konkolaachistoota dabalatee nama kamiinuu raawwataman Labsii lkk 1363/2017 jalatti kan ilaalaman ta’a.
Hojirra oolmaa labsiilee lamaan kanaan walqabatee gaaffileen ijoon qabatamaan rakkoo ta’anii fi ogeessonni hedduun yeroo hedduu irra deddeebiin kaasaa jiran:
A) konkolaataan gatii geejjibaa taarifa murtaa’een olitti kanfalchiise labsii lkk 813/2015 jalatti yakkaan gaafatamuu nidanda’a moo miti?
B)Konkolaataan seeraan ala boba’aa jaarikaaniin konkolaataa fe’uumsa ummataan otuu geejjibsiisu qabame Labsii fi tumaa seeraa isa kamiin gaafatama, kan jedhan isaan barreeffama kanaan ilaaluuf filatamanidha.
2. Tajaajila geejjibaan walqabatee konkolaataan taarifa mootummaan murtaa’een olitti kanfalchisee seera kamiin gaafatama?
Gaaffii isa jalqabaa ilaalchisee konkolaataan hojii daldala geejjiba deddeebisaa ummataa irratti eeyyama baafate boba’e tokko gurgurtaa tajaajila geejjibaa irratti kan hirmaate yoo ta’uu fayyadamtoonni tajaajilichaatis faayidaa ykn fedhii dhuunfaa guyya guyyaaf tajaajila geejjibaa kan fayyadaman waan ta’eef labsii lkk 813 jalatti akka gurgurtaa tajaajilaatti ilaalamuu danda’a jechuun labsicha kwt 2(3) caqasuun ogeeyyiin gala man nijiru. Asirratti tajaajilli geejjibbaa hiika meeshaalee ykn tajaajila bu’uraa jireenya guyyaa guyyaaf barbaachisuu fi hanqini yoo mudate gochaalee seeraa alaaf hawaasa saaxilu jedhamee labsicha kwt 2(3) jalatti ibsame kan guutu akka ta’ee fi konkolaataan ykn konkolaachisaan gatii taarifa murtaa’een ol dabalee fe’e ykn sababa taarifaan ala imalaan kanfaluu dideef tajaajila kennuu dhoowwate/ dide labsii Lkk 813/2015 kwt 22 -25 fi 43(3) jalatti yakkaan gaafatamuun adabamuu akka danda’u ogeessonni falmanii fi hojjetan akka jiran qabatamni jiru niagarsiisa..
Haata’u malee jalqabarratti akkaataa Labsii Lkk 813/2015tti tajaajjilli geejjibaa gosa meeshaalee fi tajaajila bu’uraa fedhii guyyaa guyyaa shammattootaaf barbaachisuu fi hanqini yoo uumame gabayaa keessatti gochaa seeraan alaa akka raawwatamu saaxilu jedhamee labsichi kwt 2(3) jalatti hiikni itti kenname keessatti kan hammatamu moo miti kan jedhu ilaalchisee gosa meeshaalee fi tajaajilaa hiikkoo labsichaa kanaan hammatamuu qaban karaa ministeera Daldalaa adda bahuun garii isaa waliin tarreeffamuun karaa mana Maree ministeerotaa dambiin ykb beeksisa ibsamuun kan murtaa’u akka ta’e labsicha kwt 25(1) fi 26 jalatti kan tumame irraa nihubatama. Akkaataa kanaan meeshaan ykn tajaajilli tokko gosa meeshaa ykn tajaajila labsichaan hammatamee ta’uu fi dhiisuun isaa dambii ykn beeksisa gosa meeshaa fi tajaajilaa fi gatii/taarifa ministeerri daldalaa baasu keessatti yoo hammatame qofa waan ta’ee dambicha ykn beeksisa akkasii yoo jiraate ilaaluun dirqama ta’e. Haala kanaan tajaajilli geejjibaa gosa meeshaalee fi tajaajilaa labsichaan hammatame ta’uu isaa dambii ykn beeksisa ministeera daldalaa rogummaa qabu caqasuun yoo hinagarsiifamin tumaa labsichaa kwt 2(3), 22(12&14), 25(2) fi 43 qofa ilaaluun konkolaataan ykn konkolaachisaan taarifaan ala fe’e ykn sababa taarifaan olitti kanfaluu didaniif tajaajila kennuu Labsii Lkk 813 jalatti yakkaan gaafatame jechuun bu’ura seeraa kan qabu ta’ee hinmul’atu.
Kanumaan walqabatee dhimma taarifaan ala kanfalchiisuu ykn tajaajila kennuu diduu kallattiin kan ilaallatu ta’uu yoo baateeyyuu meeshaan ykn tajaajilli tokko Labsii Lkk 813/2015 jalatti hammatama moo miti kan jedhu murteessuuf dambii ykn beeksisa miniteera daldalaan bahu keessatti tarreeffamuu akka qabu kan agarsiisu hiikkoo Dhaddacha IJibbataa MMWF glm Lkk 168067 (Jld 24) akka agarsiiftuutti fudhachuun nidanda’ama. Kanaaf walumaagalatti gochaan tajaajila geejjibaan walqabatee taarifaan ala gatii dabaluu, sababa taarifaan ala kanfalamuu didameef tajaajila kennuu diduu ykn darbaa fe’uu fi kan kkf akkaataa dambii tiraafiikaa rogummaa qabuun kan gaafachiisu ta’uun alatti Labsii Lkk 813/2015 jalatti yakkaan kan himachiisuu miti.
3, Konkolaachisaan/namni boba’aa jaarikaanaan konkolaataa ummataatti fe’ee qabame seeraa fi tumaa kamiin gaafatama, kan jedhu qabxii ijoo lammafaa ilaalchiseetis Labsii boba’aa Lkk 1363/2017 jalatti kwt 25 jalatti ibsamee jira. Labsicha kwtni 25(1-11) jalatti akka tumametti gosa gochaalee badii yakkaan gaafachiisan gurguddoo 11 ta’an adda bahanii adabbii hordofsiisan waliin tumamanii jiru. Sana keessaa boba’aa jaarikaanitti konkolaataa ummataan geejjibsiisuu ilaalchisee gochaalee gurguddoo lama labsicha kwt 25(5) jalatti tumamanii keessatti ilaalamuu kan danda’udha.
Haaluma kanaan inni tokko ragaa eeyyamaa (calibration certificate ) otuu hinqabaatin gochaa boba’aa irratti raawwatamu yoo ta’u innis nama kamiiyyuu certificate boba’aa daldaluu otuu hinqabaatin geejjibsiise ykn gurgure ilaallata ( Ragaa akkasii qabaachuu fi dirqama walqabatu labsicha kwt 8 jalatti bal’inaan ibsamee jira). Kana jechuun ragaa eeyyama “calibration certificate” jedhamu qabaachuun dirqamadha. Ragaa kana otuu hinqabaatin hojii daldala boba’aa irratti bobba’uun , geejjibsiisuu dabalatee gurguruun dhoorkaadha . Kanaaf ragaa kana otuu hinqabaatin boba’aa kuusuun, geejjibsiisuun ykn gurguruun gochaa yakkaan adabsiisuudha.
Inni lammaffaa immoo gosa meeshaa bob’aan itti qabatamuu qabuu fi hanga qabachuu qabuu waliin kan walqabatu yoo ta’u eeyyama calibration kan qabu yoo ta’eeyyuu standanrdiiwwan/sadarkaalee fi ulaagaalee meeshaalee boba’aan ittiin gurguramuu fi hanga boba’aa meeshaaleen sun akka qabatan eeyyamame waliindhahuun jijjiiruu, xiqqeessuu ykn hanga eeyyamameen olitti ykn gaditti akka qabatan gochuun hanga boba’aa ykn gatii isaa waliindhahuun gurguruun yakkadha (sadarkaalee, standardiiwwanii fi gosti meeshaalee eeyyamamanii labsicha kwt 6 fi 7 jalatti ibsamee jira).
Kunis fkn bootteen ykn tankarri tokko boba’aa hangam akka qabachuu qabu , paampiin isaa hangam akka raabsuu danda’uu fi qabu , gatii hangam akkamitti lakkaa’uu akka qabuu fi kkf sadarkaan qajeelfamaan ta’eefii jira waan ta’eef isa kana cabsuun geejjibsiisuu ykn gurguruun badii yakkaan gaafachiisudha. Akkaataa kanaan hanga eeyyame jedhame honqabaannetti ykn eeyyamame qabaatus gosa meeshaa amala boba’aaf addatti qajeelfamaan taa’ee fi eeyysmameen alatti jaarikaanas ta’ee meeshaa kan biraa kamiiyyuu boba’aa geejjibsiisuun tumaa labsichaa olitti caqafame jalatti yakkaan adabsiisa.
Jemal K Keweti

https://t.me/speaklawinabsentia

  Dhaalaa Iyyannoo ykn himannaa bifa kamiin dhiyaatetu himannaa dhaaltummaati ykn himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaati j...
19/05/2026


Dhaalaa Iyyannoo ykn himannaa bifa kamiin dhiyaatetu himannaa dhaaltummaati ykn himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaati jedhu adda baafachuuf himannaa dhiyaate haalaan qorachuu kan qabu Mana Murtiidha. Himanni dhaaltummaas ulaagaan isaa maal akka ta’e seera dhaalaa keessatti ball’inaan ibsamanii jiran

↪️Dhimmoota kana addaan baasuu danda’uun keenya darbinsi yeroo dhimmichaaf rogummaa qabu kami kan jedhu murteessuu akka dandeenyuuf nugargaara. Kutaa kana jalatti ulaagaa himannaa dhaaltummaa fi himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa tooftaa ittiin addaan baafnu akka armaan gadiitti ilaalla.

✍️Dhimma kana lamaan addaan baasuun darbinsi yeroo dhimmicha irratti raawwii qabu isa kami kan jedhu murteessuuf kan gargaaru ta’a.

✍️Garee wal falmu keessaa tokko dhaaltuu ta’uu isaa yeroo seerichaan taa’e keessatti kan mirkaneeffate yoo ta’e kaan immoo haaraa gaaffii qulqulleessaa kan gaafatu yoo ta’e himannaa dhaaltummaa malee himannaa qoodinsa qabeenyaa kan ta’u miti.

✍️ Sababiin asitti ka’uu malu immoo gareen falmu tokko haaraa akka qabeenyaan qulqullaa’u gaafataa jira waan ta’eef kun dhimma SHH kwt 996 kaasee hanga 999 jiru keessa darbuu waan gaafatuuf himannaa dhaaltummaatiin fudhatama.

✍️Gama biraatiin gareen wal falmu yeroo seerichaan taa’e keessatti dhaaltuu ta’uun isaanii fi gaheen isaanii qulqullaa’ee beekame tokko falmiin isaan gidduutti taasifamu himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa malee himannaa dhaaltummaa kan ta’u miti.Sababiin isaa immoo gareen wal falmu ragaa dhaaltummaa yeroo seerichaan taa’e keessatti fudhataniiru yoo ta’e sirni qulqulleessa qabeenya dhaalaa raawwatameera yaada jedhu irraa
ka’eeti.

✍️ Bu’uura ulaagaa himannaa dhaaltummaa SHH kwt 999 tiin dhaaltuu ta’uun isaa akka beekamee gaheen isaa ykn qabeenyaan dhaalaa akka deebi’uuf namni gaafatu himannaa dhaaltummaati malee qoodinsa qabeenyaa hin ta’u.

✍️Himannaan qoodinsa qabeenyaa dhaalaa gareen wal falmu bitaa mirgaan dhaaltuu ta’uun isaanii yeroo seerichaan taa’e keessatti beekamanii jiru garuummoo qabeenya dhaalaa osoo hin qooddatiin namoota turaniif ta’a jechuudha. Qabatamaan gahee qabeenya dhaalaa dhaaltuu dhugaatiin qabatame akka deebi’uuf dhaaltuu dhugaa birootiin dhihaatu; qoodinsa qabeenyaa bu’uureffachuun addaan baateen ni jira. Ulaagaa himannaa himannaan dhaaltummaa fi himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa ittiin adda bahan murtii DhIMMWF tiin kennaman kana dubbisaa.

👉SHH kwt 999 fi hiikkoowwan seeraa dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatiin yeroo adda addaa kennaman FKN Dh.IJ.MMWF lakk galmee 20295 lakk galm. 44237 fi lakk galmee 15974 irratti kenname ilaalaa ta’uu fi himata dhaaltummaa ta’uu ilaalchise, keessattuu bu’aa kwt.1001 fi 1002 jalatti ibsamaniin wajjiin.

👉DhIMMWFtiin jildii 10 ffaa galmee lakkoofsa 44237
👉MMWF Dh/Ij lakk galmee 38533

17/05/2026

Qooddiin Qabeenya Dhaalaa Erga Raawwatamee Booda Qabeenyi Dagatamee Ture Yoo Argame, Qabeenyi Haarayaan Argame Kun Dabalataan Ni Qoodamamoo Hin Qoodamu? Gochi Akkasii Himannaawwan Sababa Himannaa Tokkorraa Maddan Qoqqoodanii Dhiyeessuu (Splitting of a Claim) Jedhamuu Ni Danda'aa?

^^^^√√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^√√√√√√√

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 25/01/2011 ooleen Lakk.Ga.153231 irratti (kan hin maxxanfamne) kennee ture keessatti:

👉Dhaddachi Ijibbaataa MMWO wayita jalqaba akkaataa sdfs kwt 343(1)tiin qajeelfamaan gadi deebisutti sdfs kwt 216n walqabatee gaaffiin ka'e kan hin turre ta'uu;

👉Himatamaan tokko himannaa isa irratti dhiyaate ilaalchisee tarreeffamaafi ifatti mormuun haaluu akka qabu sdfs kwt 83 jalatti tumamuu;

👉Sadarkaa oliyyannottis falmiin jalatti hin kaaneefi haarayaa ta'e ka'uu akka hin qabne sdfs kwt 329(1) jalatti tumamuu;

👉Akkasumas, bu'uura sdfs kwt 182(2)tiin Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaatiin dhimma tokko ilaalu, dhimma gareewwan falmii tarreeffamaan ykn ifatti hin kaasne irratti murtii kennuun kan hin danda'amne ta'uu isaa tumuu;

👌Gama birootiin, qooddiin qabeenya dhaalaa erga raawwatamee booda qabeenyonni haarayaan qabeenya dhaalaa san keessatti hammataman kan argaman yoo ta'e, sirna haarayaan qooddii raawwachuun akka danda'amu tumaalee Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1103fi 1104 irraa hubachuun kan danda'amu ta'uu ibsuudhaan fooyyessee murteesseera.

credit for B.

17/05/2026

Namni Meeshaa Hanqina Qabu Bitate Tokko Hanqini Akka Sirraa’uuf Himannaa Isaa Yeroo Hangamii Keessatti Dhiyeeffachuu Qaba?
================================================
Dh Ijbt MMWF glm Lkk 197008 (Jld 27) fi Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 2297, 2298(1)
============================
Bitataan meeshaan bitate hanqina kan qabu yoo ta’e hanqinicha guyyaa gurgurataa beeksisee kaasee waggaa tokko keessatti hanqini akka sirraa’uuf himannaa isaa yoo dhiyeessuu hafe darbiinsa yeroon kan daangeffamu akka ta’e SHH kwt 2298(1) jalatti tumamee jira. Kunis meeshichi hanqina kan qabu ta’uu guyyaa gurgurataaf beeksise irraa kaasee yeroo waggaa tokkoo keessatti himachuu akka qabuu fi yeroon kun yoo darbe himannaan isaa turtii yeroon kufaa ta’uu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee gurgurataan meeshaan hanqina akka qabu yeroo gurgurutti ykn simachiisutti otuu beeku akka hanqina qabu dhoksuudhaan ykn kan hanqina hinqabne fakkeessuun bitatatti gurguruun ykn simachiisuun isaa ykn eeguma bitataan meeshichi hanqina qabaachuu beeksise boodas gochaa waliin dhahuu raawwachuun akka bitataan daangaa yeroo jedhame keessatti fala seeraa hnbarbaadanne kan godhe ta’uun yoo mirkanaa’e guyyaa hanqinicha gurgurataaf beeksisee kaasee waggaa tokko boodas hanqini akka sirraa’uuf himannaa dhiyeeffachuu akka danda’u seerichi kwt 2297 jalatti haala addaan ni eeyyama.
Bu’ura kanaan gochaan gurgurataan raawwate yakka waan ta’uuf gurgurataan gochaa yakkaa ofii isaa raawwateen fayyadamuun darbiinsa yeroo akka mormiitti kaasee ittigaafatamummaa jalaa akka hinbaane dhoorkuuf seerichi kan yaade akka ta’e Dhaddachi Ijibbaataa xiinxala isaa keessatti ibsee jira.
Kana jechuun garuu sababa gurgurataan gochaa yakkaa raawwateef himannaan bitataan hanqini meeshichaa akka sirraa’uuf dhiyeeffatu gonkumaa darbiinsa yeroon hindaangeffamu jechuu akka hintaane Dhaddachi Ijibbaataa kaasuun yaadachiisee jira.
Yeroo akkasii gochaan yakkaa gurgurataan hanqinicha dhoksuun ykn kan hinjirre fakkeessuun ykn waliindhahuun raaraawwate darbiinsa yeroo silaa guyyaa bitataan hanqini jiraachuu beeksise irraa lakka’aamu adda kutuudhaan guyyaa gochaan yakkaa raawwatame irraa kaasee akka haaraatti akka ilaalamuu fi waggaa tokko keessatti himannaan dhiyaachuu akka qabutti Dhaddachi Ijibbaataa hiikkoo kan kenne yoo ta’u dhimma dhiyaateef ilaalchisee garuu gochaan gurgurataan raawwate jedhame gochaa yakkaa akkaataa seericha kwt 2297tiin daangaa yeroo adda kutu akka hintaane ibsee jira.
Dhimmicha keessatti bitataan akka firii falmii gochaa yakkaa gurgurataatti kan kaase bitataan meeshichi hanqina qabaachuu eega itti beeksise booda gurgurataan hanqinicha amanee garuu har’a boru siif sirreessa jechuun akka bitataan yeroon hin himanne taasisuu isaatidha. Haata’u malee ija tumaa seerichaatiin gochaa yakkaa darbiinsa yeroo adda kutu kan jedhamu qulqullina meeshichaan kan walqabatu (meeshichi hanqina kan qabu ta’uu , kanas gurgurataan kan beeku ta’uu, akka bitataan hinbeekne ta’i jedhee kan dhokse ykn dogongorse ykn waliindhahe ta’uu) malee hanqinicha amanee sirreessuuf sababa dhiyeessu miti jechuun dhaddachichi xiinxalee jira.
Akkaataa kanaan gurgurataan hanqina meeshichaa har’a bor siif sirreessa jechaa lafa irra harkisuun tursiisuun isaa dirqama wabummaa seeraan ykn waliigalteen qabu bahuu dhabuu isaa kan agarsiisu malee gochaa yakkaa darbiinsa yeroo waggaa tokko adda kutuu miti jedheera. Haala kanaan bitataan gurgurataan hanqina meeshichaa akka sirreessuuf eega beeksise booda dafee sirreessuufii hafee har’a boru jechaa lafarra akka harkisaa jiru eega hubatee bitataan guyyaa hanqinicha beeksisee kaasee akkaataa SHH kwt 2298(1)tiin waggaa tokko keessatti himannaa dhiyeeffachuu otuu qabu sababii gahaa fi rogummaa qabuun maletti kan hafe waan ta’eef himannaan isaa darbiinsa yeroo waggaa tokkoon daangeffameera jechuun murtiin Manneen Murtii jalaa himannicha kufaa gochuun Kennan dogongora bu’uraa ijoo seeraa kan qabuu miti jechuun Dhaddachi Ijibbaataa murteessee jira.
for Jemal Kumbi

  Hin Taaneen Geggeessuun Yakka Malaammaltummaa Ta’uu Isaa Beektuu?Hojii haala mijataa hin taaneen geggeessuu jechuun, k...
17/05/2026

Hin Taaneen Geggeessuun Yakka Malaammaltummaa Ta’uu Isaa Beektuu?
Hojii haala mijataa hin taaneen geggeessuu jechuun, karaa ifa ta'een qajeelfama hojii hordofuu dhiisuu, odeeffannoo dhoksuu fi uummataaf ifa/banaa gochuu dhiisuu dha. Yoo adeemsi fi hojimaatni hojii ifa hin taane ammoo itti-gaafatamummaan ni bada; kun ammoo akka malaammaltummaan karaa dhoksaatiin raawwatamuuf haala mijataa uuma.
Yoo hoogganaan ykn ogeessi hojii mootummaa raawwatu tokko, adeemsa/hojimaata hojii karaa si'ataa fi qulqulluu ta’een hojjatamuu qabu tokko wolxaxaa fi nuffisiisaa godhe, tajaajilamaan dhimmi isaa akka raawwatamuuf dirqamaan "matta'aa" akka kennu ykn "karaa qaxxaamuraa" akka barbaadatu dhiibbaa irratti uuma.
Hojiin mootummaa karaa sirrii fi si’aayina qabuun yoo hin geggeeffamne, yeroo fi maallaqni karaa hin malleen qisaasama. Qisaasamni maallaqaa fi yeroo hin malle kun ammoo qaawwa faayidaa dhuunfaatiif oolu bana. Fakkeenyaaf, caancala dhiyeessii hir’isuun ykn adeemsa hojii hin barbaachisne walitti tuulanii tajaajilamaa nuffisiisuun, hojichaa fi namootni akka yakka malaammaltummaatiif saaxilaman godha.
Hojjataan mootummaa tokko hojii tajaajilamaadhaaf dhiyeessuu malu haala mijataa hin taaneen geggeessuun isaa itti-gaafatamummaa uummataan isatti kenname fayyadamee tajaajila lafa irra harkisuun ykn walxaxaa taasisuun isaa hir’ina naamusaa qofa osoo hin taane, dhimma itti gaafatamummaa seeraa yakka malaammaltummaatiin gaafatamuu hordofsiisu.
Yoo adeemsi hojii mijataa hin taane, tajaajilli barbaachisaan lammiiwwan biyyatti bira yeroon hin dhaqqabu. Kun ammoo ammoo wol amantaa lammiilee fi mootummaa gidduu jiru miidha. Hojii sirnaan geggeessuu dhabuun hanqina hojii uuma, qaawwi kun ammoo walitti hidhamiinsi malaammaltummaa akka babal’atu godha.
Dhimma kana ilaalchisee Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Tumuuf Bahe Labsiin Lak. 881/2007 haala armaan gadiitiin karaa ifa ta'een kaayeera.
"Hojjataan mootummaa ykn jaarmiyaalee uummataa kamuu, faayidaa hin malle argachuuf ykn argamsiisuuf yaadee, aangoo ykn itti-gaafatamummaa qabutti fayyadamee hojii hojjatuun wal-qabatee, hariiroo hojii kamittuu fayyadamee faayidaa gosa kamiinuu kan fudhate, gatii qaama dhimmi ilaallatuun murtaa’een oliin waliigaltee dhiyeessii meeshaa, waliigaltee addaan kutinsaa ykn waliigaltee hojii kamiinuu kan waliigale yoo ta’e; aangoo hojii isaatiin wal-qabatee manneen hojii mootummaa, dhaabbata misooma mootummaa ykn jaarmiyaalee uummataa adaraadhaan itti kenname miidhuuf mala kamittuu fayyadamee gochicha kan raawwate yoo ta’e, yakka malaammaltummaatiin gaafatama" jedhee tuma.
Kanaafuu, hojii mootummaa mijataa fi si’ataa gochuu dhiisuun haqni akka dabu, malaammaltummaa fi hojimaatni badaan akka babal’atuuf haala kan mijeessu waan ta'eef, hogganaa fi hojjataan mootummaa hundinuu dirqama adeemsa hojii ifa, ariifataa fi uummataaf mijataa gochuu qaba. Tajaajilamaanis ofii isaatii naamusa gaariidhaan fakkeenya ta'uu bira darbee, namoota malaammaltummaa raawwatan saaxiluudhaan itti-gaafatamummaa isaa bahuu qaba.

Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!

Madda: Fuula Facebook Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

Address

Deder

Telephone

+251995952114

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaarraa fuula Hubannoo Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jaarraa fuula Hubannoo Seeraa:

Share